< Yoshua 8 >

1 Ndipo Bwana akamwambia Yoshua, “Usiogope, wala usivunjike moyo. Chukua jeshi lote la vita uende pamoja nalo kuishambulia Ai. Kwa kuwa nimeshamweka mikononi mwako mfalme wa Ai, pamoja na watu wake, mji wake na nchi yake.
Ergasiis Waaqayyo Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Hin sodaatin yookaan abdii hin kutatin. Loltoota hunda fudhadhuutii ol baʼii magaalaa Aayi loli. Ani kunoo mootii Aayi, nama isaa, magaalaa isaatii fi biyya isaa harka keetti dabarsee kenneeraatii.
2 Utafanya Ai na mfalme wake kama ulivyofanya kwa mji wa Yeriko na mfalme wake, isipokuwa mnaweza kuchukua mateka wake na mifugo wake, kwa ajili yenu. Weka waviziaji upande wa nyuma ya mji.”
Akkuma Yerikoo fi mootii ishee goote sana, Aayii fi mootii ishee illee goota; yeroo kana garuu boojuu fi horii ishee ofii keessanii fudhachuu dandeessu. Nama riphee magaalattii eegu karaa duubaatiin kaaʼi.”
3 Basi Yoshua na jeshi lote wakainuka kushambulia Ai. Akachagua watu mashujaa elfu thelathini walio bora miongoni mwa wapiganaji wake, akawapeleka wakati wa usiku
Iyyaasuu fi loltoonni hundinuus kaʼanii Aayin loluuf baʼan. Innis loltoota isaa warra jajjaboo keessaa nama kuma soddoma filatee halkaniin erge;
4 akiwaagiza: “Sikilizeni kwa makini. Mtavizia nyuma ya mji. Msiende mbali sana na mji. Wote kuweni macho.
akkanas jedhee isaan ajaje: “Mee qalbiidhaan na dhagaʼaa. Isin boroo magaalaatti riphxu. Guddiftanii irraa hin fagaatinaa. Hundi keessan qophaaʼaa.
5 Mimi na watu walio pamoja nami, tutaukabili mji, kisha itakuwa hapo watu watakapotoka nje kupigana nasi, kama walivyofanya hapo kwanza, sisi tutawakimbia.
Anii fi warri na wajjin jiran hundi magaalaa sanatti dhiʼaanna; yommuu namoonni akkuma duraa sana fuula duraan nutti dhufan nu isaan duraa baqanna.
6 Watatufuatilia mpaka tutakapokuwa tumewavuta mbali na mji kwa kuwa watasema, ‘Wanatukimbia, kama walivyofanya hapo awali.’ Hivyo tutakapowakimbia,
Isaanis sababii, ‘Jarri kun akkuma duraa sana nu baqachaa jiru’ nuun jedhaniif, hamma nu magaalaa sana irraa isaan fageessinutti nu duukaa buʼu. Kanaafuu yommuu nu isaan baqannutti,
7 ninyi inawapasa mwinuke mtoke huko mafichoni na kuuteka mji. Bwana Mungu wenu atautia mkononi mwenu.
isin immoo iddoo itti riphxanii kaatanii magaalaa sana qabattu. Waaqayyo Waaqni keessanis magaalaa sana harka keessanitti dabarsee ni kenna.
8 Mtakapokuwa mmeuteka mji, uteketezeni kwa moto. Fanyeni kama vile Bwana alivyoamuru. Angalieni, nimewaagiza.”
Isin yommuu magaalaa sana qabattanitti ibidda itti qabsiisaa. Waan kanas akkuma Waaqayyo ajajetti hojjedhaa. Kunoo ani isin ajajeera.”
9 Ndipo Yoshua akawatuma watu, nao wakaenda mahali pa kujificha, wakawa wanavizia kati ya Betheli na Ai, kuelekea upande wa magharibi wa Ai, lakini Yoshua akalala miongoni mwa watu usiku huo.
Ergasii Iyyaasuun isaan erge; isaanis gara iddoo itti riphan kan gama baʼa Aayitiin Beetʼeelii fi Aayi gidduu jiru sanaa dhaqan; Iyyaasuun garuu halkan sana uummata wajjin bule.
