< Yeremia 5 >

1 “Pandeni na kushuka katika mitaa ya Yerusalemu, tazameni pande zote na mtafakari, tafuteni katika viwanja vyake. Kama mtaweza kumpata hata mtu mmoja tu atendaye kwa uaminifu na kutafuta kweli, nitausamehe mji huu.
“Daandiiwwan Yerusaalem irra olii gadi deddeebiʼaa; asii fi achi ilaalaatii qalbeeffadhaa; oobdiiwwan ishee sakattaʼaa. Isin yoo nama waan qajeelaa hojjetu, kan dhugaa barbaadu tokko illee argattan ani magaalaa kanaaf dhiifama nan godha.
2 Ingawa wanasema, ‘Kwa hakika kama Bwana aishivyo,’ bado wanaapa kwa uongo.”
Isaan utuma ‘Dhugaa Waaqayyo jiraataa’ jedhanuu amma iyyuu sobaan kakatu.”
3 Ee Bwana, je, macho yako hayaitafuti kweli? Uliwapiga, lakini hawakusikia maumivu, uliwapondaponda, lakini walikataa maonyo. Walifanya nyuso zao kuwa ngumu kuliko jiwe nao walikataa kutubu.
Yaa Waaqayyo, iji kee dhugaa hin barbaaduu? Ati isaan dhoofte; garuu isaan hin dhukkubne; ati isaan caccabsite; isaan garuu sirreeffamuu didan. Isaan dhagaa caalaa mataa jabaatanii qalbii jijjiirrachuu didan.
4 Ndipo nikasema, “Hawa ni maskini tu; wao ni wapumbavu, kwa maana hawaijui njia ya Bwana, sheria ya Mungu wao.
Anis akkana jedheen yaade; “Jarri kunneen hiyyeeyyii dha; isaan gowwoota; isaan karaa Waaqayyoo, seera Waaqa isaanii hin beekaniitii.
5 Kwa hiyo nitakwenda kwa viongozi na kuzungumza nao, hakika wao wanaijua njia ya Bwana, sheria ya Mungu wao.” Lakini kwa nia moja nao pia walikuwa wameivunja nira na kuvivunja vifungo.
Kanaafuu ani hangafoota bira dhaqee isaanitti nan dubbadha; dhugumaan isaan karaa Waaqayyoo, seera Waaqa isaanis ni beeku.” Isaanis akkasuma waanjoo of irraa caccabsanii hidhaas of irraa kukkutaniiru.
6 Kwa hiyo simba kutoka mwituni atawashambulia, mbwa mwitu kutoka jangwani atawaangamiza, chui atawavizia karibu na miji yao, ili kumrarua vipande vipande yeyote atakayethubutu kutoka nje, kwa maana maasi yao ni makubwa, na kukengeuka kwao kumekuwa ni kwingi.
Kanaafuu leenci bosonaa baʼee isaan nyaata; yeeyyiin gammoojjiis dhufee isaan balleessa; qeerransi warra gad baʼan ciccirachuuf magaalaawwan isaanii biratti riphee eeggata; fincilli isaanii akka malee guddate; duubatti deebiʼuun isaaniis baayʼateeraatii.
7 “Kwa nini niwasamehe? Watoto wenu wameniacha na kuapa kwa miungu ambayo si miungu. Niliwapatia mahitaji yao yote, lakini bado wamefanya uzinzi na kusongana katika nyumba za makahaba.
“Ani akkamiinan dhiifama isiniif gochuu dandaʼa? Ijoolleen kee na dhiisanii waaqota waaqota hin taʼiniin kakataniiru. Ani waan isaaniif barbaachisu hunda kenneefiin ture; isaan garuu ni ejjan; gara manneen sagaagaltuuwwaniitis gugatan.
8 Wamelishwa vizuri, kama farasi waume wenye tamaa nyingi, kila mmoja akimlilia mke wa mwanaume mwingine.
Isaan korommii fardeenii kanneen akka gaariitti sooramanii dha; tokkoon tokkoon isaanii niitii namaatti himimsu.
9 Je, nisiwaadhibu kwa ajili ya hili?” asema Bwana. “Je, nisijilipizie kisasi juu ya taifa kama hili?
Ani waan kanaaf isaan hin adabuu ree?” jedha Waaqayyo. “Ani mataan koo saba akka saba kanaa haaloo hin baʼuu?
