< Mambo ya Walawi 24 >
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 “Waagize Waisraeli wakuletee mafuta safi ya zeituni yaliyokamuliwa kwa ajili ya mwanga ili taa ziwe zinawaka daima.
“Akka ibsaan ittuma fufee bobaʼuuf akka isaan zayitii ejersaa kan cuunfamee taliila taʼe siif fidaniif ijoollee Israaʼel ajaji.
3 Nje ya pazia la Ushuhuda ndani ya Hema la Kukutania, Aroni ataziwasha taa mbele za Bwana kuanzia jioni hadi asubuhi bila kuzima. Hili litakuwa agizo la kudumu kwa vizazi vijavyo.
Aroonis ibsaawwan sana golgaa taabota kakuu seeraa kan dunkaana wal gaʼii keessa jiru sanaan alatti fuula Waaqayyoo duratti galgalaa hamma ganamaatti ittuma fufee haa qopheessu. Kunis dhaloota keessaniif seera bara baraa haa taʼu.
4 Taa zilizo juu ya kinara cha dhahabu safi mbele za Bwana lazima zihudumiwe daima.
Ibsaawwan baattuu ibsaa kan warqee qulqulluu irraa hojjetaman irra fuula Waaqayyoo dura jiran sun ittuma fufanii qopheeffamuu qabu.
5 “Chukua unga laini, uoke mikate kumi na miwili, ukitumia sehemu mbili za kumi za efa za unga kwa kila mkate.
“Daakuu bullaaʼaa fuudhiitii buddeena kudha lama tolchi; tokkoon tokkoon buddeena sanaas daakuu iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka lama lamaan haa tolfamu.
6 Iweke katika mistari miwili, kila mstari mikate sita, uiweke mbele za Bwana juu ya meza iliyotengenezwa kwa dhahabu safi.
Buddeena kanas toora tokko keessa jaʼa jaʼa godhiitii minjaala warqee qulqulluu irraa hojjetamee fuula Waaqayyoo dura jiru irra toora lamaan kaaʼi.
7 Kando ya kila mstari, weka uvumba safi kama sehemu ya kumbukumbu ili kuwakilisha mikate kuwa sadaka iliyotolewa kwa Bwana kwa kuteketezwa kwa moto.
Akka inni qooda buddeena sanaa kutaa yaadannootii fi aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu taʼuuf tokkoo tokkoo toora sanaa irra ixaana qulqulluu kaaʼi.
8 Mikate hii itawekwa mbele za Bwana kila wakati, Sabato baada ya Sabato, kwa niaba ya Waisraeli, kuwa Agano la kudumu.
Buddeenni kunis akka kakuu bara baraa taʼee saba Israaʼel iddoo buʼuuf yeroo hunda Sanbatuma Sanbataan fuula Waaqayyoo dura haa kaaʼamu.
9 Hii ni mali ya Aroni na wanawe, watakaoila katika mahali patakatifu, kwa sababu ni sehemu takatifu sana ya fungu lao la kawaida la sadaka iliyotolewa kwa Bwana kwa kuteketezwa kwa moto.”
Buddeenni kun qooda Arooniitii fi ilmaan isaa ti; isaanis sababii buddeenni kun qooda isaanii kan bara baraa kan aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffame keessaa kutaa waan hunda caalaa qulqullaaʼe taʼeef iddoo qulqulluutti isa haa nyaatan.”
10 Basi mwana wa mama Mwisraeli na baba Mmisri alikwenda miongoni mwa Waisraeli, nayo mapigano yakatokea ndani ya kambi kati yake na Mwisraeli.
Namichi haati isaa gosa Israaʼelii fi abbaan isaa immoo nama biyya Gibxii taʼe tokko Israaʼeloota gidduu baʼe; lollis qubata keessatti isaa fi Israaʼelicha tokko gidduutti kaʼe.
