< Malaki 2 >
1 “Sasa onyo hili ni kwa ajili yenu, enyi makuhani.
“Yaa luboota akeekkachiisni kun isiniif kenname.
2 Kama hamtasikiliza, na kama hamtaki kuielekeza mioyo yenu kuheshimu Jina langu, nitatuma laana juu yenu, nami nitalaani baraka zenu. Naam, nimekwisha kuzilaani, kwa sababu hamkuielekeza mioyo yenu kuniheshimu mimi,” Asema Bwana Mwenye Nguvu Zote.
Yoo isin dhaggeeffachuu baattan, yoo isin maqaa koo kabajuuf garaa keessan qopheessuu baattan, ani abaarsa isinitti nan erga; eebba keessanis nan abaara” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Sababii isin maqaa koo kabajuuf garaa keessan hin qopheessiniif dhugumaan ani amma iyyuu eebba keessan abaareera.
3 “Kwa sababu yenu nitawakatilia mbali wazao wenu. Nitazipaka nyuso zenu mavi, mavi ya dhabihu zenu. Nanyi mtafukuzwa pamoja nazo mtoke mbele zangu.
“Sababii keessaniif ani sanyii keessan nan ifadha; faandoo aarsaa isin guyyaa ayyaanaa dhiʼeessitanii fuula keessanitti nan facaasa; isa wajjinis ni baddu.
4 Nanyi mtajua kuwa nimewapelekea onyo hili ili kwamba Agano langu na Lawi lipate kuendelea,” asema Bwana Mwenye Nguvu Zote.
Kakuun ani Lewwii wajjin qabu akka itti fufuuf, ajaja kana isinitti erguu koo isin ni beektu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
5 “Agano langu lilikuwa pamoja naye, agano la uhai na amani, nami nilimpa yote, ili aniche na kuniheshimu, naye akaniheshimu na kusimama akilicha Jina langu.
“Kakuun ani isa wajjin gale kakuu jireenyaatii fi kakuu nagaa ture; isas nan kenneef; kunis kabaja fide; innis na kabaje; maqaa koo sodaachuudhaanis ni dhaabate.
6 Fundisho la kweli lilikuwa kinywani mwake, wala hakuna uongo wowote uliopatikana katika midomo yake. Alitembea nami katika amani na unyofu, naye akawageuza wengi kutoka dhambini.
Gorsi dhugaa afaan isaa keessa ture; sobni tokko iyyuu hidhii isaa irraa hin argamne. Inni nagaa fi qajeelummaadhaan na wajjin jiraate; nama hedduus qalbii jijjiirrachiise.
7 “Kwa maana yapasa midomo ya kuhani kuhifadhi maarifa. Tena kutoka kinywani mwake watu wangepaswa kutafuta mafundisho, kwa sababu yeye ni mjumbe wa Bwana Mwenye Nguvu Zote.
“Sababii inni ergamaa Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu taʼeef, hidhiin luba tokkoo beekumsa kuufata; namoonnis afaan isaa irraa gorsa barbaadu.
8 Lakini mmegeuka mkaiacha njia, na kwa mafundisho yenu mmesababisha wengi kujikwaa. Mmevunja agano na Lawi,” asema Bwana Mwenye Nguvu Zote.
Isin garuu karaa irraa jalʼattaniirtu; barsiisa keessaniinis namoota baayʼee gufachiiftaniirtu; kakuu Lewwiis cabsitaniirtu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
9 “Kwa hiyo nimewasababisha ninyi kudharauliwa na kufedheheshwa mbele ya watu wote, kwa sababu hamkufuata njia zangu, bali mmeonyesha upendeleo katika mambo ya sheria.”
“Kanaafuu ani akka isin saboota hunda duratti tuffatamtanii fi salphattan nan godha; isin waaʼee seeraa keessatti loogii hojjettan malee karaa koo duukaa hin buuneetii.”
10 Je, sote hatuna Baba mmoja? Hatukuumbwa na Mungu mmoja? Kwa nini basi tunalinajisi Agano la baba zetu kwa kukosa uaminifu kila mmoja kwa mwenzake?
Nu hundi Abbaa tokko qabna mitii? Waaquma tokkotu nu uume mitii? Yoos nu maaliif waliif amanamuu diduudhaan kakuu abbootii keenyaa xureessina ree?
