< Mithali 16 >
1 Mipango ya moyoni ni ya mwanadamu, bali jibu la ulimi hutoka kwa Bwana.
Karoorri garaa kan namaa ti; deebiin arrabaa garuu Waaqayyo biraa dhufa.
2 Njia zote za mtu huonekana safi machoni pake mwenyewe, bali makusudi hupimwa na Bwana.
Nama tokko karaan isaa hundi qulqulluu itti fakkaata; yaada namaa garuu Waaqayyotu madaala.
3 Mkabidhi Bwana lolote ufanyalo, nayo mipango yako itafanikiwa.
Waan hojjettu hunda Waaqayyotti kennadhu; karoorri kees siif milkaaʼa.
4 Bwana hufanya kila kitu kwa kusudi lake mwenyewe; hata waovu kwa siku ya maangamizi.
Waaqayyo waan hunda kaayyoo ofii isaatiif hojjeta; hamoota iyyuu guyyaa badiisaatiif qopheessa.
5 Bwana huwachukia sana wote wenye kiburi cha moyo. Uwe na hakika kwa hili: Hawataepuka kuadhibiwa.
Namni of tuulu kam iyyuu fuula Waaqayyoo duratti balfamaa dha; dhugumaan inni utuu hin adabamin hin hafu.
6 Kwa upendo na uaminifu uovu huondolewa; kwa kumcha Bwana mtu hujiepusha na ubaya.
Namni jaalalaa fi amanamummaadhaan araara cubbuu argata; Waaqayyoon sodaachuudhaanis hammina irraa cita.
7 Njia za mtu zinapompendeza Bwana, huwafanya hata adui zake waishi naye kwa amani.
Yoo karaan namaa Waaqayyoon gammachiise, inni akka diinonni isaas nagaan isa wajjin jiraatan ni godha.
8 Afadhali kitu kidogo pamoja na haki kuliko mapato mengi pamoja na udhalimu.
Galii guddaa jalʼinaan argatan mannaa waan xinnoo qajeelummaan argatan wayya.
9 Moyo wa mtu huifikiri njia yake, bali Bwana huelekeza hatua zake.
Namni garaa isaa keessatti karaa isaa karoorfata; Waaqayyo garuu tarkaanfii isaa illee ni murteessa.
10 Midomo ya mfalme huzungumza kwa hekima ya kiungu, wala kinywa chake hakipotoshi haki.
Hidhiin mootii hooda dubbata; afaan isaa illee murtii hin jalʼisu.
11 Vipimo na mizani za halali hutoka kwa Bwana; mawe yote ya kupimia yaliyo katika mfuko ameyafanya yeye.
Madaallii fi safartuun qajeelaan kan Waaqayyoo ti; ulfinni korojoo keessa jiru hundinuu hojii isaa ti.
12 Wafalme huchukia sana kutenda maovu, kwa maana kiti cha ufalme hufanywa imara kwa njia ya haki.
Sababii teessoon qajeelummaadhaan jabaatee dhaabatuuf mootonni waan hamaa hojjechuu ni balfu.
13 Wafalme hufurahia midomo ya uaminifu; humthamini mtu asemaye kweli.
Mootonni afaan dhugaa dubbatutti ni gammadu; isaan nama dhugaa dubbatu ni jaallatu.
14 Ghadhabu ya mfalme ni mjumbe wa mauti, bali mtu mwenye hekima ataituliza.
Dheekkamsi mootii ergamaa duʼaa ti; namni ogeessi garuu ni qabbaneessa.
15 Uso wa mfalme ungʼaapo, inamaanisha uhai; upendeleo wake ni kama wingu la mvua wakati wa vuli.
Jireenyi ifa fuula mootii keessa jira; surraan isaa akkuma duumessa bokkaa arfaasaa ti.
16 Ni bora kiasi gani kupata hekima kuliko dhahabu, kuchagua ufahamu kuliko fedha!
Ogummaa argachuun warqee caala; hubannaa argachuunis meetii caala!
