< Mambo ya Walawi 16 >

1 Bwana akasema na Mose baada ya kifo cha wale wana wawili wa Aroni waliokufa walipokaribia mbele za Bwana.
Waaqayyos duʼa ilmaan Aroon kanneen yeroo fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaatanitti duʼan sana lamaanii booddee Museetti dubbate.
2 Bwana akamwambia Mose: “Mwambie ndugu yako Aroni asije wakati wowote atakavyo yeye ndani ya Patakatifu pa Patakatifu, nyuma ya pazia pale mbele ya kiti cha rehema kile kilichoko juu ya Sanduku la Agano, la sivyo atakufa, kwa sababu huwa ninatokea ndani ya wingu juu ya kile kiti cha rehema.
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Sababii ani teessoo araaraa gararraatti duumessaan mulʼadhuuf akka obboleessi kee Aroon yeruma fedhetti gara Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu kan golgaa keessa fuula teessoo araaraa dura taabota irra jiru sanaa ol hin seenne itti himi; yoo kanaa achii inni ni duʼa.
3 “Hivi ndivyo Aroni atakavyoingia katika mahali patakatifu: atachukua fahali mchanga kwa ajili ya sadaka ya dhambi, na kondoo dume kwa ajili ya sadaka ya kuteketezwa.
“Akki Aroon itti Iddoo Iddoo Hunda Caalaa qulqulluu sana seenu kanaa dha: Aarsaa cubbuutiif dibicha tokko, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko haa fidu.
4 Atavaa koti takatifu la kitani, pamoja na nguo za ndani za kitani; atafunga mshipi wa kitani kiunoni, na kuvaa kilemba cha kitani. Haya ni mavazi matakatifu, kwa hiyo ni lazima aoge kwa maji kabla ya kuyavaa mavazi hayo.
Innis kittaa quncee talbaa irraa hojjetame qulqulluu isaatii fi uffata dhagna isaatti aanu kan quncee talbaa irraa hojjetame haa kaaʼatu. Sabbata quncee talbaa irraa hojjetame hidhatee marata mataa kan quncee talbaa irraa hojjetames haa maratu; kunneen uffata qulqulluu dha. Kanaafuu inni utuu uffata sana hin uffatin dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu.
5 Atachukua mbuzi dume wawili kutoka kwa jumuiya ya Israeli kwa ajili ya sadaka ya dhambi, na kondoo dume kwa ajili ya sadaka ya kuteketezwa.
Waldaa saba Israaʼel irraas aarsaa cubbuutiif korommii reʼee lama, aarsaa gubamuuf immoo korbeessa hoolaa tokko haa fuudhu.
6 “Aroni atamtoa huyo fahali kwa ajili ya sadaka yake ya dhambi ili afanye upatanisho kwa ajili yake mwenyewe na nyumba yake.
“Aroon aarsaa cubbuu ofii isaatiif dibicha sana dhiʼeessee ofii isaatii fi warra mana isaa jiraniif araara haa buusu.
7 Kisha atawachukua wale mbuzi dume wawili na kuwaleta mbele za Bwana kwenye ingilio la Hema la Kukutania.
Ergasiis reʼoota lamaan sana fuudhee balbala dunkaana wal gaʼii irratti fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu.
8 Aroni atapiga kura kwa ajili ya hao mbuzi wawili, mmoja kwa ajili ya Bwana na mwingine kwa ajili ya kubebeshwa dhambi.
Aroonis reʼoota sana lamaanitti ixaa haa buusu; ixaa tokko Waaqayyoof, kaan immoo reʼee gad lakkifamuuf haa buusu.
9 Aroni atamleta yule mbuzi ambaye kura ya Bwana imemwangukia na kumtoa dhabihu kwa ajili ya sadaka ya dhambi.
Aroonis reʼee ixaan Waaqayyoo irra buʼe sana fidee aarsaa cubbuu godhee haa dhiʼeessu.
10 Lakini mbuzi aliyechaguliwa kwa kura kuwa wa kubebeshwa dhambi atatolewa akiwa hai mbele za Bwana, atumike kwa kufanya upatanisho kwa kumwacha aende jangwani akiwa amebebeshwa dhambi.
