< Yoshua 9 >
1 Basi ikawa wafalme wote waliokuwa magharibi mwa Yordani waliposikia juu ya haya yote, wale waliokuwa katika nchi ya vilima, upande wa magharibi mwa vilima na katika pwani yote ya hiyo Bahari Kuu, hadi kufikia Lebanoni (wafalme wa Wahiti, Waamori, Wakanaani, Waperizi, Wahivi na Wayebusi),
Mootonni Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi Yebuusotaa kanneen gama lixa Yordaanos biyya gaaraa, lafa gammoojjiitii fi qarqara Galaana Guddichaa kan hamma Libaanoonitti jiru keessa jiraatan yommuu waan kana dhagaʼanitti,
2 wakajiunga pamoja ili kupigana vita dhidi ya Yoshua na Israeli.
Iyyaasuu fi Israaʼelitti waraana banuuf walitti qabaman.
3 Hata hivyo, watu wa Gibeoni waliposikia juu ya hayo yote Yoshua aliyowatendea watu wa Yeriko na Ai,
Namoonni Gibeʼoon garuu yommuu waan Iyyaasuun Yerikoo fi Aayi godhe dhagaʼanitti,
4 nao wakaamua kufanya hila: Wakajifanya kama wajumbe wakiwa na punda waliobebeshwa mizigo wakiwa na magunia yaliyochakaa na viriba vya mvinyo vikuukuu vyenye nyufa zilizozibwa.
isaanis gama isaaniitiin daba hojjechuuf mariʼatan; isaanis nama karaa deemu fakkaatanii keeshaa moofaʼee fi qalqalloo daadhii wayinii kan dulloomee tarsaʼee erbame harree isaaniitti feʼatanii qajeelan.
5 Walivaa miguuni mwao viatu vilivyoraruka na kushonwa kisha wakavaa nguo kuukuu. Chakula chao kilikuwa mkate uliokauka na kuingia koga.
Kophee moofaʼee erbame miillatti kaaʼatanii wayyaa moofaʼe uffatan. Buddeenni isaan fudhatanii deeman hundis goggogaa fi kan arraaʼee ture.
6 Ndipo wakamwendea Yoshua kambini huko Gilgali wakamwambia yeye pamoja na watu wa Israeli, “Tumetoka katika nchi ya mbali, fanyeni mkataba nasi.”
Isaanis qubata Gilgaalitti Iyyaasuu bira dhaqanii isaa fi namoota Israaʼeliin, “Nu biyya fagoodhaa dhufne; kanaafuu kottaa walii galtee godhannaa” jedhan.
7 Basi watu wa Israeli wakawaambia hao Wahivi, “Lakini huenda mnakaa karibu nasi, twawezaje basi kufanya mapatano nanyi?”
Namoonni Israaʼel immoo Hiiwotaan, “Tarii isin asuma nutti dhiʼoo jiraattu taʼa; yoos nu akkamiin isin wajjin walii galtee godhachuu dandeenya ree?” jedhan.
8 Wakamwambia Yoshua, “Sisi ni watumishi wako.” Yoshua akawauliza, “Ninyi ni nani, nanyi mnatoka wapi?”
Isaan garuu Iyyaasuudhaan, “Nu garboota kee ti” jedhan. Iyyaasuunis, “Isin eenyuu dha? Eessaa dhuftani?” jedhee isaan gaafate.
9 Nao wakamjibu: “Watumishi wako wametoka nchi ya mbali sana kwa ajili ya umaarufu wa Bwana Mungu wenu. Kwa kuwa tumesikia taarifa zake: hayo yote aliyofanya huko Misri,
Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; “Nu garboonni kee sababii maqaa Waaqayyo Waaqa keetii dhageenyeef biyya akka malee fagootii dhufne. Nu oduu waaʼee isaatii fi waan inni biyya Gibxii keessatti hojjete hundumaa dhageenyeerraatii;
10 pia yale yote aliyowatendea wafalme wawili wa Waamori mashariki ya Yordani; huyo Sihoni mfalme wa Heshboni na Ogu mfalme wa Bashani, aliyetawala huko Ashtarothi.
waan inni mootota Amoorotaa lamaan warra gama baʼa Yordaanos jiraatan jechuunis Sihoon mootii Heshboonii fi Oogi mootii Baashaan kan Ashtaaroti bulchaa ture sana godhe hundumaa dhageenyeerra.
