< Mambo ya Walawi 27 >
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 “Sema na Waisraeli uwaambie: ‘Kama mtu yeyote ataweka nadhiri maalum ili kuweka watu wakfu kwa Bwana, kwa kutoa kiasi cha thamani inayolingana,
“Akkana jedhii Israaʼelootatti himi: ‘Namni yoo gatii wal madaalu kennuudhaan Waaqayyoof nama kennuuf wareega addaa godhe,
3 thamani ya kukomboa mwanaume mwenye kati ya umri wa miaka ishirini na miaka sitini itakuwa shekeli hamsini za fedha, kulingana na shekeli ya mahali patakatifu;
dhiira umuriin isaa waggaa digdamaa hamma jaatamaa taʼeef, akka safartuu saqilii iddoo qulqulluutti herregni isaa meetii saqilii shantama haa taʼu.
4 ikiwa ni mwanamke, weka thamani yake kwa shekeli thelathini.
Yoo dubartii taate immoo herregni ishee meetii saqilii soddoma haa taʼu.
5 Kama ni mtu mwenye umri wa miaka kati ya mitano na ishirini, weka thamani ya mwanaume kuwa shekeli ishirini, na mwanamke shekeli kumi.
Yoo nama umuriin isaa waggaa shanii fi digdama gidduu taʼe, herregni dhiiraa meetii saqilii digdamatti, kan dubartii immoo meetii saqilii kudhanitti haa herregamu.
6 Kama ni mtu mwenye umri kati ya mwezi mmoja na miaka mitano, weka thamani ya mwanaume kuwa shekeli tano za fedha, na ile ya mwanamke kuwa shekeli tatu za fedha.
Nama umuriin isaa jiʼa tokkoo hamma waggaa shanii taʼe immoo herregni isaa, dhiiraaf meetii saqilii shan, durbaaf immoo meetii saqilii sadii haa taʼu.
7 Kama ni mtu mwenye miaka sitini na zaidi, weka thamani ya mwanaume kuwa shekeli kumi na tano, na mwanamke shekeli kumi.
Namni umuriin isaa waggaa jaatama yookaan sanaa ol taʼe dhiirri meetii saqilii kudha shanitti, dubartiin immoo meetii saqilii kudhanitti haa herregamu.
8 Kama mtu yeyote anayeweka nadhiri ni maskini mno kuweza kulipa kiasi kilichowekwa, atampeleka huyo mtu kwa kuhani, ambaye ataweka thamani yake kulingana na kile mweka nadhiri anachoweza kulipa.
Namni wareega wareegu hiyyoomee gatii murtaaʼe sana yoo baasuu dadhabe, Museen nama sana lubatti haa fidu; lubni immoo akkuma dandeettii namicha wareega wareege sanaatti gatii isaa haa herreguuf.
9 “‘Kama kile mtu alichokiwekea nadhiri ni mnyama anayekubalika kama sadaka kwa Bwana, mnyama wa namna hiyo aliyetolewa kwa Bwana anakuwa mtakatifu.
“‘Wanni namichi sun wareege horii fuula Waaqayyoo duratti aarsaa fudhatama qabu yoo taʼe horiin Waaqayyoof kenname kan akkasii hundi ni qulqullaaʼa.
10 Mtu haruhusiwi kumbadilisha au kutoa mnyama mzuri kwa mbaya, au mnyama mbaya kwa mzuri. Kama atatoa mnyama badala ya mwingine, wanyama wote wawili, yaani yule aliyetolewa na yule aliyebadiliwa, ni watakatifu.
Namichis horii sana geeddaruu yookaan horii gaarii horii jibbamaan yookaan horii jibbamaa horii gaarii iddoo hin buusin; yoo inni horii tokko horii biraa iddoo buuse horiin lamaanuu qulqulluu taʼu.
11 Kama alichokiwekea nadhiri ni mnyama aliye najisi kiibada, yaani yule asiye kubalika kuwa sadaka kwa Bwana, huyo mnyama lazima aletwe kwa kuhani,
Yoo horiin inni wareege sun akka seeraatti xuraaʼaa jechuunis kan Waaqayyoof aarsaa taʼee dhiʼaachuu hin dandeenye taʼe namichi sun horii sana gara lubatti haa fidu;
12 ambaye ataamua ubora wa mnyama huyo, kama ni mzuri au mbaya. Thamani yoyote atakayoweka kuhani, hivyo ndivyo itakavyokuwa.
lubichis akka horiin sun gaarii yookaan jibbamaa taʼe haa madaalu. Gatiin lubni madaale akkasuma haa taʼu.
