< Waamuzi 9 >

1 Siku moja Abimeleki mwana wa Yerub-Baali akaenda kwa ndugu ya mama yake huko Shekemu na kuwaambia yeye na ukoo wote wa mama yake,
Abiimelek ilmi Yerub-Baʼaal gara obboloota haadha isaa kanneen Sheekem keessa jiraatanii dhaqee isaanii fi gosa haadha isaa hundaan akkana jedhe;
2 “Waulizeni watu wote wa Shekemu, ‘Lipi lililo bora kwenu: Kutawaliwa na wana wote sabini wa Yerub-Baali, au mtu mmoja peke yake?’ Kumbukeni kwamba, mimi ni mfupa wenu nyama yenu hasa.”
“Jiraattota Sheekem hundumaan, ‘Kam isinii wayya? Yoo ilmaan Yerub-Baʼaal torbaatamni isin bulchan moo yoo namni tokko isin bulche wayya?’ jedhaa gaafadhaa. Akka ani foonii fi dhiiga keessan taʼe immoo yaadadhaa.”
3 Ndugu za mama yake walipowaeleza watu wote wa Shekemu, wakaelekea kumkubali Abimeleki, kwa kuwa walisema, “Yeye ni ndugu yetu.”
Obboloonni haadha isaas dubbii kana gurra Sheekemotaatiin gaʼan; garaan isaaniis gara Abiimelek goruu kajeele; isaan, “Inni obboleessa keenya” jedhaniiruutii.
4 Wakampa shekeli sabini za fedha kutoka hekalu la Baal-Berithi, naye Abimeleki akaitumia kuajiri watu ovyo wasiojali, wakawa ndio wafuasi wake.
Isaanis mana sagadaa Baʼaal Beriit keessaa meetii gara giraamii dhibba saddeet ulfaatu kennaniif; Abiimelekis meetii sanaan kashlabboota isa faana buʼan qaxarate.
5 Akaenda nyumbani kwa baba yake huko Ofra, na juu ya jiwe moja wakawaua ndugu zake sabini, ambao ni wana wa Yerub-Baali. Lakini Yothamu, mwana mdogo wa wote wa Yerub-Baali, akaokoka kwa kujificha.
Gara mana abbaa isaa kan Ofraatti argamuu dhaqee obboloota isaa ilmaan Yerub-Baʼaal torbaatama dhagaa tokko irratti qale. Yootaam ilmi Yiruubaʼaal quxisuun garuu dhokatee isa jalaa miliqe.
6 Ndipo watu wote wa Shekemu na Beth-Milo wakakusanyika pamoja chini ya mti mkubwa wa mwaloni penye nguzo iliyoko Shekemu wakamvika Abimeleki taji kuwa mfalme.
Namoonni Sheekemii fi Beet Miiloo hundi Abiimelekin moosisuuf jedhanii Sheekemitti utubaa mukaa guddaa tokko biratti walitti qabaman.
7 Yothamu alipoambiwa hayo, akapanda juu ya kilele cha mlima Gerizimu, akawapazia sauti yake akawaambia, “Nisikilizeni enyi watu wa Shekemu, ili Mungu naye apate kuwasikiliza ninyi.
Yootaam yommuu wanni kun itti himametti fiixee Gaara Gerziimitti ol baʼee sagalee guddaadhaan akkana isaaniin jedhe; “Yaa jiraattota Sheekem, akka Waaqni isin dhagaʼuuf na dhaggeeffadhaa.
8 Siku moja miti ilitoka ili kwenda kujitawazia mfalme. Ikauambia mzeituni, ‘Wewe uwe mfalme wetu.’
Gaaf tokko mukkeen mootii moosifachuuf baʼan; isaanis muka ejersaatiin, ‘Mootii nuu taʼi’ jedhan.
9 “Lakini mzeituni ukaijibu, ‘Je, niache kutoa mafuta yangu ambayo kwake miungu na wanadamu huheshimiwa, ili nikawe juu ya miti?’
