< Yoshua 11 >

1 Ikawa Yabini mfalme wa Hazori aliposikia habari za mambo haya, akatuma ujumbe kwa Yobabu mfalme wa Madoni, na kwa mfalme wa Shimroni, na kwa mfalme wa Akishafu,
Yaabiin mootichi Haazoor waan kana dhageenyaan Yoobaab mooticha Maadoonitti, mootota Shimroonii fi Akshaafitti ergaa ergate;
2 na pia kwa wafalme wa upande wa kaskazini wale waliokuwa milimani, katika Araba upande wa kusini mwa Kinerethi, kwenye shefela, upande wa magharibi na katika miinuko ya Nafoth-Dori upande wa magharibi;
akkasumas mootota kaabaa kanneen tulluuwwan irra jiraatanitti, kanneen gama kibba Kinereetiin Arabbaa keessa jiraatanitti, kanneen gama dhiʼa biiftuutiin lafa gammoojjiitii fi Door keessa jiraatanitti ergaa ergate;
3 kwa Wakanaani upande wa mashariki na magharibi; kwa Waamori, Wahiti, Waperizi na Wayebusi katika nchi ya vilima; na kwa Wahivi chini ya Hermoni katika eneo ya Mispa.
Kanaʼaanota gama baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutiin jiraatanitti, Amoorotatti, Heetotatti, Feerzotaatti Yebuusota biyya gaaraa keessa jiraatanittii fi mootota Hiiwotaa kanneen Gaara Hermoon jala biyya Miisphaa keessa jiraatanitti ergaa ergate.
4 Wakaja na vikosi vyao vyote na hesabu kubwa ya farasi na magari ya kuvutwa na farasi, jeshi kubwa, kama wingi wa mchanga ulio pwani ya bahari.
Isaanis tuuta loltoota isaanii hunda, fardeenii fi gaariiwwan lolaa baayʼee jechuunis humna waraanaa guddaa kan akka cirracha qarqara galaanaa baayʼatu qabatanii dhufan.
5 Wafalme hawa wote wakaunganisha majeshi yao na kupiga kambi pamoja kwenye Maji ya Meromu, ili kupigana dhidi ya Israeli.
Mootonni kunneen hundi loltoota isaanii walitti makatanii Israaʼeloota waraanuuf Bishaanota Meeroon cina qubatan.
6 Bwana akamwambia Yoshua, “Usiwaogope, kwa sababu kesho saa kama hii nitawatia wote mikononi mwa Israeli, wakiwa wameuawa. Utakata mishipa ya nyuma ya miguu ya farasi wao na kuyachoma moto magari yao ya vita.”
Waaqayyo Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Sababii ani bor yeroo kanatti reeffa isaanii hunda dabarsee Israaʼelootatti kennuuf hin sodaatin. Ati hidda kottee fardeen isaanii kukkutee gaariiwwan isaaniis gubuu qabda.”
7 Hivyo Yoshua pamoja na jeshi lake lote wakaja dhidi yao ghafula kwenye Maji ya Meromu kuwashambulia,
Kanaafuu Iyyaasuu fi loltoonni isaa hundi tasuma bishaan Meeroon biratti isaanitti dhufanii isaan dhaʼan;
8 naye Bwana akawatia mikononi mwa Israeli. Wakawashinda na kuwafukuza hadi Sidoni Kuu na kuwafikisha Misrefoth-Maimu, hadi Bonde la Mispa upande wa mashariki, hadi pakawa hakuna yeyote aliyebaki.
Waaqayyos dabarsee harka Israaʼelootaatti isaan kenne. Isaanis jara moʼatanii hamma Siidoonaa Guddootti, hamma Misrefooti Maayimiitti, hamma Sulula Miisphaa kan gama baʼa biiftuutti isaan ariʼan; hamma namni hundi dhumuttis isaan dhaʼan.
9 Yoshua akawatendea kama Bwana alivyoamuru. Akakata mishipa ya nyuma ya miguu ya farasi wao na kuchoma moto magari yao ya vita.
Iyyaasuunis akkuma Waaqayyo ajaje sana isaan godhe; innis hidda kottee fardeen isaanii kukkutee gaariiwwan isaanii kan lolaa gube.
10 Wakati huo Yoshua akarudi na kuuteka mji wa Hazori na kumuua mfalme wake kwa upanga. (Hazori ulikuwa mji mkuu wa falme hizo zote.)
Yeroo sanatti Iyyaasuun of irra deebiʼee Asoor qabatee mootii ishee goraadeedhaan ajjeese. Haazooris magaalaa guddittii mootummoota kanneen hundumaa turte.
11 Kila aliyekuwa ndani yake wakamuua kwa upanga. Wakawaangamiza kabisa, wala hawakusaza chochote chenye pumzi na akauchoma Hazori kwenyewe kwa moto.
Isaanis nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixan. Waan hafuura baafatu tokko illee utuu hin hambisin guutumaan guutuutti balleessan; Iyyaasuun Haazoorinis ni gube.
12 Yoshua akaiteka hii miji yote ya kifalme pamoja na wafalme wake na kuwapiga kwa upanga. Akawaangamiza kabisa wote, jinsi Mose mtumishi wa Bwana alivyowaagiza.
