< Yeremia 51 >

1 Hili ndilo asemalo Bwana: “Tazama nitaamsha roho ya mwangamizi dhidi ya Babeli na watu wakaao Leb-Kamai.
Waaqayyo akkana jedha: “Kunoo ani Baabilonii fi saba ishee keessa jiraatutti bubbee waa balleessu nan kaasa.
2 Nitawatuma wageni Babeli kumpepeta na kuiharibu nchi yake; watampinga kila upande katika siku ya maafa yake.
Ani akka isaan gingilchanii ishee balleessaniif ormoota Baabilonitti nan erga; isaan gaafa badiisa ishee, karaa hundaanuu isheen mormu.
3 Usimwache mpiga upinde afunge kamba upinde wake, wala usimwache avae silaha zake. Usiwaonee huruma vijana wake; angamiza jeshi lake kabisa.
Abbaan xiyyaa iddaa isaa hin aggaamin, yookaan miʼa lolaa hin hidhatin. Dargaggoota ishee hin baasinaa; loltoota ishee illee guutumaan guutuutti barbadeessaa.
4 Wataanguka waliouawa katika Babeli, wakiwa na majeraha ya kutisha barabarani zake.
Isaan qalamanii Baabilon keessa ni harcaafamu; daandiiwwan ishee irrattis ni madaaʼu.
5 Kwa maana Israeli na Yuda hawajaachwa na Mungu wao, Bwana Mwenye Nguvu Zote, ingawa nchi yao imejaa uovu mbele zake yeye Aliye Mtakatifu wa Israeli.
Yoo biyyi isaanii fuula Qulqullicha Israaʼel duratti yakkaan guutamtee jiraatte iyyuu Waaqni isaanii, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Israaʼelii fi Yihuudaa hin ganne.
6 “Kimbieni kutoka Babeli! Okoeni maisha yenu! Msiangamizwe kwa sababu ya dhambi zake. Ni wakati wa kisasi cha Bwana, atamlipa kile anachostahili.
“Baabilon keessaa baqadhaa! Lubbuu keessan oolfadhaa! Isin sababii cubbuu isheetiif hin dhuminaa. Yeroon kun yeroo haaloo baʼuu Waaqayyoo ti; innis gatii isheef malu ni kennaaf.
7 Babeli alikuwa kikombe cha dhahabu katika mkono wa Bwana; aliufanya ulimwengu wote ulewe. Mataifa walikunywa mvinyo wake; kwa hiyo sasa wameingiwa na wazimu.
Baabilon harka Waaqayyoo keessatti xoofoo warqee turte; isheen guutummaa lafaa ni macheessite. Saboonni daadhii wayinii ishee dhugan; kanaafuu amma maraataniiru.
8 Babeli ataanguka ghafula na kuvunjika. Mwombolezeni! Tafuteni zeri ya kutuliza maumivu yake, labda anaweza kupona.
Baabilon akkuma tasaa kuftee caccabdi; isheef booʼaa! Qoricha isheen madaa dibattu fidaafii; tarii isheen ni fayyiti taʼaatii.
9 “‘Tungemponya Babeli, lakini hawezi kuponyeka; tumwacheni, na kila mmoja wetu aende nchi yake mwenyewe, kwa kuwa hukumu yake inafika angani, inapanda juu hadi mawinguni.’
“‘Nu Baabilonin fayyisu yaalleerra; isheen garuu fayyuu hin dandeessu; kottaa tokkoon tokkoon keenya ishee dhiifnee gara biyya ofii keenyaatti haa qajeellu; murtiin ishee hamma samiitti ol baʼee, hamma duumessaatti ol fagaateeraatii.’
10 “‘Bwana amethibitisha haki yetu; njooni, tutangaze katika Sayuni kitu ambacho Bwana Mungu wetu amefanya.’
“‘Waaqayyo qajeelummaa keenya dhugaa nuu baʼeera; kottaa, waan Waaqayyo Waaqni keenya hojjete Xiyoon keessatti haa odeessinu.’
11 “Noeni mishale, chukueni ngao! Bwana amewaamsha wafalme wa Wamedi, kwa sababu nia yake ni kuangamiza Babeli. Bwana atalipiza kisasi, kisasi kwa ajili ya Hekalu lake.
