< Mambo ya Walawi 21 >
1 Bwana akamwambia Mose, “Sema na makuhani, wana wa Aroni, uwaambie: ‘Kamwe kuhani asijitie unajisi kwa utaratibu wa kiibada kwa ajili ya mtu wake yeyote anayekufa,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Akkana jedhiitii ilmaan Aroon luboota sanatti dubbadhu: ‘Lubni tokko nama fira isaa keessaa duʼeef jedhee of hin xureessin;
2 isipokuwa jamaa wake wa karibu, kama vile mama yake au baba yake, mwanawe au binti yake, ndugu yake,
garuu firoota dhiigaatiif jechuunis haadha isaa, abbaa isaa, ilma isaa, intala isaa, obboleessa isaa,
3 au dada yake asiyeolewa ambaye anamtegemea kwa kuwa hana mume, kwa ajili ya hao aweza kujitia unajisi.
yookaan obboleettii isaa kan sababii hin heeruminiif isa wajjin jiraattuuf jedhee of xureessuu dandaʼa.
4 Kamwe asijitie unajisi mwenyewe kutokana na wale watu ambao anahusiana nao kwa kuoana, na hivyo kujitia unajisi.
Garuu namoota karaa fuudhaa fi heerumaatiin firoota isaa taʼaniif jedhee of hin xureessin; akkasiinis xuraaʼaa hin taʼin.
5 “‘Kamwe makuhani wasinyoe nywele za vichwa vyao wala wasinyoe pembeni mwa ndevu zao, au kuweka chale kwenye miili yao.
“‘Luboonni mataa isaanii yookaan qarqara areeda isaanii hin haadatin yookaan dhagna isaanii hin madeessin.
6 Lazima wawe watakatifu kwa Mungu wao, na kamwe wasilinajisi jina la Mungu wao. Kwa sababu ndio wanaotoa sadaka za kuteketezwa kwa moto kwa Bwana, chakula cha Mungu wao, hivyo lazima wawe watakatifu.
Isaan Waaqa isaaniitiif qulqulloota haa taʼan; maqaa Waaqa isaaniis hin xureessin. Isaan waan aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu, nyaata Waaqa isaanii sana dhiʼeessaniif qulqulloota taʼuu qabu.
7 “‘Kamwe wasioe wanawake waliojinajisi kwa ukahaba, au waliopewa talaka na waume wao, kwa sababu makuhani ni watakatifu kwa Mungu wao.
“‘Luboonni sababii Waaqa isaaniitiif qulqulloota taʼaniif isaan dubartoota sagaagalummaadhaan xuraaʼan yookaan kanneen dhirsoota isaanii hiikan fuudhuu hin qaban.
8 Waoneni kuwa watakatifu, kwa sababu ndio wanaotoa chakula cha Mungu wenu. Kumbukeni kuwa ni watakatifu, kwa sababu Mimi Bwana ni mtakatifu, Mimi niwafanyaye ninyi kuwa watakatifu.
Ati isa qulqulleessi; inni nyaata Waaqa keetii dhiʼeessaatii. Inni siif haa qulqullaaʼu; ani Waaqayyo inni isin qulqulleessu qulqulluudhaatii.
9 “‘Ikiwa binti wa kuhani anajitia unajisi kwa kufanya ukahaba, anamwaibisha baba yake; lazima achomwe kwa moto.
“‘Intalli luba tokkoo yoo sagaagalummaadhaan of xureessite isheen abbaa ishee salphifti; isheen ibiddaan haa gubamtu.
10 “‘Kuhani mkuu, yule miongoni mwa ndugu zake ambaye amekwisha kutiwa mafuta kwa kumiminiwa juu ya kichwa chake, na ambaye amewekwa wakfu kuvaa mavazi ya ukuhani, kamwe asiache nywele zake bila kufunikwa, wala asirarue nguo zake.
“‘Lubni obboloota isaa keessaa luba ol aanaa taʼee zayitiin ittiin diban mataa isaa irratti naqame kan akka uffata lubummaa uffatuuf muudame tokko mataa isaa filachuu hin dhiisin yookaan uffata ofii hin tarsaasin.