10 Asubuhi na mapema siku iliyofuatia, Yoshua akawakutanisha watu wake, na yeye na viongozi wa Israeli wakawa mbele ya watu kwenda Ai.
Guyyaa itti aanu ganama barii Iyyaasuun namoota ofii isaa walitti qabatee innii fi maanguddoonni Israaʼel namoota dura Aayitti ol qajeelan.
11 Watu wote wa vita waliokuwa pamoja naye walipanda, wakakaribia na kufika mbele ya mji. Wakapiga kambi kaskazini mwa Ai, pakiwa na bonde kati yao na huo mji.
Loltoonni isa wajjin turan hundinuu ol baʼanii fuula duraan magaalattiitti dhiʼaatanii karaa kaaba Aayitiin qubatan. Sululli tokkos isaanii fi magaalattii gidduutti argama ture.
12 Yoshua alikuwa amewachukua watu wapatao elfu tano, akawaweka katika uavizi kati ya Betheli na Ai, upande wa magharibi wa mji.
Iyyaasuun nama gara kuma shan fudhatee gama lixa magaalattiitiin Beetʼeelii fi Aayi gidduutti riphsiise.
13 Wakawaweka askari katika maeneo yao: wale wote waliokuwa kambini wakawa kaskazini ya mji na wale waliokuwa wakivizia wakawa upande wa magharibi. Usiku huo Yoshua akaenda katika lile bonde.
Isaanis namoota, jechuunis loltoota gama kaaba magaalattiitiin turan hundaa fi warra dugda duubaan gama lixaatiin riphanii turan iddoo iddoo isaanii qabsiisan. Iyyaasuun garuu gara sululaatti gad buʼee halkan sana achi bule.
14 Mfalme wa Ai alipoona jambo hili, yeye pamoja na watu wote wa mji wakatoka kwa haraka asubuhi na mapema, ili kukutana na Israeli katika vita mahali fulani panapotazamana na Araba. Lakini hakujua kwamba kulikuwa kumewekwa waviziaji dhidi yake nyuma ya mji.
Mootiin Aayi yommuu waan kana argetti, innii fi namoonni magaalaa sanaa hundinuu iddoo Arabbaan olii tokkotti Israaʼelootaan wal waraanuuf ganama bariin ariifatanii baʼan. Inni garuu akka waraanni riphee dugda magaalaa sanaa duubaan isa eeggatu hin beekne.
15 Yoshua na Israeli wote wakaruhusu kurudishwa nyuma mbele yao, na kuelekea jangwani.
Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi waan ariʼaman of fakkeessanii dugda duubatti deebiʼanii fuula isaanii dura gara gammoojjiitti baqatan.
16 Watu wote wa Ai wakaitwa ili kuwafuatia, nao wakavutwa kumfuatia Yoshua mbali na mji.
Namoonni Aayi hundinuus akka Israaʼeloota ariʼaniif walitti waamaman; isaanis Iyyaasuu faana buʼanii akkasiin magaalattii irraa fageeffaman.
17 Hakuna hata mwanaume mmoja aliyebakia Ai wala Betheli ambaye hakufuatia Israeli. Wakauacha mji wazi na kuwafuatia Israeli.
Namni Israaʼeloota faana buʼee ariʼuuf hin baʼin tokko iyyuu Aayi yookaan Beetʼeel keessatti hin hafne. Magaalattiis eegumsa malee hambisanii Israaʼeloota ariʼuuf baʼan.
18 Ndipo Bwana akamwambia Yoshua, “Inua huo mkuki ulio mkononi mwako kuuelekeza Ai, kwa kuwa nitautia huo mji mkononi mwako.” Hivyo Yoshua akauelekeza mkuki wake Ai.
Waaqayyos Iyyaasuudhaan, “Sababii ani magaalattii harka keetti dabarsee kennuuf, eeboo harkaa qabdu gara Aayitti deebifadhu” jedhe. Kanaafuu Iyyaasuun eeboo isaa gara Aayitti deebifate.
19 Mara tu alipofanya hivi, wale watu waliokuwa mavizioni wakaondoka upesi kutoka mahali pao na kukimbilia mbele. Wakaingia ndani ya mji, wakauteka na kuutia moto kwa haraka.
