< Ayubu 21 >

1 Ndipo Ayubu akajibu:
Iyyoob akkana jedhee deebise:
2 “Yasikilizeni maneno yangu kwa makini; hii na iwe faraja mnayonipa mimi.
“Dubbii koo qalbeeffadhaa dhaggeeffadhaa; kun waan isin ittiin na jajjabeessitan haa taʼu.
3 Nivumilieni ninapozungumza, nami nikishazungumza, endeleeni kunidhihaki.
Yeroo ani dubbadhu naa obsaa; erga ani dubbadhee booddee isin natti qoosuu dandeessu.
4 “Je, kwani malalamiko yangu yanaelekezwa kwa mwanadamu? Kwa nini nisikose subira?
“Dhugumaan kan ani komadhu namaa? Ani maaliif obsa hin dhabne ree?
5 Niangalieni mkastaajabu; mkaweke mkono juu ya vinywa vyenu.
Na ilaalaatii dinqisiifadhaa; harka keessanis afaan keessan irra kaaʼadhaa.
6 Ninapowaza juu ya hili, ninaogopa, nao mwili wangu unatetemeka.
Ani yommuu waan kana yaadu nan sodaadha; hollannaanis na qabata.
7 Kwa nini waovu wanaendelea kuishi, wakifikia umri wa uzee na kuendelea kuwa na nguvu?
Hamoonni maaliif itti fufanii lubbuun jiraatu? Maaliif dulloomanii humnas argachaa deemu?
8 Huwaona watoto wao wakithibitika wakiwa wamewazunguka, wazao wao mbele za macho yao.
Ijoolleen isaanii naannoo isaaniitti, sanyiin isaaniis fuula isaanii duratti jabaatanii dhaabatu.
9 Nyumba zao zi salama wala hakuna hofu; fimbo ya Mungu haiko juu yao.
Manni isaanii nagaa dha; waan sodaatu illee hin qabu; uleen Waaqaas isaan hin tuqxu.
10 Madume yao ya ngʼombe huvyaza bila kushindwa kamwe; ngʼombe wao huzaa wala hawaharibu mimba.
Kormi isaanii dhalchuu hin dadhabu; saawwan isaanii ni dhalu; hin gatatanis.
11 Huwatoa watoto wao nje kama kundi; wadogo wao huchezacheza.
Isaan ijoollee isaanii akkuma bushaayeetti bobbaasu; daaʼimman isaanii immoo ni burraaqu.
12 Huimba nyimbo kwa matari na kwa kinubi, nao huifurahia sauti ya filimbi.
Dibbee fi kiraaraan sirbu; sagalee ululleetiinis ni gammadu.
13 Huitumia miaka yao katika mafanikio nao hushuka kaburini kwa amani. (Sheol h7585)
Isaan bara isaanii badhaadhummaadhaan fixatu; nagaadhaanis ni awwaalamu. (Sheol h7585)
14 Lakini humwambia Mungu, ‘Tuache sisi!’ Hatuna haja ya kufahamu njia zako.
Taʼu illee isaan Waaqaan akkana jedhu; ‘Nu dhiisi! Nu karaa kee beekuuf fedhii hin qabnu.
15 Mwenyezi ni nani hata tumtumikie? Tutapata faida gani kumwomba?
Akka nu isa tajaajilluuf Waaqni waan Hunda Dandaʼu eenyu? Nu isa kadhannee maal arganna?’
16 Lakini kufanikiwa kwao hakupo mikononi mwao wenyewe, hivyo najitenga mbali na shauri la waovu.
Badhaadhummaan isaanii garuu isaan harka hin jiru; kanaafuu ani gorsa hamootaa irraa nan fagaadha.
17 “Lakini ni mara ngapi taa ya waovu huzimwa? Ni mara ngapi maafa huwajia, yale yawapatayo ambayo Mungu huwapangia katika hasira yake?
“Garuu ibsaan hamootaa yoom iyyuu ni dhaamaa? Balaan yoom iyyuu isaanitti dhufaa? Waaqnis dheekkamsa isaatiin badiisa isaanitti fidaa?
18 Ni mara ngapi huwa kama majani makavu mbele ya upepo, kama makapi yachukuliwayo na dhoruba?
Isaan akkuma cidii fuula qilleensaa duraa ti; akkuma habaqii bubbeen hamaan fudhatee deemuu ti.