11 Huyu mwana wa mwanamke Mwisraeli akalikufuru Jina la Bwana kwa kulaani; kwa hiyo wakamleta kwa Mose. (Jina la mama yake aliitwa Shelomithi binti wa Dibri, wa kabila la Dani.)
Ilmi dubartii Israaʼel sunis Maqaa Waaqaa arrabse; ni abaares; kanaafuu Museetti isa fidan. Maqaan haadha namicha sanaas Sheloomiit jedhama; isheen immoo intala namicha gosa Daanii kan Dibraayi jedhamuu ti.
12 Nao wakamweka mahabusu mpaka mapenzi ya Bwana yawe wazi kwao.
Isaanis hamma fedhiin Waaqayyoo isaanii ifutti eegumsa jala isa tursan.
13 Ndipo Bwana akamwambia Mose:
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe:
14 “Mchukue huyo aliyekufuru nje ya kambi. Wale wote waliomsikia akikufuru wataweka mikono juu ya kichwa chake, kisha kusanyiko lote litampiga mawe.
“Namicha Waaqa arrabse sana qubata keessaa gad baasi. Warri isa dhagaʼan hundinuu harka isaanii mataa isaa irra haa kaaʼan; waldaan hundi immoo dhagaadhaan isa haa tumu.
15 Waambie Waisraeli: ‘Ikiwa mtu yeyote atamlaani Mungu wake, atakuwa na hatia kwa uovu wake;
Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Namni kam iyyuu yoo Waaqa isaa abaare inni cubbuu hojjeteef itti gaafatama;
16 yeyote atakayekufuru Jina la Bwana ni lazima auawe. Kusanyiko lote litampiga kwa mawe. Iwe ni mgeni au mzawa, atakapolikufuru Jina la Bwana, ni lazima auawe.
namni Maqaa Waaqayyoo arrabsu haa ajjeefamu. Waldaan hundi dhagaadhaan isa haa tumu. Alagaas taʼu dhalataan biyyaa yoo Maqaa Waaqaa arrabse haa ajjeefamu.
17 “‘Kama mtu yeyote atamuua mtu mwingine, ni lazima auawe.
“‘Namni nama ajjeese kam iyyuu haa ajjeefamu.
18 Mtu yeyote auaye mnyama wa mtu mwingine lazima afidie, uhai kwa uhai.
Namni horii namaa ajjeese horii sana iddoo haa buusu.
19 Ikiwa mtu yeyote atamjeruhi jirani yake, chochote alichomtenda naye atatendewa:
Namni tokko yoo ollaa isaa miidhe, wanni inni nama sana godhe isa irrattis haa godhamu;
20 iwapo amemvunja mfupa atavunjwa mfupa, jicho kwa jicho, jino kwa jino. Kama alivyomjeruhi mwenzake, vivyo hivyo ndivyo atakavyojeruhiwa.
kunis qooda cabaa cabaa, qooda ijaa ija, qooda ilkaanii ilkaan jechuu dha. Innis akkuma nama miidhe sana isa irrattis haa godhamu.
21 Yeyote auaye mnyama wa mtu lazima alipe fidia, lakini yeyote auaye mtu, lazima auawe.
Namni horii ajjeese horii sana iddoo haa buusu; namni nama ajjeese garuu haa ajjeefamu.
22 Mtakuwa na sheria iyo hiyo kwa mgeni na kwa mzawa. Mimi ndimi Bwana Mungu wenu.’”
Alagaas taʼu dhalataa biyyaatiif seera tokkicha qabaadhaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’”
23 Kisha Mose akasema na Waisraeli, nao wakamchukua yule aliyekufuru nje ya kambi na kumpiga mawe. Waisraeli wakafanya kama Bwana alivyomwagiza Mose.
Museen waan kana Israaʼelootatti hime; isaanis namicha Waaqa arrabse sana qubata keessaa gad baasanii dhagaadhaan tuman; Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo Musee ajaje godhan.