“Mukni ejersaa garuu, ‘Ani mukkeen hundaa olitti raafamuudhaaf jedhee zayitii koo kan Waaqnii fi namni ittiin kabajaman dhowwadhuu ree?’ jedhee deebise.
10 “Kisha miti ikauambia mtini, ‘Njoo na uwe mfalme wetu!’
“Itti aansaniis mukkeen muka harbuutiin, ‘Kottuutii mootii nuu taʼi’ jedhan.
11 “Lakini mtini ukaijibu, ‘Je, niache kutoa matunda yangu mazuri na matamu, ili niende nikawe juu ya miti?’
“Mukni harbuu garuu deebisee, ‘Ani mukkeen hundaa olitti baʼee raafamuuf jedhee ija koo miʼaawaa fi gaarii sana kennuu dhiisuu ree?’ jedhe.
12 “Ndipo miti ikauambia mzabibu, ‘Njoo na uwe mfalme wetu.’
“Mukkeenis muka wayiniitiin, ‘Kottuutii mootii nuu taʼi’ jedhan.
13 “Lakini mzabibu ukaijibu, ‘Je, niache kutoa divai yangu inayofurahisha miungu na wanadamu ili nikawe juu ya miti?’
“Mukni wayinii garuu deebisee, ‘Ani mukkeen hundaa olitti baʼee raafamuuf jedhe daadhii wayinii kootii kan Waaqaa fi nama gammachiisu sana kennuu dhiisuu?’ jedhe.
14 “Mwishoni miti yote ikauambia mti wa miiba, ‘Njoo na uwe mfalme wetu.’
“Dhuma irrattis mukkeen hundi muka qoraattiitiin, ‘Kottuutii mootii nuu taʼi’ jedhan.
15 “Nao mti wa miiba ukaijibu, ‘Kama kweli mnataka niwe mfalme wenu, basi njooni mpate kupumzika chini ya kivuli changu. Lakini kama sivyo, moto na utoke kwenye mti wa miiba ukateketeze mierezi ya Lebanoni!’
“Mukni qoraattiis mukkeeniin, ‘Isin yoo dhugumaan na moosifachuu feetan, kottaatii gaaddisa koo jalatti daʼeeffadhaa; yoo akkas taʼuu baate garuu ibiddi muka qoraattii keessaa baʼee birbirsa Libaanoon haa barbadeessu!’ jedhe.
16 “Basi ikiwa mmetenda kwa uaminifu na heshima kumfanya Abimeleki kuwa mfalme, na kama mmetendea vyema Yerub-Baali na jamaa yake kama ilivyostahili:
“Egaa isin Abiimelekin moosisuun keessan yoo karaa dhugaatii fi amanamummaan taʼe, yoo Yerub-Baʼaalii fi maatii isaatiif waan gaarii gochuuf taʼe, yoo waan isaaf malu isaaf gochuuf taʼe,
17 kwa kuwa baba yangu aliwapigania ninyi na kuhatarisha nafsi yake na kuwaokoa ninyi kutoka mikononi mwa Wamidiani
abbaan koo lubbuu isaa duʼaaf saaxilee harka Midiyaanotaa jalaa isin baasuuf isinii loleeraatii;
18 (lakini leo mmeasi dhidi ya jamaa ya baba yangu, na kuwaua wanawe sabini juu ya jiwe moja, nanyi mkamfanya Abimeleki mwana wa mwanamke mtumwa kuwa mfalme juu ya Shekemu, kwa kuwa yeye ni ndugu yenu),
isin garuu harʼa maatii abbaa kootti kaatanii ilmaan isaa jechuunis nama torbaatama dhagaa tokko irratti qaltan; sababii inni fira keessan taʼeef Abiimelek ilma garbittii sana namoota Sheekem irratti moosiftan;
19 nanyi kama basi mmemtendea Yerub-Baali na jamaa yake kwa heshima na uaminifu, basi Abimeleki na awe furaha yenu, nanyi mwe furaha yake pia!
egaa yoo isin harʼa dhugaa fi amanamummaadhaan Yerub-Baʼaalii fi maatii isaatiif waan gaarii gootan, isin Abiimelekitti gammadaa; innis isinitti haa gammadu!