“Xiyya qaradhaa; gaachana illee fudhadhaa! Sababii kaayyoon isaa Baabilonin balleessuu taʼeef Waaqayyo mootota Meedee kakaaseera. Waaqayyo haaloo ni baʼa; mana qulqullummaa isaatii haaloo ni baʼa.
12 Twekeni bendera juu ya kuta za Babeli! Imarisheni ulinzi, wekeni walinzi, andaeni waviziao! Bwana atatimiza kusudi lake, amri yake juu ya watu wa Babeli.
Dallaa Baabilonitti faajjii kaasaa! Eegumsa jajjabeessaa; eegduu dhaabaa; warra riphee eeggatu qopheessaa! Waaqayyo kaayyoo isaa waan saba Baabilonitti mure sana fiixaan baafata.
13 Wewe uishiye kando ya maji mengi na uliye na wingi wa hazina, mwisho wako umekuja, wakati wako wa kukatiliwa mbali.
Ati kan bishaan baayʼee qabdu, kan qabeenyaanis badhaate, dhumni kee dhufeera; yeroon ati itti baddu gaʼeera.
14 Bwana Mwenye Nguvu Zote ameapa kwa nafsi yake mwenyewe: ‘Hakika nitakujaza na watu, kama kundi la nzige, nao watapiga kelele za ushindi juu yako.’
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu ofiin kakateera: Ani dhugumaan namoota akkuma hoomaa hawwaannisaa sitti gad dhiisa; isaanis moʼannaadhaan sitti dhaadatu.
15 “Aliiumba dunia kwa uweza wake; akaweka misingi ya ulimwengu kwa hekima yake na akazitandaza mbingu kwa ufahamu wake.
“Inni humna isaatiin lafa uume; ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse; hubannaa isaatiinis samiiwwan diriirse.
16 Atoapo sauti yake, maji yaliyo katika mbingu hunguruma, huyafanya mawingu yainuke kutoka miisho ya dunia. Hupeleka umeme wa radi pamoja na mvua, naye huuleta upepo kutoka ghala zake.
Yommuu inni qaqawweessaʼutti bishaanonni samii ni huursu; inni akka duumessoonni daarii lafaatii ol kaʼan ni godha. Bokkaa wajjin balaqqee ni erga; mankuusaalee isaa keessaa immoo bubbee ni fida.
17 “Kila mtu ni mjinga na hana maarifa; kila sonara ameaibishwa na sanamu zake. Vinyago vyake ni vya udanganyifu, havina pumzi ndani yavyo.
“Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha; tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqota tolfamoo isaatiin qaaneffama. Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti; isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban.
18 Havifai kitu, ni vitu vya kufanyia mzaha, hukumu yavyo itakapowadia, vitaangamia.
Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti; yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu.
19 Yeye Aliye Fungu la Yakobo sivyo alivyo, kwani ndiye Muumba wa vitu vyote, pamoja na kabila la urithi wake: Bwana Mwenye Nguvu Zote ndilo jina lake.
Inni qooda Yaaqoob taʼe sun garuu akka warra kanaa miti; inni uumaa waan hundumaa ti; Israaʼel immoo gosa dhaala isaa ti; maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha.
20 “Wewe ndiwe rungu langu la vita, silaha yangu ya vita: kwa wewe navunjavunja mataifa, kwa wewe naangamiza falme,
“Ati bokkuu koo kan duulaa miʼa lolaa kootii ti; ani siin saboota nan caccabsa; siin mootummoota nan barbadeessa;
21 kwa wewe navunjavunja farasi na mpanda farasi, kwa wewe navunjavunja gari la vita na mwendeshaji wake,
Ani siin fardaa fi yaabbataa fardaa nan caccabsa; siin gaarii fi ooftuu isaa nan caccabsa;
22 kwa wewe napondaponda mwanaume na mwanamke, kwa wewe napondaponda mzee na kijana, kwa wewe napondaponda kijana wa kiume na mwanamwali,
ani siin dhiiraa dubartoota nan caccabsa; siin jaarsaa dargaggeessa nan caccabsa; siin gaʼeessaa fi shamarree nan caccabsa;
23 kwa wewe nampondaponda mchungaji na kundi, kwa wewe nampondaponda mkulima na maksai, kwa wewe nawapondaponda watawala na maafisa.
ani siin tiksee fi bushaayee nan caccabsa; siin qottuu fi qotiyyoo nan caccabsa; siin bulchitootaa fi qondaaltota nan caccabsa.
