< Waamuzi 6 >
1 Waisraeli wakafanya tena yaliyo maovu mbele za Bwana, naye kwa miaka saba Bwana akawatia mikononi mwa Wamidiani.
Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; innis dabarsee waggaa torbaaf harka Midiyaanotaatti isaan kenne.
2 Mkono wa Midiani ukawa na nguvu dhidi ya Israeli na kwa ajili ya Wamidiani, Waisraeli wakajitengenezea mahali pa kujificha milimani, kwenye mapango na ngome.
Israaʼeloonni sababii harki Midiyaanotaa isaanitti jabaateef tulluuwwan irratti, holqaa fi daʼannoo jabaa keessatti ofii isaaniitiif iddoo jiraatanii fi iddoo itti daʼatan qopheeffatan.
3 Kila wakati Waisraeli walipopanda mazao mashambani, Wamidiani, Waamaleki na mataifa mengine ya mashariki walivamia nchi yao.
Yeroo Israaʼeloonni midhaan facaafatan hunda Midiyaanonni, Amaaleqoonnii fi namoonni baʼa biiftuu kaan dhufanii isaan weeraru turan.
4 Wakapiga kambi katika mashamba yao na kuharibu mazao ya nchi yote hadi kufikia Gaza, wala hawakuacha kiumbe chochote kilicho hai kwa Waisraeli, iwe kondoo au ngʼombe au punda.
Achis qubatanii midhaan hamma Gaazaatti jiru hundumaa balleessan; isaan waan lubbuu qabu hoolota, loon yookaan harroota tokko illee Israaʼelootaaf hin hambifne.
5 Walipanda na mifugo yao na mahema yao, mfano wa makundi ya nzige. Ilikuwa haiwezekani kuwahesabu watu na ngamia zao; wakavamia nchi ili kuiharibu.
Akkuma tuuta hawwaannisaattis horii fi dunkaana isaanii fudhatanii isaan irra yaaʼan. Namootaa fi gaalawwan isaanii lakkaaʼuun hin dandaʼamu ture; isaanis biyya sana barbadeessuudhaaf weeraran.
6 Waisraeli wakafanywa kuwa maskini sana na Wamidiani, hata Israeli wakamlilia Bwana kuomba msaada.
Sababii Midiyaanonni akka malee isaan hiyyoomsaniif Israaʼeloonni gargaarsa barbaacha gara Waaqayyootti iyyatan.
7 Waisraeli walipomlilia Bwana kwa sababu ya Wamidiani,
Yeroo Israaʼeloonni sababii Midiyaanotaatiif gara Waaqayyootti iyyatanitti,
8 Bwana akawapelekea nabii, ambaye aliwaambia, “Hili ndilo Bwana, Mungu wa Israeli, asemalo: Niliwapandisha mtoke Misri, toka nchi ya utumwa.
inni raajii akkana jedhee dubbatu tokko isaaniif erge; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani biyya Gibxi, biyya garbummaatii baaseen isin fide.
9 Nikawanyakua kutoka mikononi mwa Wamisri na kutoka mikononi mwa watesi wenu wote. Nikawafukuza watoke mbele yenu nami nikawapa ninyi nchi yao.
Ani humna warra Gibxii fi harka cunqursitootaa jalaa isin furee fuula keessan duraas ariʼee isaan baasee biyya isaanii isinii kenneera.
10 Nikawaambia, ‘Mimi ndimi Bwana Mungu wenu; msiiabudu miungu ya Waamori, ambayo mnakaa katika nchi yao!’ Lakini ninyi hamkuitii sauti yangu.”
Isiniinis, ‘Ani Waaqayyo Waaqa keessan; waaqota Amoorotaa kanneen isin biyya isaanii keessa jiraattan sanaa hin waaqeffatinaa’ jedheera. Isin garuu sagalee koo hin dhageenye.”
11 Malaika wa Bwana akaja akaketi chini ya mti wa mwaloni huko Ofra, ambao ulikuwa mali ya Yoashi, Mwabiezeri, ambako Gideoni mwanawe alikuwa akipepeta ngano penye shinikizo la kukamulia zabibu, ili kuificha Wamidiani wasiione.
Ergamaan Waaqayyoos ganda Ofraa jedhamu dhufee qilxuu Yooʼaash namicha sanyii Abiiʼezer sanaa jala taaʼe; Gidewoon ilmi Yooʼaash immoo akka Midiyaanonni hin argineef iddoo wayiniin itti cuunfamutti dhoksee qamadii dhaʼata ture.
12 Malaika wa Bwana alipomtokea Gideoni, akamwambia, “Bwana yu pamoja nawe, Ewe shujaa mwenye nguvu.”
Ergamaan Waaqayyoos isatti mulʼatee, “Yaa loltuu goota nana, Waaqayyo si wajjin jira” jedheen.
