< Mika 6 >

1 Sikiliza asemalo Bwana: “Simama, tetea shauri lako mbele ya milima; vilima na visikie lile unalotaka kusema.
Waan Waaqayyo jedhu dhaggeeffadhaa: “Ol kakkaʼaatii fuula tulluuwwanii duratti dubbii keessan dhiʼeeffadhaa; gaarranis waan isin jettan haa dhagaʼan.
2 Sikilizeni, ee milima, mashtaka ya Bwana, sikilizeni, enyi misingi ya milele ya dunia. Kwa kuwa Bwana ana shauri dhidi ya watu wake; anatoa mashtaka dhidi ya Israeli.
“Yaa tulluuwwan himata Waaqayyoo dhagaʼaa; hundeewwan lafaa kanneen bara baraa isinis dhaggeeffadhaa. Waaqayyo saba isaa irraa dubbii qabaatii; inni Israaʼel wajjin falmii qaba.
3 “Watu wangu, nimewatendea nini? Nimewalemea kwa jinsi gani? Mnijibu.
“Yaa saba ko, ani maalan si godhe? Ani maaliinan si dadhabsiise? Mee deebii naaf kenni.
4 Nimewatoa kutoka Misri na kuwakomboa kutoka nchi ya utumwa. Nilimtuma Mose awaongoze, pia Aroni na Miriamu.
Ani biyya Gibxii sin baasee biyya garbummaa keessaa sin fure. Ani akka inni si qajeelchuuf Musee, akkasumas Aroonii fi Miiriyaamin siifan erge.
5 Watu wangu, kumbukeni jinsi Balaki mfalme wa Moabu alivyofanya shauri na kile Balaamu mwana wa Beori alichojibu. Kumbukeni safari yenu kutoka Shitimu mpaka Gilgali, ili mfahamu matendo ya haki ya Bwana.”
Yaa saba ko, mee gorsa Baalaaq mootiin Moʼaab gaafatee fi deebii Balaʼaam ilmi Beʼoor kenneef yaadadhu. Ati akka hojii qajeelummaa Waaqayyoo beektuuf karaa ati Shixiimii hamma Gilgaalitti deemte sana yaadadhu.”
6 Nimjie Bwana na kitu gani na kusujudu mbele za Mungu aliyetukuka? Je, nije mbele zake na sadaka za kuteketezwa, nije na ndama za mwaka mmoja?
Ani maaliinan fuula Waaqayyoo dura dhufee fuula Waaqa ol gubbaa jiruu duratti sagada? Ani aarsaa gubamuun, jabbii waggaa tokkootiin fuula isaa duratti dhiʼaadhuu?
7 Je, Bwana atafurahishwa na kondoo dume elfu, au mito elfu kumi ya mafuta? Je, nimtoe mzaliwa wangu wa kwanza kwa ajili ya kosa langu, mtoto wangu mwenyewe kwa ajili ya dhambi ya nafsi yangu?
Waaqayyo korbeeyyii hoolaa kuma hedduutti, zayitii laga kuma kudhaniitti ni gammadaa? Ani ilma koo hangafa, sababii yakka kootiitiif, sababii cubbuu lubbuu kootiitiifis dhala garaa koo aarsaa dhiʼeessuu?
8 Amekuonyesha yaliyo mema, ee mwanadamu. Bwana anataka nini kwako? Ila kutenda kwa haki na kupenda rehema, na kwenda kwa unyenyekevu na Mungu wako.
Yaa nama, inni waan gaarii si argisiiseera. Waaqayyo maal sirraa barbaada? Murtii qajeelaa kennuu fi araara jaallachuu, akka ati gad of qabdee Waaqa kee wajjin deemtu sirraa barbaada mitii?
9 Sikiliza! Bwana anauita mji: kulicha jina lako ni hekima: “Tii hiyo fimbo na yeye aliyeiamuru.
Isin dhaggeeffadhaa! Waaqayyo akkana jedhee magaalattii waama: Maqaa kee sodaachuun ogummaa dha; “Ulee fi Isa ulee sana filate qalbeeffadhaa.
10 Je, bado nisahau, ee nyumba ya uovu, hazina yako uliyopata kwa udanganyifu na vipimo vilivyopunguka, ambavyo vimelaaniwa?
Yaa mana hamaa, ani qabeenya isin dabaan argattanii fi madaalii sobaa abaaramaa sana irraanfadhaa?
11 Je, naweza kuhukumu kuwa mtu mwenye mizani ya udanganyifu hana hatia, aliye na mfuko wa mawe ya kupimia ya uongo?
Ani nama madaallii sobaatiin hojjetuu fi kan madaalii sobaa korojootti baatu akkasumatti dhiisaa?
12 Matajiri wake ni wajeuri; watu wake ni waongo na ndimi zao zinazungumza kwa udanganyifu.
Sooreyyiin ishee jalʼoota; uummanni ishee sobdoota; arrabni isaaniis gowwoomsaa dubbata.
13 Kwa hiyo, nimeanza kukuharibu, kuwaangamiza kwa sababu ya dhambi zenu.
Kanaafuu ani sababii cubbuu keessaniitiif isin diigee, isin balleessuu jalqabeera.
14 Mtakula lakini hamtashiba; matumbo yenu bado yatakuwa matupu. Mtaweka akiba lakini hamtaokoa chochote, kwa sababu mtakachoweka akiba nitatoa kwa upanga.
Ati inuma nyaatta; garuu hin quuftu; garaan kee amma illee duwwaa dha. Ati ni kaaʼatta; garuu homaa siif hin kuufamu; waan ati kuufattu sana ani goraadeetti kennaatii.
15 Mtapanda lakini hamtavuna; mtakamua zeituni lakini hamtatumia mafuta yake. Mtakamua zabibu lakini hamtakunywa hiyo divai.
Ati ni facaafatta; garuu hin haammattu; ejersa ni cuunfatta; garuu zayitii isaa hin dibattu; ija wayinii ni cuunfatta; garuu daadhii wayinii hin dhugdu.
16 Mmezishika sheria za Omri na matendo yote ya nyumba ya Ahabu, tena umefuata desturi zao. Kwa hiyo nitakutoa kwa maangamizi na watu wako kuwa dhihaka; mtachukua dharau za mataifa.”
Ati sirna Omriitii fi hojii mana Ahaab hunda jabeessiteerta; gorsa isaaniis duukaa buuteerta. Kanaafuu ani si balleessee, uummata kee nan salphisa; isin tuffii sabootaa ni baattu.”

< Mika 6 >