24 “Mbele ya macho yako nitamlipiza Babeli na wote waishio Ukaldayo kwa ajili ya makosa yote waliyofanya katika Sayuni,” asema Bwana.
“Ani utuma iji keessan arguu waan isaan Xiyoon godhan hundaaf Baabilonii fi warra Baabilon keessa jiraatan hundaaf gatii isaanii nan kenna” jedha Waaqayyo.
25 “Mimi niko kinyume nawe, ee mlima unaoharibu, wewe uangamizaye dunia yote,” asema Bwana. “Nitanyoosha mkono wangu dhidi yako, nikuvingirishe kutoka kwenye kilele cha mwamba, na kukufanya mlima ulioteketezwa kwa moto.
“Yaa tulluu barbadeessaa, ati kan lafa hunda balleessitu ani sitti kaʼeera; ani harka koo sitti nan kaafadha; ededa irraa gad gangalchee tulluu gubamaa sin godha” jedha Waaqayyo.
26 Hakuna jiwe litakalochukuliwa kutoka kwako kwa ajili ya kufanywa jiwe la pembeni, wala jiwe lolote kwa ajili ya msingi, kwa maana utakuwa ukiwa milele,” asema Bwana.
“Waan ati bara baraan ontuuf, kattaan dhagaa golee taʼu, yookaan dhagaan hundeef taʼu tokko iyyuu si keessaa hin fudhatamu” jedha Waaqayyo.
27 “Twekeni bendera katika nchi! Pigeni tarumbeta katikati ya mataifa! Andaeni mataifa kwa ajili ya vita dhidi yake, iteni falme hizi dhidi yake: Ararati, Mini na Ashkenazi. Wekeni jemadari dhidi yake, pelekeni farasi wengi kama kundi la nzige.
“Biyyattii keessatti faajjii ol qabaa! Saboota gidduuttis malakata afuufaa! Saboota waraanaaf isheetti qopheessaa; mootummoota Araaraat, kan Miiniitii fi Ashkenas isheetti waamaa. Ajajaa waraanaa isheetti shuumaa; fardeen akka hoomaa hawwaannisaa itti ergaa.
28 Andaeni mataifa kwa ajili ya vita dhidi yake, wafalme wa Wamedi, watawala wao na maafisa wao wote, pamoja na nchi zote wanazotawala.
Ishee waraanuudhaaf saboota jechuunis, mootota Meedee bulchitoota isaaniitii fi qondaaltota isaanii hunda, biyyoota isaan bulchan hundas qopheessaa.
29 Nchi inatetemeka na kugaagaa, kwa kuwa makusudi ya Bwana dhidi ya Babeli yanasimama: yaani, kuangamiza nchi ya Babeli ili pasiwe na yeyote atakayeishi humo.
Sababii wanni Waaqayyo akka namni tokko iyyuu achi hin jiraanneef biyya Baabilon onsuuf Baabilonitti karoorfate sun jabaatee dhaabatuuf biyyattiin ni raafamti; ni dhidhiitattis.
30 Mashujaa wa Babeli wameacha kupigana, wamebaki katika ngome zao. Nguvu zao zimekwisha, wamekuwa kama wanawake. Makazi yake yameteketezwa kwa moto, makomeo ya malango yake yamevunjika.
Gootonni Baabilon lola dhiisaniiru; isaan daʼannoo isaanii keessatti hafaniiru. Jabinni isaanii dhumeera; isaan akkuma dubartootaa taʼaniiru. Iddoo jireenya isheetti ibiddi qabsiifameera; danqaraawwan balbala ishees caccabaniiru.
31 Tarishi mmoja humfuata mwingine, na mjumbe humfuata mjumbe, kumtangazia mfalme wa Babeli kwamba mji wake wote umetekwa,
Akka magaalaan isaa moggaa hamma moggaatti qabamte mootii Baabilonitti himuuf, fiigduun tokko isa kaan qaqqabuuf, ergamaan tokkos ergamaa kaan qaqqabuuf fiiga;
32 Vivuko vya mito vimekamatwa, mabwawa yenye mafunjo yametiwa moto, nao askari wameingiwa na hofu kuu.”
kunis akka malkaan qabame, akka daʼannoowwan ishee gubamanii fi akka loltoonni ishee naʼan himuudhaaf.”
