< Ayubu 32 >
1 Basi watu hawa watatu wakaacha kumjibu Ayubu, kwa kuwa alikuwa mwadilifu machoni pake mwenyewe.
Sababii Iyyoob nama qajeelaa of seʼeef namoonni sadan kunneen deebii kennuufii dhiisan.
2 Lakini Elihu mwana wa Barakeli, wa kabila la Buzi wa jamaa ya Ramu, akamkasirikia sana Ayubu, kwa sababu ya kujihesabia haki mwenyewe badala ya Mungu.
Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichi maatiin Raamii sun garuu sababii Iyyoob qooda Waaqaa qajeelaa of godheef akka malee itti aare.
3 Pia aliwakasirikia hao rafiki watatu wa Ayubu, kwa sababu hawakuweza kupata njia ya kuthibitisha ya kuwa hayo maneno ya Ayubu hayakuwa ya kweli, nao bado walikuwa wamemlaumu.
Akkasumas sababii isaan Iyyoobitti muruu malee deebii hin qabaatiniif Eeliihuun michoota Iyyoob sadanitti akka malee aare.
4 Basi Elihu alikuwa amesubiri kwanza waongee na Ayubu kwa sababu walikuwa na umri mkubwa kumliko yeye.
Eliihuun waan namoonni sun umuriidhaan isa caalaniif utuu dursee Iyyoobitti hin dubbatin ture.
5 Lakini alipoona watu hao watatu hawakuwa na kitu zaidi cha kusema, hasira yake ikaamka.
Garuu yeroo akka namoonni sun sadan waan dubbatan dhaban argetti aariin isaa ittuma caale.
6 Basi Elihu mwana wa Barakeli wa kabila la Buzi akasema: “Mimi ni mdogo kwa umri, nanyi ni wazee; ndiyo sababu niliogopa, sikuthubutu kuwaambia kile ninachojua.
Kanaafuu Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichaa sun akkana jedhe: “Ani umuriidhaan xinnaa dha; isin garuu jaarsolii dha; kanaafuu ani yaada koo isinitti himuu nan saalfadhe; nan sodaadhes.
7 Nilifikiri, ‘Yafaa umri useme, nao wingi wa miaka ungefundisha hekima.’
Ani, ‘Umuriin ni dubbata; barri dheeraanis ogummaa barsiisa’ jedhee yaadeen ture.
8 Lakini ni Roho iliyoko ndani ya mwanadamu, pumzi ya Mwenyezi, ndiyo impayo yeye ufahamu.
Garuu hafuura nama keessa jiru, hafuura Waaqni Waan Hunda Dandaʼu itti baafatutu hubannaa kennaaf.
9 Sio wazee peke yao walio na hekima, sio wenye umri mkubwa peke yao wanaofahamu lililo sawa.
Ogeessi jaarsa qofa miti; kan waan qajeelaa hubatus, nama umurii dheeraa qofa miti.
10 “Kwa hiyo nasema: Nisikilizeni mimi; mimi nami nitawaambia lile ninalojua.
“Kanaafuu ani akkana nan jedhaa na dhaggeeffadhaa; anis waanan beeku isinitti nan hima.
11 Nilingojea mlipokuwa mnaongea, nilizisikiliza hoja zenu; mlipokuwa mkitafuta maneno ya kusema,
Ani yeroo isin dubbattan nan obse; yeroo isin jechoota filattanitti illee ani dubbii ogummaa kan isin dubbattan nan dhaggeeffadhe;
12 niliwasikiliza kwa makini. Lakini hakuna hata mmoja wenu aliyethibitisha kwamba Ayubu amekosa; hakuna hata mmoja wenu aliyeweza kujibu hoja zake.
ani qalbeeffadheen isin dhagaʼe. Garuu isin keessaa namni tokko iyyuu akka inni dogoggore Iyyoobin hin amansiifne; namni tokko iyyuu falmii isaatiif deebii hin kennine.
13 Msiseme, ‘Tumepata hekima; Mungu na amthibitishe kuwa mwongo, wala si mwanadamu.’
Isin, ‘Nu ogummaa arganneerra; nama utuu hin taʼin, Waaqni isa irra haa aanu’ hin jedhinaa.
14 Lakini Ayubu hajayapanga maneno yake dhidi yangu, nami sitamjibu kwa kutumia hoja zenu.
Iyyoob garuu dubbii isaatiin na hin tuqne; anis falmii keessaniin deebii isaaf hin kennu.
15 “Wametiwa hofu na hawana la zaidi la kusema; maneno yamewaishia.
“Isaan abdii kutatanii waan jedhan dhaban; dubbiinis isaan harkaa badde.
16 Je, ningoje sasa kwa sababu wamekuwa kimya, kwa vile sasa wanasimama bila kuwa na la kujibu?
Erga isaan calʼisanii, erga isaan deebii kennan tokko illee dhabanii achi dhadhaabatanii, ani eeguun qabaa?
17 Mimi nami nitakuwa na la kusema; mimi nami nitasema lile nilijualo.
Ani deebii koo nan kenna; waanan beeku nan hima.
18 Kwa kuwa nimejawa na maneno, nayo Roho iliyomo ndani yangu yanisukuma;
Dubbiin na keessa guuteeraatii; hafuurri na keessa jirus na kakaasa;
19 ndani yangu niko kama chupa iliyojazwa divai, kama kiriba kipya cha divai kilicho tayari kupasuka.
garaan koo akkuma daadhii wayinii kan qadaadamee, akkuma qalqalloo daadhii wayinii haaraa dhoʼuun gaʼeetii.
20 Ni lazima niseme ili niweze kutulia; ni lazima nifumbue midomo yangu nipate kujibu.
Ani dubbadhee qabbaneeffachuun qaba; afaan koo banadhees deebii kennuun qaba.
21 Sitampendelea mtu yeyote, wala sitajipendekeza kwa mtu yeyote;
Ani nama wal hin caalchisu; yookaan nama tokko iyyuu hin saadu.
22 kwa kuwa kama ningekuwa stadi wa kujipendekeza, Muumba wangu angeniondolea mbali kwa upesi.
Utuu ani nama saaduu beekee, Uumaan koo silaa dafee lafa irraa na balleessa ture.