19 Imesemekana, ‘Mungu huiweka akiba adhabu ya mtu kwa ajili ya wanawe.’ Mungu na amlipe mtu mwenyewe, ili apate kulijua!
Isin, ‘Waaqni balleessaa nama tokkoo ilmaan isaatiif kuusa’ jettu. Akka inni waan kana beekuuf Waaqni namichuma mataa isaatiif gatii isaa haa kennu!
20 Macho yake mwenyewe na yaone maangamizi yake; yeye na ainywe ghadhabu ya Mwenyezi.
Iji isaa badiisa isaa haa argu; inni xoofoo dheekkamsa Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu haa dhugu.
21 Kwani anajali nini kuhusu jamaa anayoiacha nyuma, miezi yake aliyopangiwa ifikapo mwisho?
Inni yeroo jiʼi isaaf qoodame dhumutti, waaʼee maatii isaa kan dhiisee biraa deemu sanaa dhimma maalii qabaata?
22 “Je, yuko mtu yeyote awezaye kumfundisha Mungu maarifa, iwapo yeye ndiye ahukumuye hata walio juu ya wote?
“Namni tokko iyyuu Waaqa beekumsa barsiisuu dandaʼaa? Waaqni ol aantotatti iyyuu ni muraatii.
23 Mtu mmoja hufa akiwa na nguvu zake kamili, akiwa salama na mwenye raha kamili,
Namni tokko utuma itti tolee nagaan jiraatuu, utuma humna guutuu qabuu,
24 mwili wake ukiwa umenawiri, nayo mifupa yake ikiwa imejaa mafuta ndani yake.
utuma dhagni isaa gabbatee jiruu, utuma lafeen isaa dhukaan guutamee jiruu ni duʼa.
25 Mtu mwingine hufa katika uchungu wa nafsi, akiwa hajafurahia kamwe jambo lolote zuri.
Namni biraa immoo utuu gammachuu tokko illee hin argin, jireenya hadhaaʼaa jiraachaa duʼa.
26 Hao wote hulala mavumbini, nao mabuu huwafunika wote.
Isaan biyyoo keessa wal bira ciciisu; lachan isaaniittuu raammoon ni tuutaʼa.
27 “Ninayajua kikamilifu yale mnayoyafikiri, mipango ambayo kwayo mngenitendea mabaya.
“Ani yaada keessanii fi mala isin ittiin na miidhuu barbaaddan nan beeka.
28 Mwasema, ‘Iko wapi sasa nyumba ya huyo mtu mkuu, mahema ambayo watu waovu walikaa?’
Isin, ‘Manni namicha guddaa, dunkaanni namoonni hamoon keessa jiraatan amma eessa jira?’ jettu.
29 Je, hamkuwahi kuwauliza hao wanaosafiri? Je, hamkutafakari taarifa zao:
Isin namoota karaa deeman hin gaafannee? Waan isaan jedhanis hin qalbeeffannee?
30 kwamba mtu mwovu huepushwa kutoka siku ya maafa, kwamba huokolewa kutoka siku ya ghadhabu?
Akka namni hamaan guyyaa balaa oolfamu, akka inni guyyaa dheekkamsaa illee baraaramu hin qalbeeffannee?
31 Ni nani hulaumu matendo yake mbele ya uso wake? Ni nani ampatilizaye kwa yale aliyoyatenda?
Namni fuuluma isaa dura dhaabatee hojii isaa itti himu eenyu? Namni gatii waan inni hojjetee baasuuf eenyu?
32 Hupelekwa kaburini, nao ulinzi ukawekwa kwenye kaburi lake.
Inni gara awwaalaatti geeffama; awwaalli isaas ni eegama.
33 Udongo ulio bondeni ni mtamu kwake; watu wote watamfuata, nao umati wa watu usiohesabika umemtangulia.
Biyyoon sulula keessaa isatti miʼaawa; namoonni hundi isa duukaa buʼu; namoonni akka malee baayʼeenis fuula isaa dura deemu.
34 “Hivyo ninyi mnawezaje kunifariji kwa upuzi wenu? Hakuna kilichosalia cha majibu yenu isipokuwa uongo!”
“Yoos isin akkamiin waan faayidaa hin qabneen na jajjabeessuu dandeessu ree? Deebiin keessanis soba qofa!”

< Ayubu 21 >