33 Hili ndilo Bwana Mwenye Nguvu Zote, Mungu wa Israeli, asemalo: “Binti Babeli ni kama sakafu ya kupuria wakati inapokanyagwa; wakati wa kumvuna utakuja upesi.”
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Intalli Baabilon akkuma oobdii ti; yeroo sanatti isheen ni dhidhiitamti; yeroon isheen itti haamamtus dafee ni dhufa.”
34 “Nebukadneza mfalme wa Babeli ametula, ametufanya tuchangayikiwe, ametufanya tuwe gudulia tupu. Kama nyoka ametumeza na kujaza tumbo lake kwa vyakula vyetu vizuri, kisha akatutapika.
“Nebukadnezar mootiin Baabilon na nyaateera; inni barbadeesseera; akkuma okkotee duwwaa na godhe. Inni akkuma jawwee na liqimse; qabeenya koo filatamaadhaanis garaa guuttate; ergasii immoo na tufe.”
35 Jeuri iliyofanyiwa miili yetu na iwe juu ya Babeli,” ndivyo wasemavyo wakaao Sayuni. “Damu yetu na iwe juu ya wale waishio Babeli,” asema Yerusalemu.
Jiraattonni Xiyoon, “Dabni foon keenyatti hojjetame Baabilonitti illee haa dhufu” jedhan. Yerusaalemis, “Dhiigni keenya warra Baabilon keessa jiraatan haaloo haa baʼu” jetti.
36 Kwa hiyo, hili ndilo Bwana asemalo: “Tazama, nitatetea shauri lako na kulipiza kisasi kwa ajili yako; nitaikausha bahari yake na kuzikausha chemchemi zake.
Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: “Kunoo, ani dubbii kee siif falmee haaloo siifin baʼa; ani galaana ishee nan gogsa; burqaa ishee illee nan kuta.
37 Babeli utakuwa lundo la magofu na makao ya mbweha, kitu cha kutisha na kudharauliwa, mahali asipoishi mtu.
Baabilon tuullaa diigame, iddoo waangoonni keessa burraaqan, waan naasuutii fi qoosaa, lafa namni tokko iyyuu irra hin jiraanne ni taati.
38 Watu wake wote wananguruma kama simba wadogo, wanakoroma kama wana simba.
Sabni ishee hundi akka saafela leencaa ni aada; isaanis akka ilmaan leencaa gururiʼu.
39 Lakini wakati wakiwa wameamshwa, nitawaandalia karamu na kuwafanya walewe, ili wapige kelele kwa kicheko, kisha walale milele na wasiamke,” asema Bwana.
Yommuu dhagni isaanii hoʼutti, ani akka isaan kolfaa gammadanii bara baraan rafanii hin dammaqneef cidha isaaniif qopheessee akka isaan machaaʼan nan godha” jedha Waaqayyo.
40 “Nitawateremsha kama wana-kondoo waendao machinjoni, kama kondoo dume na mbuzi.
“Ani akka ilmoolee hoolaa, akkuma korbeeyyii hoolaatii fi reʼee gara qalmaatti gad isaan buusa.
41 “Tazama jinsi Sheshaki atakamatwa, majivuno ya dunia yote yatakavyonyakuliwa. Babeli atakuwa mwenye hofu kiasi gani kati ya mataifa!
“Sheeshaak akkamitti boojiʼamti! Boonuun lafa hundaas akkamitti qabame! Baabilon saba gidduutti akkam waan sodaa taati!
42 Bahari itainuka juu ya Babeli; mawimbi yake yenye kunguruma yatamfunika.
Baabilon irra galaanni garagala; dambaliin galaanaas ishee haguuga.
43 Miji yake itakuwa ukiwa, kame na jangwa, nchi ambayo hakuna yeyote anayeishi ndani yake, ambayo hakuna mtu anayepita humo.
Magaalaawwan ishee onanii biyya gogaa fi gammoojjii, biyya namni tokko iyyuu keessa hin jiraanne, kan namni keessa hin dabarre ni taʼu.
44 Nitamwadhibu Beli katika Babeli, na kumfanya atapike kile alichokimeza. Mataifa hayatamiminika tena kwake. Nao ukuta wa Babeli utaanguka.