17 Njia kuu ya wanyofu huepuka ubaya; yeye aichungaye njia yake, huchunga maisha yake.
Daandiin nama tolaa hammina irraa fagoo dha; namni karaa isaa eegus jireenya isaa eeggata.
18 Kiburi hutangulia maangamizi, roho ya majivuno hutangulia maanguko.
Of tuuluun badiisaan dura, of bokoksuunis kufaatiin dura deema.
19 Ni afadhali kuwa mnyenyekevu katika roho miongoni mwa walioonewa kuliko kugawana nyara pamoja na wenye kiburi.
Warra of tuulu wajjin boojuu qooddachuu mannaa, hafuuraan gad of qabanii warra cunqurfame wajjin jiraachuu wayya.
20 Yeyote anayekubali mafundisho hustawi, tena amebarikiwa yeye anayemtumaini Bwana.
Namni gorsa fudhatu kam iyyuu ni milkaaʼa; kan Waaqayyoon amanatus eebbifamaa dha.
21 Wenye hekima moyoni huitwa wenye ufahamu, na maneno ya kupendeza huchochea mafundisho.
Namni garaadhaan ogeessa taʼe qalbeeffataa jedhama; dubbiin miʼaawu immoo gorsa dabala.
22 Ufahamu ni chemchemi ya uzima kwa wale walio nao, bali upumbavu huleta adhabu kwa wapumbavu.
Hubannaan nama isa qabuuf madda jireenyaa ti; gowwummaan garuu gowwootatti adabbii fida.
23 Moyo wa mtu mwenye hekima huongoza kinywa chake, na midomo yake huchochea mafundisho.
Garaan nama ogeessaa arraba isaa qajeelcha; afaan isaas gorsa dabala.
24 Maneno ya kupendeza ni kama sega la asali, ni matamu kwa nafsi na uponyaji kwenye mifupa.
Dubbiin nama gammachiisu dhaaba dammaa ti; inni lubbuutti ni miʼaawa; lafees ni fayyisa.
25 Iko njia ionekanayo kuwa sawa kwa mtu, bali mwisho wake huelekeza mautini.
Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira; dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.
26 Shauku ya mfanyakazi humhimiza kufanya kazi; njaa yake humsukuma aendelee.
Fedhiin hojjetaan tokko nyaataaf qabu hojiif isa kakaasa; beelaʼuun isaas ittuma cima.
27 Mtu mbaya kabisa hupanga mabaya, maneno yake ni kama moto uunguzao.
Namni faayidaa hin qabne hammina malata; haasaan isaas akkuma ibidda waa gubuu ti.
28 Mtu mpotovu huchochea ugomvi, nayo maongezi ya upuzi hutenganisha marafiki wa karibu.
Namni jalʼaan lola kakaasa; hamattuun immoo michoota walitti dhiʼaatan gargar baafti.
29 Mtu mkali humvuta jirani yake na kumwongoza katika mapito yale mabaya.
Namni jeequmsaan deemu ollaa isaa gowwoomsee karaa jalʼaatti isa geessa.
30 Yeye akonyezaye kwa jicho lake anapanga upotovu; naye akazaye midomo yake amenuia mabaya.
Namni ija qisu jalʼina karoorfata; kan hidhii ciniinnatu immoo hammina fida.
31 Mvi ni taji ya utukufu; hupatikana kwa maisha ya uadilifu.
Arriin gonfoo ulfinaa ti; innis karaa qajeelaadhaan argama.
32 Ni afadhali mtu mstahimilivu kuliko shujaa, mtu anayeitawala hasira yake kuliko yule autekaye mji.
Goota waraanaa irra nama obsa qabu, nama magaalaa tokko boojiʼee fudhatu irra kan of qabu wayya.
33 Kura hupigwa kwa siri, lakini kila uamuzi wake hutoka kwa Bwana.
Ixaan gudeeda irratti buufama; murtoon isaa garuu guutumaan guutuutti Waaqayyo biraa dhufa.