10 “Piteni katika mashamba yake ya mizabibu na kuyaharibu, lakini msiangamize kabisa. Pogoeni matawi yake, kwa kuwa watu hawa sio wa Bwana.
“Dallaa dhagaa isheetti ol baʼaatii balleessaa; garuu guutumaan guutuutti miti. Dameewwan ishee irraa ciraa; sabni kun saba Waaqayyoo miti.
11 Nyumba ya Israeli na nyumba ya Yuda wamekuwa si waaminifu kwangu kamwe,” asema Bwana.
Manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa, guutumaan guutuutti anaaf hin amanamne” jedha Waaqayyo.
12 Wamedanganya kuhusu Bwana. Wamesema, “Yeye hatafanya jambo lolote! Hakuna dhara litakalotupata; kamwe hatutaona upanga wala njaa.
Isaan waaʼee Waaqayyoo soba dubbatan; akkanas jedhan; “Inni homaa hin godhu! Miidhaan tokko iyyuu nutti hin dhufu; goraadee yookaan beela hin arginu.
13 Manabii ni upepo tu, wala neno halimo ndani yao, kwa hiyo hayo wayasemayo na yatendeke kwao.”
Raajonni bubbee malee homaa miti; dubbiin isaan keessa hin jiru; wanni isaan dubbatan isaanumatti haa deebiʼu.”
14 Kwa hiyo hili ndilo asemalo Bwana Mungu Mwenye Nguvu Zote: “Kwa sababu watu hawa wamesema maneno haya, nitayafanya maneno yangu vinywani mwenu kuwa moto, na watu hawa wawe kuni zinazoliwa na huo moto.
Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Sabni kun waan dubbii kana dubbateef, ani dubbii koo afaan kee keessatti ibidda, saba kana immoo qoraan ibiddi gubu nan godha.
15 Ee nyumba ya Israeli,” asema Bwana, “Ninaleta taifa toka mbali dhidi yako, taifa la kale na linaloendelea kudumu, taifa ambalo lugha yao huijui, wala msemo wao huwezi kuuelewa.
Yaa mana Israaʼel,” jedha Waaqayyo; “Ani saba duriitii fi jabaa, saba ati afaan isaa hin beekne, kan ati dubbii isaa illee hin hubanne tokko biyya fagoodhaa sitti nan fida.
16 Podo zao ni kama kaburi lililo wazi, wote ni mashujaa hodari wa vita.
Manʼeen xiyya isaanii akkuma awwaala banamaa ti; hundi isaaniis loltoota jajjaboo dha.
17 Watayaangamiza mazao yenu na chakula chenu, wataangamiza wana wenu na mabinti zenu; wataangamiza makundi yenu ya kondoo na ya ngʼombe, wataangamiza mizabibu yenu na mitini yenu. Kwa upanga wataangamiza miji yenye maboma mliyoitumainia.
Isaan midhaan keetii fi buddeena kee ni nyaatu; ilmaan keetii fi intallan kee ni ajjeesu; bushaayee fi loon kee ni nyaatu; wayinii keetii fi mukkeen harbuu keetii ni nyaatu. Magaalaawwan dallaa jabaa qaban kanneen ati amanatte sana goraadeedhaan barbadeessu.
18 “Hata hivyo katika siku hizo, sitakuangamiza kabisa,” asema Bwana.
“Taʼus ani bara sana keessa iyyuu guutumaan guutuutti isin hin balleessu” jedha Waaqayyo.
19 “Nao watu watakapouliza, ‘Kwa nini Bwana, Mungu wetu ametufanyia mambo haya yote?’ utawaambia, ‘Kama vile mlivyoniacha mimi na kutumikia miungu migeni katika nchi yenu wenyewe, ndivyo sasa mtakavyowatumikia wageni katika nchi ambayo si yenu.’
“Yommuu namoonni, ‘Waaqayyo Waaqni keenya maaliif waan kana hunda nutti fide?’ jedhanii gaafatanitti, ati, ‘Isin akkuma na dhiiftanii biyya keessan keessatti waaqota ormaa tajaajiltan sana, ammas biyya kan mataa keessanii hin taʼin keessatti ormoota ni tajaajiltu’ jettee isaanitti himta.