Ani Baabilon keessatti Beelin nan adaba; waan inni liqimse illee nan tufsiisa. Saboonni lammata gara isaatti hin yaaʼan; dallaan Baabilonis ni jiga.
45 “Tokeni ndani yake, enyi watu wangu! Okoeni maisha yenu! Ikimbieni hasira kali ya Bwana.
“Yaa saba ko, ishee keessaa baʼaa! Lubbuu keessan oolfachuuf fiigaa! Dheekkamsa Waaqayyoo sodaachisaa sana jalaa baqadhaa.
46 Msikate tamaa wala msiogope tetesi zitakaposikika katika nchi; tetesi moja inasikika mwaka huu, nyingine mwaka unaofuata; tetesi juu ya jeuri katika nchi, na ya mtawala dhidi ya mtawala.
Yeroo oduun biyya keessatti dhagaʼamutti garaan keessan hin raafamin yookaan hin sodaatin; akka gooliin biyya keessa jiru, akka bulchaan tokko bulchaa kaanitti kaʼu, oduun tokko barana, kaan immoo bara dhufu dhagaʼama.
47 Kwa kuwa hakika wakati utawadia nitakapoziadhibu sanamu za Babeli; nchi yake yote itatiwa aibu, na watu wake wote waliouawa wataangukia ndani yake.
Yeroon ani itti waaqota Baabilon tolfamoo adabu dhugumaan ni dhufaatii; biyyi ishee guutumaan guutuutti ni salphatti; qalamtoonni ishee hundis ishee keessatti kukkufu.
48 Ndipo mbingu na dunia na vyote vilivyomo ndani yake vitapiga kelele za shangwe juu ya Babeli, kwa kuwa kutoka kaskazini waharabu watamshambulia,” asema Bwana.
Ergasii samii fi lafti, wanni isaan keessa jiru hundis, gammadanii Baabilonitti ililchu; barbadeessitoonni kaabaa baʼanii ishee waraanuutii” jedha Waaqayyo.
49 “Babeli ni lazima aanguke kwa sababu ya kuwaua Waisraeli, kama vile waliouawa duniani kote walivyoanguka kwa sababu ya Babeli.
“Akkuma qalamtoonni lafa irraa hundi sababii Baabiloniif harcaʼan sana Baabilonis sababii qalamtoota Israaʼeliif harcaʼuu qabdi.
50 Wewe uliyepona upanga, ondoka wala usikawie! Mkumbuke Bwana ukiwa katika nchi ya mbali, na utafakari juu ya Yerusalemu.”
Isin warri goraadee jalaa miliqxan, deemaa; lafa irra hin harkifatinaa! Biyya fagootti illee Waaqayyoon yaadadhaa; waaʼee Yerusaalemis yaadaa.”
51 “Tumetahayari, kwa maana tumetukanwa na aibu imefunika nyuso zetu, kwa sababu wageni wameingia mahali patakatifu pa nyumba ya Bwana.”
“Sababii ormoonni iddoo qulqullaaʼaa mana Waaqayyootti qalaniif, nu salphifamneerra; waan arrabsamneefis qaaniidhaan fuula keenya haguugganne.”
52 “Lakini siku zinakuja,” asema Bwana, “nitakapoadhibu sanamu zake, na katika nchi yake yote waliojeruhiwa watalia kwa maumivu makali.
“Garuu barri ani itti, waaqota ishee tolfamoo adabuu fi yeroon guutummaa lafa ishee irratti warri madaaʼan aadan dhufaa jira” jedha Waaqayyo.
53 Hata kama Babeli ikifika angani na kuziimarisha ngome zake ndefu, nitatuma waharabu dhidi yake,” asema Bwana.
“Yoo Baabilon samiitti ol baatee daʼannoo ishee ol dheeraa jabeeffatte iyyuu, ani warra ishee barbadeessan itti nan erga” jedha Waaqayyo.
54 “Sauti ya kilio inasikika kutoka Babeli, sauti ya uharibifu mkuu kutoka nchi ya Wakaldayo.
“Baabilonii iyyi, lafa Baabilonotaatii immoo sagaleen badiisa guddaa ni dhagaʼama.
55 Bwana ataiangamiza Babeli, atanyamazisha makelele ya kishindo chake. Mawimbi ya adui yatanguruma kama maji makuu, ngurumo ya sauti zao itavuma.
