< Yeremia 31 >

1 “Wakati huo, nitakuwa Mungu wa koo zote za Israeli nao watakuwa watu wangu,” asema Bwana.
“Yeroo sanatti” jedha Waaqayyo, “Ani balbala Israaʼel hundaaf Waaqa nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.”
2 Hili ndilo asemalo Bwana: “Watu watakaopona upanga watapata upendeleo jangwani; nitakuja niwape Israeli pumziko.”
Waaqayyo akkana jedha: “Namoonni goraadee irraa hafan gammoojjii keessatti fudhatama ni argatu; anis Israaʼeliif boqonnaa kennuuf nan dhufa.”
3 Bwana alitutokea wakati uliopita, akisema: “Nimekupenda kwa upendo wa milele, nimekuvuta kwa wema.
Waaqayyo fagoodhaa natti mulʼatee akkana jedhe: “Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera; kanaafuu ani arjummaa kootiin ofitti si harkiseera.
4 Nitakujenga tena nawe utajengeka upya, ewe Bikira Israeli. Utachukua tena matari yako na kwenda kucheza na wenye furaha.
Yaa Israaʼel durba qulqullittii, ani amma illee sin ijaara; atis deebitee ni ijaaramta. Ati amma illee dibbee kee fudhattee warra gammadan wajjin shuubbisuuf gad baata.
5 Utapanda tena shamba la mizabibu juu ya vilima vya Samaria, wakulima watapanda na kufurahia matunda yake.
Ati amma illee gaarran Samaariyaa irratti wayinii ni dhaabbatta; qotee bulaanis wayinii dhaabbatee ija isaa ni nyaata.
6 Itakuja siku wakati walinzi watakapowapigia kelele juu ya vilima vya Efraimu wakisema, ‘Njooni, twendeni juu Sayuni, kwake Bwana Mungu wetu.’”
Guyyaa itti eegdonni gaarran Efreem irra dhaabatanii, ‘Kottaa gara Xiyoonitti, gara Waaqayyo Waaqa keenyaatti ol baanaa’ jedhanii iyyan tokko ni dhufa.”
7 Hili ndilo asemalo Bwana: “Mwimbieni Yakobo kwa furaha, mpigieni kelele aliye mkuu wa mataifa. Zifanyeni sifa zenu zisikike, nanyi mseme, ‘Ee Bwana, okoa watu wako, mabaki ya Israeli.’
Waaqayyo akkana jedha: “Yaaqoobiif gammachuudhaan faarfadhaa; hangafa sabootaatiif ililchaa. Galata keessan dhageessisaatii, ‘Yaa Waaqayyo saba kee, hambaa Israaʼel baraari’ jedhaa.
8 Tazama, nitawaleta kutoka nchi ya kaskazini na kuwakusanya kutoka miisho ya dunia. Miongoni mwao watakuwepo vipofu na viwete, mama wajawazito na wenye utungu wa kuzaa. Umati mkubwa wa watu utarudi.
Kunoo, ani biyya kaabaatii isaan nan fida; handaara lafaatiis walitti isaan nan qaba. Isaan keessattis jaamotaa fi naafota, haadhota ulfaatii fi dubartoota ciniinsifatantu argama; saba guddaa taʼaniis ni deebiʼu.
9 Watakuja wakilia; wataomba wakati ninawarudisha. Nitawaongoza kando ya vijito vya maji katika mapito yaliyo tambarare ambapo hawatajikwaa, kwa sababu mimi ndimi baba wa Israeli, naye Efraimu ni mzaliwa wangu wa kwanza.
Isaanis booʼaa dhufu; yeroo ani deebisee isaan fidutti Waaqa kadhatu. Waan ani abbaa Israaʼel taʼee fi Efreem immoo ilma koo hangafa taʼeef, ani qarqara burqaa bishaanii irra, daandii qajeelaa isaan achi irratti hin gufanne irra isaan nan qajeelcha.
10 “Sikieni neno la Bwana, enyi mataifa, litangazeni katika nchi za pwani ya mbali: ‘Yeye aliyewatawanya Israeli atawakusanya na atalichunga kundi lake la kondoo kama mchungaji.’
“Yaa saboota, dubbii Waaqayyo dhagaʼaa; isin, ‘Inni Israaʼelin bittinneesse sun walitti isaan qabee akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa ni tiksa’ jedhaatii biyyoota qarqara galaanaa kanneen fagoo jiranitti labsaa.