20 Lakini kama sivyo, moto na utoke kwa Abimeleki na uwateketeze, ninyi watu wa Shekemu na Beth-Milo, nao moto utoke kwenu, watu wa Shekemu na Beth-Milo umteketeze Abimeleki!”
Akkas taʼuu baannaan garuu ibiddi mana Abiimelekii baʼee namoota Sheekemii fi Beet Miiloo haa fixu; akkasumas ibiddi namoota Sheekemii fi Beet Miiloo biraa baʼee Abiimelekin haa balleessu!”
21 Ndipo Yothamu akakimbia, akatoroka akaenda Beeri, akaishi huko, kwa sababu alimwogopa ndugu yake Abimeleki.
Yootaamis Biʼeeritti baqatee sababii obboleessa isaa Abiimelekin sodaateef achuma jiraate.
22 Baada ya Abimeleki kutawala Israeli kwa muda wa miaka mitatu,
Erga Abiimelek waggaa sadii Israaʼel bulchee booddee,
23 Mungu akaruhusu roho mbaya kati ya Abimeleki na watu wa Shekemu, nao watu wa Shekemu wakamtendea Abimeleki kwa hila.
Waaqnis Abiimelekii fi namoota Sheekem gidduutti hafuura hamaa erge; Sheekemonnis Abiimelekitti daba hojjetan.
24 Hili lilitokea ili ule ukatili waliotendewa hao wana sabini wa Yerub-Baali upatilizwe, na damu yao iwe juu ya Abimeleki ndugu yao aliyewaua, na pia iwe juu ya watu wa Shekemu, ambao walimsaidia kuua ndugu zake.
Waaqnis yakka ilmaan Yerub-Baʼaal torbaataman sanatti hojjetamee fi dhiiga isaanii kan dhangalaafame sanaaf, Abiimelek obboleessa isaanii kan isaan qale sanaa fi namoota Sheekem kanneen akka inni obboloota isaa fixuuf isa gargaaran sana haaloo baʼuuf waan kana godhe.
25 Hivyo, kutokana na uadui juu yake watu wa Shekemu wakaweka watu wa kumvizia katika vilele vya milima. Wakawanyangʼanya watu wote waliopita karibu nao, nayo haya yakaarifiwa kwa Abimeleki.
Namoonni Sheekemis akka isaan riphanii isa eegataniif fiixee gaaraa irra namoota kaaʼatan; isaanis nama achiin darbu hunda saamaan; wanni kunis Abiimelekitti odeeffame.
26 Basi Gaali mwana wa Ebedi akaenda pamoja na ndugu zake wakaingia Shekemu, nao watu wa huko wakamtumainia yeye.
Yeroo kanatti Gaʼaal ilmi Ebeed obboloota isaa wajjin gara Sheekem dhufe; Sheekemonnis isa abdatan.
27 Wakaenda mashambani mwao kuvuna zabibu na kuzisindika hizo zabibu, wakafanya sikukuu katika hekalu la mungu wao. Wakati wakila na kunywa, wakamlaani Abimeleki.
Isaanis erga gara lafa qotiisaa wayiniitti baʼanii wayinii walitti qabatanii booddee cuunfanii galma waaqa tolfamaa isaaniitti ayyaana ayyaaneffatan. Nyaatanii dhuganiis Abiimelekin abaaran.
28 Gaali mwana wa Ebedi akasema, “Abimeleki ni nani, na Shekemu ni nani, hata tumtumikie? Je, yeye si mwana wa Yerub-Baali? Naye Zebuli si ndiye msaidizi wake? Basi watumikieni watu wa Hamori, babaye Shekemu. Kwa nini tumtumikie Abimeleki?
