< Ayubu 31 >

1 “Nimefanya agano na macho yangu yasimtazame msichana kwa kumtamani.
“Ani ija koo wajjin kakuu galeera; yoos ani akkamiin hawwiidhaan gara durbaa ilaala ree?
2 Kwa kuwa fungu la mwanadamu ni gani kutoka kwa Mungu juu, urithi wake kutoka kwa Mungu Mwenye Nguvu Aliye juu?
Carraan namni Waaqa samii biraa qabu, dhaalli inni Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu maali?
3 Je, si uharibifu kwa watu waovu, maangamizi kwa wale watendao mabaya?
Hamootaaf badiisa, warra jalʼina hojjetaniif immoo dhaʼicha mitii?
4 Je, yeye hazioni njia zangu na kuihesabu kila hatua yangu?
Inni karaa koo hin arguu? Tarkaanfii koo hundas hin lakkaaʼuu?
5 “Kama nimeishi katika uongo au mguu wangu umekimbilia udanganyifu,
“Yoo ani karaa sobaa irra deemee yookaan miilli koo gara gowwoomsaatti ariifatee jiraate,
6 Mungu na anipime katika mizani za uaminifu, naye atajua kwamba sina hatia:
Waaqni madaalii dhugaatiin na haa madaalu; akka ani hirʼina hin qabne illee haa beeku;
7 kama hatua zangu zimepotoka kutoka kwenye njia, kama moyo wangu umeongozwa na macho yangu, au kama mikono yangu imetiwa unajisi,
yoo tarkaanfiin koo karaa irraa goree, garaan koo waan iji koo argu duukaa buʼee jiraate yookaan yoo harki koo xuraaʼee jiraate,
8 basi wengine na wale nilichokipanda, nayo yale yote niliyootesha na yangʼolewe.
waan ani facaafadhe namni biraa haa nyaatu; midhaan koos haa buqqifamu.
9 “Kama moyo wangu umeshawishiwa na mwanamke, au kama nimevizia mlangoni mwa jirani yangu,
“Yoo garaan koo dubartiidhaan gowwoomfamee jiraate, yookaan yoo ani balbala ollaa koo jalatti riphee eeggadhe,
10 basi mke wangu na asage nafaka ya mwanaume mwingine, nao wanaume wengine walale naye.
niitiin koo midhaan nama biraa haa daaktu; namoonni biraas ishee wajjin haa ciisan.
11 Kwa kuwa hilo lingekuwa aibu, naam, dhambi ya kuhukumiwa.
Kun hammina; kan abbaa murtiitiinis adabamuu qabuu dha.
12 Ni moto uwakao kwa Uharibifu; ungekuwa umengʼoa mavuno yangu.
Kun ibidda hamma Barbadeessutti waa gubuu dha; midhaan ani qabu hundas gubee balleessa ture.
13 “Kama ningewanyima haki watumishi wangu wanaume au vijakazi wangu, walipokuwa na manungʼuniko dhidi yangu,
“Yoo ani yeroo isaan na himatanitti, tajaajiltoota koo dhiiraa fi dubartii murtii qajeelaa dhowwadhee jiraadhe,
14 nitafanya nini Mungu atakaponikabili? Nitamjibu nini nitakapoitwa kutoa hesabu?
yeroo Waaqni kaʼutti ani maalan godha? Yoo inni na gaafates ani maalan deebisa?
15 Je, yeye aliyeniumba tumboni mwa mama yangu, si ndiye aliwaumba? Je, si ni yeye huyo mmoja aliyetuumba sote ndani ya mama zetu?
Isuma gadameessa keessatti na uume sanatu isaan uume mitii? Kan hunda keenya gadameessa keessatti tolches isuma mitii?
16 “Ikiwa nimewanyima maskini haja zao, au kuyaacha macho ya wajane yadhoofike,
“Yoo ani waan hiyyeessaaf barbaachisu dhowwadhee jiraadhe, yookaan yoo ani akka iji haadha hiyyeessaa dadhabu godhee jiraadhe,
17 kama nimekula chakula changu mwenyewe, bila kuwashirikisha yatima;
yoo ani buddeena koo utuu ilma abbaa hin qabneef hin qoodin kophaa koo nyaadhee jiraadhe,
18 lakini tangu ujana wangu nimemlea yatima kama ambavyo baba angefanya, nami tangu kuzaliwa kwangu nimewaongoza wajane:
ani garuu dargaggummaa kootii jalqabee akkuma abbaattin isa guddise; dhaloota kootii jalqabees haadha hiyyeessaa karaa argisiise.
19 kama nilimwona yeyote akiteseka kwa kukosa nguo, au mtu mhitaji asiye na mavazi
Ani yoon utuu namni tokko wayyaa dhabee akka malee miidhamuu, yookaan rakkataa uffata of irraa hin qabne tokko argee
20 ambaye wala moyo wake haukunibariki kwa kumpatia joto kwa mavazi ya manyoya ya kondoo zangu,
sababii ani rifeensa hoolota kootiin isa hoʼiseef, yoo garaan isaa na hin eebbisin,
21 na kama nimeinua mkono wangu dhidi ya yatima, nikijua kuwa nina ushawishi mahakamani,
yoo ani mana murtiitti fudhatama qaba jedhee ijoollee abbaa hin qabnetti harka koo ol kaasee jiraadhe,
22 basi mkono wangu na unyofoke toka begani mwangu, nao na uvunjike kutoka kiungio chake.
irreen koo gatiittii koo irraa haa buqqaʼu; irreen koo buusaa isaatti haa cabu.