13 Gideoni akajibu, “Ee Bwana wangu, kama Bwana yu pamoja nasi, mbona mambo haya yote yametutokea? Yako wapi basi yale matendo yake makuu baba zetu waliyotusimulia juu yake waliposema, ‘Je, Bwana hakutupandisha kutoka Misri?’ Lakini sasa Bwana ametuacha na kututia katika mkono wa Midiani.”
Gidewoon garuu akkana jedhee deebise; “Garuu yaa gooftaa, utuu Waaqayyo nu wajjin jiraatee wanni kun hundi maaliif nurra gaʼa? Dinqiiwwan isaa kanneen abbootiin keenya, ‘Waaqayyo biyya Gibxiitii nu baaseera’ jedhanii nutti himan sun hundi eessa jiru ree? Amma garuu Waaqayyo nu dhiisee harka Midiyaanotaatti dabarsee nu kenneera.”
14 Bwana akamgeukia na kusema “Enenda kwa uwezo wako huu, ukawaokoe Israeli kutoka mikononi mwa Wamidiani. Je, si mimi ninayekutuma wewe?”
Waaqayyo gara Gidewoonitti garagalee, “Humna qabdu kanaan dhaqiitii harka Midiyaanotaa jalaa Israaʼeloota bilisa baasi. Anatu si ergaa jira mitii?” jedheen.
15 Gideoni akauliza, “Ee Bwana wangu, nitawezaje kuwaokoa Israeli? Ukoo wangu ndio dhaifu kuliko zote katika Manase, nami ndiye mdogo wa wote katika jamaa yangu.”
Gidewoon garuu, “Yaa Gooftaa, gosti koo sanyii Minaasee keessaa baayʼee dadhabaa dha; anis maatii koo keessaa nama gad aanaa dha. Egaa ani akkamittin saba Israaʼel bilisoomsuu dandaʼa ree?” jedhee gaafate.
16 Bwana akamjibu, “Nitakuwa pamoja nawe, nawe utawapiga Wamidiani kana kwamba walikuwa ni mtu mmoja.”
Waaqayyos, “Ani si wajjin jira; atis Midiyaanota hunda walitti qabdee dhoofta” jedhee deebiseef.
17 Gideoni akajibu, “Kama basi nimepata kibali machoni pako, nipe ishara kuonyesha kweli kwamba ni wewe unayesema nami.
Gidewoonis akkana jedhee deebise; “Yoo ani fuula kee duratti surraa argadhee jiraadhe, kan natti dubbachaa jiru dhugumaan siʼi taʼuu mallattoo na argisiisi.
18 Tafadhali ninakuomba usiondoke hapa mpaka nitakaporudi na kukuletea sadaka yangu na kuiweka mbele yako.” Naye Bwana akamwambia, “Nitangoja mpaka utakaporudi.”
Maaloo hamma ani deebiʼee aarsaa koo fidee fuula kee duratti dhiʼeessutti hin deemin.” Waaqayyos, “Ani hamma ati deebitutti sin eega” jedheen.
19 Gideoni akaingia ndani ya nyumba yake na kuandaa mwana-mbuzi pamoja na kuoka mikate isiyotiwa chachu kutokana na efa moja ya unga. Akaweka nyama kwenye kikapu na mchuzi kwenye chungu, akamletea huyo malaika hapo nje chini ya mti wa mwaloni na kumpa.
Gidewoon gara mana isaa deemee ilmoo reʼee tokko qalee qopheessee daakuu iifii tokkoo fuudhee buddeena raacitii hin qabne tolche. Foon sanas gundoo irra kaaʼee bishaan foon sanaa immoo okkoteetti naqee fiduudhaan qilxuu jalatti aarsaa isaaf dhiʼeesse.
20 Malaika wa Mungu akamwambia, “Itwae nyama na mikate isiyotiwa chachu, uviweke juu ya mwamba huu na umimine huo mchuzi juu yake.” Gideoni akafanya hivyo.
Ergamaan Waaqaas, “Foonii fi Maxinoo kana fuudhiitii kattaa kana irra kaaʼi; bishaan isaa immoo dhangalaasi” jedhe. Gidewoonis akkasuma godhe.
21 Malaika wa Bwana akainyoosha fimbo iliyokuwa mkononi mwake, ncha yake ikagusa ile nyama na ile mikate isiyotiwa chachu, nao moto ukatoka kwenye mwamba ukateketeza ile nyama na ile mikate. Malaika wa Bwana akatoweka kutoka machoni pake.
