< Yeremia 49 >

1 Kuhusu Waamoni: Hili ndilo asemalo Bwana: “Je, Israeli hana wana? Je, hana warithi? Kwa nini basi Moleki amechukua milki ya Gadi? Kwa nini watu wake wanaishi katika miji yake?
Waaʼee Amoonotaa: Waaqayyo akkana jedha: “Israaʼel ilmaan hin qabuu? Inni nama isa dhaalu hin qabuu? Yoos Moolek maaliif Gaadin dhalche ree? Namoonni isaa maaliif magaalaa ishee keessa jiraatu?
2 Lakini siku zinakuja,” asema Bwana, “nitakapopiga kelele ya vita dhidi ya Raba mji wa Waamoni; utakuwa kilima cha magofu, navyo vijiji vinavyouzunguka vitateketezwa kwa moto. Kisha Israeli atawafukuza wale waliomfukuza,” asema Bwana.
Garuu barri ani itti Rabbaa Amoonotaatti sagalee waca waraanaa dhageessisu tokko ni dhufa” jedha Waaqayyo. “Isheen tuullaa badiisaa ni taati; gandoonni naannoo ishee jiranis ibiddaan gubamu. Ergasii Israaʼel warra ishee ariʼee baase sana ariitee biyyaa ni baafti,” jedha Waaqayyo.
3 “Lia kwa huzuni, ee Heshboni, kwa kuwa Ai umeangamizwa! Pigeni kelele, enyi wakazi wa Raba! Vaeni nguo za gunia na kuomboleza, kimbieni hapa na pale ndani ya kuta, kwa kuwa Moleki atakwenda uhamishoni, yeye pamoja na makuhani na maafisa wake.
“Yaa Heshboon wawwaadhu, Aayi barbadoofteertii! Yaa jiraattota Rabbaa iyyaa! Wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa; dallaa keessa asii fi achi fiigaa; Moolek lubootaa fi qondaaltota isaa wajjin boojiʼamee ni fudhatamaatii.
4 Kwa nini unajivunia mabonde yako, kujivunia mabonde yako yaliyozaa sana? Ee binti usiye mwaminifu, unayeutumainia utajiri wako na kusema, ‘Ni nani atakayenishambulia?’
Ati maaliif sulula keetiin boonta? Maaliif sulula kee gabbataa sanaan boonta? Yaa intala hin amanamne ati sooruma kee abdattee, ‘Eenyutu na tuqa?’ jetta.
5 Nitaleta hofu kuu juu yako kutoka kwa wale wote wanaokuzunguka,” asema Bwana, Bwana Mwenye Nguvu Zote. “Kila mmoja wenu ataondolewa, wala hakuna hata mmoja atakayekusanya wakimbizi.
Ani warra naannoo kee jiraatan hunda irraa sodaa sitti nan fida” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu. “Tokkoon tokkoon keessan ni ariʼamtu; namni baqattoota walitti qabu tokko iyyuu hin jiru.
6 “Lakini hatimaye, nitarudisha mateka wa Waamoni,” asema Bwana.
“Taʼu illee ani ergasii hambaawwan Amoonotaa deebisee nan dhaaba” jedha Waaqayyo.
7 Kuhusu Edomu: Hili ndilo asemalo Bwana Mwenye Nguvu Zote: “Je, hakuna tena hekima katika Temani? Je, shauri limewapotea wenye busara? Je, hekima yao imechakaa?
Waaʼee Edoom: Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Siʼachi Teemaan keessa ogummaan hin jiruu? Hubattoota duraa gorsi badeeraa? Ogummaan isaanii sameeraa?
8 Geuka na ukimbie, jifiche katika mapango marefu kabisa, wewe uishiye Dedani, kwa kuwa nitaleta maafa juu ya Esau wakati nitakapomwadhibu.
Warri Deedaan keessa jiraattan garagalaa, baqadhaatii holqa gad fagoo keessa dhokadhaa; ani yeroo Esaawun adabutti badiisa isatti nan fidaatii.
9 Je, kama wachuma zabibu wangekuja kwako, wasingebakiza zabibu chache? Kama wezi wangekujia usiku, je, si wangeiba tu kiasi ambacho wangehitaji?
Warri gumaa wayinii guuran utuu gara kee dhufanii silaa qarmii wayii hin hambisanii? Hattuun yoo halkan dhufte, Isaan hammuma barbaadan qofa fudhatanii hin deemanii?
