< Ayubu 27 >

1 Ndipo Ayubu akaendelea na hoja yake, akasema:
Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe:
2 “Hakika kama Mungu aishivyo, aliyeninyima haki yangu, Mwenyezi ambaye amenifanya nionje uchungu wa nafsi,
“Dhugaa Waaqa jiraataa murtii qajeelaa na dhowwate, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu kan lubbuu koo hadheesse sanaa,
3 kwa muda wote nitakaokuwa na uhai ndani yangu, nayo pumzi ya Mungu ikiwa puani mwangu,
hamma lubbuun na keessa jirtutti, hamma hafuurri Waaqaa funyaan koo keessa jirutti,
4 midomo yangu haitanena uovu, wala ulimi wangu hautatamka udanganyifu.
afaan koo hammina hin dubbatu; arrabni koos nama hin gowwoomsu.
5 Sitakubaliana nanyi kabisa kuwa mko sahihi; hadi nife, sitakana uadilifu wangu.
Isin qajeeltota jechuu, Waaqni ana irraa haa fagaatu; ani hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu.
6 Nitadumisha haki yangu wala sitaiacha; dhamiri yangu haitanisuta muda wote ninaoishi.
Qajeelummaa koo jabeessee nan qabadha; gadis hin dhiisu; bara jireenya kootii guutuu qalbiin koo na hin komattu.
7 “Watesi wangu wawe kama waovu, nao adui zangu wawe kama wasio haki!
“Diinni koo akka nama hamaa, mormituun koo akka nama jalʼaa haa taʼu!
8 Kwa maana mtu asiyemcha Mungu analo tegemeo gani anapokatiliwa mbali, Mungu anapouondoa uhai wake?
Yommuu Waaqni lubbuu isaa isa irraa fudhatee isa balleessutti, namni Waaqaaf hin bulle abdii maalii qaba?
9 Je, Mungu husikiliza kilio chake, shida zimjiapo?
Yeroo rakkinni isatti dhufutti, Waaqni iyya isaa ni dhagaʼaa?
10 Je, anaweza kumfurahia Mwenyezi? Je, atamwita Mungu nyakati zote?
Inni Waaqa Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadaa? Yeroo hundas Waaqa waammataa?
11 “Nitawafundisha juu ya uweza wa Mungu; njia za Mwenyezi sitazificha.
“Ani waaʼee harka Waaqaa isin nan barsiisa; waan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu bira jirus isin hin dhoksu.
12 Ninyi nyote mmeona hili wenyewe. Ni ya nini basi mazungumzo haya yasiyo na maana?
Hundi keessan waan kana argitaniirtu; yoos haasaan faayidaa hin qabne kun maali?
13 “Hili ndilo fungu ambalo Mungu humpa mtu mwovu, urithi ule mtu mdhalimu anapokea kutoka kwa Mwenyezi:
“Carraan Waaqni nama hamaaf qoode, dhaalli namni jalʼaan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu kana:
14 Hata kama watoto wake watakuwa wengi kiasi gani, fungu lao ni kuuawa kwa upanga; wazao wake hawatakuwa kamwe na chakula cha kuwatosha.
Ijoolleen isaa akka malee baayʼatan iyyuu goraadeetu isaan eeggata; sanyiin isaas waan nyaatee quufu hin qabaatu.
15 Tauni itawazika wale watakaonusurika miongoni mwao, nao wajane wao hawatawaombolezea.
Hambaa isaa dhaʼichatu awwaala; niitonni isaaniis hin booʼaniif.
16 Ajapokusanya fedha nyingi kama mavumbi, na mavazi kama malundo ya udongo wa mfinyanzi,
Inni meetii akkuma biyyootti tuullatee uffata immoo akkuma supheetti kuufatu illee,
17 yale yote mtu mwovu aliyojiwekea akiba, mwenye haki atayavaa, naye asiye na hatia ataigawanya fedha yake.
waan inni kuufate nama qajeelaatu uffata; meetii isaa illee nama balleessaa hin qabnetu qooddata.
18 Nyumba aijengayo ni kama utando wa buibui, kama kibanda alichotengeneza mlinzi.
Manni inni ijaaru akkuma mana dholdholee ti; akkuma daasii eegduun ijaaruu ti.
19 Yeye hulala akiwa tajiri, lakini ndiyo mara ya mwisho; afunguapo macho yake, yote yametoweka.
Inni utuma qabeenya qabuu dhaqee ciisa; garuu itti hin deebiʼu; yeroo inni ija banatutti, qabeenyi isaa hundi hin jiru.
20 Vitisho humjia kama mafuriko; dhoruba humkumba ghafula usiku.
Sodaan akkuma lolaa isa irra garagala; bubbeen hamaan immoo halkaniin isa fudhatee sokka.
21 Upepo mkali wa mashariki humchukua, naye hutoweka; humzoa kutoka mahali pake.
Bubbeen baʼa biiftuu isa fudhata; innis hin argamu; bubbeen sunis lafa inni jiru irraa isa haxaaʼa.
22 Humvurumisha bila huruma, huku akikimbia kasi kukwepa nguvu zake.
Inni humna bubbee jalaa baʼuuf jedhee baqata; bubbeen sunis gara laafina tokko malee itti of darbata.
23 Upepo humpigia makofi kwa dharau, na kumfukuza atoke mahali pake.
Harka isaa dhadhaʼee itti qoosa; afuufees iddoo isaatii isa balleessa.”

< Ayubu 27 >