Gaʼaal ilmi Ebeedis akkana jedhe; “Akka nu isaaf bulluuf Abiimelekii fi Sheekem eenyu? Abiimelek ilma Yerub-Baʼaal mitii? Zebulis itti aanaa isaa mitii? Isin namoota Hamoor abbaa Sheekem tajaajilaa! Nu maaliif Abiimelekin tajaajillaa?
29 Laiti watu hawa wangekuwa chini ya amri yangu! Basi mimi ningemwondoa huyo Abimeleki. Ningemwambia Abimeleki, ‘Ondoa jeshi lako lote.’”
Utuu sabni kun ajaja koo jala jiraatee silaa ani Abiimelekin lafa irraa nan balleessa ture; ‘Waraana kee dabaladhuutii gad baʼi!’ isaan nan jedhas ture.”
30 Zebuli aliyekuwa mtawala wa mji aliposikia aliyosema Gaali mwana wa Ebedi, akakasirika sana.
Zebul bulchaan magaalattii yeroo waan Gaʼaal ilmi Ebeed jedhe dhagaʼetti akka malee aare.
31 Akatuma ujumbe uende kwa Abimeleki kwa siri na kusema, “Gaali mwana wa Ebedi na ndugu zake wamekuja Shekemu, na wanauchochea mji huu kinyume chako.
Akkana jedhees dhoksaadhaan gara Abiimelekitti ergamoota erge; “Gaʼaal ilmi Ebeedii fi obboloonni isaa gara Sheekem dhufanii saba magaalaa sitti kakaasaa jiru.
32 Sasa, basi, usiku huu wewe uondoke na watu wako ili mje kuwavizia mashambani.
Kanaafuu atii fi namoonni kee halkaniin baatanii lafa qotiisaa keessa riphuu qabdu.
33 Kisha asubuhi wakati wa kuchomoza jua, amka mapema na ujipange dhidi ya huo mji. Wakati yeye na jeshi lililo pamoja naye watakapotoka kukabiliana nanyi, mwaweza kuwatendea kwa kadiri mnavyoweza.”
Ganama akkuma aduun baateenis magaalaa sana cabsaa seenaa. Yommuu Galaʼaalii fi namoonni isaa sitti dhufanittis waan harki kee hojjechuu malu kam iyyuu hojjedhu.”
34 Kwa hiyo Abimeleki pamoja na jeshi lake lote wakaondoka usiku na kujificha karibu na Shekemu wakiwa vikosi vinne.
Abiimelekis namoota isa wajjin turan hunda wajjin halkaniin kaʼee garee afuritti qoodamuudhaan Sheekemitti dhiʼaatee riphe.
35 Basi Gaali mwana wa Ebedi alikuwa ametoka nje akawa amesimama katika ingilio la mji wakati ule ule ambao Abimeleki na watu wake walipokuwa wanatoka sehemu zao za maficho.
Akkuma Gaʼaal ilmi Ebeed baʼee karra magaalaa sanaa irra dhaabateen, Abiimelek namoota isaa wajjin iddoo riphee ture sanaa itti gad baʼe.
36 Gaali alipowaona, akamwambia Zebuli, “Tazama, watu wanashuka kutoka kwenye vilele vya milima!” Zebuli akajibu, “Wewe unaona vivuli vya milima kana kwamba ni watu.”
Gaʼaal yommuu isaan argetti Zebuliin, “Kunoo namoonni fiixee gaarranii irraa gad dhufaa jiru!” jedhe. Zebulis deebisee, “Gaaddisa tulluuwwaniitu namoota sitti fakkaate” jedheen.
37 Lakini Gaali akasema tena, “Tazama, watu wanashuka kutoka katikati ya nchi na kikosi kimoja kinakuja kutoka Tabur-Ezeri na kikosi kingine kutoka upande wa Elon-Meonenimu.”