Garuu reʼeen akka reʼee gad lakkifamu taʼuuf ixaadhaan filatame sun akka reʼee gad lakkifamu tokkootti gammoojjiitti gad ariʼamuudhaan akka araara buusuuf utuu lubbuudhaan jiruu fuula Waaqayyo duratti haa dhiʼeeffamu.
11 “Aroni atamleta yule fahali kwa ajili ya sadaka ya dhambi yake mwenyewe, ili kufanya upatanisho kwa ajili yake na nyumba yake, naye atamchinja huyo fahali kwa ajili ya sadaka ya dhambi yake mwenyewe.
“Aroonis aarsaa cubbuu ofii isaatiif dibicha sana dhiʼeessee ofii isaatii fi warra mana isaa jiraniif araara haa buusu; dibicha sanas cubbuu ofii isaatiif haa qalu.
12 Atachukua chetezo kilichojaa makaa yanayowaka kutoka madhabahuni mbele za Bwana, na konzi mbili za uvumba laini uliosagwa vizuri wenye harufu, na kuvipeleka nyuma ya pazia.
Innis girgiraa barbadaa ibiddaa iddoo aarsaa kan fuula Waaqayyoo dura jiru irraa itti guutame tokko fuudhee ixaana urgaaʼaa daakamee bullaaʼes konyee lama fuudhee golgaa sana keessa haa seenu.
13 Ataweka uvumba juu ya moto mbele za Bwana, na moshi wa uvumba utafunika kile kiti cha rehema kilicho juu ya Ushuhuda, ili asife.
Innis akka hin duuneef, akka aarri ixaana sanaa teessoo araaraa kan dhuga baʼumsaa gubbaa jiru sana haguuguuf ixaana sana ibidda fuula Waaqayyoo dura jirutti haa naqu.
14 Atachukua sehemu ya damu ya fahali, na kwa kidole chake atanyunyiza sehemu ya mbele ya kiti cha rehema; kisha atanyunyiza sehemu ya hiyo damu kwa kidole chake mara saba mbele ya kiti cha rehema.
Dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee karaa fuulduraatiin teessoo araaraatti quba isaatiin haa facaasu; ergasii immoo dhiiga isaa fuudhee fuula teessoo araaraa duratti yeroo torba quba isaatiin haa facaasu.
15 “Kisha atamchinja mbuzi wa sadaka ya dhambi kwa ajili ya watu, na kuichukua damu yake nyuma ya pazia, na aifanyie kama alivyofanya kwa damu ya fahali: Atanyunyiza juu ya kiti cha rehema na mbele yake.
“Reʼee sanas aarsaa cubbuu sabaa godhee haa qalu; dhiiga isaas fuudhee golgaa keessa seenuudhaan akkuma dhiiga dibicha sanaa godhe sana haa godhu; dhiiga sanas teessoo araaraa irrattii fi fuula teessoo araaraa duratti haa facaasu.
16 Kwa njia hii atafanya upatanisho kwa ajili ya Patakatifu pa Patakatifu kwa sababu ya unajisi na uasi wa Waisraeli, kwa dhambi zao zozote. Atafanya hivyo kwa ajili ya Hema la Kukutania, ambalo liko miongoni mwao katikati ya unajisi wao.
Cubbuun isaanii waanuma fedhe taʼu illee inni sababii xuraaʼummaa fi fincila saba Israaʼeliif Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana haala kanaan araara haa buusu; dunkaana wal gaʼii kan xuraaʼummaa isaanii keessa isaan gidduu jiruufis akkasuma haa godhu.
17 Mtu yeyote haruhusiwi kuwa ndani ya Hema la Kukutania, kuanzia wakati Aroni anapoingia kufanya upatanisho katika Patakatifu pa Patakatifu, hadi atakapotoka nje, baada ya kujifanyia upatanisho yeye mwenyewe na nyumba yake, pamoja na jumuiya yote ya Israeli.
