< Yeremia 11 >
1 Hili ndilo neno lililomjia Yeremia kutoka kwa Bwana:
Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha:
2 “Sikia maneno ya agano hili, nawe uwaambie watu wa Yuda na wale waishio Yerusalemu.
“Dubbii kakuu kanaa dhagaʼaatii saba Yihuudaattii fi namoota Yerusaalem keessa jiraatanitti himaa.
3 Waambie kwamba hili ndilo asemalo Bwana, Mungu wa Israeli: ‘Amelaaniwa mtu ambaye hatayatii maneno ya agano hili,
Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha, jedhiitii isaanitti himi; ‘Namni dubbii kakuu kanaatiif hin ajajamne haa abaaramu.
4 maneno niliyowaamuru baba zenu nilipowatoa katika nchi ya Misri, kutoka tanuru la kuyeyushia vyuma.’ Nilisema, ‘Nitiini mimi na mfanye kila kitu ninachowaamuru, nanyi mtakuwa watu wangu, nami nitakuwa Mungu wenu.
Dubbiin kunis dubbii ani yeroon biyya Gibxi jechuunis boolla ibiddaa kan itti sibiila baqsan keessaa isaan baasetti abbootii keessan ajajee dha.’ Anis akkanan jedhee, ‘Naa ajajamaatii waan ani isin ajaju hunda hojjedhaa; yoos isin saba koo taatu. Anis Waaqa keessan nan taʼa.
5 Kisha nitatimiza kiapo nilichowaapia baba zenu, kuwapa nchi itiririkayo maziwa na asali,’ nchi ambayo mnaimiliki leo.” Nikajibu, “Amen, Bwana.”
Ergasiis ani kakuu akka biyya aannanii fi dammii keessaa yaaʼu isaaniif kennuuf abbootii keessaniif kakadhe sana fiixaan nan baasa;’ biyyi sunis biyya isin harʼa dhaaltanii jirtanii dha.” Anis “Ameen, Yaa Waaqayyo” nan jedhe.
6 Bwana akaniambia, “Tangaza maneno haya yote katika miji ya Yuda na katika barabara za Yerusalemu: ‘Sikilizeni maneno ya agano hili na kuyafuata.
Waaqayyo akkana naan jedhe; “Dubbii kana hunda magaalaawwan Yihuudaa keessattii fi daandiiwwan Yerusaalem irratti akkana jedhii labsi; ‘Dubbii kakuu kanaa hunda dhagaʼaatii duukaa buʼaa.
7 Tangu wakati ule niliwapandisha baba zenu kutoka Misri mpaka leo, niliwaonya tena na tena, nikisema “Nitiini mimi.”
Ani gaafan abbootii keessan biyya Gibxiitii baasee jalqabee hamma harʼaatti, “Naa ajajamaa” jedhee ammumaa amma isaan akeekkachiisaan ture.
8 Lakini hawakusikiliza wala kujali. Badala yake, walifuata ukaidi wa mioyo yao miovu. Hivyo nikaleta juu yao laana zote za agano nililokuwa nimewaamuru wao kulifuata, lakini wao hawakulishika.’”
Isaan garuu hin dhaggeeffanne yookaan hin qalbeeffanne; qooda kanaa isaan mata jabina garaa isaanii hamaa sanaa faana buʼan. Kanaafuu ani abaarsa kakuu ani akka isaan duukaa buʼaniif isaan ajajee isaan garuu eeguu didan sanaa hunda isaanittan fide.’”
9 Kisha Bwana akaniambia, “Kuna shauri baya linaloendelea miongoni mwa watu wa Yuda na wale wanaoishi Yerusalemu.
Ammas Waaqayyo akkana naan jedhe; “Saba Yihuudaatii fi uummata Yerusaalem jiraatu gidduutti fincila tokkotu argame.
10 Wamerudia dhambi za baba zao, waliokataa kusikiliza maneno yangu. Wameifuata miungu mingine kuitumikia. Nyumba zote mbili za Israeli na Yuda zimelivunja agano nililofanya na baba zao.
Isaan gara cubbuu abbootii isaanii kanneen dubbii koo dhagaʼuu didan sanaatti deebiʼaniiru. Waaqota biraa tajaajiluudhaaf jedhaniis isaan faana buʼaniiru. Manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa kakuu ani abbootii isaanii wajjin kakadhe sana cabsaniiru.
11 Kwa hivyo, hili ndilo asemalo Bwana: ‘Nitaleta juu yao maafa ambayo hawawezi kuyakimbia. Hata kama wakinililia, sitawasikiliza.
Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani balaa jarri jalaa baʼuu hin dandeenye tokko isaanitti nan fida. Yoo isaan natti iyyatan iyyuu ani isaan hin dhagaʼu.
12 Miji ya Yuda na watu wa Yerusalemu watakwenda kuililia miungu ambayo wameifukizia uvumba, lakini haitawasaidia kamwe wakati maafa yatakapowapiga.
Magaalaawwan Yihuudaatii fi namoonni Yerusaalem dhaqanii waaqota duraan ixaana aarsaniif sanatti iyyatan; waaqonni sun garuu yeroo rakkinni isaanitti dhufutti isaan gargaaruu hin dandaʼan.
