< Yeremia 29 >
1 Haya ndiyo maneno ya ile barua ambayo nabii Yeremia aliituma kutoka Yerusalemu kwenda kwa wazee waliobaki miongoni mwa wale waliohamishwa, na kwa makuhani, manabii na watu wengine wote ambao Nebukadneza alikuwa amewachukua kwenda uhamishoni Babeli kutoka Yerusalemu.
Dubbiin xalayaa kan Ermiyaas raajichi Yerusaalem irraa gara maanguddoota namoota boojiʼaman gidduutti hafaniittii fi lubootatti, raajotattii fi warra Nebukadnezar Yerusaalemii boojiʼee Baabilonitti geesse kaan hundatti erge sanaa kanaa dha.
2 (Hii ilikuwa ni baada ya Mfalme Yekonia na malkia mamaye, maafisa wa mahakama, viongozi wa Yuda na wa Yerusalemu, mafundi na wahunzi kwenda uhamishoni kutoka Yerusalemu.)
Kunis erga Yehooyaakiin mootichii fi haati isaa mootittiin, xuʼaashiiwwan, dura buutota Yihuudaatii fi Yerusaalem, ogeeyyii hojii mukaatii fi tumtuuwwan Yerusaalemii boojiʼamanii deemanii booddee taʼe.
3 Barua ilikabidhiwa kwa Elasa mwana wa Shafani, na kwa Gemaria mwana wa Hilkia, ambao Sedekia mfalme wa Yuda aliwatuma kwa Mfalme Nebukadneza huko Babeli. Barua yenyewe ilisema:
Innis xalayaa sana harka Eleʼaasaa ilma Shaafaaniittii fi Gemaariyaa ilma Hilqiyaa warra Zedeqiyaa mootichi Yihuudaa gara Nebukadnezar mooticha Baabilonitti erge sanaatti kenne. Xalayaan sunis akkana jedha:
4 Hili ndilo Bwana Mwenye Nguvu Zote, Mungu wa Israeli, awaambialo wale wote niliowapeleka kutoka Yerusalemu kwenda uhamishoni Babeli:
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel warra boojuudhaan Yerusaalemii gara Baabilonitti geeffaman hundaan akkana jedha:
5 “Jengeni nyumba na mstarehe, pandeni bustani na mle mazao yake.
“Manneen ijaarradhaatii keessa jiraadhaa; biqiltuu dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa.
6 Oeni wake na mzae wana na binti, waozeni wana wenu wake, nanyi watoeni binti zenu waolewe, ili nao pia wazae wana na binti. Ongezekeni idadi yenu huko, wala msipungue.
Niitii fuudhaatii ilmaanii fi intallan dhalchaa; akka isaanis ilmaanii fi intallan dhalchaniif ilmaan keessan niitii fuusisaa; intallan keessan illee heerumsiisaa. Isinis achitti baayʼadhaa malee hin xinnaatinaa.
7 Pia tafuteni amani na mafanikio ya mji ambamo nimewapeleka uhamishoni. Mwombeni Bwana kwa ajili ya mji huo, kwa sababu ukistawi, ninyi pia mtastawi.”
Magaalaa ani boojuudhaan itti isin ergeef illee nagaa fi badhaadhummaa hawwaa. Yoo isheen badhaate, isinis waan badhaataniif isheedhaaf Waaqayyoon kadhadhaa.”
8 Naam, hili ndilo Bwana Mwenye Nguvu Zote, Mungu wa Israeli, asemalo: “Msikubali manabii na wabashiri walioko miongoni mwenu wawadanganye. Msisikilize ndoto ambazo mmewatia moyo kuota.
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii: “Raajotaa fi ilaaltota isin gidduu jiraataniin hin gowwoomfaminaa. Abjuu akka isaan abjootaniif isaan kakaaftan sana hin dhaggeeffatinaa.
9 Wanawatabiria ninyi uongo kwa jina langu. Sikuwatuma,” asema Bwana.
Isaan maqaa kootiin soba isiniif raaju. Ani isaan hin ergine” jedha Waaqayyo.
10 Hili ndilo asemalo Bwana: “Miaka sabini itakapotimia kwa ajili ya Babeli, nitakuja kwenu na kutimiza ahadi yangu ya rehema ya kuwarudisha mahali hapa.
Waaqayyo akkana jedha: “Yeroo Waggaan torbaatamni Baabiloniif kenname sun xumuramutti ani gara keessan dhufeen waadaa akka iddoo kanatti isin deebisuuf gale sana nan raawwadha.
11 Kwa maana ninajua mipango niliyo nayo kwa ajili yenu,” asema Bwana, “ni mipango ya kuwafanikisha na wala si ya kuwadhuru, ni mipango ya kuwapa tumaini katika siku zijazo.
Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha” jedha Waaqayyo.
12 Kisha mtaniita, na mtakuja na kuniomba, nami nitawasikiliza.
“Isinis na waammattu; dhuftaniis na kadhattu; anis isin nan dhagaʼa.
13 Mtanitafuta na kuniona, mtakaponitafuta kwa moyo wenu wote.
Isin yoo garaa keessan guutuudhaan na barbaaddan, na argattu.
14 Nitaonekana kwenu,” asema Bwana, “nami nitawarudisha watu wenu waliotekwa. Nitawakusanya kutoka mataifa yote na mahali pote nilipokuwa nimewafukuzia, nami nitawarudisha mahali ambapo nilikuwa nimewatoa walipochukuliwa uhamishoni,” asema Bwana.
Anis akka isin na argattan nan godha; boojuudhaa deebisees isin nan fida” jedha Waaqayyo. “Ani sabootaa fi lafa ani itti isin ariʼee ture hunda keessaa walitti isin qabee gara biyya ani keessaa baasee isin boojiʼamsiise sanaatti deebisee isinan fida” jedha Waaqayyo.
15 Mnaweza mkasema, “Bwana ameinua manabii kwa ajili yetu huku Babeli,”
Sababii isin, “Waaqayyo Baabilon keessatti raajota nuu kaaseera” jettaniif
16 lakini hili ndilo asemalo Bwana kuhusu mfalme aketiaye kiti cha enzi cha Daudi, na watu wa kwenu wote wanaobaki katika mji huu, ndugu zenu ambao hawakwenda pamoja nanyi uhamishoni.
Waaqayyo waaʼee mootii teessoo Daawit irra taaʼuutii fi waaʼee namoota magaalaa kana keessatti hafan hundaa, firoota keessan kanneen isin wajjin boojiʼamanii Baabilonitti hin geeffaminii akkana jedha;
17 Naam, hili ndilo asemalo Bwana Mwenye Nguvu Zote: “Nitatuma upanga, njaa na tauni dhidi yao, nami nitawafanya kuwa kama tini dhaifu zile ambazo ni mbovu sana zisizofaa kuliwa.
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Ani goraadee, beelaa fi dhaʼicha isaanitti nan erga; akka isaan akkuma ija harbuu kan tortoree namni nyaachuu hin dandeenyee taʼanis isaan nan godha.
18 Nitawafukuza kwa upanga, kwa njaa na kwa tauni, nami nitawafanya kitu cha kuchukiza sana kwa falme zote za dunia, na kuwa kitu cha laana na cha kuogofya, cha dharau na kukemewa, miongoni mwa mataifa yote nitakakowafukuzia.
Ani goraadee, beelaa fi dhaʼichaan isaan nan ariʼa; akka isaan saboota ani itti isaan ariʼe hunda gidduutti waan abaarsaatii fi waan sodaachisaa, waan tuffiitii fi waan fafaa taʼaniif ani fuula mootummoota lafaa hundaa duratti jibbisiisoo isaan nan godha.
19 Kwa kuwa hawakuyasikiliza maneno yangu,” asema Bwana, “maneno ambayo niliwatumia tena na tena kupitia watumishi wangu manabii. Wala ninyi watu wa uhamisho hamkusikiliza pia,” asema Bwana.
Isaan dubbii koo, dubbii ani ammumaa amma karaa tajaajiltoota koo raajotaatiin isaanitti erge hin dhaggeeffanneetii” jedhan Waaqayyo. “Isin warri boojiʼamtanis akkasuma hin dhaggeeffanne” jedha Waaqayyo.
20 Kwa hiyo, sikieni neno la Bwana, enyi nyote mlio uhamishoni, niliowapeleka Babeli kutoka Yerusalemu.
Kanaafuu isin boojiʼamtoonni ani Yerusaalemii baasee gara Baabilonitti erge hundi dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa.
21 Hili ndilo Bwana Mwenye Nguvu Zote, Mungu wa Israeli, asemalo kuhusu Ahabu mwana wa Kolaya, na Sedekia mwana wa Maaseya, wanaowatabiria uongo kwa jina langu: “Nitawatia mikononi mwa Nebukadneza mfalme wa Babeli, naye atawaua mbele ya macho yenu hasa.
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel waaʼee Ahaab ilma Qolaayaatii fi waaʼee Maʼaseyaa ilma Zedeqiyaa warra maqaa kootiin raajii sobaa isinitti dubbatan sanaa akkana jedha: “Ani dabarsee Nebukadnezar mooticha Baabilonitti isaan kenna; innis ijuma keessan duratti isaan fixa.
22 Kwa ajili yao, watu wote wa uhamisho kutoka Yuda walioko Babeli watatumia laana hii: ‘Bwana na akutendee kama Sedekia na Ahabu, ambao mfalme wa Babeli aliwachoma kwa moto.’
