< Yoshua 17 >

1 Huu ndio mgawo wa kabila la Manase kama mzaliwa wa kwanza wa Yosefu, yaani kwa ajili ya Makiri, mzaliwa wa kwanza wa Manase. Makiri alikuwa baba wa Wagileadi, ambao walipokea Gileadi na Bashani kwa sababu Wamakiri walikuwa askari wakuu.
Gosti Minaasees qooda argatte; inni ilma Yoosef hangafa tureetii. Maakiir ilmi Minaasee hangaftichi abbaan Giliʼaadotaa sun sababii loltuu jabaa taʼeef Giliʼaadii fi Baashaan isaaf kennaman.
2 Kwa hiyo mgawo huu ulikuwa kwa ajili ya watu wa Manase waliokuwa wamebaki, ambao ni koo za Abiezeri, Heleki, Asirieli, Shekemu, Heferi na Shemida. Hawa ndio wanaume wale wengine wa uzao wa Manase mwana wa Yosefu kwa koo zao.
Kanaafuu qoodni kun saba Minaasee warra hafaniif jechuunis balbala Abiiʼezer, Heleq, Asriiʼeel, Sheekem, Heeferii fi Shemiidaaf kenname. Kunneenis balbala balbala isaaniitiin ilmaan Minaasee ilma Yoosef kanneen biraa ti.
3 Basi Selofehadi mwana wa Heferi, mwana wa Gileadi, mwana wa Makiri, mwana wa Manase hakuwa na wana waume ila mabinti tu, ambao majina yao yalikuwa Mahla, Noa, Hogla, Milka na Tirsa.
Zelofehaad ilmi Heefer, ilmi Giliʼaad, ilma Maakiir, ilmi Minaasee sun intallan malee ilmaan hin qabu ture. Maqaan intallan isaas Mahilaa, Nohii, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa.
4 Wakamwendea kuhani Eleazari, Yoshua mwana wa Nuni, na viongozi, wakasema: “Bwana alimwagiza Mose atupatie urithi miongoni mwa ndugu zetu.” Kwa hiyo Yoshua akawapa urithi pamoja na ndugu wa baba yao, kufuatana na agizo la Bwana.
Isaanis gara Eleʼaazaar lubichaa, gara Iyyaasuu ilma Nuunitii fi gara hooggantootaa dhaqanii “Waaqayyo akka inni obboloota keenya gidduutti dhaala nuu kennuuf Musee ajajeera” jedhan. Kanaafuu Iyyaasuun akkuma ajaja Waaqayyootti obboloota abbaa isaanii wajjin dhaala kenneef.
5 Fungu la Manase lilikuwa na sehemu kumi za nchi, licha ya Gileadi na Bashani mashariki mwa Yordani,
Minaaseen Giliʼaadii fi Baashaan keessaa gama baʼa Yordaanositti lafa iddoo kudhanitti hiramu qaba ture.
6 kwa sababu wale binti za kabila la Manase walipokea urithi miongoni mwa wana wa kiume. Nchi ya Gileadi ilikuwa mali ya wazao wa Manase waliobaki.
Kunis sababii intallan gosa Minaasee sun ilmaan dhiiraa gidduutti qooda argataniif. Lafti Giliʼaad ilmaan Minaasee kanneen hafaniif kennamte.
7 Eneo la Manase lilienea kuanzia Asheri hadi Mikmeta mashariki mwa Shekemu. Mpaka ule ulielekea upande wa kusini kutoka pale kujumuisha watu walioishi En-Tapua.
Daangaan gosa Minaasee Aasheerii kaʼee hamma Mikmetaati kan karaa baʼa Sheekem jirtu sanaatti balʼata. Daangaan sunis achii kaʼee kibbaan gad buʼee saba Een Tafuuʼaa keessa jiraatus dabalata.
8 (Nchi ya Tapua ilikuwa mali ya Manase, lakini Tapua yenyewe iliyo mpakani mwa nchi ya Manase ilikuwa ya Waefraimu.)
Biyyi Tafuuʼaa kan Minaasee turte; Tafuuʼaan mataan ishee garuu karaa daangaa Minaaseetiin kan ilmaan Efreem turte.
9 Kisha mpaka ule uliendelea kuelekea kusini hadi Bonde la Kana. Kulikuwepo miji ya Efraimu iliyokuwa miongoni mwa miji ya Manase, lakini mpaka wa Manase ulikuwa upande wa kaskazini wa lile bonde na kuishia kwenye bahari.
Daangaan sun karaa kibbaatiin ittuma fufee Laga Qaanaa bira gaʼa. Magaalaawwan Efreem kanneen magaalaawwan Minaasee gidduutti argamanitu ture; daangaan Minaasee garuu Kaaba lagichaa irra darbee galaana bira gaʼee dhaabata.