13 Mnayo miungu mingi kama miji mliyo nayo, ee Yuda, nazo madhabahu mlizozijenga za kufukizia uvumba huyo mungu wa aibu Baali ni nyingi kama barabara za Yerusalemu.’
Yaa Yihuudaa ati akkuma magaalaawwan baayʼee qabdu sana waaqota baayʼee qabda; iddoowwan aarsaa kanneen isin Baʼaal waaqa qaanessaa sanaaf qopheessitanis akkuma daandiiwwan Yerusaalem baayʼatan.’
14 “Wewe usiwaombee watu hawa wala kufanya maombezi yoyote au kunisihi kwa ajili yao, kwa sababu sitawasikiliza watakaponiita wakati wa taabu yao.
“Sababii ani yeroo isaan rakkina isaanii keessatti na waammatanitti isaan hin dhageenyeef ati saba kanaaf hin kadhatin; waammata yookaan iyyata tokko illee hin dhiʼeessiniif.
15 “Mpenzi wangu anafanya nini hekaluni mwangu, anapofanya mashauri yake maovu na wengi? Je, nyama iliyowekwa wakfu yaweza kuondolea mbali adhabu yako? Unapojiingiza katika ubaya wako, ndipo unashangilia.”
“Michuun koo namoota hedduu wajjin hojii hamaa hojjechaa mana qulqullummaa koo keessaa maal qabdi? Foon qulqulleeffamee addaan baafame adabbii kee sirraa deebisuu ni dandaʼaa? Gaafa waan hamaa hojjettu, ati ni gammaddaatii.”
16 Bwana alikuita mti wa mzeituni uliostawi ulio na matunda mazuri kwa sura. Lakini kwa ngurumo ya mawimbi makuu atautia moto, nayo matawi yake yatavunjika.
Waaqayyo duraan, Muka ejersaa lalisaa miidhagaa ija qabu siin jedhee ture. Amma garuu huursaa bubbee jabaatiin ibidda itti qabsiisa; dameewwan isaas ni caccabsamu.
17 Bwana Mwenye Nguvu Zote, aliyekupanda, ametamka maafa kwa ajili yako, kwa sababu nyumba ya Israeli na nyumba ya Yuda mmefanya maovu na kunikasirisha kwa kumfukizia Baali uvumba.
Sababii manni Israaʼelii fi manni Yihuudaa waan hamaa hojjetanii, Baʼaaliif ixaana aarsuudhaan dheekkamsaaf na kakaasaniif Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu inni si dhaabe sun badiisa sitti labseera.
18 Kwa sababu Bwana alinifunulia hila zao mbaya, nilizifahamu, kwa kuwa wakati ule alinionyesha yale waliyokuwa wanayafanya.
Sababii Waaqayyo mala isaanii naaf ibseef ani waan sana nan beeke; inni yeroo sanatti waan isaan hojjechaa jiran natti argisiiseeraatii.
19 Nilikuwa kama mwana-kondoo mpole aliyeongozwa machinjoni; mimi sikutambua kwamba walikuwa wamefanya shauri baya dhidi yangu, wakisema, “Sisi na tuuangamize mti na matunda yake; nasi tumkatilie mbali kutoka nchi ya walio hai, ili jina lake lisikumbukwe tena.”
Anis akkuma xobbaallaa hoolaa isa garraamii kan gara qalmaatti oofamu tokkoon ture; ani akka isaan, “Kottaa muka sanaa fi ija isaa haa barbadeessinuu; akka maqaan isaa siʼachi hin yaadatamneef, kottaa biyya jiraattotaa keessaa isa balleessinaa” jechuudhaan natti malatan ani hin hubannen ture.
20 Lakini, Ee Bwana Mwenye Nguvu Zote, wewe uhukumuye kwa haki, nawe uchunguzaye moyo na akili, wacha nione ukiwalipiza wao kisasi, kwa maana kwako nimeweka shauri langu.
Garuu yaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandeessu, kan murtii qajeelaa kennitu, kan garaa fi yaada namaa qortu, ani dhimma koo sitti kennadheeraatii ati akka haaloo isaanitti baatu na argisiisi.
21 “Kwa hiyo hili ndilo Bwana asemalo kuhusu watu wa Anathothi wale wanaotafuta uhai wako wakisema, ‘Usitoe unabii kwa jina la Bwana, la sivyo utakufa kwa mikono yetu’:
“Kanaafuu Waaqayyo akkana jedhee waaʼee namoota Anaatoot warra, ‘Ati maqaa Waaqayyootiin raajii hin dubbatin yoo kanaa achii harka keenyatti duuta’ jechuudhaan si ajjeesuu barbaadan sanaa dubbata.
22 kwa hiyo hili ndilo Bwana Mwenye Nguvu Zote asemalo: ‘Nitawaadhibu. Vijana wao waume watakufa kwa upanga, wana wao na binti zao kwa njaa.
Kanaafuu Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Ani jara nan adaba. Dargaggoonni isaanii goraadeedhaan, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii immoo beelaan ni dhumu.
23 Hawatasaziwa hata mabaki kwao, kwa sababu nitaleta maafa kwa watu wa Anathothi katika mwaka wa adhabu yao.’”
Sababii ani bara isaan itti adabaman keessa namoota Anaatootitti balaa fiduuf isaan hambaa tokko iyyuu hin qabaatan.’”