13 Kama mwenye mnyama atapenda kumkomboa mnyama huyo, lazima aongeze sehemu ya tano ya thamani yake.
Namichi sun yoo horii sana furachuu barbaade gatii herregame sanatti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu qaba.
14 “‘Kama mtu ataweka nyumba yake wakfu kama kitu kitakatifu kwa Bwana, kuhani ataamua ubora wa nyumba hiyo, kama ni nzuri au mbaya. Thamani yoyote kuhani atakayoweka, basi hivyo ndivyo itakavyokuwa.
“‘Yoo namni tokko mana ofii Waaqayyoof qulqulleesse, akka manni sun gaarii yookaan gadhee taʼe lubichi gatii isaa haa herregu. Gatiin lubni madaale akkasuma haa taʼu.
15 Kama mtu aliyeweka nyumba yake wakfu ataikomboa, lazima aongeze sehemu ya tano ya thamani yake, nayo nyumba itakuwa yake tena.
Namichi mana isaa Waaqaaf qulqulleesse sun yoo mana ofii furachuu barbaade, gatii herregame sanatti harka shan keessaa harka tokko itti dabaluu qaba; manni sunis deebiʼee kan isaa taʼa.
16 “‘Kama mtu anaweka sehemu ya ardhi ya jamaa yake wakfu kwa Bwana, thamani yake itawekwa kulingana na kiasi cha mbegu inayohitajiwa kupandwa katika ardhi hiyo, yaani homeri moja ya mbegu za shayiri kwa shekeli hamsini za fedha.
“‘Yoo namni lafa dhaalaan argate irraa Waaqayyoof qulqulleesse gatiin lafa sanaa akkuma baayʼina sanyii lafa sanaaf barbaachisuutti jechuunis garbuun safartuun homeerii tokko meetii saqilii shantamatti herregama.
17 Kama akiweka shamba lake wakfu katika Mwaka wa Yubile, ile thamani iliyokwisha wekwa itakuwa iyo hiyo.
Yoo inni lafa qotiisaa isaa Waggaa Iyyoobeeliyyuu keessa qulqulleesse gatiin duraan hedame sun hin geeddaramu.
18 Lakini kama akiweka shamba lake wakfu baada ya Yubile, kuhani ataweka thamani kulingana na idadi ya miaka iliyobaki kufikia Mwaka wa Yubile unaofuata, na thamani yake iliyoamuliwa itapunguzwa.
Garuu yoo inni waggaa Iyyoobeeliyyuu booddee lafa qotiisaa isaa qulqulleesse lubichi akkuma baayʼina waggoota hamma waggaa Iyyoobeeliyyuu itti aanuutti jiraniitti herrega; gatiin shallagame gad buʼa.
19 Kama mtu anayeweka wakfu shamba anataka kulikomboa, lazima aongeze sehemu ya tano ya thamani yake, nalo shamba litakuwa lake tena.
Yoo namichi lafa qotiisaa isaa Waaqaaf addaan baasu sun lafa qotiisaa isaa furachuu barbaade, inni gatii hedametti harka shan keessaa harka tokko haa dabalu; lafti qotiisaa sunis deebiʼee kan isaa taʼa.
20 Kama pengine halikomboi shamba hilo, au kama ameliuza kwa mtu mwingine, kamwe haliwezi kukombolewa.
Taʼus yoo inni lafa qotiisaa sana furachuu baate, yookaan dabarsee nama biraatti gurgure, lafti qotiisaa sun deebiʼee furamuu hin dandaʼu.
21 Shamba hilo litakapoachiwa mwaka wa Yubile, litakuwa takatifu, kama shamba lililotolewa kwa Bwana, nalo litakuwa mali ya makuhani.
Lafti qotiisaa sun yommuu Waggaa Iyyoobeeliyyuu keessa gad dhiifamutti akkuma lafa qotiisaa Waaqayyoof kennameetti addaan baafama; kunis qabeenya lubootaa taʼa.
22 “‘Kama mtu ameweka wakfu kwa Bwana shamba alilonunua, ambalo si sehemu ya ardhi ya jamaa yake,
“‘Yoo namni tokko lafa qotiisaa dhaalaan hin argatin kan ofii isaatii bitate Waaqayyoof qulqulleesse,
23 kuhani ataamua thamani yake hadi Mwaka wa Yubile, naye huyo mtu atalazimika kulipa thamani yake siku hiyo kama kitu kitakatifu kwa Bwana.
lubni gatii lafa qotiisaa sanaa hamma Waggaa Iyyoobeeliyyuutti herrega; namichis gatii herregame sana gaafuma sana kan Waaqayyoof qulqulleeffame godhee haa baasu.