10 Lakini nitamvua Esau nguo abaki uchi, nitayafunua maficho yake, ili asiweze kujificha. Watoto wake, jamaa na majirani wataangamia, naye hatakuwepo tena.
Ani garuu Esaawun qullaa nan hambisa; akka inni itti hin daʼanneef ani iddoo inni itti dhokatu ifatti nan baasa. Ijoolleen isaa, firoonni isaatii fi olloonni isaa ni badu; innis siʼachi hin jiraatu.
11 Waache yatima wako; nitayalinda maisha yao. Wajane wako pia wanaweza kunitumaini mimi.”
‘Daaʼimman kee kanneen warra hin qabne dhiisi; anatu isaan jiraachisaatii. Haadhonni hiyyeessaa kee na amanachuu dandaʼu.’”
12 Hili ndilo asemalo Bwana: “Kama wale wasiostahili kukinywea kikombe ni lazima wakinywe, kwa nini wewe usiadhibiwe? Hutakwepa kuadhibiwa, ni lazima ukinywe.
Waaqayyo akkana jedha: “Yoo warri xoofoo dhuguun isaaniif hin malin ishee dhuguu qabaatan, ati maaliif utuu hin adabamin hafta ree? Ati ishee dhuguu qabda malee utuu hin adabamin hin haftu.
13 Ninaapa kwa nafsi yangu,” asema Bwana, “kwamba Bosra utakuwa magofu na kitu cha kutisha, cha aibu na cha kulaania; miji yake yote itakuwa magofu milele.”
Ani akka Bozraan diigamtee waan sodaa, waan fafaatii fi waan abaarsaa taatu maqaa kootiin nan kakadha” jedha Waaqayyo. “Magaalaawwan ishee hundis bara baraan ni diigamu.”
14 Nimesikia ujumbe kutoka kwa Bwana: Mjumbe alitumwa kwa mataifa kusema, “Jikusanyeni ili kuushambulia! Inukeni kwa ajili ya vita!”
Ani ergaa tokko Waaqayyo irraa dhagaʼeera: Ergamaan tokko akkana jechuuf gara sabootaatti ergame; “Ishee loluuf walitti qabamaa! Waraanaafis baʼaa!”
15 “Sasa nitakufanya uwe mdogo miongoni mwa mataifa, aliyedharauliwa miongoni mwa watu.
“Ani amma saboota gidduutti sin xinneessa; namoota keessatti illee tuffatamaa sin godha.
16 Vitisho vyako na kiburi cha moyo wako vimekudanganya, wewe unayeishi katika majabali ya miamba, wewe unayedumu katika miinuko ya kilima. Ujapojenga kiota chako juu sana kama cha tai, nitakushusha chini kutoka huko,” asema Bwana.
Ati kan hallayyaa kattaa irra jiraattee fiixee tulluu qabattee jirtu, sodaan ati odeessituu fi of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera. Yoo ati akkuma risaa ol fageessitee mana ijaarrattu iyyuu ani achii gad sin buusa” jedha Waaqayyo.
17 “Edomu atakuwa kitu cha kuogofya; wote wapitao karibu watashangaa na kuzomea kwa sababu ya majeraha yake yote.
“Edoom waan sodaa taati; namni achiin darbu hundis sababii madaa ishee hundaatiif dinqisiifatee isheetti kolfa.
18 Kama vile Sodoma na Gomora zilivyoangamizwa, pamoja na miji iliyokuwa jirani nayo,” asema Bwana, “vivyo hivyo hakuna mtu yeyote atakayeishi humo. Naam, hakuna mtu yeyote atakayekaa humo.
Isheen akkuma Sodoomii fi Gomoraan magaalaawwan naannoo isaanii jiran wajjin balleeffaman sana ni taati” jedha Waaqayyo, “namni tokko iyyuu achi hin jiraatu, sanyiin namaa tokkos ishee keessa hin qubatu.
19 “Kama simba anayepanda kutoka vichaka vya Yordani kuja kwenye nchi ya malisho mengi, ndivyo nitamfukuza Edomu kutoka nchi yake ghafula. Ni nani aliye mteule nitakayemweka kwa ajili ya jambo hili? Ni nani aliye kama mimi, na ni nani awezaye kunipinga? Tena ni mchungaji yupi awezaye kusimama kinyume nami?”
