< Yoshua 3 >
1 Yoshua na Waisraeli wote wakaondoka asubuhi na mapema kutoka Shitimu, wakaenda mpaka Mto Yordani, ambako walipiga kambi kabla ya kuvuka.
Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundinuu ganama barii Shixiim keessaa baʼanii gara Laga Yordaanos dhufan. Utuu gamatti hin ceʼin duras achi qubatan.
2 Baada ya siku tatu maafisa wakapita katika kambi yote,
Bultii sadii booddee ajajjoonni loltootaa qubata keessa dedeemanii,
3 wakitoa maagizo kwa watu, wakiwaambia: “Mtakapoona Sanduku la Agano la Bwana Mungu wenu, likichukuliwa na Walawi ambao ndio makuhani, mtaondoka hapo mlipo na kulifuata.
akkana jedhanii namoota ajajan: “Isin yommuu taabota kakuu Waaqayyo Waaqa keessaniitii fi Lewwota luboota taʼan isaanii taaboticha baatan argitanitti iddoo keessanii kaatanii taaboticha faana buʼuu qabdu.
4 Ndipo mtakapotambua njia mtakayoiendea, kwa kuwa hamjawahi kuipita kabla. Lakini msisogee karibu, bali kuwe na umbali wa dhiraa 2,000 kati yenu na Sanduku.”
Isin sababii duraan karaa kanaan hin darbiniif, karaa deemuun isinii malu ni beektu. Garuu isinii fi taaboticha gidduutti gargari fageenya gara dhundhuma kuma lama hambisaa; ittis hin dhiʼaatinaa.”
5 Ndipo Yoshua akawaambia hao watu, “Jitakaseni, kwa kuwa kesho Bwana atatenda mambo ya kushangaza katikati yenu.”
Iyyaasuunis uummataan, “Of qulqulleessaa; Waaqayyo bor gidduu keessanitti wantoota dinqisiisaa ni hojjetaatii” jedhe.
6 Yoshua akawaambia makuhani, “Liinueni Sanduku la Agano mkatangulie mbele ya watu.” Hivyo wakaliinua na kutangulia mbele yao.
Iyyaasuunis lubootaan, “Taabota kakuu fuudhaatii uummata dura darbaa” jedhe. Kanaafuu isaan taaboticha fuudhanii uummata dura darban.
7 Ndipo Bwana akamwambia Yoshua, “Leo nitaanza kukutukuza machoni pa Israeli yote, ili wapate kujua kuwa niko pamoja nawe kama nilivyokuwa pamoja na Mose.
Waaqayyos Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Akka isaan akka ani akkuman Musee wajjin ture sana si wajjin jiru beekaniif, ani harʼa fuula Israaʼeloota hundaa duratti nama guddaa si gochuu nan jalqaba.
8 Uwaambie makuhani wanaochukua Sanduku la Agano, ‘Mnapofika kwenye ukingo wa maji ya Yordani, nendeni mkasimame ndani ya mto.’”
Atis luboota taabota kakuu baataniin, ‘Isin yommuu qarqara bishaan Yordaanos geessanitti, dhaqaatii laga keessa dhadhaabadhaa’ jedhi.”
9 Yoshua akawaambia Waisraeli, “Njooni hapa msikilize maneno ya Bwana Mungu wenu.
Iyyaasuunis Israaʼelootaan akkana jedhe; “As kottaatii dubbii Waaqayyo Waaqa keessanii dhagaʼaa.
10 Hivi ndivyo mtakavyojua ya kuwa Mungu aliye hai yupo katikati yenu, na kwamba kwa hakika atawafukuza mbele yenu hao Wakanaani, Wahiti, Wahivi, Waperizi, Wagirgashi, Waamori na Wayebusi.
Akki isin itti akka Waaqni jiraataan gidduu keessan jiruu fi akka inni dhugumaan Kanaʼaanota, Heetota, Hiiwota, Feerzota, Girgaashota, Amoorotaa fi Yebuusota fuula keessan duraa ariʼee baasu beektan kanaa dha.
11 Tazameni, Sanduku la Agano la Bwana wa dunia yote litaingia ndani ya Mto Yordani likiwa limewatangulia.
Kunoo, taabonni kakuu Gooftaa lafa hundumaa isin duraan Yordaanos ni seena.
12 Sasa basi, chagueni watu kumi na wawili kutoka makabila ya Israeli, mtu mmoja kutoka kila kabila.
Kanaafuu amma gosoota Israaʼel keessaa nama kudha lama jechuunis tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko tokko filadhaa.
13 Mara tu nyayo za makuhani walichukualo Sanduku la Bwana, Bwana wa dunia yote, zitakapokanyaga ndani ya Mto Yordani, maji hayo yatiririkayo kutoka juu yatatindika na kusimama kama chuguu.”
Akkuma luboonni taabota Waaqayyo Gooftaa lafa hundaa baatan miilla isaanii Yordaanos keessa seensisaniin, bishaan isaa kan gubbaadhaa gad yaaʼu ni cita; tuulamees ol dhaabata.”
14 Basi, watu walipovunja kambi ili kuvuka Yordani, makuhani wakiwa wamebeba Sanduku la Agano waliwatangulia.
Kanaaf yommuu namoonni laga Yordaanos ceʼuuf qubata isaanii keessaa baʼanitti, luboonni taabota kakuu baatanii isaan dura darbanii deeman.
15 Wakati huu ulikuwa wakati wa mavuno, nao Mto Yordani ulikuwa umefurika hadi kwenye kingo zake. Ilikuwa kawaida ya Yordani kufurika nyakati zote za mavuno. Mara tu makuhani wale waliokuwa wamebeba Sanduku la Agano walipofika mtoni na nyayo zao kuzama ndani ya yale maji,
Yeroo midhaan galfamu hunda lagni Yordaanos guutee irra dhangalaʼa. Taʼus akkuma luboonni taaboticha baatan Yordaanos gaʼanii miilli isaanii qarqara bishaanii tuqeen,
16 maji hayo yaliyotiririka kutoka upande wa juu yaliacha kutiririka yakasimama kama chuguu mbali kabisa nao, kwenye mji ulioitwa Adamu kwenye eneo la Sarethani, wakati yale maji yaliyokuwa yanatiririka kuingia kwenye Bahari ya Araba (yaani Bahari ya Chumvi), yalitindika kabisa. Hivyo watu wakavuka kukabili Yeriko.
bishaan burqaa oliitii dhufu yaaʼuu dhiise. Iddoo magaalaa Addaam jedhamu kan Zaaretaan biraa sana irraa fagaatee tuulamee dhaabate; bishaan gara Galaana Arabbaatti yookaan Galaana soogiddaatti gad yaaʼus guutumaan guutuutti cite. Kanaafuu namoonni fuullee Yerikootiin gara gamaatti ceʼan.
17 Wale makuhani waliobeba Sanduku la Agano la Bwana, wakasimama imara mahali pakavu katikati ya Mto Yordani, wakati Waisraeli wote wakiwa wanapita hadi taifa lote likaisha kuvuka mahali pakavu.
Yeroo Israaʼeloonni hundi darbaa turanitti luboonni taabota kakuu Waaqayyoo baatan sun hamma sabni guutumaan guutuutti lafa goggogaa irra ceʼutti walakkaa Yordaanos keessa qajeelanii lafa goggogaa irra dhaabatan.