11 Yuda amevunja uaminifu. Jambo la kuchukiza limetendeka katika Israeli na katika Yerusalemu: Yuda amepanajisi mahali patakatifu apendapo Bwana, kwa kuoa binti wa mungu mgeni.
Yihuudaan hin amanamne. Israaʼelii fi Yerusaalem keessatti wanni jibbisiisaan tokko raawwatameera; Yihuudaan dubartoota waaqa ormaa waaqeffatan fuudhuudhaan iddoo qulqulluu Waaqayyo jaallatu xureesseera.
12 Kwa maana kwa mtu yeyote atendaye jambo hili, Bwana na amkatilie mbali kutoka hema za Yakobo, hata kama huwa anamletea Bwana Mwenye Nguvu Zote sadaka.
Nama waan kana hojjetu abbaa fedhe illee yoo taʼe, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuuf aarsaa fidu iyyuu dunkaana Yaaqoob keessaa Waaqayyo isa haa balleessu.
13 Kitu kingine mnachokifanya: Mnaifurikisha madhabahu ya Bwana kwa machozi. Mnalia na kuugua kwa sababu yeye haziangalii tena sadaka zenu wala hazikubali kwa furaha kutoka mikononi mwenu.
Wanni isin hojjettan kan biraas kanaa dha: iddoo aarsaa Waaqayyoo irra imimmaan lolaaftu. Sababii inni siʼachi aarsaa keessaniif xiyyeeffannoo hin kennineef yookaan aarsaa keessan gammachuudhaan isin harkaa hin fudhanneef ni boossu; ni wawwaattus.
14 Mnauliza, “Kwa nini?” Ni kwa sababu Bwana ni shahidi kati yako na mke wa ujana wako, kwa sababu umevunja uaminifu naye, ingawa yeye ni mwenzako, mke wa agano lako la ndoa.
Isinis, “Kun maaliif taʼe?” jettanii gaafattu. Kun sababii ati utuma isheen hidhata kee, niitii kee kan kakuu taatee jirtuu amanamummaa isheef dhabdeef Waaqayyo siʼii fi niitii qeerrummaa kee gidduutti ragaa taʼeefii dha.
15 Je, Bwana hakuwafanya wao kuwa mmoja? Katika mwili na katika roho wao ni wa Mungu. Kwa nini wawe mmoja? Kwa sababu Mungu alikuwa akitafuta mzao mwenye kumcha Mungu. Kwa hiyo jihadharini wenyewe katika roho zenu, mtu asivunje uaminifu kwa mke wa ujana wake.
Waaqayyo tokko isaan hin goonee? Isaan fooniinis hafuuraanis kanuma isaa ti. Inni maaliif tokko isaan godhe? Sababii inni sanyii Waaqa sodaatu barbaadaa tureef. Kanaafuu of eeggadhaa; eenyu iyyuu amanamummaa niitii qeerrummaa isaatiif qabu hin cabsin.
16 “Ninachukia kuachana,” asema Bwana, Mungu wa Israeli, “pia nachukia mtu anayejivika jeuri kama vazi,” asema Bwana Mwenye Nguvu Zote. Kwa hiyo jihadharini wenyewe katika roho zenu, wala msije mkavunja uaminifu.
“Ani wal hiikuu dhirsaa fi niitii nan jibba” jedha Waaqayyo Waaqni Israaʼel; “Ani nama wayyaa isaatiin jalʼina haguugu nan jibba” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. Kanaafuu of eeggadhaa; amanamummaas hin dhabinaa.
17 Mmemchosha Bwana kwa maneno yenu. Nanyi mnauliza, “Tumemchosha kwa namna gani?” Mmemchosha kwa kusema, “Wote watendao mabaya ni wema machoni pa Bwana, naye anapendezwa nao” au “Mungu wa haki yuko wapi?”
Isin dubbii keessaniin Waaqayyoon dadhabsiiftaniirtu. “Nu akkamiin isa dadhabsiifne?” jettaniis gaafattu. “Warri waan hamaa hojjetan hundinuu fuula Waaqayyoo duratti gaarii dha; innis isaanitti gammada” yookaan “Waaqni murtii qajeelaa meerre?” jechuudhaan.