Waaqayyos Baabilonin ni barbadeessa; inni waca ishee ni calʼisiisa, dambaliin isaaniis akkuma bishaan guddaa ni huursa; sagaleen huursaa isaaniis ni dhagaʼama.
56 Mharabu atakuja dhidi ya Babeli, mashujaa wake watakamatwa, nazo pinde zao zitavunjwa. Kwa kuwa Bwana ni Mungu wa kisasi, yeye atalipiza kikamilifu.
Barbadeessaan tokko Baabilonitti ni dhufa; gootonni ishee ni qabamu; futtaaftuun isaaniis ni caccaba; Waaqayyo, Waaqa haaloo baʼuudhaatii; inni guutumaan guutuutti gatii ishee ni deebisaaf.
57 Nitawafanya maafisa wake na wenye busara walewe, watawala wao, maafisa, pamoja na wapiganaji wao; watalala milele na hawataamka,” asema Mfalme, ambaye jina lake ni Bwana Mwenye Nguvu Zote.
Ani qondaaltotaa fi ogeeyyii ishee, akkasumas bulchitoota, ajajjoota waraanaatii fi gootota ishee nan macheessa; isaanis bara baraan ni rafu; hin dammaqanis,” jedha mootichi maqaan isaa Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, jedhamu sun.
58 Hili ndilo Bwana Mwenye Nguvu Zote asemalo: “Ukuta mnene wa Babeli utasawazishwa, na malango yaliyoinuka yatateketezwa kwa moto; mataifa yanajichosha bure, taabu ya mataifa ni nishati tu ya miali ya moto.”
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Dallaan Baabilon yabbuun sun ni jiga; karrawwan ishee dhedheeroon ibiddaan gubamu; namoonni akkasumaan of dadhabsiisu; dadhabbiin sabootaa qoraan ibiddaa qofa taʼa.”
59 Huu ndio ujumbe Yeremia aliompa afisa Seraya mwana wa Neria mwana wa Maaseya, alipokwenda Babeli pamoja na Sedekia mfalme wa Yuda, katika mwaka wa nne wa utawala wake.
Yeroo Seraayaan ilmi Neeriyaa, ilmi Mahiseyaa bara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa afuraffaatti mooticha wajjin gara Baabilon deemetti ajajni Ermiyaas Raajichi isaaf kenne kanaa dha.
60 Yeremia alikuwa ameandika ndani ya kitabu kuhusu maafa yote yatakayoipata Babeli, yaani yote yaliyokuwa yameandikwa kuhusu Babeli.
Ermiyaas badiisa Baabilonitti dhufu hunda, jechuunis waaʼee Baabilon kan barreeffame hunda kitaaba maramaa irratti barreessee ture.
61 Yeremia akamwambia Seraya, “Utakapofika Babeli, hakikisha kwamba umesoma maneno haya yote kwa sauti kubwa.
Innis Seraayaadhaan akkana jedhe; “Yommuu Baabilon geessutti dubbii kana hunda sagalee ol fudhattee dubbisuu hin dagatin.
62 Kisha sema, ‘Ee Bwana, umesema utaangamiza mahali hapa ili mtu wala mnyama asiishi ndani yake, napo patakuwa ukiwa milele.’
Akkanas jedhi: ‘Yaa Waaqayyo, akka namni yookaan horiin ishee keessa hin jiraanneef ati akka iddoo kana barbadeessitu dubbatteerta; isheenis bara baraan ni onti.’
63 Utakapomaliza kusoma hiki kitabu, kifungie jiwe kisha ukitupe ndani ya Mto Frati.
Yeroo kitaaba maramaa kana dubbiftee fixxutti dhagaa itti hidhiitii Laga Efraaxiisitti darbadhu.
64 Kisha sema, ‘Hivi ndivyo Babeli utakavyozama na usiinuke tena, kwa sababu ya maafa nitakayoleta juu yake. Nao watu wake wataanguka.’” Maneno ya Yeremia yanaishia hapa.
Akkanas jedhi; ‘Sababii badiisa ani isheetti fiduutiin akka lammata hin kaaneef Baabilon akkasitti ni liqimfamti. Uummanni ishees ni harcaʼa.’” Dubbiin Ermiyaas as irratti raawwatama.

< Yeremia 51 >