Gaʼaal garuu ammas deebisee, “Ilaali; namoonni handhuura lafaatii dhufaa jiru; gareen tokkos karaa muka abdaariitiin dhufaa jira” jedhe.
38 Ndipo Zebuli akamwambia, “Kuko wapi kujivuna kwako sasa, wewe uliyesema, ‘Huyo Abimeleki ni nani hata tumtumikie?’ Hawa si wale watu uliowadharau? Toka nje sasa ukapigane nao!”
Zebulis, “Ati kan, ‘Akka nu isaaf bulluuf Abiimelek kun eenyu?’ jette, oduun kee sun amma meerre? Namoonni ati tuffatte isaan kana mitii? Mee baʼiitii jara loli kaa!” jedheen.
39 Basi Gaali akatoka akawaongoza watu wa Shekemu kupigana na Abimeleki.
Kanaafuu Gaʼaal namoota Sheekem hoogganee Abiimelekin loluuf baʼe.
40 Abimeleki akamfukuza, watu wengi wakajeruhiwa katika kukimbia huko, njia nzima hadi kwenye ingilio la lango.
Abiimelekis isa ariʼe; innis duraa baqate; namoonni baayʼeenis madaaʼanii hamma karra magaalattiitti harcaʼan.
41 Abimeleki akakaa Aruma, naye Zebuli akawafukuza Gaali na ndugu zake watoke Shekemu.
Abiimelek Aruumaa keessa ture; Zebul immoo Gaʼaalii fi obboloota isaa ariʼee Sheekem keessaa baase.
42 Kesho yake watu wa Shekemu wakatoka wakaenda mashambani, Abimeleki akaambiwa juu ya jambo hili.
Guyyaa itti aanu namoonni Sheekem dirreetti baʼan; wanni kunis Abiimelekitti himame.
43 Hivyo akawachukua watu wake, akawagawanya katika vikosi vitatu na kuwaweka waviziao huko mashambani. Alipowaona watu wanatoka kwenda nje ya mji, akainuka dhidi yao na kuwashambulia.
Innis namoota isaa fudhatee garee sadiitti qoodee dirree irratti riphee eeggate. Yeroo namoota magaalaa kaʼanii dhufaa jiran argettis isaan loluudhaaf kaʼe.
44 Abimeleki pamoja na vile vikosi wakaharakisha kwenda mbele kwenye nafasi, mahali pa ingilio la lango la mji. Vile vikosi viwili vikawawahi wale waliokuwa mashambani na kuwaua.
Abiimelekii fi gareen isa wajjin turan gara karra magaalattiitti gugatan. Gareen hafan lamaan immoo gara warra dirree irratti baʼanii turaniitti fiiganii isaan fixan.
45 Siku hiyo nzima Abimeleki akazidisha mashambulizi yake dhidi ya mji hadi akawa ameuteka na kuwaua watu wa huo mji. Kisha akauangamiza mji na kusambaza chumvi juu yake.
Abiimelek gaafas guyyaa guutuu lolee magaalattii qabate; jiraattota ishees fixee magaalattii illee barbadeessee soogidda itti facaase.
46 Kwa kusikia jambo hili watu wote katika mnara wa Shekemu, wakaingia kwenye ngome ya hekalu la El-Berithi.
Namoonni gamoo Sheekem keessa jiraatan yommuu waan kana dhagaʼanitti gara daʼannoo mana sagadaa Elbiriititti ol galan.
47 Abimeleki aliposikia kuwa wamekusanyika huko,
Abiimelekis yommuu akka namoonni Sheekem achitti walitti qabaman dhagaʼetti,
48 yeye na watu wake wote wakakwea kwenye Mlima Salmoni. Abimeleki akachukua shoka, akakata baadhi ya matawi, ambayo aliyachukua mabegani. Akawaagiza wale watu waliokuwa pamoja naye kuwa, “Fanyeni kile mlichoona mimi nikifanya!”
namoota isaa hundumaa wajjin Tulluu Zalmoonitti ol baʼe. Abiimelekis qottoo harkatti qabatee dameewwan mukaa mummuree ol fuudhee gatiittii isaatti baate. Namoota isa wajjin jiraniinis, “Dafaa! Waanuma anaa godhu argitan sana godhaa!” jedhe.
