< Hesabu 24 >
1 Basi Balaamu alipoona imempendeza Bwana kubariki Israeli, hakuendelea tena kutafuta uchawi kama nyakati nyingine, bali aligeuza uso wake kuelekea nyikani.
Balaʼaam yeroo akka Israaʼelin eebbisuun Waaqayyoon gammachiise argetti akka yeroo kaanii falfala barbaacha hin dhaqne; garuu fuula isaa gara gammoojjiitti deebifate.
2 Balaamu alipotazama nje na kuona Israeli amepiga kambi kabila kwa kabila, Roho wa Mungu akawa juu yake,
Yommuu Balaʼaam ol milʼatee akka Israaʼel gosa gosaan qubate argetti Hafuurri Waaqaa isa irra buʼe;
3 naye akatoa ujumbe wake: “Ujumbe wa Balaamu mwana wa Beori, ujumbe wake yeye ambaye jicho lake linaona vizuri;
innis akkana jedhee ergaa isaa dubbate: “Ergaa Balaʼaam ilma Beʼoor, ergaa nama iji isaa sirriitti arguu,
4 ujumbe wake yeye ambaye husikia maneno ya Mungu, ambaye huona maono kutoka kwa Mwenyezi, ambaye huanguka kifudifudi, na ambaye macho yake yamefunguka:
ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuu isa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa mulʼata argu kan kufee iji isaa banamu sanaa:
5 “Tazama jinsi yalivyo mazuri mahema yako, ee Yakobo, maskani yako, ee Israeli!
“Yaa Yaaqoob, dunkaanonni kee, Yaa Israaʼel, iddoon ati jiraattu akkam miidhaga!
6 “Kama mabonde, yanaenea, kama bustani kando ya mto, kama miti ya udi iliyopandwa na Bwana, kama mierezi kando ya maji.
“Isaan akkuma sulula diriiraa, akkuma iddoo biqiltuu kan afaan lagaa, akkuma argeessa Waaqayyo dhaabee, akkuma birbirsaa qarqara bishaanii ti.
7 Maji yatatiririka kutoka ndoo zake; mbegu yake itakuwa na maji tele. “Mfalme wake atakuwa mkuu kuliko Mfalme Agagi; ufalme wake utatukuka.
Okolee isaa keessaa bishaantu lolaʼa; sanyiin isaa bishaan baayʼee argata. “Mootiin isaa Agaag caala; mootummaan isaa ni kabajama.
8 “Mungu alimleta kutoka Misri; yeye ana nguvu kama nyati. Anayararua mataifa yaliyo adui zake, na kuvunja mifupa yao vipande vipande; huwachoma kwa mishale yake.
“Waaqayyo Gibxii isa baase; inni jabina akka jabina gafarsaa qaba. Inni saba diinota isaa taʼe nyaata; lafee isaanii ni caccabsa; xiyya ofii isaatiin isaan waraana.
9 Hujikunyata na kuvizia kama simba, kama simba jike; nani anayethubutu kumwamsha? “Abarikiwe kila akubarikiye, na alaaniwe kila akulaaniye!”
Inni akkuma leencaa ciiseera; akkuma leenca dhalaas ciiseera; eenyutu isa dammaqsa? “Warri si eebbisan haa eebbifaman; warri si abaaranis haa abaaraman!”
10 Ndipo hasira ya Balaki ikawaka dhidi ya Balaamu. Akapiga mikono yake pamoja, akamwambia Balaamu, “Nilikuita uje kuwalaani adui zangu, lakini umewabariki mara hizi tatu.
Baalaaq Balaʼaamitti aare. Innis harka ofii isaa walitti rurrukutee Balaʼaamiin akkana jedhe; “Ani akka ati diina koo abaartuufan si waammadhe; ati kunoo yeroo sadan kana isaan eebbifte.
11 Sasa ondoka upesi uende nyumbani! Mimi nilisema nitakuzawadia vizuri sana, lakini Bwana amekuzuia usizawadiwe.”
Amma dafii asii deemii mana keetti gali! Ani ulfina guddaa siif nan kenna jedheen ture; amma garuu Waaqayyo akka ati ulfina hin arganne si godheera.”
12 Balaamu akamwambia Balaki, “Je, hukumbuki jinsi nilivyowaambia wajumbe uliowatuma kwangu? Niliwaambia hivi,
Balaʼaamis Baalaaqiin akkana jedhe; “Ani ergamoota ati natti ergite sanatti akkana jedheen hime mitii?
13 ‘Hata ikiwa Balaki angenipa jumba lake la kifalme likiwa limejazwa fedha na dhahabu, nisingeweza kufanya kitu chochote kwa matakwa yangu, kikiwa kizuri au kibaya, kwenda kinyume na agizo la Bwana, nami imenipasa kusema tu kile Bwana atakachosema’?
