< Ayubu 10 >

1 “Nayachukia sana haya maisha yangu; kwa hiyo nitatoa malalamiko yangu kwa wazi bila kujizuia, nami nitanena kutokana na uchungu wa moyo wangu.
“Ani jireenya koo akka malee jibbeera; kanaafuu caalchisee nan guunguma; hadhaaʼummaa lubbuu kootiinis nan dubbadha.
2 Nitamwambia Mungu: Usinihukumu, bali niambie una mashtaka gani dhidi yangu.
Waaqaanis akkana nan jedha: Ati maaliin akka na himattu natti himi malee natti hin murin.
3 Je, inakupendeza wewe kunionea, kuikataa kwa dharau kazi ya mikono yako, huku wewe ukitabasamu juu ya mipango ya waovu?
Hojii jalʼootaa gammachuudhaan fudhattee ana immoo yommuu cunqursitu, hojii harka keetiis yommuu tuffattu sitti tolaa?
4 Je, wewe una macho ya kimwili? Je, wewe huona kama mwanadamu aonavyo?
Ati ija foonii qabdaa? Akka namni ilaaluttis ni ilaaltaa?
5 Je, siku zako ni kama zile za mwanadamu, au miaka yako ni kama ile ya mtu,
Barri kee akka bara namaatii? Yookaan waggoonni kee akka waggoota namaatii?
6 ili kwamba utafute makosa yangu na kuichunguza dhambi yangu;
Yoos ati maaliif balleessaa koo barbaaddee cubbuu koo qoratta?
7 ingawa wajua kuwa mimi sina hatia, na hakuna awezaye kunitoa mkononi mwako?
Taʼus ati akka ani yakka hin qabnee fi akka namni harka keetii na baasu tokko iyyuu hin jirre ni beekta.
8 “Mikono yako ndiyo iliyoniumba na kunifanya. Je, sasa utageuka na kuniangamiza?
“Harki kee tolchee na uume. Ati amma deebitee na balleessitaa?
9 Kumbuka kuwa ulinifinyanga kama udongo wa mfinyanzi. Je, sasa utanifanya kuwa mavumbi tena?
Akka supheetti na tolchuu kee yaadadhu. Ati amma gara biyyootti na deebiftaa?
10 Je, wewe hukunimimina mimi kama maziwa, na kunigandisha kama jibini,
Ati akka aannanii na hin dhangalaafnee? Akka baaduus na hin itichinee?
11 ukanivika ngozi na nyama, na kuniunga pamoja kwa mifupa na mishipa?
Ati gogaa fi foon natti uffifte; lafee fi ribuudhaanis walitti hodhitee na tolchite.
12 Umenipa uhai na kunitendea wema, katika uangalizi wako umeilinda roho yangu.
Ati jireenya naa kennitee gaarummaa natti argisiifte; kunuunsi kees hafuura koo naa eege.
13 “Lakini hili ndilo ulilolificha moyoni mwako, nami ninajua kuwa hili lilikuwa katika nia yako:
“Ati garuu waan kana hunda garaatti qabatte; anis akka wanni kun yaada kee keessa jiru nan beeka.
14 Kama nilifanya dhambi, ungekuwa umeniona, wala usingeacha kosa langu lipite bila kuadhibiwa.
Ati yoo ani cubbuu hojjedhe na argita; balleessaa koos utuu hin adabin bira hin dabartu.
15 Kama nina hatia, ole wangu! Hata kama ningekuwa sina hatia, siwezi kukiinua kichwa changu, kwa kuwa nimejawa na aibu, na kuzama katika mateso yangu.
Yoo ani yakka hojjedhe, anaaf wayyoo! Ani yoo nama balleessaa hin qabne taʼe illee, mataa koo ol qabachuu hin dandaʼu; ani salphina uffadhee dhiphina keessa seeneeraatii.
16 Kama nikiinua kichwa changu juu, unaninyatia kama simba, na kuonyesha tena uwezo wa kutisha dhidi yangu.
Yoo ani mataa ol qabadhe ati akka leenca waa adamsuu na adamsita; humna kee sodaachisaa sanas ammumaa amma natti argisiifta.
17 Wewe waleta mashahidi wapya dhidi yangu na kuzidisha hasira yako juu yangu; nazo nguvu zako zinanijia wimbi moja baada ya jingine.
Ati dhuga baatota haaraa natti fiddee dheekkamsa kee natti dabalta; loltuus natti fidda.
18 “Kwa nini basi ulinitoa tumboni? Ninatamani ningekufa kabla jicho lolote halijaniona.
“Egaa ati maaliif gadameessa keessaa na baafte? Utuu iji tokko iyyuu na hin argin utuun duʼee.
19 Laiti nisingekuwako kamwe, au ningekuwa nimechukuliwa moja kwa moja kutoka tumboni kwenda kaburini!
Ani utuun dhalachuu baadhee yookaan utuun akkuman dhaladheen awwaalamee jiraadhee!
20 Je, siku zangu chache si zimekaribia kuisha? Niachie ili niweze kupata muda mfupi wa kufurahi
Barri koo gabaabaan dhumaa jira mitii? Akka ani yeroo xinnoof gammaduuf narraa deebiʼi;
21 kabla sijaenda mahali ambapo hakuna kurudi tena, katika nchi ya giza na uvuli wa mauti,
utuu ani lafa dhaqanii hin deebine, biyya dimimmisaa fi dukkana limixii hin dhaqin dura,
22 nchi ya giza kuu sana, yenye uvuli wa giza na machafuko, mahali ambapo hata nuru ni giza.”
gara biyya dimimmisaaʼaa akka dukkanaa, biyya gaaddidduu duʼaatiin guutame, kan ifni iyyuu akkuma dukkanaa taʼee hin dhaqin, narraa deebiʼi.”

< Ayubu 10 >