11 Kamwe asiingie mahali palipo maiti ndani. Kamwe asijitie unajisi, hata kwa ajili ya baba yake au mama yake,
Inni iddoo reeffi jiru hin seenin. Abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif iyyuu jedhee of hin xureessin;
12 wala asiondoke mahali patakatifu pa Mungu wake au kupanajisi, kwa sababu amewekwa wakfu kwa mafuta ya Mungu wake. Mimi ndimi Bwana.
yookaan sababii zayitiin ittiin diban kan Waaqa isaa isa irra jiruuf inni iddoo qulqulluu sana keessaa hin baʼin yookaan iddoo qulqulluu Waaqa isaa hin xureessin. Ani Waaqayyo.
13 “‘Mwanamke kuhani atakayemwoa lazima awe bikira.
“‘Dubartiin inni fuudhu durba taʼuu qabdi.
14 Kamwe asimwoe mjane, au mwanamke aliyepewa talaka, wala mwanamke aliyejinajisi kwa ukahaba, bali atamwoa tu bikira kutoka miongoni mwa watu wake,
Inni haadha hiyyeessaa, niitii dhirsi hiike yookaan niitii sagaagalummaadhaan xuroofte hin fuudhin; garuu gosa isaa keessaa durba haa fuudhu;
15 na hivyo hatawatia unajisi watoto wake miongoni mwa watu wake. Mimi ndimi Bwana, nimfanyaye mtakatifu.’”
kunis akka inni gosa isaa keessatti sanyii isaa hin xureessineef. Ani Waaqayyo isa qulqulleessuu dha.’”
16 Bwana akamwambia Mose,
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
17 “Mwambie Aroni: ‘Kwa vizazi vijavyo, hakuna mzao wako mwenye dosari atakayekaribia kutoa chakula cha Mungu wake.
“Arooniin akkana jedhi: ‘Dhaloota itti aanu keessatti sanyii kee keessaa namni hirʼina qabu kam iyyuu nyaata Waaqa isaa dhiʼeessuuf hin dhiʼaatin.
18 Hakuna mtu mwenye dosari yoyote awezaye kukaribia: hakuna mtu aliye kipofu au kiwete, au aliyeharibika uso au asiye na viungo kamili,
Namni hirʼina kam iyyuu qabu tokko iyyuu jechuunis namni jaamaan yookaan naafni, namni bifaa fi dhagna hin tolle,
19 hakuna mtu mwenye mguu au mkono uliolemaa,
namni miilla yookaan harka cabaa qabu,
20 au mwenye kibiongo au aliyedumaa, au aliye na tatizo la macho, au aliye na uvimbe wenye usaha au majipu, au aliyehasiwa.
yookaan namni dugda goophoo yookaan ooluun yookaan namni dhibee ijaa qabu yookaan namni madaa malaʼu qabu, yookaan namni cittoo qabuu fi namni kolaafame hin dhiʼaatin.
21 Hakuna mzao wa kuhani Aroni mwenye kilema chochote atakayekaribia kutoa sadaka kwa Bwana ya kuteketezwa kwa moto. Kama ana kilema, kamwe asikaribie kutoa chakula cha Mungu wake.
Sanyii Aroon lubichaa keessaa namni hirʼina qabu kam iyyuu aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessuuf hin dhiʼaatin. Inni waan hirʼina qabuuf nyaata Waaqa isaa dhiʼeessuuf hin dhiʼaatin.
22 Anaweza kula chakula kitakatifu sana cha Mungu wake, pia hata chakula kitakatifu.
Innis nyaata Waaqa isaa kan nyaata hunda caalaa qulqulluu taʼee fi nyaata qulqulluu nyaachuu dandaʼa.
23 Lakini kwa sababu ya kilema chake, kamwe asikaribie karibu na pazia wala kukaribia madhabahu, asije akanajisi mahali patakatifu pangu. Mimi ndimi Bwana, niwafanyaye watakatifu.’”
Garuu inni sababii hirʼina qabuuf akka iddoo qulqulluu koo hin xureessineef golgaa keessa hin seenin yookaan iddoo aarsaatti hin dhiʼaatin. Ani Waaqayyo isa isaan qulqulleessuu dha.’”
24 Basi Mose akamwambia Aroni jambo hili na wanawe, pamoja na Waisraeli wote.
Museen Aroonitti, ilmaan Aroonittii fi Israaʼeloota hundatti waan kana hime.