< Yeremia 27 >
1 Mwanzoni mwa utawala wa Yehoyakimu mwana wa Yosia mfalme wa Yuda, neno hili lilimjia Yeremia kutoka kwa Bwana:
Jalqaba bara Zedeqiyaa ilmi Yosiyaas mootii Yihuudaa turetti dubbiin kun Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe:
2 Hili ndilo Bwana aliloniambia: “Tengeneza nira, ujivike shingoni mwako, uifunge kwa kamba za ngozi.
Waaqayyo akkana naan jedhe; “Teephaa fi danqaraadhaan waanjoo tolchiitii morma keetti kaaʼadhu.
3 Kisha utume ujumbe kwa wafalme wa Edomu, Moabu, Amoni, Tiro na Sidoni kupitia wajumbe ambao wamekuja Yerusalemu kwa Sedekia mfalme wa Yuda.
Ergasii karaa ergamoota Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa bira gara Yerusaalem dhufaniitiin gara mootii Edoom, mootii Moʼaab, mootii Amoon, mootii Xiiroosii fi mootii Siidoonaatti dhaamsa ergi.
4 Wape ujumbe kwa ajili ya mabwana zao na uwaambie: Hili ndilo asemalo Bwana Mwenye Nguvu Zote, Mungu wa Israeli: ‘Waambieni hivi mabwana zenu:
Gooftota isaaniitiif dhaamsa kana dabarsii akkana jedhiin; ‘Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha; “Waan kana gooftota keessanitti himaa.
5 Kwa uwezo wangu mkuu na kwa mkono wangu ulionyooshwa nimeumba dunia na watu wake na wanyama walioko ndani yake, nami humpa yeyote inipendezavyo.
Ani humna koo guddaa fi irree koo diriirfameen lafa, uummata isheetii fi bineensota ishee irra jiraatan uumeera; abbaa fedheef illee nan kenna.
6 Sasa nitazitia nchi zenu zote mkononi mwa mtumishi wangu Nebukadneza mfalme wa Babeli, na nitawafanya hata wanyama wa mwituni wamtumikie.
Ani amma biyyoota keessan hunda harka garbicha koo Nebukadnezar mooticha Baabiloniitti dabarsee nan kenna. Akka bineensonni bosonaa iyyuu isa jalatti bulan nan godha.
7 Mataifa yote yatamtumikia yeye, pamoja na mwanawe na mwana wa mwanawe, hadi wakati wa nchi yake utakapowadia, kisha mataifa mengi na wafalme wenye nguvu nyingi watamshinda.
Hamma guyyaan biyya isaa gaʼutti saboonni hundi isa, ilmaan isaatii fi ilmaan ilmaan isaa tajaajilu; ergasii immoo saboonni hedduunii fi mootonni gurguddaan isa garboomfatu.
8 “‘“Lakini kama kukiwa na taifa lolote au ufalme ambao hautamtumikia Nebukadneza mfalme wa Babeli, ama kuinamisha shingo yake chini ya nira yake, nitaliadhibu taifa hilo kwa upanga, njaa na tauni, asema Bwana, mpaka nitakapoliangamiza taifa hilo kwa mkono wake.
“‘“Garuu yoo sabni yookaan mootummaan kam iyyuu Nebukadnezar mooticha Baabilon hin tajaajille yookaan yoo morma isaa waanjoo mootichaatiif gad hin qabanne ani hamman harkuma isaatiin isaan balleessutti saba sana goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan nan adaba, jedha Waaqayyo.
9 Kwa hiyo msiwasikilize manabii wenu, waaguzi wenu, waota ndoto wenu, watabiri na wachawi wanaowaambia ninyi: Hamtamtumikia mfalme wa Babeli.
Kanaafuu isin raajota keessan, ilaaltota keessan, warra abjuu isiniif hiikan, eker dubbistoota keessanii fi falfaltoota keessan kanneen, ‘Isin mootii Baabilon hin tajaajiltan’ isiniin jedhan sana hin dhagaʼinaa.
10 Wanawatabiria uongo ambao utawafanya ninyi mhamishwe mbali kutoka nchi yenu. Nitawafukuzia mbali, nanyi mtaangamia.
Isaan akka isin biyya keessan keessaa buqqifamtanii fagaattaniif soba isiniif raaju; anis ariʼee isin nan baasa; isinis ni baddu.
11 Lakini ikiwa taifa lolote litainama na kuweka shingo lake katika nira ya mfalme wa Babeli na kumtumikia, nitaliacha taifa hilo katika nchi yake yenyewe ili wailime na kuishi humo, asema Bwana.”’”
Garuu yoo sabni kam iyyuu morma isaa waanjoo mootii Baabiloniitiif gad qabatee isa tajaajile, ani akka sabni sun biyya ofii isaa keessatti hafee lafa qotatee achi jiraatu nan dhiisa, jedha Waaqayyo.”’”
12 Nilitoa ujumbe huo huo kwa Sedekia mfalme wa Yuda. Nilisema, “Ingiza shingo yako katika nira ya mfalme wa Babeli, umtumikie yeye na watu wake, nawe utaishi.
