< Mithali 21 >
1 Moyo wa mfalme uko katika mkono wa Bwana; huuongoza kama mkondo wa maji, popote apendapo.
Yaadni mootii akkuma yaaʼaa bishaanii harka Waaqayyoo keessa jira; innis garuma fedhetti qajeelcha.
2 Njia zote za mwanadamu huonekana sawa kwake, bali Bwana huupima moyo.
Karaan namaa hundinuu ija ofii isaa duratti qajeelaa itti fakkaata; Waaqayyo garuu yaada namaa madaala.
3 Kufanya yaliyo sawa na haki inakubalika zaidi kwa Bwana kuliko dhabihu.
Fuula Waaqayyoo duratti aarsaa caalaa, waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuutu fudhatama qaba.
4 Macho ya kudharau na moyo wa kiburi, ambavyo ni taa ya waovu, vyote ni dhambi!
Iji of jajuu fi garaan of tuuluu maasii hamootaa kan hin qotaminii dha; innis cubbuu dhala.
5 Mipango ya mwenye bidii huelekeza kwenye faida, kama vile kwa hakika pupa huelekeza kwenye umaskini.
Karoorri nama tattaaffatuu buʼaa argamsiisa; namni ariifatu garuu ni hiyyooma.
6 Mali iliyopatikana kwa ulimi wa uongo ni mvuke upitao upesi na mtego wa kufisha.
Qabeenyi arraba sobuun argamu, urrii bittinnaaʼee baduu fi kiyyoo duʼaa ti.
7 Jeuri ya waovu itawaburuta mbali, kwa kuwa wanakataa kufanya yaliyo sawa.
Sababii isaan waan qajeelaa hojjechuu didaniif, fincilli hamootaa isaanuma balleessa.
8 Njia ya mwenye hatia ni ya upotovu, bali tabia ya mtu asiye na hatia ni nyofu.
Karaan nama balleessaa qabuu jalʼaa dha; amalli nama qulqulluu garuu qajeelaa dha.
9 Ni afadhali kuishi pembeni mwa paa la nyumba, kuliko kuishi nyumba moja na mke mgomvi.
Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa, golee bantii manaa irra jiraachuu wayya.
10 Mtu mwovu hutamani sana ubaya, jirani yake hapati huruma kutoka kwake.
Namni hamaan jalʼina dharraʼa; ollaan isaa gara laafina tokko iyyuu isa irraa hin argatu.
11 Wakati mwenye mzaha ameadhibiwa, mjinga hupata hekima; wakati mtu mwenye hekima afundishwapo, hupata maarifa.
Yeroo namni qoosu tokko adabamutti, wallaalaan ogummaa argata; namni ogeessi yeroo gorfamutti beekumsa argata.
12 Mwenye Haki huyajua yanayotendeka katika nyumba za waovu, naye atawaangamiza waovu.
Namni qajeelaan mana hamootaa qalbeeffatee ilaala; hamootas ni balleessa.
13 Mtu akiziba masikio asisikie kilio cha maskini, yeye pia atalia, wala hatajibiwa.
Namni tokko yoo iyya hiyyeessaatiif gurra kennuu dide, innis ni iyya; deebiis hin argatu.
14 Zawadi itolewayo kwa siri hutuliza hasira na rushwa iliyofichwa kwenye nguo hutuliza ghadhabu kali.
Wanni dhoksaadhaan namaaf kennan aarii qabbaneessa; mattaʼaan harka bobaa jalaatiin kennanis dheekkamsa guddaa gab godha.
15 Wakati haki imetendeka, huleta furaha kwa wenye haki, bali kitisho kwa watenda mabaya.
Murtii qajeelaa kennuun qajeeltotaaf gammachuu kenna; hamootatti immoo raafama fida.
16 Mtu anayepotea kutoka mapito ya ufahamu, hupumzika katika kundi la waliokufa.
Namni karaa hubannaa irraa badu kam iyyuu waldaa warra duʼaniitti dabalama.
17 Mtu apendaye anasa atakuwa maskini, yeyote apendaye mvinyo na mafuta kamwe hatakuwa tajiri.
Namni qananii jaallatu ni deega; kan daadhii wayiniitii fi zayitii jaallatu immoo hin sooromu.
18 Waovu huwa fidia kwa ajili ya wenye haki, nao wasio waaminifu kwa ajili ya wanyofu.
Namni hamaan nama qajeelaadhaaf, kan hin amanamne immoo nama tolaadhaaf furii taʼa.
19 Ni afadhali kuishi jangwani kuliko kuishi na mke mgomvi na mkorofi.
Niitii nyakkiftuu fi kan daftee aartu wajjin jiraachuu mannaa, gammoojjii keessa jiraachuu wayya.
20 Katika nyumba ya mwenye hekima kuna akiba ya vyakula vizuri na mafuta, lakini mtu mpumbavu hutafuna vyote alivyo navyo.
Mana nama ogeessaa keessa qabeenya gatii guddaatii fi zayitiitu jira; gowwaan garuu waan qabu hunda nyaatee fixa.
21 Yeye afuatiaye haki na upendo hupata uzima, mafanikio na heshima.
Namni qajeelummaa fi jaalala duukaa buʼu, jireenya, badhaadhummaa fi ulfina argata.
22 Mtu mwenye hekima huushambulia mji wa wenye nguvu, na kuangusha ngome wanazozitegemea.
Namni ogeessi magaalaa nama jabaatti baʼee daʼoo jabaa inni amanatu jalaa diiga.
23 Yeye alindaye kinywa chake na ulimi wake hujilinda na maafa.
Namni afaan isaatii fi arraba isaa eeggatu, balaa irraa of eega.
24 Mtu mwenye kiburi na majivuno, “Mdhihaki” ndilo jina lake; hutenda mambo kwa kiburi kilichozidi.
Nama of jajuu fi of tuulu maqaan isaa, “Qoostuu dha;” inni akka malee koora.
25 Kutamani sana kwa mvivu kutakuwa kifo chake, kwa sababu mikono yake haitaki kufanya kazi.
Sababii harki isaa hojii hojjechuu hin jaallanneef, hawwiin nama dhibaaʼaa duʼa isatti fida.
26 Mchana kutwa hutamani zaidi, lakini mnyofu hutoa pasipo kuzuia.
Inni guyyaa guutuu kajeela; namni qajeelaan garuu utuu hin qusatin kenna.
27 Dhabihu ya mtu mwovu ni chukizo, si zaidi sana itolewapo kwa nia mbaya!
Aarsaan nama hamaa balfamaa dha; yoos yoo inni yaada hamaadhaan dhiʼeesse hammam sana caalaa haa balfamu ree!
28 Shahidi wa uongo ataangamia, bali maneno ya mwenye kusikia yatadumu.
Dhuga baatuun sobaa ni bada; namni isa dhagaʼu kam iyyuus bara baraan bada.
29 Mtu mwovu ana uso wa ushupavu, bali mtu mnyofu huzifikiria njia zake.
Namni hamaan ija jabaata; namni tolaan garuu karaa isaa qajeelfata.
30 Hakuna hekima, wala akili, wala mpango unaoweza kufaulu dhidi ya Bwana.
Ogummaan, hubannaanii fi karoorri Waaqayyoon mormee milkaaʼuu hin jiru.
31 Farasi huandaliwa kwa ajili ya siku ya vita, bali ushindi huwa kwa Bwana.
Fardi guyyaa waraanaatiif qopheeffama; moʼichi garuu kan Waaqayyoo ti.