Iyyaasuun magaalaawwan moototaa hundaa fi mootota isaanii illee qabatee goraadeedhaan fixe. Innis akkuma garbichi Waaqayyoo Museen ajajetti guutumaan guutuutti isaan balleesse.
13 Lakini Israeli hawakuichoma moto hata mojawapo ya miji iliyojengwa katika vilima vyao vidogo isipokuwa mji wa Hazori ambao Yoshua aliuchoma moto.
Taʼus Israaʼeloonni magaalaa Haazoor ishee Iyyaasuun gube sana malee magaalaawwan tabba irratti ijaaraman tokko illee hin gubne.
14 Waisraeli wakajichukulia nyara zote na mifugo yote ya miji hii, bali waliwaua watu wote kwa upanga hadi walipowaangamiza kabisa, pasipo kumbakiza yeyote mwenye pumzi.
Israaʼeloonni boojuu fi horii magaalaa sanaa hunda ofii isaaniitiif fudhatan; namoota hunda garuu guutumaan guutuutti goraadeedhaan fixan; nama hafuura baafatu tokko illee hin hambifne.
15 Kama vile Bwana alivyomwagiza Mose mtumishi wake, vivyo hivyo Mose alimwagiza Yoshua, naye Yoshua akafanya kama vivyo, hakukosa kufanya lolote katika yale yote Bwana aliyomwagiza Mose.
Akkuma Waaqayyo garbicha isaa Musee ajaje sana Museenis akkasuma Iyyaasuu ajaje; Iyyaasuunis akkasuma godhe; inni waan Waaqayyo Musee ajaje keessaa waan tokko illee utuu hin hojjetin hin hambifne.
16 Yoshua akaiteka nchi hii yote: nchi ya vilima, Negebu yote, eneo yote ya Gosheni, shefela ya upande wa magharibi, Araba na milima ya Israeli pamoja na shefela zao,
Iyyaasuun akkasiin guutummaa biyya sanaa qabate; kunis biyya gaaraa, Negeeb hunda, guutummaa Gooshen, gammoojjii gama lixa aduu, Arabbaa fi gaarran Israaʼel gammoojjii isaanii wajjin,
17 kuanzia Mlima Halaki ambao umeinuka kuelekea Seiri hadi Baal-Gadi katika Bonde la Lebanoni chini ya Mlima Hermoni. Akawateka wafalme wake wote, akawapiga na kuwaua.
Tulluu Halaaq kan gaara Seeʼiiritti ol kaʼuu jalqabanii hamma Baʼaal Gaad kan Tulluu Hermoon jala hamma sulula Libaanoonitti jiru boojiʼe. Innis mootota isaanii hunda gogorraʼee ajjeese.
18 Yoshua akapigana vita dhidi ya wafalme hawa wote kwa muda mrefu.
Iyyaasuunis bara dheeraa mootota kanneen hundatti waraana banaa ture.
19 Hakuna mji wowote katika eneo hili uliofanya mkataba wa amani na Israeli, isipokuwa hao Wahivi wa Gibeoni. Wengine wote walishindwa katika vita.
Hiiwota Gibeʼoon keessa jiraatan malee magaalaan tokko iyyuu Israaʼeloota wajjin walii galtee nagaa hin godhanne; Israaʼeloonni magaalaawwan hunda waraananii qabatan.
20 Kwa maana Bwana mwenyewe ndiye aliifanya mioyo yao iwe migumu, ili kupigana vita dhidi ya Israeli ili apate kuwafutilia mbali pasipo huruma, kama Bwana alivyomwagiza Mose.
Akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti gara laafina tokko malee isaan barbadeessuudhaan guutumaan guutuutti isaan balleessuudhaaf jedhee akka isaan Israaʼelootatti waraana bananiif kan garaa isaanii jabeesse Waaqayyo mataa isaa ti.
21 Wakati huo Yoshua akaenda kuwaangamiza Waanaki kutoka nchi ya vilima: kuanzia Hebroni, Debiri na Anabu, na kutoka nchi yote ya vilima ya Yuda na kutoka nchi yote ya vilima ya Israeli. Yoshua akawaangamiza kabisa pamoja na miji yao.
Iyyaasuun yeroo sanatti dhaqee biyya gaaraa keessaa jechuunis Kebroon, Debiirii fi Aanaab, akkasumas biyya gaaraa Yihuudaatii fi biyya gaaraa Israaʼel hunda keessaa Anaaqota barbadeesse. Iyyaasuun isaanii fi magaalaawwan isaaniis guutumaan guutuutti barbadeesse.
22 Hawakubaki Waanaki wowote katika nchi ya Israeli, ila tu katika nchi ya Gaza, Gathi na Ashdodi.
Gaazaa, Gaatii fi Ashdoodi malee kutaan biyya Israaʼel kan Anaaqonni keessatti hafan tokko iyyuu hin turre.
23 Hivyo Yoshua akaiteka nchi hiyo yote kama vile Bwana alivyokuwa amemwagiza Mose, naye Yoshua akawapa Israeli kuwa urithi wao, kulingana na walivyogawanyika katika kabila zao. Ndipo nchi ikawa na amani bila vita.
Kanaafuu Iyyaasuun akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti biyya guutuu qabatee akkuma mana gosa gosa isaaniitti dhaala godhee Israaʼelootaaf kenne. Biyyattiinis akkasiin waraana irraa boqonnaa argatte.

< Yoshua 11 >