11 Basi wazee wetu na wale wote wanaoishi katika nchi yetu walituambia, ‘Chukueni chakula cha safari; nendeni mkakutane na watu hao na kuwaambia, “Sisi tu watumishi wenu, fanyeni mapatano nasi.”’
Maanguddoonni keenyaa fi jiraattonni biyya keenyaa hundinuu, ‘Karaa keessaniif waan nyaattan harkatti qabadhaatii isaan arguu dhaqaa, “Nu garboota keessanii dha; kanaafuu kottaa walii galtee godhannaa” jedhaanii’ nuun jedhan.
12 Mkate huu wetu ulikuwa wa moto tulipoufunga siku tulipoanza safari kuja kwenu, lakini sasa angalia jinsi ulivyokauka na kuota ukungu.
Buddeenni keenya kun gaafa nu hidhannee gara keessan dhufuuf manaa baane hoʼaa ture. Amma garuu akka inni goggogee arraaʼe argaa.
13 Viriba hivi vya mvinyo vilikuwa vipya tulipovijaza, lakini ona jinsi vilivyo na nyufa. Nguo zetu na viatu vimechakaa kwa ajili ya safari ndefu.”
Qalqalloon nu daadhii wayinii itti guutanne kunis haaraa ture; amma garuu akka inni tatarsaʼe ilaalaa. Uffanni keenyaa fi kopheen keenyas deemsa karaa dheeraa kanaan nu jalaa dhumeera.”
14 Basi watu wa Israeli wakavikagua vyakula vyao bila kupata shauri kutoka kwa Bwana.
Namoonni Israaʼel galaa isaanii irraa waa fudhatan malee Waaqayyoon gorsa hin gaafanne.
15 Ndipo Yoshua akafanya mapatano ya amani pamoja nao kuwaacha waishi, nao viongozi wa kusanyiko wakathibitisha kwa kiapo.
Iyyaasuunis akka isaan jiraataniif isaan wajjin walii galtee nagaa godhe; hooggantoonni waldaas waan kana kakuudhaan mirkaneessan.
16 Siku ya tatu baada ya hao kufanya mapatano na Wagibeoni, Waisraeli wakapata habari kuwa hao watu ni jirani zao waliokuwa wanaishi karibu nao.
Warri Israaʼel immoo erga Gibeʼoonota wajjin walii galtee godhatan guyyaa sadii booddee akka jarri warra naannoo isaanii kanneen isaanitti dhiʼoo jiraatan taʼan dhagaʼan.
17 Ndipo wana wa Israeli wakasafiri na siku ya tatu wakafika kwenye miji yao ya Gibeoni, Kefira, Beerothi na Kiriath-Yearimu.
Kanaafuu Israaʼeloonni kaʼanii guyyaa sadaffaatti gara magaalaa isaanii jechuunis gara Gibeʼoon, Kefiiraa, gara Biʼeerootii fi Kiriyaati Yeʼaariim dhufan.
18 Lakini Waisraeli hawakuwashambulia kwa kuwa viongozi wa kusanyiko walikuwa wamewaapia kwa Bwana, Mungu wa Israeli. Kusanyiko lote likanungʼunika dhidi ya hao viongozi,
Israaʼeloonni garuu sababii hooggantoonni waldaa maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliitiin isaaniif kakatanii turaniitiif isaan hin tuqne. Waldaan sun guutuunis hooggantootatti guungume;
19 lakini viongozi wote wakawajibu, “Tumeshawaapia kwa Bwana, Mungu wa Israeli, kwa hiyo hatuwezi kuwagusa sasa.
hooggantoonni hundi garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin isaanii kakanneerra; kanaafuu nu amma isaan tuquu hin dandeenyu.