“Ani akkuma leenca bosona Yordaanosii baʼee gara lafa dheedaa gabbataa dhufu tokkoo dafee Edoomin biyya isheetii nan ariʼa. Filatamaan ani waan kanaaf muudu eenyu? Kan akka koo eenyu? Eenyutus naan morkuu dandaʼa? Tiksee akkamiitu fuula koo dura dhaabachuu dandaʼa?”
20 Kwa hiyo, sikia kile Bwana alichokipanga dhidi ya Edomu, kile alichokusudia dhidi ya wale waishio Temani: Aliye mchanga katika kundi ataburutwa mbali; yeye ataharibu kabisa malisho yao kwa sababu yao.
Kanaafuu waan Waaqayyo Edoomitti karoorfate, waan inni warra Teemaan keessa jiraatanitti yaades dhagaʼaa. Ilmaan bushaayee harkifamanii ni fudhatamu; innis sababii isaaniitiif jedhee lafa dheeda isaanii ni barbadeessa.
21 Kwa sauti ya anguko lao, dunia itatetemeka. Kilio chao kitasikika hadi Bahari ya Shamu.
Sagalee kufaatii isaaniitiin lafti ni raafamti; iyyi isaanii hamma Galaana Diimaatti ni dhagaʼama.
22 Tazama! Tai atapaa juu angani na kuruka chini kwa ghafula, akitandaza mabawa yake juu ya Bosra. Katika siku hiyo, mioyo ya mashujaa wa Edomu itakuwa kama moyo wa mwanamke katika utungu wa kuzaa.
Ilaa! Risaan tokkoo Bozraa irratti qoochoo balʼisee furguggifamaa gad buʼaa jira. Bara sana keessa garaan loltota Edoom akkuma garaa dubartii ciniinsifachuutti jirtu tokkoo taʼa.
23 Kuhusu Dameski: “Hamathi na Arpadi imetahayarika, kwa kuwa wamesikia habari mbaya. Wamevunjika moyo na wametaabika kama bahari iliyochafuka.
Waaʼee Damaasqoo: “Hamaatii fi Arfaad ni raafamu; isaan oduu hamaa dhagaʼaniiruutii. Isaan abdii kutatanii akkuma galaana boqonnaa hin qabne tokkoo jeeqamaniiru.
24 Dameski amedhoofika, amegeuka na kukimbia, hofu ya ghafula imemkamata sana; amepatwa na uchungu na maumivu, maumivu kama ya mwanamke katika utungu wa kuzaa.
Damaasqoon dadhabdeerti; isheen baqachuuf gara galteerti; sodaan guddaan ishee qabateera; akkuma miixuu dubartii ciniinsifattuu, rakkinaa fi miixuun isa qabeera.
25 Kwa nini mji ambao unajulikana haujaachwa, mji ambao ninaupenda?
Magaalaan beekamaan, magaalaan ani itti gammadu sun akkam gatamti!
26 Hakika, vijana wake wanaume wataanguka barabarani; askari wake wote watanyamazishwa siku hiyo,” asema Bwana Mwenye Nguvu Zote.
Dhugumaan dargaggoonni ishee karaa irratti dhumu; loltoonni ishee hundinuu gaafas afaan qabatu” jedha Waaqayyo.
27 “Nitatia moto kuta za Dameski; utaangamiza ngome za Ben-Hadadi.”
“Ani dallaawwan Damaasqootti ibidda nan qabsiisa; ibiddi sunis daʼannoo Ben-Hadaad gubee balleessa.”
28 Kuhusu Kedari na falme za Hazori, ambazo Nebukadneza mfalme wa Babeli alizishambulia: Hili ndilo asemalo Bwana: “Inuka, ushambulie Kedari na kuwaangamiza watu wa mashariki.
Waaʼee Qeedaariitii fi waaʼee mootummoota Haazoor kanneen Nebukadnezar mootiin Baabilon lole sanaa: Waaqayyo akkana jedha: “Kaʼaa, Qeedaarin lolaatii saba gama Baʼa Biiftuu barbadeessaa.
29 Hema zao na makundi yao ya kondoo yatachukuliwa; vibanda vyao vitatwaliwa pamoja na mali zao zote na ngamia zao. Watu watawapigia kelele, ‘Hofu kuu iko kila upande!’