Anis Zedeqiyaa mooticha Yihuudaatti ergaadhuma kana nan hime. Akkanan jedheen; “Morma keessan waanjoo mootii Baabiloniitiif gad qabadhaa; isaa fi saba isaa tajaajilaa; isinis ni jiraattu.
13 Kwa nini wewe na watu wako mfe kwa upanga, njaa na tauni, ambazo Bwana ameonya juu ya taifa lolote ambalo halitamtumikia mfalme wa Babeli?
Atii fi sabni kee maaliif goraadee, beelaa fi dhaʼicha Waaqayyo ittiin saba mootii Baabilon hin tajaajille kam iyyuu sodaachiseen duutu?
14 Msiyasikilize maneno ya manabii wanaowaambia kwamba, ‘Hamtamtumikia mfalme wa Babeli,’ kwa sababu wanawatabiria uongo.
Dubbii raajota, ‘Isin mootii Baabilon hin tajaajiltan’ isiniin jedhanii hin dhagaʼinaa; isaan raajii sobaa isinitti dubbatuutii.
15 ‘Sikuwatuma hao,’ asema Bwana. ‘Wanatabiri uongo kwa jina langu. Kwa hiyo, nitawafukuzia mbali, nanyi mtaangamia, ninyi pamoja na manabii wanaowatabiria.’”
‘Ani isaan hin ergine’ jedha Waaqayyo. ‘Jarri maqaa kootiin soba raaju. Kanaafuu ani isinii fi raajota isinii raajan illee ariʼee nan baasa; isinis ni baddu.’”
16 Kisha nikawaambia makuhani na watu hawa wote, “Hili ndilo asemalo Bwana: Msiwasikilize manabii wanaosema, ‘Hivi karibuni sana vyombo vya nyumba ya Bwana vitarudishwa kutoka Babeli.’ Wanawatabiria ninyi uongo.
Anis lubootaa fi namoota kana hundaan akkanan jedhe, “Waaqayyo akkana jedha: raajota, ‘Miʼi mana Waaqayyoo ammuma Baabilonii ni deebifama’ jedhan hin dhagaʼinaa. Isaan soba isiniif raaju.
17 Msiwasikilize. Mtumikieni mfalme wa Babeli, nanyi mtaishi. Kwa nini mji huu uwe magofu?
Isin jara hin dhaggeeffatinaa. Mootii Baabilon tajaajilaa; ni jiraattuutii. Magaalaan kun maaliif diigamti?
18 Kama wao ni manabii na wanalo neno la Bwana, basi na wamsihi Bwana Mwenye Nguvu Zote ili vyombo vilivyobaki katika nyumba ya Bwana na katika jumba la kifalme la mfalme wa Yuda na katika Yerusalemu visipelekwe Babeli.
Isaan yoo raajota taʼanii fi yoo dubbii Waaqayyoo of keessaa qabaatan mee akka miʼi mana Waaqayyoo kan masaraa mootii Yihuudaatii fi Yerusaalem keessatti hafe sun gara Baabilonitti hin fudhatamneef Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu haa kadhatan.
19 Kwa maana hili ndilo asemalo Bwana Mwenye Nguvu Zote kuhusu zile nguzo, ile Bahari, vile vishikizo viwezavyo kuhamishika, vinara na vyombo vingine vilivyoachwa katika mji huu,
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu waaʼee utubootaa, waaʼee miʼa bishaan itti kuusanii, waaʼee baattuuwwaniitii fi waaʼee miʼoota magaalaa kanatti hafan kanneen biraa akkana jedhaatii;
20 ambavyo Nebukadneza mfalme wa Babeli hakuvichukua wakati alipomchukua Yekonia mwana wa Yehoyakimu mfalme wa Yuda kwenda uhamishoni huko Babeli kutoka Yerusalemu, pamoja na wakuu wote wa Yuda na Yerusalemu.
Nebukadnezar mootiin Baabilon sun gaafa Yehooyaakiin ilma Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa sana namoota Yihuudaatii fi Yerusaalem ulfaatoo hunda wajjin Yerusaalemii gara Baabilonitti boojiʼe sana miʼoota kanneen hin fudhanne.
21 Naam, hili ndilo Bwana Mwenye Nguvu Zote, Mungu wa Israeli, asemalo kuhusu vitu ambavyo vimebaki ndani ya nyumba ya Bwana, na ndani ya jumba la kifalme la mfalme wa Yuda, na katika Yerusalemu:
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel waaʼee miʼoota mana Waaqayyootii fi masaraa mootii Yihuudaatii fi Yerusaalem keessatti hafanii akkana jedha:
22 ‘Vitachukuliwa kupelekwa Babeli, nako huko vitabaki mpaka siku nitakayovijilia,’ asema Bwana. ‘Kisha nitavirudisha na kuvirejesha mahali hapa.’”
‘Isaan Baabilonitti ni geeffamu; hamma guyyaan ani isaaniif dhufu gaʼuttis achuma turu’ jedha Waaqayyo. ‘Ergasii ani deebisee iddoo kanatti isaan nan fida.’”