< Yeremia 10 >
1 Sikieni lile ambalo Bwana, anena nanyi ee nyumba ya Israeli.
Yaa mana Israaʼel, waan Waaqayyo isiniin jedhu dhagaʼaa.
2 Hili ndilo asemalo Bwana: “Usijifunze njia za mataifa wala usitishwe na ishara katika anga, ingawa mataifa yanatishwa nazo.
Waaqayyo akkana jedha: “Isin karaa saboota ormaa hin baratinaa; saboonni ormaa isaan sodaatan iyyuu isin mallattoowwan samii hin sodaatinaa.
3 Kwa maana desturi za mataifa hazina maana, wanakata mti msituni, na fundi anauchonga kwa patasi.
Barteen uummattootaa faayidaa hin qabu; isaan bosona keessaa muka muru; ogeessi hojii harkaa immoo qottoodhaan bifa itti baasa.
4 Wanaparemba kwa fedha na dhahabu, wanakikaza kwa nyundo na misumari ili kisitikisike.
Isaanis meetii fi warqeedhaan miidhagsu; akka inni hin sochooneef burruusaa fi mismaaraan walitti qabsiisu.
5 Sanamu zao ni kama sanamu iliyowekwa shambani la matango kutishia ndege nazo haziwezi kuongea; sharti zibebwe sababu haziwezi kutembea. Usiziogope; haziwezi kudhuru, wala kutenda lolote jema.”
Waaqonni isaanii tolfamoon akkuma fakkeettii ittiin waa sodaachisan kan lafa qotiisaa buqqee keessaa sana dubbachuu hin dandaʼan; isaan waan deemuu hin dandeenyeef baatamuu qabu. Sababii isaan nama miidhuu yookaan waan gaarii tokko iyyuu hojjechuu hin dandeenyeef isaan hin sodaatinaa.”
6 Hakuna aliye kama wewe, Ee Bwana; wewe ni mkuu, jina lako ni lenye nguvu katika uweza.
Yaa Waaqayyo kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru; ati guddaa dha; maqaan kees humna guddaa qaba.
7 Ni nani ambaye haimpasi kukuheshimu wewe, Ee Mfalme wa mataifa? Hii ni stahili yako. Miongoni mwa watu wote wenye hekima katika mataifa na katika falme zao zote, hakuna aliye kama wewe.
Yaa mootii sabootaa eenyutu si hin sodaanne? Kun siif ni malaatii. Ogeeyyii sabootaa hunda keessaa, mootummoota isaanii hunda keessaas kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru.
8 Wote hawana akili, tena ni wapumbavu, wanafundishwa na sanamu za miti zisizofaa lolote.
Isaan hundinuu qalbii hin qaban; gowwootas; isaan waaqota tolfamoo mukkeenii kanneen faayidaa hin qabneen qajeelfamu.
9 Huleta fedha iliyofuliwa kutoka Tarshishi na dhahabu kutoka Ufazi. Kile ambacho fundi na sonara wametengeneza huvikwa mavazi ya rangi ya samawi na urujuani: vyote vikiwa vimetengenezwa na mafundi stadi.
Meetiin tumame Tarshiishii, warqeen immoo Uufaazii fidama. Wanni ogeessi hojii mukaatii fi tumtuun warqee hojjetan, wanni hojjettoota ogummaa qabaniin hojjetaman hundi halluu cuquliisaa fi diimaa dhiilgee uffifamaniiru.
10 Lakini Bwana ni Mungu wa kweli, yeye ndiye Mungu aliye hai, Mfalme wa milele. Anapokasirika, dunia hutetemeka, mataifa hayawezi kustahimili hasira yake.
Waaqayyo garuu Waaqa dhugaa ti; inni Waaqa jiraataa, Mootii bara baraa ti. Yeroo inni dheekkamutti lafti ni hollatti; saboonnis dheekkamsa isaa dura dhaabachuu hin dandaʼan.
11 “Waambie hivi: ‘Miungu hii, ambayo haikuumba mbingu na dunia, itaangamia kutoka dunia na kutoka chini ya mbingu.’”
“Isin waan kana isaanitti himaa; ‘Waaqonni samii fi lafa hin uumin kunneen lafa irraa fi samii jalaa ni barbadaaʼu.’”
12 Lakini Mungu aliiumba dunia kwa uweza wake, akaweka misingi ya ulimwengu kwa hekima yake, na akazitandaza mbingu kwa ufahamu wake.
Waaqni garuu humna isaatiin lafa uume; ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse; hubannaa isaatiinis samiiwwan diriirse.
13 Atoapo sauti yake, maji yaliyo katika mbingu hunguruma; huyafanya mawingu yainuke kutoka miisho ya dunia. Hupeleka umeme wa radi pamoja na mvua, naye huuleta upepo kutoka ghala zake.