Akkuma inni waan kana godheen warri riphanii eeggachaa turan sun dafanii iddoo isaaniitii kaʼanii fuul duratti fiigan. Isaanis magaalattii seenanii qabatan; dafaniis ibidda itti qabsiisan.
20 Watu wa Ai wakaangalia nyuma, wakauona moshi wa huo mji ukielekea angani lakini hawakuwa na nafasi ya kutoroka kwa upande wowote, kwa kuwa wale Waisraeli waliokuwa wanawakimbia kuelekea jangwani walikuwa wamegeuka nyuma kuwakabili wakimbizaji wao.
Namoonni Aayi yommuu garagalanii of duuba ilaalanitti aara magaalattii kan samiitti ol kaʼu argan; garuu sababii Israaʼeloonni duraan gara gammoojjiitti baqatan sun amma warra isaan ariʼaa jiranitti garagalaniif, jarri eessumattuu baqachuuf carraa tokko illee hin arganne.
21 Basi Yoshua na Israeli wote walipoona kwamba waviziaji wameshauteka mji na moshi ulikuwa unapaa juu kutoka kwenye mji, wakawageukia watu wa Ai na kuwashambulia.
Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundinuu yommuu akka warri riphee eeggachaa ture sun magaalattii qabatee fi akka aarri magaalattii irraa kaʼu arganitti of irra garagalanii namoota Aayi dhaʼan.
22 Wale waviziaji nao pia wakatoka nje ya mji dhidi yao, hivi kwamba wakashikiwa katikati, Waisraeli wakiwa pande zote mbili. Israeli wakawaua, bila kuwaachia yeyote aliyenusurika wala aliyetoroka.
Namoonni riphanii turanis magaalaadhaa baʼanii isaanitti dhufan; kanaafuu Israaʼeloonni gamanaa gamasiin isaan marsanii jarri Israaʼeloota gidduutti qabaman. Israaʼeloonnis akka namni tokko iyyuu hin hafneef yookaan baqatee hin miliqneef isaan fixan.
23 Lakini wakamchukua mfalme wa Ai akiwa hai na kumleta kwa Yoshua.
Mootii Aayi garuu lubbuudhumaan qabanii Iyyaasuutti fidan.
24 Israeli ilipomaliza kuwaua wanaume wote wa Ai katika mashamba na jangwani walipokuwa wamewafukuzia, na baada ya kila mmoja wao kuuawa kwa upanga, Waisraeli wote wakarudi Ai na kuwaua wale waliokuwa wamebakia mjini.
Israaʼeloonni yommuu dhiirota Aayi hunda dirree fi gammoojjii jarri itti Israaʼeloota ariʼan sanatti qalanii isaan fixanitti, Israaʼeloonni hundinuu gara Aayitti dachaʼanii warra achitti hafes goraadeedhaan barbadeessan.
25 Watu kumi na mbili elfu, waume kwa wake, waliangamia siku ile, yaani watu wote wa Ai.
Namoonni Aayi kanneen gaafasi dhuman dhiiraa dubartiin kuma kudha lama turan.
26 Kwa maana Yoshua hakuurudisha ule mkono wake uliokuwa umeuinua mkuki hadi alipomaliza kuwaangamiza wote walioishi Ai.
Iyyaasuun hamma namoota Aayi keessa jiraatan hunda fixutti harka isaa kan diriirfatee ittiin eeboo qabate sana hin dachaafanne tureetii.
27 Lakini Israeli wakajichukulia mifugo na nyara za mji huu, kama vile Bwana alivyokuwa amemwagiza Yoshua.
Israaʼel garuu akkuma Waaqayyo Iyyaasuu ajajetti horii fi boojuu magaalattii qofa fudhate.
28 Kwa hiyo Yoshua akauchoma moto mji wa Ai na kuufanya kuwa lundo la magofu la kudumu, mahali pa ukiwa hadi leo.
Akkasitti Iyyaasuun Aayin gubee tuulaa daaraa godhe hambise; hamma harʼaattis isheen akkuma barbadooftetti jirti.