Yeroo Aroon Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana keessatti araara buusuuf ol seenee jalqabee hamma inni ofii isaatiif, warra mana isaa jiranii fi waldaa Israaʼel hundaaf araara buusee gad baʼutti namni tokko iyyuu dunkaana wal gaʼii keessatti hin argamin.
18 “Kisha atatoka aje kwenye madhabahu yaliyo mbele za Bwana na kufanya upatanisho kwa ajili yake. Atachukua sehemu ya damu ya fahali na sehemu ya damu ya mbuzi, na kuiweka kwenye pembe za madhabahu.
“Ergasiis iddoo aarsaa kan fuula Waaqayyoo dura jiru sanatti gad baʼee iddoo aarsaa sanaaf araara haa buusu. Innis dhiiga dibicha sanaa irraa fuudhee, dhiiga reʼee sanaa irraas fuudhee gaanfa iddoo aarsaa sanaa hunda irratti haa naqu.
19 Atanyunyiza baadhi ya hiyo damu juu ya madhabahu kwa kidole chake mara saba, ili kuitakasa na kuiweka wakfu kutokana na unajisi wa Waisraeli.
Innis iddoo aarsaa sana xuraaʼummaa saba Israaʼel irraa qulqulleessee addaan baasuuf dhiiga sana irraa quba isaatiin yeroo torba iddoo aarsaa irratti haa facaasu.
20 “Aroni atakapokuwa amemaliza kufanya upatanisho kwa ajili ya Patakatifu pa Patakatifu, Hema la Kukutania na madhabahu, atamleta mbele yule mbuzi aliye hai.
“Aroon erga Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana, dunkaana wal gaʼiitii fi iddoo aarsaatiif araara buusee raawwatee booddee reʼee lubbuudhaan jiru sana gara fuulduraatti haa dhiʼeessu.
21 Aroni ataweka mikono yake miwili juu ya kichwa cha mbuzi aliye hai na kuungama juu yake uovu wote na uasi wa Waisraeli, yaani dhambi zao zote, ili kuziweka juu ya kichwa cha huyo mbuzi. Atamwachia huyo mbuzi akimbilie jangwani kwa uangalizi wa mtu aliyepewa wajibu huo.
Innis harka isaa lamaanuu mataa reʼee lubbuudhaan jiru sanaa irra kaaʼee achi irratti hamminaa fi fincila saba Israaʼel jechuunis cubbuu isaanii hunda hima. Yakka hundas mataa reʼee sanaa irra kaaʼee reʼee sana nama hojii kanaaf filatame tokkotti kennee gara gammoojjiitti haa ariʼu.
22 Yule mbuzi atachukua juu yake dhambi zao zote mpaka mahali pasipo na watu; naye yule mtu atamwachia akimbilie jangwani.
Reʼeen sunis cubbuu isaanii hunda of irratti baatee gara lafa namni hin dhaqneetti geessa; namichis gammoojjii keessatti isa gad dhiisa.
23 “Kisha Aroni ataenda ndani ya Hema la Kukutania na kuvua yale mavazi ya kitani aliyoyavaa kabla ya kuingia katika Patakatifu pa Patakatifu, naye atayaacha pale.
“Ergasiis Aroon dunkaana wal gaʼii seenee uffata quncee talbaa irraa hojjetame kan utuu Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu sana hin seenin uffate sana baafatee achumatti haa dhiisu.
24 Ataoga kwa maji katika mahali patakatifu na kuvaa mavazi yake ya kawaida. Kisha atatoka na kutoa dhabihu ya sadaka ya kuteketezwa kwa ajili yake na sadaka ya kuteketezwa kwa ajili ya watu, ili kufanya upatanisho kwa ajili yake mwenyewe, na kwa ajili ya watu.
Innis lafa qulqulluu tokkotti dhagna isaa bishaaniin dhiqatee uffata isa haa uffatu; ergasii immoo gad baʼee ofii isaatii fi saba sanaaf araara buusuuf, ofii isaatiif aarsaa gubamu, saba sanaafis aarsaa gubamu haa dhiʼeessu.