49 Basi watu wote wakakata matawi na kumfuata Abimeleki. Wakayakusanya hayo matawi juu ya ngome na kuitia moto ili kuwachoma wale watu wote waliokuwa ndani yake. Hivyo watu wote katika mnara wa Shekemu, karibia watu 1,000 waume kwa wake, pia wakafa.
Namoonni hundinuus dameewwan mukaa mummuratanii Abiimelekin duukaa buʼan. Dameewwan sanas daʼannoo Sheekemonni itti baqatan sanatti irkisanii ibidda itti qabsiisan. Kanaafuu namoonni gamoo Sheekem keessa turan hundinuu dhiironnii fi dubartoonni gara kuma tokko taʼan dhuman.
50 Baadaye Abimeleki akaenda Thebesi na kuuzingira kwa jeshi na kuuteka.
Ergasiis Abiimelek gara Tebez dhaqee magaalaa sana marsee qabate.
51 Hata hivyo, ndani ya huo mji kulikuwa na mnara imara, ambako watu wote wa mji wanaume na wanawake, watu wote wa mji, walikimbilia ndani yake. Wakajifungia ndani yake na kupanda juu ya paa la mnara.
Taʼus waan gamoon jabaan tokko magaalaa sana keessa tureef jiraattonni magaalaa sanaa dhiiraa dubartiin utuu hin hafin itti baqatan. Keessaanis ofitti cufanii bantii isaatti ol baʼan.
52 Abimeleki akaja kwenye ule mnara na kuushambulia, lakini alipokaribia kwenye ingilio la mnara ili kuuchoma kwa moto,
Abiimelekis dhufee gamoo sana dhaʼe; yommuu inni ibiddaan gubuudhaaf balbala gamoo sanaatti dhiʼaatetti garuu,
53 mwanamke mmoja akaangusha sehemu ya juu ya jiwe la kusagia juu ya kichwa cha Abimeleki, likapasua fuvu la kichwa chake.
dubartiin tokko gubbaadhaa majii dhagaa itti gad dhiiftee buqqee mataa isaa cabsite.
54 Akamwita kwa haraka kijana yule aliyechukua silaha zake, na kumwambia, “Chukua upanga wako na uniue, watu wasije wakasema kwamba, ‘Mwanamke amemuua.’” Basi yule kijana akamchoma upanga, naye akafa.
Innis dafee dargaggeessa miʼa lolaa baatuuf tokko waamee, “Akka isaan, ‘dubartiitu isa ajjeese’ jechuu hin dandeenyeef goraadee kee luqqifadhuu na ajjeesi” jedheen. Kanaafuu dargaggeessi sun isa waraane; innis ni duʼe.
55 Waisraeli walipoona kuwa Abimeleki amekufa, kila mtu akaenda nyumbani kwake.
Israaʼeloonnis yommuu akka Abiimelek duʼe arganitti gara mana isaaniitti deebiʼan.
56 Hivyo ndivyo Mungu alivyolipiza uovu ule ambao Abimeleki alikuwa ameutenda kwa baba yake kwa kuwaua ndugu zake sabini.
Akkasiin Waaqni hammina Abiimelek obboloota isaa torbaatama qaluudhaan abbaa ofiitti hojjeteef gatii hojii isaa kenneef.
57 Mungu akawapatiliza watu wa Shekemu uovu wao juu ya vichwa vyao, na juu yao ikaja laana ya Yothamu mwana wa Yerub-Baali.
Akkasumas Waaqni hammina namoonni Sheekem hojjetan hunda matuma isaaniitti deebise. Abaarsi Yootaam ilma Yerub-Baʼaalis isaan irra gaʼe.

< Waamuzi 9 >