< Ayubu 24 >

1 “Kwa nini Mwenyezi asiweke nyakati kwa ajili ya hukumu? Kwa nini wale wamjuao wazitafute siku kama hizo bila mafanikio?
“Waaqni Waan Hunda Dandaʼu sun maaliif yeroo murtii hin murteessine? Warri isa beekan maaliif akkasumaan guyyoota isaa hin argine?
2 Watu husogeza mawe ya mpaka; huchunga makundi ya wanyama waliyonyangʼanya kwa nguvu.
Namoonni dhagaa daarii ni dhiibu; bushaayee hataniis ni bobbaasu.
3 Huwanyangʼanya yatima punda wao, na kumchukua rehani fahali wa mjane.
Isaan harree ijoollee abbaa hin qabnee ooffatanii deemu; sangaa haadha hiyyeessaa qabdii fudhatu.
4 Humsukuma mhitaji kutoka njia, na kuwafanya maskini wote wa nchi kulazimika kujificha.
Rakkataa karaa irraa balleessu; hiyyeeyyiin biyyaa hundis isaan jalaa dhokatu.
5 Kama punda-mwitu jangwani, maskini huzunguka katika kazi zao za kutafuta chakula; mahali palipo jangwa huwapa chakula cha watoto wao.
Hiyyeeyyiin akkuma harree diidaa kan gammoojjii keessaa nyaata barbaacha asii fi achi jooru; gammoojjii sana keessaas ijoollee isaaniitiif nyaata kenna.
6 Hukusanya chakula mashambani na kuokota masazo katika mashamba ya mizabibu ya waovu.
Isaan dirree irratti okaa walitti qabatu; iddoo dhaabaa wayinii nama hamaa irraas qarmii funaannatu.
7 Kwa kukosa nguo, usiku kucha hukaa uchi; hawana chochote cha kujifunika baridi.
Uffata dhabanii halkan qullaa bulu; waan dhaamocha keessatti uffatan tokko illee hin qaban.
8 Hutota kwa mvua za mlimani, nao huikumbatia miamba kwa ajili ya kukosa pa kujisitiri.
Isaan bokkaa tulluutiin tortoraniiru; waan itti daʼatan illee dhabanii kattaa hammatu.
9 Mtoto yatima hupokonywa matitini; mtoto wachanga wa maskini hunyakuliwa kwa ajili ya deni.
Mucaan abbaa hin qabne harma irraa butameera; daaʼimni hiyyeessaa qabdii kennameera.
10 Kwa kukosa nguo, hutembea uchi; hubeba miganda ya ngano, lakini huwa na njaa.
Isaan uffata dhabanii qullaa deemu; bissii baatu; garuu ni beelaʼu.
11 Hukamua zeituni katika mawe ya kusagia; hukanyaga mashinikizo, lakini wanaona kiu.
Isaan dhagaa gidduutti zayitii ejersaa baasu; wayinii cuunfu; garuu ni dheebotu.
12 Kilio cha huzuni cha wanaokufa kinapaa kutoka mjini, nazo nafsi za waliojeruhiwa zinalilia msaada. Lakini Mungu hamlaumu mtu yeyote kwa kutenda mabaya.
Aaduun warra duʼuutti jiranii magaalaa keessaa ni dhagaʼama; lubbuun warra madaaʼaniis gargaarsa barbaacha iyyiti. Waaqni garuu balleessaa tokko iyyuu isaanitti hin lakkaaʼu.
13 “Wako wale wanaoiasi nuru, wasiofahamu njia zake wala hawakai katika mapito yake.
“Warri ifatti fincilan kanneen daandii isaa hin beekne yookaan daandii ifaa irra hin jiraanne jiru.
14 Wakati mwanga wa mchana unapotoweka, muuaji huinuka naye huwaua maskini na mhitaji; wakati wa usiku hunyemelea kama mwizi.
Yommuu aduun dhiitu, namni nama ajjeesu ni kaʼa; innis hiyyeeyyii fi rakkattoota ni ajjeesa; halkan immoo akkuma hattuu taʼa.
15 Jicho la mzinzi hungojea wakati wa giza, naye hufikiri, ‘Hakuna jicho litakaloniona,’ naye huuficha uso wake.
Iji ejjaan dimimmisa eeggata; innis, ‘Iji na argu hin jirtu’ jedha; fuula isaas ni dhokfata.
16 Katika giza, huvunja majumba, lakini wakati wa mchana hujifungia ndani; hawataki kufanya lolote nuruni.
Namoonni dukkana keessa mana cabsanii seenu; guyyaa garuu ofitti cufanii oolu; isaan ifa hin beekan.
17 Kwa wote hawa, giza nene ndiyo asubuhi yao; hujifanya rafiki na vitisho vya gizani.
Hunda isaaniitiif, dukkanni guddaan barii isaanii ti; isaan sodaa dukkana guddaatti michoomu.
18 “Lakini wao ni povu juu ya maji; sehemu yao juu ya nchi imelaaniwa, hivyo hakuna hata mmoja aendaye kwenye shamba la mizabibu.
“Taʼus isaan hoomacha bishaan gubbaa ti; akka namni tokko iyyuu gara iddoo dhaabaa wayinii hin dhaqneef, qoodni lafa isaanii abaarameera.
19 Kama vile joto na hari vinyakuavyo theluji iliyoyeyuka, ndivyo kuzimu kuwanyakuavyo waliotenda dhambi. (Sheol h7585)
Akkuma hoʼii fi hoongeen cabbii baqee xuuxee fixu, awwaalli namoota cubbuu hojjetan ni butata. (Sheol h7585)
20 Tumbo lililowazaa huwasahau, nao huwa karamu ya mabuu; watu waovu hawakumbukwi tena, lakini huvunjika kama mti.
Gadameessi isaan irraanfata; raammoonnis itti duuddee isaan nyaatti; namoonni hamoon akkuma mukaa ni caccabu; siʼachis hin yaadataman.
21 Huwafanya mawindo wanawake tasa na wasio na watoto, nao hawaonyeshi huruma kwa wajane.
Isaan dubartii dhabduu ni saamu; haadha hiyyeessaatiif illee garaa hin laafan.
22 Lakini Mungu huwakokota wenye nguvu kwa uwezo wake; ingawa wamestawi, hawana hakika ya maisha.
Waaqni garuu humna isaatiin jajjaboota alatti harkisa; isaan ol kaʼu; garuu wabii jireenyaa hin qaban.
23 Aweza akawaacha wakapumzika wakijihisi salama, lakini macho yake yanaona njia zao.
Inni akka isaan waan nagaan jiraatan seʼaniif ittuma dhiisuu dandaʼa; iji isaa garuu karaa isaanii ni toʼata.
24 Kwa kitambo kidogo hutukuka, hatimaye hutoweka; hushushwa na kukusanywa kama wengine wote, hukatwa kama masuke ya nafaka.
Isaan yeroo xinnoof mataa ol qabatu; ergasii immoo ni badu; gad deebifamaniis akkuma warra kaanii walitti qabamu; akkuma mataa midhaaniis ni muramu.
25 “Kama hili sivyo, ni nani awezaye kunithibitisha kuwa mwongo, na kuyafanya maneno yangu kuwa si kitu?”
“Yoo kun akkas taʼuu baate eenyutu sobduu na godhee dubbii koo busheessa?”

< Ayubu 24 >