20 “Itangazie nyumba ya Yakobo hili na ulipigie mbiu katika Yuda:
“Waan kana mana Yaaqoobitti himaa; Yihuudaa keessattis labsaa:
21 Sikieni hili, enyi watu wapumbavu, msio na akili, mlio na macho lakini hamwoni, mlio na masikio lakini hamsikii:
Isin uummanni gowwaan hubannaa hin qabne, warri utuu ija qabdanuu hin argine kanneen utuu gurra qabdanuu hin dhageenye waan kana dhagaʼa.
22 Je, haiwapasi kuniogopa mimi?” asema Bwana. “Je, haiwapasi kutetemeka mbele zangu? Niliufanya mchanga kuwa mpaka wa bahari, kizuizi cha milele ambacho haiwezi kupita. Mawimbi yanaweza kuumuka, lakini hayawezi kuupita; yanaweza kunguruma, lakini hayawezi kuuvuka.
Isin na hin sodaattanii?” jedha Waaqayyo. “Fuula koo duratti hin hollattanii? Ani galaanaaf cirracha daarii dallaa bara baraa kan inni qaxxaamuruu hin dandeenye godhee tolcheera. Dhaʼaan galaanaa yoo itti buʼe iyyuu isa diiguu hin dandaʼu; galaanichi yoo huurse iyyuu, isa cabsee darbuu hin dandaʼu.
23 Lakini watu hawa wana mioyo ya ukaidi na ya uasi, wamegeukia mbali na kwenda zao.
Sabni kun garuu mata jabeessaa fi fincilaa dha; innis karaa irraa jalʼatee badeera.
24 Wao hawaambiani wenyewe, ‘Sisi na tumwogope Bwana Mungu wetu, anayetupatia mvua za masika na za vuli kwa majira yake, anayetuhakikishia majuma ya mavuno kwa utaratibu.’
Isaan garaa isaaniitti akkana hin jedhan; ‘Kottaa Waaqayyo Waaqa keenya isa bokkaa arfaasaatii fi bokkaa birraa waqtiidhaan kennu, isa torbanoota itti midhaan walitti qabannu yeroo isaaniitti nuu kennu sana haa sodaannu.’
25 Matendo yenu mabaya yamezuia haya yote, dhambi zenu zimewazuia msipate mema.
Balleessaan keessan waan kana isin irraa deebiseera; cubbuun keessan waan gaarii isin dhabsiiseera.
26 “Miongoni mwa watu wangu wamo walio waovu wanaovizia kama watu wanaotega ndege, na kama wale wanaoweka mitego kuwakamata watu.
“Saba koo gidduu namoota hamoo akka warra nama qabuuf kiyyoo kaaʼaniitti, akkuma nama kiyyoon simbirroo qabuutti riphanii eeggatantu jira.
27 Kama vitundu vilivyojaa ndege, nyumba zao zimejaa udanganyifu; wamekuwa matajiri na wenye nguvu,
Akkuma manʼeen simbiraan guutamu, manneen isaanii sobaan guutamu; isaanis sooreyyii fi jajjaboo taʼanii,
28 wamenenepa na kunawiri. Matendo yao maovu hayana kikomo; hawatetei mashauri ya yatima wapate kushinda, hawatetei haki za maskini.
gabbatanii bareedaniiru; hamminni isaanii dhuma hin qabu; isaan murtii qajeelaa hin barbaadan. Isaan dhimma ijoollee abbaa hin qabneetiif hin falman; mirga hiyyeeyyiitiifis hin dhaabatan.
29 Je, nisiwaadhibu kwa ajili ya hili?” asema Bwana. “Je, nisijilipizie kisasi juu ya taifa kama hili?
Ani waan kanaaf isaan hin adabuu?” jedha Waaqayyo. “Ani saba akkasii haaloo hin baafadhuu?
30 “Jambo la kutisha na kushtusha limetokea katika nchi hii:
“Wanni suukaneessaan nama rifachiisu tokko biyyattii keessatti taʼeera:
31 Manabii wanatabiri uongo, makuhani wanatawala kwa mamlaka yao wenyewe, nao watu wangu wanapenda hivyo. Lakini mtafanya nini mwisho wake?
Raajonni raajii sobaa dubbatu; luboonni humnuma isaaniitiin biyya bulchu; sabni koos waan akkasii jaallata; isin garuu dhuma irratti maal gochuuf jirtu?

< Yeremia 5 >