‘Utuu Baalaaq masaraa meetii fi warqeen guutame sana naaf kennee iyyuu, ani waanuma Waaqayyo jedhe qofan dubbadha malee ajaja Waaqayyootiin alatti waan yaada koo gaarii yookaan hamaa tokko iyyuu hojjechuu hin dandaʼu.’
14 Sasa ninarudi kwa watu wangu. Lakini njoo, nikuonye kuhusu kile watu hawa watakachowatenda watu wako siku zijazo.”
Kunoo ani amma saba kootti nan deebiʼa; garuu mee kottu ani waan sabni kun bara dhufu keessa saba keetiif godhu sin beeksisaa.”
15 Kisha Balaamu akatoa ujumbe wake: “Ujumbe wa Balaamu mwana wa Beori, ujumbe wake yeye ambaye jicho lake linaona vizuri;
Inni akkana jedhee ergaa isaa dubbate: Ergaa Balaʼaam ilma Beʼoor, ergaa nama iji isaa sirriitti arguu,
16 ujumbe wake yeye ambaye husikia maneno ya Mungu, ambaye ana maarifa kutoka kwa Aliye Juu Sana, huona maono kutoka Mwenyezi, ambaye huanguka kifudifudi na ambaye macho yake yamefunguka:
ergaa nama dubbii Waaqaa dhagaʼuu kan beekumsa Waaqa Waan Hundaa Olii qabu kan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa mulʼata argu kan kufee diriiruu, iji isaas kan banamu sanaa:
17 “Namwona yeye, lakini si sasa; namtazama yeye, lakini si karibu. Nyota itatoka kwa Yakobo, fimbo ya ufalme itainuka kutoka kwa Israeli. Atawaponda Wamoabu vipaji vya nyuso na mafuvu yote ya wana wa Shethi.
“Ani isa nan arga; garuu amma miti; ani isa nan ilaala; garuu dhiʼootti miti. Yaaqoob keessaa urjiin tokko ni baʼa; Israaʼel keessaa bokkuun tokko ol kaʼa. Inni adda warra Moʼaab, buqqee mataa ilmaan Seet hundaas ni caccabsa.
18 Edomu itamilikiwa, Seiri, adui wake, itamilikiwa, lakini Israeli atakuwa na nguvu.
Edoom ni moʼatama; Seeʼiir, diinni isaa ni moʼatama; Israaʼel garuu jabaachaa deema.
19 Mtawala atakuja kutoka kwa Yakobo na kuangamiza walionusurika katika mji.”
Yaaqoob keessaa bulchaan tokko ni kaʼa; warra magaalaa sana keessatti lubbuudhaan hafanis ni barbadeessa.”
20 Kisha Balaamu akawaona watu wa Amaleki, na kutoa ujumbe wake: “Amaleki ilikuwa ya kwanza miongoni mwa mataifa, lakini mwisho wake itaangamizwa milele.”
Ergasiis Balaʼaam Amaaleqin argee akkana jedhee ergaa ofii isa dubbate: “Amaaleq saboota keessaa kan jalqabaa ture; dhumni isaa garuu barbadaaʼuu dha.”
21 Kisha akawaona Wakeni, akatoa ujumbe wake: “Makao yenu ni salama, kiota chenu kiko kwenye mwamba.
Ergasii Qeenota argee akkana jedhee ergaa ofii isaa itti dubbate: “Iddoon ati jiraattu jabaa dha; manni kees kattaa keessatti ijaarame;
22 Hata hivyo ninyi Wakeni mtaangamizwa Ashuru atakapowachukua mateka.”
taʼus isin warri Qeenotaa, gaafa Asoor isin boojiʼu ni baddu.”
23 Ndipo akatoa ujumbe wake: “Lo, ni nani atakayeweza kuishi wakati Mungu atakapofanya hili?
Innis akkana jedhee ergaa isaa itti dubbate: “Wayyoo! Yeroo Waaqayyo waan kana hojjetu eenyutu jiraachuu dandaʼa?
24 Meli zitakuja kutoka pwani za Kitimu, zitaitiisha Ashuru na Eberi, lakini nao pia wataangamizwa.”
Dooniiwwan qarqara Kitiim irraa ni dhufu; isaanis Asoorii fi Eeberin ni qabatu; garuu isaanis ni barbadeeffamu.”
25 Kisha Balaamu akainuka na kurudi nyumbani kwake, naye Balaki akashika njia yake.
Ergasii Balaʼaam kaʼee mana ofii isaatti deebiʼe; Baalaaq immoo karaa ofii isaa qajeele.