23 Kwa kuwa niliogopa uharibifu kutoka kwa Mungu, nami kwa kuuogopa utukufu wake sikuweza kufanya mambo kama hayo.
Ani sababiin dhaʼicha Waaqaa sodaadhee fi sababiin surraa isaa kabajeef waan akkanaa hojjechuu hin dandeenye.
24 “Kama nimeweka tumaini langu kwenye dhahabu, au kuiambia dhahabu safi, ‘Wewe ndiwe salama yangu,’
“Yoo ani warqee abdadhee yookaan warqee qulqulluudhaan, ‘Ati irkoo koo ti’ jedhee jiraadhe,
25 kama nimefurahia wingi wa utajiri wangu, ustawi ambao mikono yangu ilikuwa imepata,
yoo ani qabeenya koo guddaatti, milkaaʼina harki koo argatetti gammadee jiraadhe,
26 kama nimelitazama jua katika kungʼaa kwake au mwezi ukienda kwa fahari yake,
yoo ani aduu iftu argee yookaan jiʼa miidhaginaan deemu ilaalee kabajee,
27 hivyo moyo wangu kushawishiwa kwa siri, au kubusu mkono wangu kwa kuviheshimu,
akkasiinis garaan koo dhoksaan gowwoomfamee afaan koo harka koo dhungatee jiraate,
28 basi hiyo pia ingekuwa dhambi ya kuhukumiwa, kwa kuwa ningekuwa si mwaminifu kwa Mungu aishiye juu sana.
wanni kun cubbuu adabamuu qabuu dha; ani Waaqa samiitiif hin amanamne tureetii.
29 “Kama nimeshangilia msiba wa adui yangu, au kutazama kwa furaha taabu iliyomjia,
“Yoo ani badiisa diina kootiitti gammadee yookaan rakkina isa irra gaʼeef ililchee jiraadhe,
30 lakini sikuruhusu kinywa changu kufanya dhambi kwa kuomba laana dhidi ya maisha yake;
ani jireenya isaa abaaruudhaan akka afaan koo cubbuu hojjetu hin eeyyamne.
31 kama watu wa nyumbani mwangu kamwe hawakusema, ‘Ni nani ambaye hajashibishwa na nyama ya Ayubu?’
Yoo namoonni mana koo jiraatan, takkumaa, ‘Eenyutu buddeena mana Iyyoob nyaatee hin quufin?’ hin jedhin,
32 Lakini hakuna mgeni aliyelala njiani, kwa maana mlango wangu ulikuwa wazi kwa msafiri;
sababii manni koo karaa deemtuuf banaa tureef, keessummaan kam iyyuu ala hin bulu ture.
33 kama nimeifunika dhambi yangu kama wanadamu wengine wafanyavyo, kwa kuficha hatia yangu moyoni mwangu,
Yoo ani akkuma namoonni godhan sana balleessaa koo garaatti qabadhee cubbuu koos dhokfadhee jiraadhe,
34 kwa sababu ya kuogopa umati wa watu, na hivyo kuwa na hofu ya kudharauliwa na jamaa, nikanyamaza kimya nisitoke nje ya mlango:
ani waldaa guddaa sodaadhee yookaan tuffiin gosaa na naasisee, calʼisee gad baʼuu dhiiseeraa?
35 (“Laiti kama angekuwepo mtu wa kunisikia! Tazama sasa ninatia sahihi kwenye utetezi wangu: Mwenyezi na anijibu; mshtaki wangu na aweke mashtaka yake kwenye maandishi.
“Maaloo ani utuu nama na dhagaʼu argadhee! Ani mallattoo falmii koo nan mallatteessa; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu deebii naaf haa kennu; himataan koo dubbii isaa barreeffamaan haa dhiʼeeffatu.
36 Hakika ningeyavaa begani mwangu, ningeyavaa kama taji.
Dhugumaan ani gatiittii koo irratti waan kana nan baadha; akka gonfoottis mataa irra nan kaaʼadhan ture.
37 Ningempa hesabu ya kila hatua yangu, ningemwendea kama mwana wa mfalme.)
Tokkoo tokkoo tarkaanfii koo isatti nan hima; akkuma ilma mootiittis isatti nan dhiʼaadhan ture.
38 “Kama nchi yangu inalia dhidi yangu, na mifereji yake yote imelowana kwa machozi,
“Yoo lafti koo natti iyyitee boʼoon ishee hundinuu imimmaaniin jiidhe,
39 kama nimekula mazao yake bila malipo, au kuvunja mioyo ya wapangaji wake,
yoo ani kaffaltii malee midhaan ishee nyaadhe, yookaan akka hojjettoonni isaa lubbuu isaanii dhaban godhee jiraadhe,
40 basi miiba na iote badala ya ngano, na magugu badala ya shayiri.” Mwisho wa maneno ya Ayubu.
qooda qamadii qoraattiin, qooda garbuus aramaan itti haa biqilu.” Dubbiin Iyyoob xumurame.

< Ayubu 31 >