20 Hivi ndivyo tutakavyowafanyia: Tutawaacha waishi, ili ghadhabu isije juu yetu kwa kuvunja kiapo tulichowaapia.”
Wanni nu isaan goonu kana: Akka kakuu isaanii kakanne sana cabsinee dheekkamsi nurra hin buuneef akka isaan jiraataniif ittuma dhiifna.”
21 Wakaendelea kusema, “Waacheni waishi, lakini wawe wapasua kuni na wachota maji kwa ajili ya jamii yote.” Hivyo ahadi waliyoweka viongozi kwao ikawa hivyo.
Hooggantoonni sunis ittuma fufanii, “Jarri haa jiraatan; garuu guutummaa sabaatiif warra muka muranii fi warra bishaan waraaban haa taʼan” jedhan. Akkasiinis kakuun hooggantoonni isaaniif galan sun ni eegame.
22 Kisha Yoshua akawaita Wagibeoni na kuwaambia, “Kwa nini mmetudanganya kwa kutuambia, ‘Tunaishi mbali nanyi,’ wakati ambapo ninyi mnaishi karibu nasi?
Iyyaasuunis Gibeʼoonota ofitti waamee akkana jedheen; “Isin maaliif utuma nutti dhiʼoo jiraattanuu, ‘Nu biyya isin irraa fagoo taʼe keessa jiraanna’ jettanii nu gowwoomsitan?
23 Sasa mko chini ya laana: Daima mtakuwa wapasua kuni na wachota maji kwa ajili ya nyumba ya Mungu wangu.”
Isin amma abaarsa jala jirtu; tokkoon keessan iyyuu mana Waaqa kootiif muka muruu fi bishaan waraabuu jalaa hin baatan.”
24 Wakamjibu Yoshua, “Watumwa wako waliambiwa waziwazi jinsi Bwana Mungu wenu alivyomwamuru mtumishi wake Mose kuwapa ninyi nchi hii yote na kuwaangamiza wakazi wake wote toka mbele zenu. Kwa hiyo tuliogopa mno kwa ajili ya uhai wetu kwa sababu yenu, ndiyo maana tukafanya neno hili.
Isaanis akkana jedhanii Iyyaasuuf deebii kennan; “Akka Waaqayyo Waaqni kee akka Museen biyyaattii guutuu isinii kennuu fi akka inni warra achi jiraatan hunda fuula keessan duraa balleesuuf garbicha isaa Musee ajaje nu garboota keetti dhugumaan himameera. Kanaafuu nu sababii keessaniif jennee lubbuu keenyaaf sodaanne; wanni nu waan kana gooneefis kanuma.
25 Sasa tupo mikononi mwako. Tufanyieni lolote mnaloona kuwa jema na haki kwako.”
Nu kunoo amma harka kee keessa jirra. Atis waan gaarii fi qajeelaa seete hundumaa nurratti raawwadhu.”
26 Kwa hiyo Yoshua akawaokoa mikononi mwa Waisraeli, nao hawakuuawa.
Kanaafuu Iyyaasuun Israaʼeloota duraa isaan baase; Israaʼeloonnis isaan hin ajjeefne.
27 Siku hiyo Yoshua akawafanya Wagibeoni wapasua kuni na wachota maji kwa ajili ya jamii na kwa ajili ya madhabahu ya Bwana mahali pale ambapo Bwana angepachagua. Hivyo ndivyo walivyo hadi hivi leo.
Innis guyyuma sana Gibeʼoonota sana saba hundaaf, akkasumas iddoo Waaqayyo filatutti iddoo aarsaa Waaqayyootiif warra muka muranii fi warra bishaan waraaban isaan godhe. Isaanis hamma harʼaatti kanuma hojjetu.