11 Kwa kuwa Bwana atamlipia fidia Yakobo na kuwakomboa mkononi mwa walio na nguvu kuliko wao.
Waaqayyo Yaaqoobin fureera, warra isa caalaa jajjaboo taʼan harkaas isa baaseeraatii.
12 Watakuja na kupiga kelele kwa furaha katika miinuko ya Sayuni; watashangilia ukarimu wa Bwana: nafaka, divai mpya na mafuta, wana-kondoo wachanga na ndama wa makundi ya ngʼombe nitakaowapa. Watakuwa kama bustani iliyonyeshewa vizuri, wala hawatahuzunika tena.
Isaan ni dhufanii gaarran Xiyoon irrattis gammadanii ililchu; isaan arjummaa Waaqayyootti jechuunis midhaanitti, daadhii wayinii haaraa fi zayitiitti, ilmoolee bushaayeettii fi jabbootaattis ni gammadu. Jireenyi isaanii akkuma biqiltuu bishaan quufee taʼa; isaan siʼachi hin gaddan.
13 Kisha wanawali watacheza na kufurahi, vijana waume na wazee pia. Nitageuza maombolezo yao kuwa furaha, nitawapa faraja na furaha badala ya huzuni.
Ergasiis shamarran ni shuubbisu; ni gammadu; dargaggoonnii fi maanguddoonni akkasuma ni gammadu. Ani booʼicha isaanii gammachuutti nan geeddara; qooda gaddaa jajjabinaa fi gammachuu nan kennaaf.
14 Nitawashibisha makuhani kwa wingi, nao watu wangu watajazwa kwa ukarimu wangu,” asema Bwana.
Ani arjummaadhaan luboota nan quubsa; sabni koos badhaadhummaa kootiin ni guutama,” jedha Waaqayyo.
15 Hili ndilo asemalo Bwana: “Sauti imesikika huko Rama, maombolezo na kilio kikubwa, Raheli akiwalilia watoto wake na anakataa kufarijiwa, kwa sababu watoto wake hawako tena.”
Waaqayyo akkana jedha: “Sagaleen booʼichaatii fi wawwaannaa guddaan tokko Raamaa keessaa dhagaʼame; sababii isaan hin jirreef, Raahel ijoollee isheetiif booʼaa jirti; jajjabaachuus ni didde.”
16 Hili ndilo asemalo Bwana: “Izuie sauti yako kulia, na macho yako yasitoe machozi, kwa kuwa kazi yako itapata thawabu,” asema Bwana. “Watarudi kutoka nchi ya adui.
Waaqayyo akkana jedha: “Sagalee kee booʼicha irraa, ija kee immoo imimmaan irraa eeggadhu; hojiin kee ni badhaafamaatii” jedha Waaqayyo. “Isaan biyya diinaatii ni deebiʼu.
17 Kwa hiyo kuna tumaini kwa siku zijazo,” asema Bwana. “Watoto wako watarudi nchi yao yenyewe.
Kanaafuu galgalli kee abdii qaba” jedha Waaqayyo. Ijoolleen kee biyya ofii isaaniitti ni deebiʼu.
18 “Hakika nimeyasikia maombolezo ya Efraimu: ‘Ulinirudi kama ndama mkaidi, nami nimekubali kutii. Unirudishe, nami nitarudi, kwa sababu wewe ndiwe Bwana, Mungu wangu.
“Ani dhugumaan Efreemii akkana jedhee booʼu dhagaʼeera: ‘Ati akkuma dibicha hin leenjifamin tokkootti na adabdeerta; anis adabameera. Ati sababii Waaqayyo Waaqa koo taateef, na deebisi; anis nan deebiʼa.
19 Baada ya kupotea, nilitubu; baada ya kuelewa, nilijipiga kifua. Niliaibika na kuona haya kwa sababu niliibeba aibu ya ujana wangu.’
Ani ergan duubatti deebiʼee booddee, qalbii jijjiirradheera; ani ergan hubadhee booddee, qoma koo nan dhaʼe. Ani sababiin salphina dargaggummaa koo baadhuuf, nan qaanaʼe; gad nan deebiʼes.’
20 Je, Efraimu si mwanangu mpendwa, mtoto ninayependezwa naye? Ingawa mara kwa mara ninanena dhidi yake, bado ninamkumbuka. Kwa hiyo moyo wangu unamwonea shauku, nina huruma kubwa kwa ajili yake,” asema Bwana.