25 Pia atachoma mafuta ya mnyama wa sadaka ya dhambi juu ya madhabahu.
Cooma aarsaa cubbuu illee iddoo aarsaa irratti haa gubu.
26 “Yule mtu anayemwachia yule mbuzi wa kubebeshwa dhambi ni lazima afue nguo zake na kuoga kwa maji; baadaye anaweza kuingia kambini.
“Namichi reʼee sana akka reʼee gad lakkifamu tokkootti gad dhiisu sun wayyaa isaa miiccatee dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; ergasii gara qubataatti ol galuu dandaʼa.
27 Yule fahali na mbuzi waliotolewa kwa ajili ya sadaka za dhambi, ambao damu yao ilikuwa imeletwa Patakatifu pa Patakatifu kwa ajili ya kufanya upatanisho, ni lazima watolewe nje ya kambi. Ngozi zao, nyama, na matumbo pamoja na mavi vitateketezwa kwa moto.
Dibichii fi reʼeen aarsaa cubbuutiif dhiʼeeffaman kanneen dhiigni isaanii araara buusuuf Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluutti fidame sun qubata keessaa haa baafaman; gogaan isaanii, foonii fi miʼi garaa isaanii haa gubamu.
28 Mtu atakayevichoma ni lazima afue nguo zake na aoge kwa maji; baadaye ataweza kuingia kambini.
Namichi wantoota kanneen gubus uffata isaa miiccatee dhagna isaa bishaaniin haa dhiqatu; ergasii gara qubataatti ol galuu dandaʼa.
29 “Hili litakuwa agizo la kudumu kwa ajili yenu: Katika siku ya kumi ya mwezi wa saba ni lazima mfunge, wala msifanye kazi yoyote, iwe mzawa au mgeni anayeishi miongoni mwenu,
“Seerri bara baraan isiniif kenname kanaa dha: Dhalataa biyyaas taʼu alagaan isin gidduu jiraatu guyyaa kurnaffaa jiʼa torbaffaatti gad of haa qabu; hojii tokko iyyuus hin hojjetin.
30 kwa sababu siku hii upatanisho utafanyika kwa ajili yenu ili kuwatakasa. Kisha mtakuwa safi mbele za Bwana kutokana na dhambi zenu zote.
Sababiin isaa isin qulqulleessuuf guyyaan kun guyyaa itti araarri buʼu dha; ergasiis isin fuula Waaqayyoo duratti cubbuu keessan hunda irraa ni qulqullooftu.
31 Ni Sabato ya mapumziko, na lazima mfunge; ni agizo la kudumu.
Kun waan sanbata boqonnaa taʼeef isin gad of deebisuu qabdu; innis seera bara baraa ti.
32 Kuhani ambaye ametiwa mafuta na kuwekwa wakfu ili kuingia mahali pa baba yake kama kuhani mkuu atafanya upatanisho. Atavaa mavazi matakatifu ya kitani,
Lubni iddoo abbaa isaa buʼee luba ol aanaa taʼuuf dibamee muudamu araara buusuu qaba; innis wayyaa qulqulluu kan quncee talbaa irraa hojjetame uffatee,
33 na kufanya upatanisho kwa ajili ya Patakatifu pa Patakatifu, Hema la Kukutania na madhabahu, na pia kwa ajili ya makuhani, pamoja na jumuiya yote ya watu.
Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluuf, dunkaana wal gaʼiitiif, iddoo aarsaatiif, lubootaa fi miseensota waldaa hundaafis araara haa buusu.
34 “Hili litakuwa agizo la kudumu kwa ajili yenu: Upatanisho utafanywa mara moja tu kwa mwaka kwa ajili ya dhambi zote za Waisraeli.” Ndivyo ilivyofanyika, kama vile Bwana alivyomwamuru Mose.
“Seerri bara baraan isiniif kenname kanaa dha: Kunis akka cubbuu Israaʼelootaa hundaaf waggaatti yeroo tokko araarri buufamuuf.” Wanni sunis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti hojjetame.

< Mambo ya Walawi 16 >