Ergamaan Waaqayyoo sunis fiixee ulee harka isaa tureetiin foonii fi Maxinoo sana tuqe. Ibiddi kattaa keessaa baʼee foonii fi Maxinoo sana nyaate. Ergamaan Waaqayyoos fuula isaa duraa dhabame.
22 Gideoni alipotambua kuwa ni malaika wa Bwana, akapiga kelele kwa mshangao, akasema, “Ole wangu, Bwana Mwenyezi! Kwa kuwa nimemwona malaika wa Bwana uso kwa uso!”
Gidewoon yommuu akka ergamaa Waaqayyoo arge beeketti, “Wayyoo, yaa Waaqayyo Gooftaa! Ani ifaan ifatti ergamaa Waaqayyoo argeeraatii!” jedhe.
23 Lakini Bwana akamwambia, “Amani iwe kwako! Usiogope. Hutakufa.”
Waaqayyo garuu, “Nagaan siif haa taʼu! Hin sodaatin, ati hin duutuutii” jedheen.
24 Hivyo Gideoni akamjengea Bwana madhabahu mahali pale na kupaita, Yehova-Shalom. Mpaka leo ingalipo imesimama huko Ofra ya Waabiezeri.
Kanaafuu Gidewoon Waaqayyoof achitti iddoo aarsaa ijaaree, “Waaqayyo Nagaa dha” jedhee moggaase. Iddoon aarsaa kun hamma harʼaatti lafa Abiiʼezerootaa irra iddoo Ofraa jedhamu dhaabateera.
25 Usiku ule ule Bwana akamwambia, “Mchukue ngʼombe dume wa baba yako, yaani, yule wa pili mwenye miaka saba, na ubomoe madhabahu ya Baali aliyo nayo baba yako, na ukaikate Ashera iliyo karibu nayo.
Waaqayyo halkanuma sana akkana isaan jedhe; “Karra loon abbaa keetii keessaa korma lammaffaa kan waggaa torba guute tokko fuudhi. Iddoo aarsaa kan abbaan kee Baʼaaliif tolche diigi; utubaa Aasheeraa kan isa bira dhaabames jigsi.
26 Kisha mjengee Bwana Mungu wako, madhabahu halisi, kwa taratibu zake, juu ya huu mwamba. Kwa kutumia kuni za hiyo nguzo ya Ashera uliyoikatakata, mtoe sadaka huyo dume wa pili kuwa sadaka ya kuteketezwa.”
Fiixee gaara kanaa irrattis Waaqayyo Waaqa keetiif iddoo aarsaa bareedaa isaa tolchi. Qoraan utubaa Aasheeraa kan jigsite sanattis fayyadamii korma lammaffaa sana aarsaa gubamu godhiitii dhiʼeessi.”
27 Basi Gideoni akawachukua watumishi wake kumi na kufanya kama Bwana alivyomwambia. Lakini kwa kuwa aliwaogopa jamaa yake na watu wa mji, akafanya haya usiku badala ya mchana.
Gidewoonis hojjettoota isaa keessaa nama kudhan fudhatee akkuma Waaqayyo isatti hime sana godhe. Garuu waan maatii isaatii fi namoota magaalaa sana jiraatan sodaateef guyyaa adiin gochuu irra halkan filate.
28 Watu wa mji walipoamka asubuhi, tazama madhabahu ya Baali imebomolewa na nguzo ya Ashera iliyokuwa karibu nayo imekatwakatwa na yule ngʼombe wa pili ametolewa sadaka juu ya madhabahu yaliyojengwa upya!
Ganama barii yommuu namoonni magaalaa sanaa hirribaa kaʼanitti iddoon aarsaa Baʼaal diigamee, utubaan Aasheeraas kufee kormi lammaffaan iddoo aarsaa haaraa tolfame sana irratti qalamee ture!
29 Wakaulizana, “Ni nani aliyetenda mambo haya?” Walipochunguza kwa makini, wakaambiwa, “Ni Gideoni mwana wa Yoashi, ndiye alitenda hivi.”
Isaanis, “Eenyutu waan kana hojjete?” jedhanii wal gaafatan. Yommuu gad fageenyaan qoratanittis, “Gidewoon ilma Yooʼaashitu waan kana godhe” jedhan.
30 Watu wa mji wakamwambia Yoashi, “Mlete mwanao hapa. Ni lazima afe, kwa sababu amebomoa madhabahu ya Baali na kukatakata nguzo ya Ashera iliyokuwa karibu nayo.”
Namoonni magaalaa sanaas Yooʼaashiin, “Ilma kee gad baasi. Inni sababii iddoo aarsaa Baʼaal diigee utubaa Aasheeraas jigseef ajjeefamuu qaba” jedhan.
