< Ayubu 39 >
1 “Je, wajua ni wakati gani mbuzi wa mlimani wanapozaa? Je, watambua ni wakati gani kulungu jike azaapo mtoto wake?
“Yeroo itti qellejjeen dhaltu beektaa? Yeroo itti borofni ilmoo ishee dhaltu argiteertaa?
2 Je, waweza kuhesabu miezi hadi wazaapo? Je, unajua majira yao ya kuzaa?
Jiʼa isaan garaatti ilmaan baatan ni lakkooftaa? Yeroo isaan itti dhalan ni beektaa?
3 Wao hujiinamisha na kuzaa watoto wao; utungu wa kuzaa unakoma.
Isaan jilbeenfatanii ilmaan isaanii dhalu; foolachuu isaaniis ni hobbaafatu.
4 Watoto wao hustawi na kuongezeka nguvu nyikani; huenda zao wala hawarudi tena.
Ilmaan isaanii ni jabaatu; alattis ni guddatu; baʼanii ni deemu; hin deebiʼanis.
5 “Ni nani aliyemwachia punda-mwitu awe huru? Ni nani aliyezifungua kamba zake?
“Eenyutu harree diidaa gad dhiise? Funyoo isaas eenyutu hiike?
6 Nimempa nchi isiyokaliwa na watu kuwa masikani yake, nchi ya chumvi kuwa makao yake.
Ani gammoojjii mana isaa, lafa soogiddaas iddoo jireenya isaa godheen kenneef.
7 Huzicheka ghasia za mji, wala hasikii kelele za mwendesha gari.
Inni waca magaalaa keessaatti ni kolfa; iyya konkolaachisaas hin dhagaʼu.
8 Huzunguka vilimani kwa ajili ya malisho na kutafuta kila kitu kibichi.
Waan dheedu argachuuf tulluuwwan irra laba; waan lalisaa hundas ni barbaada.
9 “Je, nyati atakubali kukutumikia? Atakaa karibu na hori lako usiku?
“Gafarsi si tajaajiluuf siif ajajamaa? Dallaa kee keessas ni bulaa?
10 Je, waweza kumfungia kwenye matuta kwa kamba? Je, atalima mabonde nyuma yako?
Akka inni lafa siif qotuuf funyoodhaan isa hidhuu ni dandeessaa? Yookaan inni si duubaan boʼoo ni baasaa?
11 Je, utamtumainia kwa ajili ya nguvu zake nyingi? Utamwachia yeye kazi zako nzito?
Ati waan inni humna guddaa qabuuf isa ni amanattaa? Hojii kee jabaa illee isatti ni dhiiftaa?
12 Utaweza kumwamini akuletee nafaka yako nyumbani kutoka shambani na kuikusanya kwenye sakafu yako ya kupuria?
Akka inni midhaan kee walitti qabee oobdii kee irratti siif tuuluuf isa ni abdattaa?
13 “Mbuni hupigapiga mabawa yake kwa furaha, lakini hayawezi kulinganishwa na mabawa na manyoya ya korongo.
“Guchiin gammachuudhaan qoochoo ishee afarsiti; garuu qoochoo fi baallee huummootiin wal bira hin qabamu.
14 Huyataga mayai yake juu ya ardhi, na kuyaacha yapate joto mchangani,
Hanqaaquu ishee lafa irratti buufti; akka itti hoʼuufis cirracha keessatti dhiifti;
15 bila kujali kuwa mguu waweza kuyaponda, kwamba baadhi ya wanyama wa porini wanaweza kuyakanyaga.
garuu akka miilli wayii caccabsu, akka bineensi irra ejjetu hin yaadattu.
16 Yeye huyafanyia makinda yake ukatili kama vile si yake; hajali kwamba taabu yake inaweza ikawa bure,
Cuucii isheettis akka waan isaan kan ishee hin taʼiniitti garaa jabaatti; yoo dadhabbiin ishee akkasumaan bade illee isheef homaa miti;
17 kwa kuwa Mungu hakumjalia hekima, wala hakumpa fungu la akili njema.
Waaqni ogummaadhaan ishee hin badhaafneetii; yookaan hubannaa isheef hin qoodne.
18 Lakini akunjuapo mabawa yake kukimbia, humcheka farasi pamoja na yeye aliyempanda.
Yeroo fiiguuf qoochoo ishee balʼifattutti, isheen fardaa fi namicha gulufutti kofalti.
19 “Je, wewe humpa farasi nguvu au kuivika shingo yake manyoya marefu?
“Ati fardaaf jabina ni kennitaa? Yookaan morma isaatti gama uffisuu dandeessaa?
20 Je, wewe humfanya farasi aruke kama nzige, akistaajabisha kwa tishio la mlio wake wa majivuno?
Akka inni akkuma hawwaannisaatti utaalu ni gootaa? Ulfinni korrisa isaas sodaachisaa dha.
21 Huparapara bila woga, akizifurahia nguvu zake, husonga mbele kukabiliana na silaha.
Inni humna isaatti gammadee akka malee guulee lafa dhidhiita; baʼees miʼa lolaatti qajeela.
22 Huicheka hofu, haogopi chochote, wala haukimbii upanga.
Inni sodaatti ni kolfa; waan tokko illee hin sodaatu; goraadee irraas duubatti hin deebiʼu.
23 Podo hutoa sauti kando yake, pamoja na mkuki unaongʼaa na fumo.
Manʼeen xiyyaa, eeboo fi ankaaseen calaqqisus cinaacha isaatti bubbuʼee kililcha.
24 Bila woga na kwa ghadhabu huimeza nchi, wala tarumbeta iliapo yeye hawezi kusimama.
Siʼaaʼee rommuudhaan lafa haadha; yeroo malakanni afuufamutti illee obsee dhaabachuu hin dandaʼu.
25 Asikiapo sauti ya baragumu yeye hulia, ‘Aha!’ Hunusa harufu ya vita toka mbali, sauti ya mtoa amri na ukelele wa vita.
Inni yommuu malakanni afuufamutti ‘Uffee’ jedhee imimsa; waca ajajjootaatii fi iyya waraanaa, foolii waraanaa illee fagoottu suufa.
26 “Je, mwewe huruka kwa hekima yako na kuyakunjua mabawa yake kuelekea kusini?
“Cululleen ogummaa keetiin barriftee qoochoo ishees gara kibbaatti balʼiftii?
27 Je, tai hupaa juu kwa amri yako na kujenga kiota chake mahali pa juu?
Risaan ajaja keetiin ol baʼee ol fagootti mana isaa ijaarrataa?
28 Huishi juu ya miamba mirefu na kukaa huko usiku; majabali yenye ncha kali ndiyo ngome yake.
Inni qarqara hallayyaa irra jiraata; halkanis achuma bula; kattaan fofottoqaanis daʼoo isaa ti.
29 Kutoka huko hutafuta chakula chake; macho yake hukiona kutoka mbali.
Achi taaʼees waan nyaatu adamsa; iji isaas fagootti waan sana arga.
30 Makinda yake hujilisha damu, na pale palipo na machinjo, ndipo yeye alipo.”
Cuucoliin isaa dhiiga dhugu; innis lafa raqni jiruu hin dhabamu.”