< Mithali 22 >

1 Heri kuchagua jina jema kuliko utajiri mwingi, kuheshimiwa ni bora kuliko fedha au dhahabu.
Maqaan gaariin badhaadhummaa guddaa caalaa filatamaa dha; kabajamuunis meetii fi warqee caala.
2 Tajiri na maskini wanafanana kwa hili: Bwana ni Muumba wao wote.
Wanni sooressaa fi hiyyeessa wal fakkeessu kanaa dha: Uumaan hunda isaanii Waaqayyoo dha.
3 Mtu mwenye busara huona hatari na kujificha, bali mjinga huendelea mbele kama kipofu nayo ikamtesa.
Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata; wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.
4 Unyenyekevu na kumcha Bwana huleta utajiri, heshima na uzima.
Gad of qabiisnii fi Waaqayyoon sodaachuun, qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaa kennu.
5 Katika mapito ya waovu kuna miiba na mitego, bali yeye ailindaye nafsi yake hukaa mbali nayo.
Karaa hamootaa irra qoraattii fi kiyyootu jira; namni lubbuu isaa eeggatu garuu waan kana irraa fagaatee jiraata.
6 Mfundishe mtoto njia impasayo kuiendea, naye hataiacha hata akiwa mzee.
Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.
7 Matajiri huwatawala maskini naye akopaye ni mtumwa wa akopeshaye.
Sooressi hiyyeessa bulcha; liqeeffataan garbicha liqeessituu ti.
8 Yeye aupandaye uovu huvuna taabu, nayo fimbo ya ghadhabu yake itaangamizwa.
Namni hammina facaasu rakkina haammata; uleen aarii isaas ni hurraaʼaa.
9 Mtu mkarimu yeye mwenyewe atabarikiwa kwa kuwa hushiriki chakula chake na maskini.
Namni arjaan waan nyaata isaa hiyyeeyyiif qooduuf ofii isaatii ni eebbifama.
10 Mfukuze mwenye dhihaka, na mvutano utatoweka; ugomvi na matukano vitakoma.
Qoostuu of biraa ariʼi; lolli ni qabbanaaʼaa; wal diddaa fi arrabsoonis hin jiraatu.
11 Yeye apendaye moyo safi na yeye ambaye maneno yake ni ya neema, mfalme atakuwa rafiki yake.
Nama qulqullina garaa jaallatuu fi dubbiin isaa namatti tolu mootiin michuu isaaf taʼa.
12 Macho ya Bwana hulinda maarifa, bali huyapinga maneno ya asiye mwaminifu.
Iji Waaqayyoo xiyyeeffatee beekumsa ilaala; inni garuu dubbii nama hin amanamnee ni busheessa.
13 Mvivu husema, “Yuko simba nje!” au, “Nitauawa katika mitaa!”
Dhibaaʼaan, “Leenci ala jira! Ani karaa gubbaatti nan ajjeefama!” jedha.
14 Kinywa cha mwanamke kahaba ni shimo refu; yeye aliye chini ya ghadhabu ya Bwana atatumbukia ndani yake.
Afaan ejjituu boolla gad fagoo dha; namni dheekkamsa Waaqayyoo jala jiru achi keessa buʼa.
15 Upumbavu umefungwa ndani ya moyo wa mtoto, bali fimbo ya adhabu itaufukuzia mbali naye.
Gowwummaan yaada daaʼimaa keessatti hidhameera; uleen ittiin adaban garuu irraa fageessa.
16 Yeye amwoneaye maskini ili kujiongezea mali, naye ampaye tajiri zawadi, wote huwa maskini.
Namni qabeenya isaa guddifachuuf jedhee hiyyeessa hacuucuu fi kan sooressaaf kennaa kennu ni deega.
17 Tega sikio na usikie misemo ya wenye hekima, elekeza moyo wako kwenye yale nifundishayo,
Qalbeeffadhuutii waan namni ogeessi jedhu dhaggeeffadhu; yaada kees gara waan ani barsiisuutti deebifadhu;
18 kwa maana inapendeza unapoyahifadhi moyoni mwako na kuwa nayo yote tayari midomoni mwako.
yoo ati qalbiitti qabattee hunduma isaa hidhii kee irratti qopheeffatte wanni kun nama gammachiisaatii.
19 Ili tumaini lako liwe katika Bwana, hata wewe, ninakufundisha leo.
Akka abdiin kee Waaqayyo taʼuuf ani harʼa suma mataa kee iyyuu nan barsiisa.
20 Je, sijakuandikia misemo thelathini, misemo ya mashauri na maarifa,
Ani jecha soddoma, jecha gorsaatii fi beekumsaa siif hin barreessinee?
21 kukufundisha maneno ya kweli na ya kuaminika, ili uweze kutoa majibu sahihi kwake yeye aliyekutuma?
Kanas ani akka ati warra si erganiif deebii dhugaa kennituuf waan qajeelaa fi dhugaa si argisiisuufin barreesse mitii?
22 Usiwadhulumu maskini kwa sababu ni maskini, wala kumdhulumu mhitaji mahakamani,
Ati sababii inni hiyyeessa taʼeef jettee hiyyeessa hin saamin; rakkataas mana murtiitti hin cunqursin;
23 kwa sababu Bwana atalichukua shauri lao naye atawateka wao waliowateka.
Waaqayyo dubbii isaanii ni ilaalaaf; jireenya warra isaan saamaniis ni saamaatii.
24 Usifanye urafiki na mtu mwenye hasira ya haraka, usishirikiane na yule aliye mwepesi kukasirika,
Nama dafee aaru michuu hin godhatin; nama akka salphaatti dheekkamu wajjinis tokkummaa hin qabaatin;
25 la sivyo utajifunza njia zake na kujiingiza mwenyewe kwenye mtego.
yoo kana goote karaa isaa baratta; ofii kees kiyyootti galchita.
26 Usiwe mwenye kupana mikono katika rehani, au kuweka dhamana kwa ajili ya madeni.
Nama harka dhaʼee waadaa galu yookaan nama liqii namaatiif wabii taʼu hin taʼin;
27 Kama ukikosa njia ya kulipa, kitanda chako kitachukuliwa ukiwa umekilalia.
yoo ati waan baaftu dhabde, sireen kee iyyuu si jalaa fudhatama.
28 Usisogeze jiwe la mpaka wa zamani lililowekwa na baba zako.
Dhagaa daarii durii, kan abbootiin kee dhaaban hin dhiibin.
29 Je, unamwona mtu stadi katika kazi yake? Atahudumu mbele ya wafalme; hatahudumu mbele ya watu duni.
Nama hojii isaa keessatti ogummaa qabu argitee? Inni fuula moototaa dura dhaabata; fuula namoota kaanii dura garuu hin dhaabatu.

< Mithali 22 >