24 Katika Mwaka wa Yubile, shamba litarudishwa kwa mtu yule ambaye lilinunuliwa kutoka kwake, yule ambaye ardhi ilikuwa mali yake.
Waggaa Iyyoobeeliyyuuttis lafti qotiisaa sun namichuma irraa bitame kan abbaa lafa qotiisaa sanaa tureef ni deebiʼa.
25 Kila thamani lazima iwekwe kulingana na shekeli ya mahali patakatifu, gera ishirini kwa shekeli.
Gatiin hundinuu akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti jechuunis geeraan digdamni saqilii tokkootti herregama.
26 “‘Lakini hakuna mtu atakayeweka wakfu mzaliwa wa kwanza wa mnyama, kwa kuwa mzaliwa wa kwanza tayari ni mali ya Bwana; awe ngʼombe au kondoo, ni wa Bwana.
“‘Taʼus namni tokko iyyuu horii hangafa qulqulleessuu hin dandaʼu; hangafti duraanuu Waaqayyoof qulqulleeffameeraatii; sangaas taʼu hoolaan hangafni kan Waaqayyoo ti.
27 Kama ni mmoja wa wanyama walio najisi, aweza kumnunua kwa bei iliyowekwa, akiongeza sehemu ya tano ya thamani yake. Kama hatamkomboa, mnyama huyo atauzwa kwa bei iliyowekwa.
Yoo horiin sun xuraaʼaa taʼe inni gatii herregame irratti harka shan keessaa harka tokko dabalee deebisee bitachuu dandaʼa. Yoo inni furachuu baate immoo horiin sun gatii isaaf herregametti gurgurama.
28 “‘Lakini chochote kile mtu alicho nacho na akakiweka wakfu kwa Bwana, iwe ni binadamu, au mnyama, au ardhi ya jamaa, hakiwezi kuuzwa au kukombolewa. Chochote kilichowekwa wakfu ni kitakatifu sana kwa Bwana.
“‘Garuu wanni namni qabu kan inni Waaqayyoof qulqulleessu tokko illee jechuunis namas taʼu horiin yookaan lafti dhaalaan argame hin gurguramu yookaan hin furamu. Wanni akkasiin qulqulleeffame hundinuu akka malee Waaqayyoof qulqulluudhaatii.
29 “‘Mtu yeyote aliyewekwa wakfu ili kuangamizwa, hawezi kukombolewa. Mtu kama huyo lazima auawe.
“‘Namni akka ajjeefamuuf murteeffame tokko illee hin furamu; inni ajjeefamuu qaba.
30 “‘Zaka ya kila kitu kutoka shambani, iwe ni nafaka kutoka kwa ardhi, au tunda kutoka kwa miti, ni mali ya Bwana; ni takatifu kwa Bwana.
“‘Wanni lafti baaftu kam iyyuu sanyiis taʼu ija mukaa harka kudhan keessaa harki tokko kan Waaqayyoo ti; kun waan Waaqayyoof qulqulleeffamee dha.
31 Kama mtu akikomboa chochote cha zaka yake, lazima aongeze sehemu ya tano ya thamani yake.
Namni yoo kennaa isaa kan harka kudhan keessaa harka tokko taʼe sana furachuu barbaade inni gatii kennaa sanaaf herregame irratti harka shan keessaa harka tokko dabalee haa baasu.
32 Zaka yote ya kundi la ngʼombe au la kondoo na mbuzi, kila mnyama wa kumi apitaye chini ya fimbo ya yule awachungaye, atakuwa mtakatifu kwa Bwana.
Kennaan karra loonii fi bushaayee guutuu keessaa harka kudhan keessaa harka tokko taʼe jechuunis horiin ulee tiksee jala baʼee darbu hunda keessaa harka kudhan keessaa harki tokko Waaqayyoof qulqullaaʼa.
33 Yule mnyama wa kumi hatachaguliwa kwa kigezo cha uzuri au ubaya, naye haruhusiwi kubadiliwa. Ikiwa atabadiliwa, basi mnyama yule wa kwanza na huyo aliyebadiliwa wote watahesabiwa kuwa watakatifu, na haiwezekani kuwakomboa.’”
Inni horii jibbamaa keessaa horii gaarii hin filatin yookaan iddoo hin buusin; yoo inni iddoo buuse horiin lamaanuu qulqulluu taʼu; furamuus hin dandaʼu.’”
34 Haya ndiyo maagizo Bwana aliyompa Mose juu ya Mlima Sinai kwa ajili ya Waisraeli.
Kunneen ajajawwan Waaqayyo Gaara Siinaa irratti karaa Museetiin Israaʼelootaaf kennee dha.