Dunkaanonni isaaniitii fi bushaayeen isaanii ni fudhatamu; golgaawwan isaanii miʼaa fi gaalawwan isaanii wajjin fudhatamu. Namoonnis, ‘Gama hundaan sodaatu jira!’ jedhanii iyyu.
30 “Kimbieni haraka! Kaeni kwenye mapango marefu sana, ninyi mkaao Hazori,” asema Bwana. “Nebukadneza, mfalme wa Babeli amepanga shauri baya dhidi yenu; amebuni hila dhidi yenu.
“Isin warri Haazoor keessa jiraattan dafaa baqadhaa! Holqa gad fagoo keessa dhokadhaa” jedha Waaqayyo. “Nebukadnezar mootiin Baabilon isinitti malateera; inni daba isinitti yaadeera.
31 “Inuka na ulishambulie taifa lililo starehe, linaloishi kwa kujiamini,” asema Bwana, “taifa lisilo na malango wala makomeo; watu wake huishi peke yao.
“Kaʼaatii saba nagaa qabu kan of amanatee jiraatu saba karra yookaan danqaraa karraa hin qabne sanatti duulaa; uummanni isaa kophuma ofii isaa jiraata” jedha Waaqayyo.
32 Ngamia wao watakuwa nyara, nayo makundi yao makubwa ya ngʼombe yatatekwa. Wale walio maeneo ya mbali nitawatawanya pande zote, nami nitaleta maafa juu yao kutoka kila upande,” asema Bwana.
“Gaalawwan isaanii ni hatamu, horiin isaanii baayʼeenis ni boojiʼama. Ani warra lafa fagoo jiran qilleensatti bittinneessee gama hundaan balaa isaanitti nan fida” jedha Waaqayyo.
33 “Hazori itakuwa makao ya mbweha, mahali pa ukiwa milele. Hakuna yeyote atakayeishi humo; hakuna mtu atakayekaa ndani yake.”
“Haazoor iddoo jireenyaa waangoo, lafa bara baraan onte taati. Namni tokko iyyuu achi hin jiraatu; namni tokko iyyuu ishee keessa hin qubatu.”
34 Hili ndilo neno la Bwana lililomjia nabii Yeremia kuhusu Elamu, mapema katika utawala wa Sedekia mfalme wa Yuda:
Jalqaba bara mootummaa Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa dubbiin Waaqayyoo waaʼee Eelaam akkana jedhee gara Ermiyaas raajichaa dhufe:
35 Hili ndilo Bwana Mwenye Nguvu Zote asemalo: “Tazama, nitavunja upinde wa Elamu, ulio tegemeo la nguvu zao.
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Kunoo ani madda jabina isaanii, iddaa Eelaam nan cabsa.
36 Nitaleta pepo nne dhidi ya Elamu toka pande nne za mbingu, nitawatawanya katika hizo pande nne, wala hapatakuwa na taifa ambalo watu wa Elamu waliofukuzwa hawatakwenda.
Ani kutaalee samiiwwanii afran irraa bubbee afran Eelaamittan fida; ani bubbee afranitti isaan nan bittinneessa; sabni baqattoonni Eelaam itti hin galle tokko iyyuu hin jiraatu.
37 Nitamfadhaisha Elamu mbele ya adui zao, mbele yao wale wanaotafuta uhai wao; nitaleta maafa juu yao, naam, hasira yangu kali,” asema Bwana. “Nitawafuatia kwa upanga mpaka nitakapowamaliza.
Ani fuula diinota isaanii, fuula warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadanii duratti Eelaamin nan barbadeessa; ani balaa isaanittan fida; dheekkamsa koo sodaachisaa sanas isaanittan fida; ani hamma isaan fixutti goraadeedhaan isaan ariʼa” jedha Waaqayyo.
38 Nitaweka kiti changu cha enzi huko Elamu na kumwangamiza mfalme wake na maafisa wake,” asema Bwana.
“Ani teessoo koo Eelaam keessa dhaabbadhee mootii fi qondaaltota ishee nan barbadeessa” jedha Waaqayyo.
39 “Lakini nitarudisha mateka wa Elamu katika siku zijazo,” asema Bwana.
“Taʼu illee ani bara dhufuuf jiru keessa hambaa Eelaam deebisee nan dhaaba” jedha Waaqayyo.

< Yeremia 49 >