31 Lakini Yoashi akauambia ule umati uliokuwa umezunguka ukiwa kinyume naye, “Je, ninyi mtamtetea Baali? Mnajaribu kumwokoa? Yeyote mwenye kumpigania atauawa kufikia kesho asubuhi! Kama Baali ni mungu kweli, anaweza kujitetea mwenyewe wakati mtu anapobomoa madhabahu yake.”
Yooʼaash garuu saba aariidhaan guutamee isa marse sanaan akkana jedhe; “Isin Baʼaaliif falmuu barbaaddu? Isas oolchuu feetuu? Namni isaaf falmu yoo jiraate inni ganama haa duʼu! Baʼaal utuu dhugumaan Waaqa taʼee yommuu namni tokko iddoo aarsaa isaa diigu inni of irraa dhowwuu dandaʼa ture.”
32 Basi siku ile wakamwita Gideoni “Yerub-Baali,” yaani, “Baali na ashindane naye,” kwa sababu alibomoa madhabahu yake.
Kanaafuu isaan sababii inni iddoo aarsaa isaa jalaa diigeef, “Baʼaal mataan isaa haa falmatu” jechuudhaan Gidewooniin, “Yerub-Baʼaal” jedhanii waaman.
33 Basi Wamidiani wote, Waamaleki na mataifa mengine ya mashariki wakaunganisha majeshi yao, wakavuka ngʼambo ya Yordani na kupiga kambi katika Bonde la Yezreeli.
Ergasiis Midiyaanonni hundi, Amaaleqoonnii fi namoonni karaa baʼa biiftuu humna isaanii walitti dabalatanii Yordaanos ceʼuudhaan Sulula Yizriʼeel keessa qubatan.
34 Ndipo Roho wa Bwana akamjia Gideoni, akapiga tarumbeta, akiwaita Waabiezeri ili wamfuate.
Hafuurri Waaqayyoos dhufee Gidewoon irra buʼe; innis akka Abiiʼezeroonni isa duukaa buʼaniif waamuuf malakata afuufe.
35 Akatuma wajumbe waende katika Manase yote, akiwataka wachukue silaha na pia katika Asheri, Zabuloni na Naftali, nao wakakwea ili kukutana nao.
Guutummaa Minaasee keessas ergamoota ergate; isaanis isa duukaa buʼuuf walitti qabaman; akkasumas gara Aasheer, Zebuuloonii fi Niftaalemitti ergate; isaanis jara simachuuf gad yaaʼan.
36 Gideoni akamwambia Mungu, “Kama utawaokoa Waisraeli kwa mkono wangu, kama ulivyoahidi:
Gidewoonis Waaqaan akkana jedhe; “Yoo ati akkuma waadaa galtetti harka kootiin Israaʼel furte,
37 tazama, nitaweka ngozi ya kondoo kwenye kiwanja cha kupuria nafaka, na kama utakuwepo umande juu ya ngozi tu, nayo ardhi yote ikiwa kavu, ndipo nitakapojua kuwa utaokoa Israeli kwa mkono wangu, kama ulivyosema.”
kunoo, ani wayyaa rifeensa hoolaa irraa hojjetame tokko oobdii irra nan diriirsa. Yoo rifeensa hoolaa sana qofa irra fixeensi buʼee lafti immoo goggogaa taʼe, ani akka ati akkuma jette sana harka kootiin Israaʼel furtu nan beeka.”
38 Hivyo ndivyo ilivyotokea. Gideoni akaamka asubuhi na mapema kesho yake, akaikamua ile ngozi, umande ukatoka, maji ya kujaa bakuli.
Wanni sunis akkasuma taʼe. Gidewoonis guyyaa itti aanu ganamaan kaʼe; yeroo inni wayyaa rifeensa hoolaa irraa hojjetame sana micciirettis bishaan waciitii guutuutu keessaa cuunfame.
39 Kisha Gideoni akamwambia Bwana, “Usinikasirikie. Ninaomba nifanye ombi moja lingine. Niruhusu nifanye jaribio jingine moja kwa ngozi hii. Wakati huu uifanye ngozi hii kavu na ardhi yote ifunikwe na umande.”
Kana irratti Gidewoon Waaqaan, “Natti hin dheekkamin. Amma illee waan tokkon si gaafadha. Akka ani rifeensa hoolaa sana irratti yaalii biraa godhuuf naa eeyyami. Amma immoo rifeensa sana goggogsiitii fixeensa lafatti uffisi.”
40 Usiku ule Mungu akafanya hivyo. Ngozi ile ilikuwa kavu, nayo ardhi yote ikafunikwa na umande.
Waaqnis halkan sana akkasuma godhe. Rifeensa hoolaa sana qofatu goggogaa ture; lafti guutuun fixeemsaan haguugamee ture.