Efreem ilma koo jaallatamaa, mucaa ani itti gammadu mitii? Ani yeroo baayʼee yoon isaan morme iyyuu amma illee isa nan yaadadha. Kanaafuu garaan koo isaaf ni yaada; garaas nan laafaaf” jedha Waaqayyo.
21 “Weka alama za barabara, weka vibao vya kuelekeza. Zingatia vyema njia kuu, barabara ile unayoipita. Rudi, ee Bikira Israeli, rudi kwenye miji yako.
“Ati mallattoo daandii dhaabbadhu; waan karaa nama argisiisu illee kaaʼadhu. Karaa irra deemtu, daandii guddaa sana hubadhu. Yaa Israaʼel durba qulqullittii deebiʼi; magaalaawwan keetti deebiʼi.
22 Utatangatanga hata lini, ee binti usiye mwaminifu? Bwana ameumba kitu kipya duniani: mwanamke atamlinda mwanaume.”
Yaa intala hin amanamne, ati hamma yoomiitti asii fi achi joorta? Waaqayyo waan haaraa tokko lafa irratti ni uuma; dubartiin dhiira marsiti.”
23 Hili ndilo Bwana Mwenye Nguvu Zote, Mungu wa Israeli, asemalo, “Nitakapowarudisha toka nchi ya kutekwa kwenu, watu walio katika nchi ya Yuda na miji yake kwa mara nyingine tena watatumia maneno haya: ‘Bwana akubariki, ee makao ya haki, ee mlima mtakatifu.’
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Yeroo ani boojiʼamtoota isaanii deebisutti namoonni biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan ishee keessa jiraatan amma illee yeroo tokko, ‘Yaa iddoo murtiin qajeelaan jiraatu, yaa tulluu qulqulluu, Waaqayyo si haa eebbisu’ jedhanii dubbatu.
24 Watu wataishi pamoja katika Yuda na miji yake yote, wakulima na wote wanaohamahama na mifugo yao.
Biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan isaa hunda keessa namoonni jechuunis qonnaan bultoonnii fi warri bushaayee fudhatanii asii fi achi nanaannaʼan tokkummaadhaan achi keessa jiraatu.
25 Nitawaburudisha waliochoka na kuwatuliza walio na huzuni.”
Ani warra dadhaban nan jajjabeessa; warra gaggaban illee nan bayyanachiisa.”
26 Kwa jambo hili niliamka na kuangalia pande zote. Usingizi wangu ulikuwa mtamu kwangu.
Kana irratti ani dammaqee asii fi achi nan ilaale. Hirribni koos natti miʼaawee ture.
27 Bwana asema, “Siku zinakuja, nitakapoongeza idadi ya watu, na kuzidisha hesabu ya mifugo katika nyumba ya Israeli na nyumba ya Yuda.
“Barri ani itti mana Israaʼelii fi mana Yihuudaa sanyii namaatii fi sanyii horiitiin guutu tokko ni dhufa” jedha Waaqayyo.
28 Kama vile nilivyowaangalia ili kungʼoa na kubomoa, kuharibu, kuangamiza na kuleta maafa juu yao, vivyo hivyo nitawaangalia ili kujenga na kupanda,” asema Bwana.
“Ani akkuman isaan buqqisuu fi diiguuf, isaan garagalchuuf, isaan barbadeessuu fi badiisa isaanitti fiduuf isaan ilaale sana akkasuma immoo isaan ijaaruu fi isaan dhaabuuf gara isaanii nan ilaala” jedha Waaqayyo.
29 “Katika siku hizo, watu hawatasema tena, “‘Baba wamekula zabibu chachu, nayo meno ya watoto yakatiwa ganzi.’
“Bara sana keessa namoonni lammata, “‘Abbootiin isaanii ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaannaan ilkaan ijoollee hadoode’ hin jedhan.
30 Badala yake, kila mmoja atakufa kwa ajili ya dhambi zake mwenyewe; yeyote alaye zabibu chachu, meno yake mwenyewe yatatiwa ganzi.
Qooda kanaa tokkoon tokkoon namaa cubbuu ofii isaatiin duʼa; nama ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaatu kam iyyuu ilkaanuma isaatu hadooda.
31 “Siku zinakuja,” asema Bwana, “nitakapofanya agano jipya na nyumba ya Israeli na nyumba ya Yuda.
“Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin, mana Yihuudaa wajjinis kakuu haaraa galu ni dhufa,” jedha Waaqayyo.