Yommuu inni qaqawweessaʼutti bishaanonni samii ni huursu; inni akka duumessoonni daarii lafaatii ol kaʼan ni godha. Inni bokkaa wajjin balaqqee ni erga; mankuusaalee isaa keessaa immoo bubbee ni fida.
14 Kila mmoja ni mjinga na hana maarifa, kila sonara ameaibishwa na sanamu zake. Vinyago vyake ni vya udanganyifu, havina pumzi ndani yavyo.
Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha; tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqota tolfamoo isaatiin qaaneffama. Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti; isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban.
15 Havifai kitu, ni vitu vya kufanyia mzaha tu, hukumu yavyo itakapowadia, vitaangamia.
Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti. Yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu.
16 Yeye aliye Fungu la Yakobo sivyo alivyo, kwani ndiye Muumba wa vitu vyote, pamoja na Israeli, kabila la urithi wake: Bwana Mwenye Nguvu Zote ndilo jina lake.
Inni Qooda Yaaqoob taʼe sun garuu akka warra kanaa miti; inni Uumaa waan hundumaa ti, Israaʼel immoo gosa dhaala isaa ti; maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha.
17 Kusanyeni mali na vitu vyenu mwondoke nchi hii, enyi mnaoishi katika hali ya kuzingirwa na jeshi.
Ati kan marfamtee jirtu, biyyattii keessaa baʼuuf qabeenya kee walitti qabadhu.
18 Kwa kuwa hili ndilo asemalo Bwana: “Wakati huu, nitawatupa nje kwa nguvu wote waishio katika nchi hii; nitawataabisha ili waweze kutekwa.”
Waaqayyo akkana jedhaatii; “Kunoo, ani amma warra biyyattii keessa jiraatan furguggisee nan baasa; akka isaan dhiphataniifis rakkina isaanitti nan fida.”
19 Ole wangu mimi kwa ajili ya kuumia kwangu! Jeraha langu ni kubwa! Lakini nilisema, “Kweli hii ni adhabu yangu, nami sharti niistahimili.”
Waan ani miidhameef anaaf wayyoo! Madaan koo kan hin fayyinee dha! Taʼus ani ofii kootiin, “Kun dhukkuba koo ti; anis isa obsuun qaba” nan jedhe.
20 Hema langu limeangamizwa; kamba zake zote zimekatwa. Wana wangu wametekwa na hawapo tena; hakuna hata mmoja aliyebaki wa kusimamisha hema langu wala wa kusimamisha kibanda changu.
Dunkaanni koo diigameera; funyoon isaa hundis cicciteera. Ilmaan koo na dhiisanii sokkaniiru; isaan hin jiran; namni dunkaana naa dhaabu, yookaan golgaa naa hidhu tokko iyyuu hin jiru.
21 Wachungaji hawana akili wala hawamuulizi Bwana, hivyo hawastawi na kundi lao lote la kondoo limetawanyika.
Tiksoonni qalbii hin qaban; Waaqayyonis hin barbaaddatan; kanaafuu isaan hin milkaaʼan; bushaayeen isaanii hundinuus bittinnaaʼaniiru.
22 Sikilizeni! Taarifa inakuja: ghasia kubwa kutoka nchi ya kaskazini! Hii itafanya miji ya Yuda ukiwa, makao ya mbweha.
Kunoo, oduun, raafamni guddaan tokko biyya kaabaatii dhufaa jira! Innis magaalaawwan Yihuudaa onsee iddoo waangoonni jiraatan godha.
23 Ninajua, Ee Bwana, kwamba maisha ya mwanadamu si yake mwenyewe; hawezi kuziongoza hatua zake mwenyewe.
Yaa Waaqayyo, ani akka jireenyi namaa kan mataa isaa hin taʼin nan beeka; namni adeemsa isaa ofumaan qajeelfachuu dandaʼu hin jiru.
24 Unirudi, Ee Bwana, lakini kwa kipimo cha haki: si katika hasira yako, usije ukaniangamiza.
Yaa Waaqayyo dheekkamsa keetiin utuu hin taʼin, murtii qajeelaadhaan na sirreessi; yoo kanaa achii ati na balleessitaatii.
25 Umwage ghadhabu yako juu ya mataifa wasiokujua wewe, juu ya mataifa wasioliitia jina lako. Kwa kuwa wamemwangamiza Yakobo; wamemwangamiza kabisa na kuiharibu nchi yake.
Saboota si hin beeknetti uummata maqaa kee hin waammannetti dheekkamsa kee dhangalaasi. Isaan Yaaqoobin nyaataniiruutii; guutumaan guutuuttis isa nyaatanii; iddoo jireenya isaa illee barbadeessaniiru.