10 Nchi ya kusini ilikuwa ya Efraimu, na ile iliyokuwa upande wa kaskazini ilikuwa ya Manase. Eneo la Manase lilifika bahari na ikapakana na Asheri upande wa kaskazini, na Isakari upande wa mashariki.
Biyyi sun karaa kibbaatiin kan gosa Efreemiiti; karaa kaabaatiin immoo kan gosa Minaasee ti. Biyyi Minaasee hamma galaanaatti deemee karaa kaabaatiin Aasheerin, karaa baʼaatiin immoo Yisaakorin daangeessa.
11 Katika Isakari na Asheri Manase alikuwa na miji pia: Beth-Shani, Ibleamu na watu wa Dori, Endori, Taanaki na Megido, pamoja na vijiji vyote vinavyohusika na miji hiyo (ya tatu katika orodha ni Nafothi).
Minaaseenis Yisaakorii fi Aasheer keessaa Beet Sheʼaan, Yibleʼaamii fi saba Door, Eendoor, Taʼanaakii fi Megidoo qubatawwan naannoo isaanii jiran wajjin qaba ture; sadaffaan immoo Naafootii dha.
12 Lakini Wamanase hawakuweza kuimiliki miji hii, kwa kuwa Wakanaani walikazana kuishi katika maeneo hayo.
Taʼus sababii Kanaʼaanonni biyya sana jiraachuuf kutatanii turaniif gosti Minaasee magaalaawwan kanneen qabachuu hin dandeenye.
13 Hata hivyo, Waisraeli walivyoendelea kupata nguvu waliwatumikisha Wakanaani na kuwatia katika kazi za kulazimishwa, lakini hawakuwafukuza kabisa.
Garuu Israaʼeloonni yommuu jabina argachaa dhufanitti akka isaan hojii humnaa hojjetan godhan malee Kanaʼaanota achii hin baafne.
14 Watu wa Yosefu wakamwambia Yoshua, “Kwa nini umetupa sisi mgawo mmoja tu na sehemu moja tu kuwa urithi? Sisi tu watu wengi sana, na Bwana ametubariki kwa wingi.”
Namoonni Yoosefis Iyyaasuudhaan, “Ati maaliif ixaa tokkoo fi qooda tokko qofa dhaala nuu kennite? Nu saba akka malee baayʼee fi saba Waaqayyo guddisee eebbisee dha” jedhan.
15 Yoshua akajibu, “Kama ninyi ni wengi sana, na kama nchi ya vilima ya Efraimu ni ndogo sana kwenu, pandeni msituni mkafyeke eneo kwa ajili yenu wenyewe huko kwenye nchi ya Waperizi na Warefai.”
Iyyaasuunis, “Yoo isin akka malee baayʼattanii biyyi gaaraa Efreem kun isinitti dhiphatte bosona seenaatii biyya Feerzotaatii fi Refaayimootaa keessatti iddoo jireenyaa qopheeffadhaa” jedhee deebiseef.
16 Watu wa Yosefu wakajibu, “Hiyo nchi ya vilima haitutoshi, nao Wakanaani wote wanaoishi katika tambarare wanayo magari ya vita ya chuma, wote wa Beth-Shani na miji yake, na wale walio katika Bonde la Yezreeli.”
Namoonni Yoosefis, “Biyyi gaaraa kun nu hin gaʼu; Kanaʼaanonni lafa diriiraa irra jiraatan hundi, warri Beet Sheʼaanii fi qubatawwan ishee akkasumas warri Sulula Yizriʼeel keessa jiraatan hundi gaariiwwan sibiilaa qaban” jedhanii deebisan.
17 Lakini Yoshua akanena na nyumba ya Yosefu, yaani Efraimu na Manase: “Ninyi ni wengi sana na wenye nguvu sana. Hamtakuwa na mgawo mmoja tu,
Iyyaasuun garuu mana Yoosefiin jechuunis Efreemii fi Minaaseedhaan akkana jedhe; “Isin saba akka malee baayʼee kan humna guddaa qabuu dha. Ixaa tokko qofa hin qabaattan.
18 bali pia nchi hii ya kilima yenye msitu. Ifyekeni, nayo mipaka yake itakuwa yenu umbali mtakaoweza kufika. Ingawa Wakanaani wana magari ya chuma, nao wana nguvu, mwaweza kuwafukuza humo.”
Biyya gaaraa kan bosonaa garuu ni qabaattu; bosona ciraa; biyyattiinis hamma qarqara daangaa isheetti kanuma keessan taati; Kanaʼaanonni yoo gaariiwwan sibiilaa qabaatanii jajjaboo taʼanis isin ariitanii isaan baasuu dandeessu.”

< Yoshua 17 >