< Mambo ya Walawi 2 >
1 “‘Mtu yeyote aletapo sadaka ya nafaka kwa Bwana, sadaka yake itakuwa ya unga laini. Atamimina mafuta juu yake, aweke uvumba juu yake,
“‘Namni tokko yommuu kennaa midhaanii Waaqayyoof dhiʼeessutti, kennaan isaa daakuu bullaaʼaa haa taʼu. Innis zayitii itti haa naqu; ixaanas itti dabalee,
2 naye atapeleka kwa makuhani wana wa Aroni. Kuhani atachukua konzi moja iliyojaa unga laini na mafuta pamoja na uvumba wote, na kuuteketeza kama sehemu ya kumbukumbu juu ya madhabahu, sadaka iliyotolewa kwa moto, harufu nzuri ya kumpendeza Bwana.
ilmaan Aroon luboota sanatti haa fidu. Lubichis daakuu bullaaʼaa zayitiin itti naqame sana irraa konyee tokko ixaana hunda wajjin haa fuudhu; kanas kutaa yaadannoo aarsaa gubamu kan ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
3 Sadaka ya nafaka iliyobaki ni ya Aroni na wanawe, ni sehemu ya sadaka iliyo takatifu sana iliyotolewa kwa Bwana kwa moto.
Kennaan midhaanii hafe immoo kan Aroonii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
4 “‘Kama utaleta sadaka ya nafaka iliyookwa jikoni, itakuwa ya unga laini: maandazi yaliyotengenezwa bila kutiwa chachu, yaliyochanganywa na mafuta, au mikate myembamba iliyotengenezwa bila kutiwa chachu, na iliyopakwa mafuta.
“‘Yeroo ati kennaa midhaanii barbadaa ibiddaa irratti tolfamee dhiʼeessitutti, kennaan sun daakuu bullaaʼaa jechuunis maxinoo zayitiin itti makame yookaan bixxillee raacitii malee tolfamee zayitiin irra dibame haa taʼu.
5 Iwapo sadaka yako ya nafaka imeandaliwa kwenye kikaango, itakuwa ni ya unga laini uliochanganywa na mafuta, bila chachu.
Kennaan kee kennaa midhaanii kan eelee irratti qopheeffame taanaan kennaan sun daakuu bullaaʼaa hin bukaaʼin kan zayitiin itti makame irraa haa taʼu.
6 Ukande na kumimina mafuta juu yake; hii ni sadaka ya nafaka.
Isa caccabsiitii gubbaa isaatti zayitii naqi; inni kennaa midhaanii ti.
7 Kama sadaka yako ya nafaka imepikwa kwenye sufuria, itatengenezwa kwa unga laini na mafuta.
Kennaan midhaan keetii yoo eelee irratti qopheeffame, kennaan sun daakuu bullaaʼaa fi zayitii irraa haa qopheeffamu.
8 Ilete hiyo sadaka ya nafaka iliyotengenezwa kwa vitu hivi kwa Bwana; mkabidhi kuhani ambaye ataipeleka madhabahuni.
Kennaa midhaanii kan wantoota kanneen irraa qopheeffame Waaqayyoof fidi; kanas luba iddoo aarsaatti geessutti kenni.
9 Naye atatoa ile sehemu ya kumbukumbu kutoka kwenye hiyo sadaka ya nafaka na kuiteketeza juu ya madhabahu kuwa sadaka iliyotolewa kwa moto, harufu nzuri ya kumpendeza Bwana.
Innis Kennaa midhaanii sana irraa kutaa yaadannoo fuudhee kennaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
10 Sadaka ya nafaka iliyobaki ni ya Aroni na wanawe; ni sehemu ya sadaka iliyo takatifu sana ya sadaka iliyotolewa kwa Bwana kwa moto.
Kennaan midhaanii hafe immoo kan Aroonii fi ilmaan isaa ti; kunis kutaa aarsaawwan hunda caalaa qulqulluu kan ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
11 “‘Kila sadaka ya nafaka unayoleta kwa Bwana ni lazima ifanywe bila kutiwa chachu, kwa kuwa huna ruhusa kuchoma chachu yoyote au asali katika sadaka itolewayo kwa Bwana kwa moto.
“‘Kennaan midhaanii kan isin Waaqayyoof dhiʼeessitan hundinuu utuu raacitiin itti hin makamin qopheeffamuu qaba; isin kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu tokko keessatti raacitii yookaan damma tokko illee gubuu hin qabdaniitii.
12 Unaweza kuzileta kwa Bwana kama sadaka ya malimbuko, lakini haziwezi kutolewa juu ya madhabahu kama harufu nzuri ya kupendeza.
Kennaa kanas akka mataa midhaaniitti Waaqayyoof dhiʼeessu dandeessu; garuu akka kennaa urgaaʼaa tokkootti iddoo aarsaa irratti dhiʼaachuu hin qabu.
13 Koleza sadaka zako zote za nafaka kwa chumvi. Usiache kuweka chumvi ya Agano la Mungu wako katika sadaka zako za nafaka; weka chumvi kwenye sadaka zako zote.
Kennaa midhaan keetii hunda soogiddaan miʼeessi; soogidda kakuu Waaqa keetii kennaa midhaan keetii keessaa hin hambisin; kennaa kee hundatti soogidda dabali.
14 “‘Kama ukileta malimbuko ya sadaka ya nafaka kwa Bwana, utatoa masuke yaliyopondwa ya nafaka mpya iliyookwa kwa moto.
“‘Ati yoo mataa midhaanii keessaa kennaa midhaanii Waaqayyoof fidde, mataa midhaan asheetee ibiddaan waadamee sukkuumamee dhiʼeessi.
15 Weka mafuta na uvumba juu yake; ni sadaka ya nafaka.
Zayitii itti naqiitii ixaanas itti dabali; kun kennaa midhaanii ti.
16 Kuhani atateketeza ile sehemu ya kumbukumbu kutoka kwenye hiyo sadaka ya nafaka iliyopondwa kwa mafuta, pamoja na uvumba wote, kama sadaka iliyotolewa kwa Bwana kwa moto.
Lubni sunis kutaa yaadannoo midhaan sukkuumamee sanaatii fi zayitii sana ixaana hunda wajjin kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhee haa gubu.