Sababii isaaniitiifis boojiʼamtoonni Yihuudaa warri biyya Baabilon jiraatan, ‘Waaqayyo akka Zedeqiyaatii fi akka Ahaab warra Nebukadnezar mootichi Baabilon ibiddaan gube sanaa si haa godhu!’ jedhanii wal abaaru.
23 Kwa kuwa wamefanya mambo maovu kabisa katika Israeli, wamezini na wake za majirani zao, tena kwa Jina langu wamesema uongo, mambo ambayo sikuwaambia kuyafanya. Nami nayajua haya, na ni shahidi wa jambo hilo,” asema Bwana.
Isaan waan akka malee hamaa taʼe Israaʼel keessatti hojjetaniiruutii; isaan niitota ollaa isaanii wajjin ejjaniiru; waan ani akka isaan hojjetan isaanitti hin himin hojjechuudhaan maqaa kootiin soba dubbataniiru; ani waan kana nan beeka; dhugaa illee nan baʼa” jedha Waaqayyo.
24 Mwambie Shemaya Mnehelami,
Shemaaʼiyaa namicha Nehelaamiin akkana jedhi:
25 “Hili ndilo Bwana Mwenye Nguvu Zote, Mungu wa Israeli, asemalo: Ulituma barua kwa jina lako mwenyewe kwa watu wote wa Yerusalemu, kwa Sefania mwana wa kuhani Maaseya na kwa makuhani wengine wote. Ulimwambia Sefania,
“Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ati namoota Yerusaalem keessa jiraatan hundatti, Sefaaniyaa ilma Maʼaseyaa lubichaattii fi luboota biraa hundatti maqaa keetiin xalayaa ergiteerta. Sefaaniyaanis akkana jetteerta;
26 ‘Bwana amekuweka wewe uwe kuhani badala ya Yehoyada ili uwe msimamizi wa nyumba ya Bwana. Unapaswa kufunga kwa mikatale na mnyororo wa shingoni mwendawazimu yeyote anayejifanya nabii.
‘Waaqayyo akka ati mana Waaqayyoo keessatti itti gaafatamaa taatuuf iddoo Yehooyaadaa luba godhee si muudeera; ati maraatuu raajii dubbatu kam iyyuu miilla isaa jirma gidduu, morma isaa immoo hudhaa sibiilaa keessa galchitee hidhuu qabda.
27 Kwa nini basi hukumkemea Yeremia Mwanathothi, aliyejifanya kama nabii miongoni mwenu?
Yoos ati maaliif Ermiyaas namicha Anaatoot kan gidduu keessanitti raajii dubbatu sana ifachuu dhiifte ree?
28 Ametutumia ujumbe huu huku Babeli: Mtakuwako huko muda mrefu. Kwa hiyo jengeni nyumba mkakae; pandeni mashamba na mle mazao yake.’”
Inni akkana jedhee dhaamsa kana gara keenya, gara Baabilonitti ergeera: Barri boojuu ni dheerata. Kanaafuu manneen ijaarradhaatii keessa jiraadhaa; biqiltuu illee dhaabadhaa ija isaa nyaadhaa.’”
29 Kuhani Sefania, hata hivyo, akamsomea nabii Yeremia ile barua.
Sefaaniyaa lubichis xalayaa sana Ermiyaas raajichaaf dubbise.
30 Ndipo neno la Bwana likamjia Yeremia kusema:
Kana irratti dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe:
31 “Tuma ujumbe huu kwa watu wote walio uhamishoni: ‘Hili ndilo Bwana asemalo kuhusu Shemaya Mnehelami: Kwa sababu Shemaya amewatabiria ninyi, hata ingawa sikumtuma, naye amewafanya kuamini uongo,
“Ergaa kana boojiʼamtoota hundatti ergi; ‘Waaqayyo waaʼee Shemaaʼiyaa namicha Nehelaam sanaa akkana jedha: Waan Shemaaʼiyaan yoo ani isa erguu baadhe iyyuu raajii isinii dubbatee akka isin soba amanattan godheef
32 hili ndilo Bwana asemalo: Hakika nitamwadhibu Shemaya Mnehelami pamoja na uzao wake. Hapatakuwa na yeyote atakayebaki miongoni mwa watu hawa, wala hataona mema nitakayowatendea watu wangu, asema Bwana, kwa sababu ametangaza uasi dhidi yangu.’”
Waaqayyo akkana jedha: ani dhugumaan Shemaaʼiyaa namicha Nehelaam sanaa fi sanyii isaa nan adaba. Inni saba kana gidduutti hambaa tokko iyyuu hin qabaatu yookaan waan gaarii ani saba kootiif godhu hin argu; inni na mormuun fincila lallabeeraatii’ jedha Waaqayyo.”