32 Halitafanana na agano nililofanya na baba zao wakati nilipowashika mkono kuwaongoza watoke Misri, kwa sababu walivunja agano langu, ijapokuwa nilikuwa mume kwao,” asema Bwana.
“Kakuun kunis kakuu ani, yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee harka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale, kakuu koo kan utuma ani dhirsa isaanii taʼee jiruu isaan cabsan sanaan tokko miti” jedha Waaqayyo.
33 “Hili ndilo agano nitakalofanya na nyumba ya Israeli baada ya siku zile,” asema Bwana. “Nitaweka sheria yangu katika nia zao, na kuiandika mioyoni mwao. Nitakuwa Mungu wao, nao watakuwa watu wangu.
“Kakuun ani yeroo sana booddee mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha” jedha Waaqayyo. “Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa; garaa isaanii keessattis nan barreessa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo taʼu.
34 Mtu hatamfundisha tena jirani yake, wala mtu kumfundisha ndugu yake akisema, ‘Mjue Bwana Mungu,’ kwa sababu wote watanijua mimi, tangu aliye mdogo kabisa kwao, hadi aliye mkuu sana,” asema Bwana. “Kwa sababu nitasamehe uovu wao, wala sitazikumbuka dhambi zao tena.”
Sababii hundi isaanii, xinnaa hamma guddaatti na beekaniif, siʼachi namni kam iyyuu, ‘Waaqayyoon beeki’ jedhee ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu” jedha Waaqayyo. “Ani yakka isaanii nan dhiisaaf; cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”
35 Hili ndilo asemalo Bwana, yeye aliyeweka jua liwake mchana, yeye anayeamuru mwezi na nyota kungʼaa usiku, yeye aichafuaye bahari ili mawimbi yake yangurume; Bwana Mwenye Nguvu Zote ndilo jina lake:
Waaqayyo akkana jedha; inni akka isheen guyyaan ibsituuf aduu ramadu, inni akka isaan halkaniin ibsaniif, jiʼaa fi urjiiwwan ajaju, inni akka dambaliin isaa huursuuf galaana raasu sun maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha:
36 “Ikiwa amri hizi zitaondoka machoni pangu,” asema Bwana, “ndipo wazao wa Israeli watakoma kuwa taifa mbele yangu daima.”
“Yoo seerri kun fuula koo duraa bade qofa, sanyiin Israaʼel, fuula koo duratti bara baraan saba taʼuun isaa hafa” jedha Waaqayyo.
37 Hili ndilo asemalo Bwana: “Ikiwa mbingu zilizo juu zitaweza kupimika na misingi ya dunia chini ikaweza kuchunguzwa, ndipo nitakapowakataa wazao wote wa Israeli kwa sababu ya yote waliyoyatenda,” asema Bwana.
Waaqayyo akkana jedha: “Yoo samiin gubbaa safaramuu dandaʼee fi hundeen lafaa kan gadii qoratamee argamuu dandaʼe qofa ani sanyii Israaʼel hunda sababii waan isaan hojjetan hundaatiif nan gata” jedha Waaqayyo.
38 “Siku zinakuja,” asema Bwana, “wakati mji huu utajengwa upya kwa ajili yangu, kuanzia mnara wa Hananeli hadi Lango la Pembeni.
Waaqayyo akkana jedha: “Barri itti magaalaan kun gamoo Hanaaniʼeeliitii jalqabee hamma Karra Goleetti deebiʼee naaf ijaaramu tokko ni dhufa.
39 Kamba ya kupimia itaanzia hapo kuendelea hadi kwenye kilima cha Garebu, na kisha kugeuka kuelekea Goa.
Funyoon safaraas achii kaʼee gara tulluu Gaareebitti qajeelee gara Goʼaatti diriirfama.
40 Bonde lote watupwapo maiti na majivu pia na matuta yote kutoka Bonde la Kidroni upande wa mashariki hadi pembe ya Lango la Farasi, itakuwa takatifu kwa Bwana. Kamwe mji huu hautangʼolewa tena wala kubomolewa.”
Sululli reeffii fi daaraan itti gatamu guutuun, karaa baʼaas sulula Qeedroon qabatee dirreen hamma Karra Fardaatti jiru hundi Waaqayyoof ni qulqulleeffama. Magaalaan kun gonkumaa lammaffaa hin buqqifamtu yookaan hin diigamtu.”

< Yeremia 31 >