29 Akamwangika mfalme wa Ai kwenye mti na kumwacha hapo mpaka jioni. Wakati wa jua kutua, Yoshua akawaamuru wautoe mwili wake kwenye mti na kuutupa kwenye ingilio la lango la mji. Kisha wakalundika mawe makubwa mengi juu yake, ambayo yamesalia mpaka leo.
Innis mootii Aayi muka irratti fannisee hamma biiftuun lixxutti achumatti isa dhiise. Iyyaasuun yommuu aduun dhiitetti akka isaan reeffa isaa muka irraa gad buusanii karra magaalattii duratti darbatan isaan ajaje. Isaanis tuulaa dhagaa guddaa hamma harʼaattis jiru reeffa sana irratti tuulan.
30 Kisha Yoshua akajenga madhabahu ya Bwana, Mungu wa Israeli, katika Mlima wa Ebali,
Ergasii Iyyaasuun Tulluu Eebaal irratti Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif iddoo aarsaa ijaare.
31 kama Mose mtumishi wa Bwana alivyokuwa amewaamuru Waisraeli. Akaijenga sawasawa na ilivyoandikwa katika Kitabu cha Sheria ya Mose: madhabahu ya mawe yasiyochongwa, ambayo juu yake hakuna chombo cha chuma kilichotumika. Hapo juu yake wakamtolea Bwana sadaka za kuteketezwa na kutoa sadaka za amani.
Iddoo aarsaa kanas akkuma Museen garbichi Waaqayyoo Israaʼeloota ajaje sanatti hojjete. Innis akkuma Kitaaba Seera Musee keessatti barreeffametti dhagaa hin soofamin kan sibiilli hin tuqiniin hojjete; isa irrattis aarsaa gubamu dhiʼeessanii aarsaa nagaas Waaqayyoof qalan.
32 Pale, mbele ya Waisraeli Yoshua akanakili juu ya hayo mawe sheria ya Mose, aliyokuwa ameiandika.
Iyyaasuunis achumatti fuula Israaʼelootaa duratti, seera Museen barreessee ture sana dhagaa irratti garagalche.
33 Israeli yote, wageni na wazawa sawasawa, wakiwa na wazee wao, maafisa na waamuzi, walikuwa wamesimama pande zote mbili za Sanduku la Agano la Bwana, wakiwaelekea wale waliokuwa wamelichukua, yaani makuhani, ambao ni Walawi. Nusu ya watu ilisimama mbele ya Mlima Gerizimu na nusu hiyo ingine ikasimama mbele ya Mlima Ebali, kama vile Mose mtumishi wa Bwana alivyokuwa ameamuru hapo mwanzo alipotoa maagizo ya kuwabariki watu wa Israeli.
Israaʼeloonni hundinuu, alagaa fi dhalataan biyyaa, maanguddoota isaanii wajjin, ajajjoota loltootaatii fi abbootii seeraa wajjin, Lewwota luboota taʼan kanneen taabota kakuu Waaqayyoo baatan sanatti fuula deebifatanii bitaa mirgaan dhadhaabatan. Akkuma Museen garbichi Waaqayyoo akka isaan saba Israaʼel eebbisaniif jalqabatti isaan ajaje sanatti walakkaan isaanii Tulluu Gerziim dura dhadhaabatanii walakkaan isaanii immoo Tulluu Eebaal dura dhadhaabatan.
34 Hatimaye, Yoshua akasoma maneno yote ya sheria, yaani baraka na laana, kama vile ilivyoandikwa katika Kitabu cha Sheria.
Ergasiis Iyyaasuun akkuma Kitaaba Seeraa keessatti barreeffametti dubbii seeraa hunda kan eebbaatii fi kan abaarsaa ni dubbise.
35 Hakuna neno lolote katika yale yote ambayo Mose alikuwa ameamuru ambalo Yoshua hakulisomea kusanyiko lote la Israeli, ikiwa ni pamoja na wanawake na watoto, na wageni walioishi miongoni mwao.
Dubbii Museen isa ajaje hunda keessaa wanni Iyyaasuun waldaa Israaʼel hundaaf akkasumas dubartootaaf, daaʼimmanii fi alagoota gidduu isaanii jiraataniif utuu hin dubbisin bira darbe tokko iyyuu hin turre.

< Yoshua 8 >