< Ayubu 5 >

1 “Ita kama unataka, lakini ni nani atakayekujibu? Ni yupi kati ya hao watakatifu utakayemgeukia?
“Mee waami, namni deebii siif kennu jiraa? Qulqulloota keessaas ati gara isa kamiitti gorta?
2 Kuweka uchungu moyoni humuua mpumbavu, nao wivu humchinja mjinga.
Nama gowwaa aariitu ajjeesa; raatuus hinaaffaatu galaafata.
3 Mimi mwenyewe nimemwona mpumbavu akistawi, lakini ghafula nyumba yake ikawa imelaaniwa.
Namni gowwaan hidda isaa gad fageeffatee nan arge; manni isaa garuu yoosuma abaarame.
4 Watoto wake wako mbali na usalama, hushindwa mahakamani bila mtetezi.
Ijoolleen isaa nagaa hin qaban; isaan karra duratti burkutaaʼan; namni isaan oolchus hin jiru.
5 Wenye njaa huyala mavuno yake, wakiyatoa hata katikati ya miiba, nao wenye kiu huitamani sana mali yake.
Namni beelaʼe midhaan isaa qoraattii keessaa iyyuu fuudhee nyaata; inni dheebotes qabeenya isaa hawwa.
6 Kwa maana taabu haioti kutoka kwenye udongo, wala udhia hauchipui kutoka ardhini.
Rakkinni biyyoo keessaa hin burquutii; dhiphinnis lafa keessaa hin biqilu.
7 Lakini mwanadamu huzaliwa ili kutaabika, kwa hakika kama cheche za moto zirukavyo kuelekea juu.
Akkuma qaanqeen ibiddaa ol facaʼu namni rakkinaaf dhalata.
8 “Lakini ingekuwa ni mimi, ningemlalamikia Mungu, ningeliweka shauri langu mbele zake.
“Garuu utuu ana taʼee Waaqa nan barbaaddadha; dhimma koos fuula isaa duratti nan dhiʼeeffadhan ture.
9 Yeye hutenda maajabu yasiyoweza kutambuliwa, miujiza isiyoweza kuhesabika.
Inni dinqiiwwan qoranii bira gaʼuu hin dandeenye, hojiiwwan dinqisiisoo lakkaaʼamuu hin dandeenye hojjeta.
10 Yeye huipa nchi mvua, huyapeleka maji kunyesha mashamba.
Inni bokkaadhaan lafa ni quubsa; lafa qotiisaas bishaan ni obaasa.
11 Huwainua juu wanyonge, nao wale waombolezao huinuliwa wakawa salama.
Warra gad qabaman ol baasa; warra gaddanis iddoo nagaatti ol kaasa.
12 Huipinga mipango ya wenye hila, ili mikono yao isifikie ufanisi.
Akka hojiin harka isaanii hin milkoofneef, inni karoora jalʼootaa ni fashaleessa.
13 Yeye huwanasa wenye hekima katika hila yao, nayo mipango ya wadanganyifu huifagilia mbali.
Inni ogeeyyii haxxummaa isaaniitiin qaba; malli jalʼootaa immoo dafee ni bada.
14 Giza huwapata wakati wa mchana; wakati wa adhuhuri hupapasa kama vile usiku.
Guyyaan dukkana isaanitti taʼa; guyyaa saafaas akka nama dukkana keessa jiruu qaqqabannaadhaan deemu.
15 Humwokoa mhitaji kutokana na upanga ulioko kinywani mwao; huwaokoa kutokana na makucha ya wenye nguvu.
Inni nama rakkataa goraadee afaan isaanii jalaa, harka nama jabaa jalaas ni baasa.
16 Kwa hiyo maskini analo tarajio, nao udhalimu hufumba kinywa chake.
Kanaafuu hiyyeessi abdii qaba; jalʼinnis afaan isaa ni cufata.
17 “Heri mtu yule ambaye Mungu humrudi; kwa hiyo usidharau adhabu yake Mwenyezi.
“Namni Waaqni adabu eebbifamaa dha; kanaafuu ati adabbii Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu hin tuffatin.
18 Kwa kuwa hutia jeraha, lakini pia huyafunga; huumiza, lakini mikono yake pia huponya.
Inni ni madeessa; ni fayyisas; inni ni cabsa; harka isaatiinis deebisee ni fayyisa.
19 Kutoka majanga sita atakuokoa; naam, hata katika saba hakuna dhara litakalokupata wewe.
Balaa jaʼa jalaa si baasa; torba keessattis hin miidhamtu.
20 Wakati wa njaa atakukomboa wewe na kifo, naye katika vita atakukomboa na pigo la upanga.
Bara beelaa duʼa jalaa, lola keessattis rukuttaa goraadee jalaa si baasa.
21 Utalindwa kutokana na kichapo cha ulimi, wala hutakuwa na sababu ya kuogopa maangamizi yatakapokujia.
Ati garaffii arrabaa jalaa ni dhokfamta; yommuu badiisni dhufuttis hin sodaattu.
22 Utayacheka maangamizo na njaa, wala hutakuwa na sababu ya kuwaogopa wanyama wakali wa mwituni.
Badiisaa fi beelatti ni kolfita; bineensota lafaas hin sodaattu.
23 Kwa kuwa utakuwa na agano na mawe ya mashamba, nao wanyama wa mwitu watakuwa na amani nawe.
Dhagoota bakkee wajjin kakuu galta; bineensonni bosonaas nagaadhaan si wajjin jiraatu.
24 Utajua ya kwamba hema lako li salama; utahesabu mali zako wala hutakuta chochote kilichopungua.
Dunkaanni kee nagaan akka jiru ni beekta; qabeenya kee ni toʼatta; wanni tokko illee si jalaa hin badu.
25 Utajua ya kuwa watoto wako watakuwa wengi, nao wazao wako wengi kama majani ya nchi.
Ijoolleen kee akka baayʼatan, sanyiiwwan kees akkuma marga lafaa akka taʼan ni beekta.
26 Utaingia kaburini ukiwa na umri wa uzee mtimilifu, kama masuke ya ngano yakusanywapo kwa wakati wake.
Akkuma bissiin midhaanii yeroo isaatti walitti qabamu sana, atis bara dheeraa jiraattee awwaala seenta.
27 “Tumelichunguza hili, nalo ni kweli. Hivyo lisikie na ulitendee kazi.”
“Nu waan kana qoranneerra; innis dhugaa dha. Kanaafuu qalbeeffadhu; ofii keetiifis beeki.”

< Ayubu 5 >