< Yoshua 14 >

1 Basi haya ndiyo maeneo Waisraeli waliyopokea kama urithi katika nchi ya Kanaani, ambayo kuhani Eleazari, Yoshua mwana wa Nuni na viongozi wa koo za kabila za Israeli waliwagawia.
Lafti Israaʼeloonni biyya Kanaʼaan keessatti akka dhaalaatti argatan kan Eleʼaazaar lubichi, Iyyaasuun ilmi Nuunitii fi hangafoonni balbala gosoota Israaʼel isaaniif qoodan kanaa dha.
2 Urithi wao uligawanywa kwa kura kwa yale makabila tisa na nusu, kama Bwana alivyoamuru Mose.
Dhaalli isaanii kunis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti ixaadhaan gosa sagalii fi walakkaa gosa tokkootiif kenname.
3 Mose alikuwa amewapa yale makabila mawili na nusu urithi wao upande wa mashariki mwa Yordani, lakini Walawi hawakupewa urithi miongoni mwa hao wengine,
Museen karaa baʼa Yordaanosiin gosoota lamaanii fi walakkaaf dhaala godhee kennee ture; gosa Lewwiitiif garuu warra kaan gidduutti dhaala tokko illee hin kennine;
4 kwa kuwa wana wa Yosefu walikuwa makabila mawili; Manase na Efraimu. Walawi hawakupata mgawo wa ardhi, bali walipewa miji tu kwa ajili ya kuishi, pamoja na maeneo ya malisho kwa ajili ya makundi yao ya kondoo, mbuzi na ngʼombe wao.
ilmaan Yoosef gosa lama taʼanii turaniitii; isaanis Minaasee fi Efreem. Lewwonni garuu magaalaawwan keessa jiraatan, bushaayee fi loon isaanii bobbaafatan malee qooda lafaa tokko illee hin arganne.
5 Kwa hiyo Waisraeli wakagawana ile nchi, kama vile Bwana alivyomwagiza Mose.
Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo Musee ajajetti biyya sana hiratan.
6 Kisha watu wa Yuda wakamwendea Yoshua huko Gilgali, naye Kalebu mwana wa Yefune yule Mkenizi, akamwambia, “Unajua jambo ambalo Bwana alimwambia Mose mtu wa Mungu huko Kadesh-Barnea kukuhusu wewe na mimi.
Ergasiis namoonni Yihuudaa Gilgaalitti gara Iyyaasuu dhufan; Kaaleb ilmi Yefunee namichi gosa Qeneez sun akkana jedheen; “Ati waan Waaqayyo Qaadesh Barnee keessatti waaʼee keetii fi waaʼee koo Musee nama Waaqaa sanatti dubbate ni beekta.
7 Nilikuwa na umri wa miaka arobaini, wakati Mose mtumishi wa Bwana, aliponituma kutoka Kadesh-Barnea kuipeleleza hiyo nchi. Nami nikamletea taarifa kama kulingana na nilivyosadiki moyoni.
Yeroo Museen garbichi Waaqayyoo sun akka ani biyyattii basaasuuf Qaadesh Barneetii na erge umuriin koo waggaa afurtama ture. Anis gabaasa waan mirkaneeffadhe sanaa nan fideef;
8 Lakini ndugu zangu tuliopanda nao waliifanya mioyo ya watu iyeyuke kwa hofu. Bali mimi, nilimfuata Bwana Mungu wangu kwa moyo wote.
obboloonni koo warri na wajjin achi dhaqan garuu akka onneen sabaa sodaadhaan baqxu godhan. Taʼus ani garaa koo guutuudhaan Waaqayyo Waaqa koo duukaa buʼe.
9 Hivyo katika siku ile, Mose akaniapia, ‘Nchi ambayo umeikanyaga kwa miguu yako itakuwa urithi wako na wa watoto wako milele, kwa sababu umemfuata Bwana Mungu wangu kwa moyo wote.’
Kanaafuu Museen gaafas akkana jedhee naa kakate; ‘Sababii ati garaa kee guutuudhaan Waaqayyo Waaqa koo duukaa buuteef, lafti miilli kee tuqe sun hamma bara baraatti dhaala keetii fi dhaala ilmaan keetii taʼa.’
10 “Sasa basi, kama vile Bwana alivyoahidi, ameniweka hai kwa miaka arobaini na mitano tangu wakati alipomwambia Mose jambo hili, wakati Waisraeli wakiwa wanazunguka jangwani. Hivyo mimi hapa leo, nina umri wa miaka themanini na mitano!
“Egaa Waaqayyo akkuma waadaa gale sanatti, gaafa Museedhaan akkas jedhe kan yeroo Israaʼel gammoojjii keessa asii fi achi jooraa turee jalqabee waggaa afurtamii shan na jiraachiseera. Kanaafuu ani harʼa kunoo waggaa saddeettamii shan guuteera!
11 Bado ninazo nguvu kama siku ile Mose aliponituma. Bado ninazo nguvu za kwenda vitani sasa kama vile nilivyokuwa wakati ule.
Ani harʼas akkuma gaafa Museen na erge sanaa jabaa dha; ani akkuman dur ture sana amma iyyuu duula dhaquuf jabaa dha.
12 Basi nipe nchi hii ya vilima, ambayo Bwana aliniahidi siku ile. Wewe mwenyewe ulisikia wakati ule kwamba Waanaki walikuwako huko na miji yao ilikuwa mikubwa na yenye maboma, lakini, kwa msaada wa Bwana, nitawafukuza watoke huko kama vile alivyonena.”
Egaa amma biyya gaaraa kan Waaqayyo gaafa sana waadaa naa gale kana naa kenni. Ati mataan kee iyyuu akka Anaaqonni achi keessa jiraatan, akka magaalaawwan isaanii gurguddaa taʼanii fi dallaa jabaan marfaman gaafas dhageesseerta; yoo Waaqayyo na gargaare garuu ani akkuma Waaqayyo jedhe sanatti ariʼee isaan baasa.”
13 Ndipo Yoshua akambariki Kalebu mwana wa Yefune, na akampa Hebroni kama urithi wake.
Iyyaasuunis Kaaleb ilma Yefunee eebbisee Kebroonin dhaala godhee kenneef.
14 Hivyo Hebroni imekuwa mali ya Kalebu mwana wa Yefune Mkenizi tangu wakati ule, kwa sababu alimwandama Bwana, Mungu wa Israeli, kwa moyo wote.
Kanaafuu sababii inni garaa isaa guutuudhaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel duukaa buʼeef Kebroon hamma harʼaatti iyyuu dhaala Kaaleb ilma Yefunee namicha gosa Qeneez sanaa taatee hafte.
15 (Hebroni uliitwa Kiriath-Arba hapo mwanzo, kutokana na huyo Arba ambaye alikuwa mtu mkuu kupita wote miongoni mwa Waanaki.) Kisha nchi ikawa na amani bila vita.
Kebroon duraan maqaa namicha Arbaaq jedhamu kan Anaaqota hunda keessaa nama guddaa ture tokkootiin Kiriyaati Arbaaq jedhamtee waamamaa turte. Ergasiis biyyattiin waraana irraa boqotte.

< Yoshua 14 >