< Isaya 58 >

1 “Piga kelele, usizuie. Paza sauti yako kama tarumbeta. Watangazieni watu wangu uasi wao, na kwa nyumba ya Yakobo dhambi zao.
“Guddisii iyyi; hin qusatin. Akkuma malakataa sagalee kee ol fudhadhu. Saba kootti fincila isaanii, mana Yaaqoobitti immoo cubbuu isaanii labsi.
2 Kwa maana kila siku hunitafuta, wanaonekana kutaka kujua njia zangu, kana kwamba walikuwa taifa linalotenda lililo sawa, na ambalo halijaziacha amri za Mungu wake. Hutaka kwangu maamuzi ya haki, nao hutamani Mungu awakaribie.
Isaan guyyuma guyyaan na barbaaduutii; isaan akkuma saba waan qajeelaa hojjetee ajajawwan Waaqa isaa hin dhiisin tokkootti waan karaa koo beekuu barbaadan fakkaatu. Isaan murtii qajeelaa na kadhatu; akka Waaqni isaanitti dhiʼaatus waan hawwan fakkaatu.
3 Wao husema, ‘Mbona tumefunga, nawe hujaona? Mbona tumejinyenyekeza, nawe huangalii?’ “Lakini katika siku ya kufunga kwenu, mnafanya mnavyotaka na kuwadhulumu wafanyakazi wenu wote.
Isaanis, ‘Yoo ati waan kana hin argine, nu maaliif soomne? Yoo ati waan kana hin qalbeeffanne nu maaliif gad of qabne?’ jedhu. “Taʼus isin guyyaa sooma keessanii waan feetan gootan; hojjettoota keessan hundas ni hacuuccan.
4 Kufunga kwenu huishia kwenye magomvi na mapigano, na kupigana ninyi kwa ninyi kwa ngumi za uovu. Hamwezi kufunga kama mnavyofanya leo na kutazamia sauti zenu kusikiwa huko juu.
Soomni keessan wal loluu fi wal qoccoluudhaan, aboottee hamminaatiin wal tumuudhaan raawwata. Soomni isin harʼa soomaa jirtan kun, akka sagaleen keessan gubbaatti dhagaʼamu hin godhu.
5 Je, hii ndiyo aina ya mfungo niliouchagua, siku moja tu ya mtu kujinyenyekeza? Je, ni kwa kuinamisha kichwa chini kama tete, na kwa kujilaza juu ya nguo ya gunia na majivu? Je, huo ndio mnaouita mfungo, siku iliyokubalika kwa Bwana?
Soomni ani filadhe sooma akkanaatii? Namni tokko guyyuma tokko qofaaf gad of qabaa? Wanni kun akkuma dhallaadduu mataa gad qabachuu fi wayyaa gaddaatii fi daaraa irra ciisuu qofaafii? Wanni isin sooma jettaniin guyyaan fuula Waaqayyoo duratti fudhatama qabu kanaa?
6 “Je, hii si ndiyo aina ya mfungo niliyoichagua: kufungua minyororo ya udhalimu, na kufungua kamba za nira, kuwaweka huru walioonewa, na kuvunja kila nira?
“Soomni ani itti gammadu, kan foncaa jalʼinaa furu, kan funyoo waanjoo hiiku, kan cunqurfamtoota bilisa baasuu fi waanjoo hunda caccabsu mitii?
7 Je, sio kushirikiana chakula chako na wenye njaa na kuwapatia maskini wasiokuwa na makao hifadhi, unapomwona aliye uchi, umvike, wala si kumkimbia mtu wa nyama na damu yako mwenyewe?
Akka ati warra beelaʼaniif nyaata kee qoodduu fi akka hiyyeeyyii mana hin qabne mana keetti simattu, akka ati yeroo nama daare argitutti daara isa baaftuu fi akka nama foonii fi dhiiga kee taʼetti dugda hin galle mitii?
8 Ndipo nuru yako itajitokeza kama mapambazuko na uponyaji wako utatokea upesi; ndipo haki yako itakapokutangulia mbele yako, na utukufu wa Bwana utakuwa mlinzi nyuma yako.
Yoos ifni kee akka biiftuu ganamaa ni baʼa; fayyinni kees dafee ni dhufa; qajeelummaan kee fuula kee dura deema; ulfinni Waaqayyoo immoo duubaan si eega.
9 Ndipo utaita, naye Bwana atajibu, utalia kuomba msaada, naye atasema: Mimi hapa. “Kama ukiiondoa nira ya udhalimu, na kunyoosha kidole na kuzungumza maovu,
Yeroo sana ati ni waammatta; Waaqayyos deebii siif kenna; ati gargaarsa barbaacha iyyatta; innis, ‘Ani asan jira’ siin jedha. “Ati yoo waanjoo cunqursaa, haasaʼa hamminaatii fi quba namatti qabuu of irraa fageessite,
10 nanyi kama mkimkunjulia mtu mwenye njaa nafsi zenu na kutosheleza mahitaji ya walioonewa, ndipo nuru yenu itakapongʼaa gizani, nao usiku wenu utakuwa kama adhuhuri.
ati yoo warra beelaʼaniif nyaata kennite, warra rakkatanis rakkinaa baafte, ifni kee dukkana keessa ni ibsa; halkan kees akka guyyaa saafaa taʼa.
11 Bwana atakuongoza siku zote, atayatosheleza mahitaji yako katika nchi kame, naye ataitia nguvu mifupa yako. Utakuwa kama bustani iliyonyweshwa vizuri, kama chemchemi ambayo maji yake hayakauki kamwe.
Waaqayyo yeroo hunda si geggeessa; inni lafa aduudhaan gubate keessatti iyyuu fedhii kee siif guuta; lafee kees ni jabeessa. Ati akka lafa biqiltuu bishaan quufee, akka burqaa hin gognees ni taata.
12 Watu wako watajenga tena magofu ya zamani na kuinua misingi ya kale; utaitwa Mwenye Kukarabati Kuta Zilizobomoka, Mwenye Kurejeza Barabara za Makao.
Uummanni kee diigamaa durii deebisee ni ijaara; atis hundee dhaloota baayʼee ol kaasta; atis, Suphaa Dallaawwan Jijjiganii, Haaromsaa Daandiiwwan Jireenyaa jedhamtee waamamta.
13 “Kama ukitunza miguu yako isivunje Sabato, na kutokufanya kama vile upendavyo katika siku yangu takatifu, kama ukiita Sabato siku ya furaha na siku takatifu ya Bwana ya kuheshimiwa, kama utaiheshimu kwa kutoenenda katika njia zako mwenyewe, na kutokufanya yakupendezayo au kusema maneno ya upuzi,
“Ati yoo miilla kee Sanbata cabsuu irraa eeggattee guyyaa koo qulqulluu waan jaallattu gochuu dhiifte, ati yoo Sanbataan, ‘Gammachuu’ guyyaa qulqullaaʼaa Waaqayyootiin immoo, ‘Kabajamaa’ jette, yoo daandii ofii keetii deemtuu fi yoo waan feete gochuu yookaan haasaa faayidaa hin qabne haasaʼuu baattee Sanbata ulfeessite,
14 ndipo utakapojipatia furaha yako katika Bwana, nami nitakufanya upande juu ya miinuko ya nchi na kusherehekea urithi wa Yakobo baba yako.” Kinywa cha Bwana kimenena haya.
yeroo sana Waaqayyotti ni gammadda; anis akka ati lafa ol dheeraa irra guluftu, dhaala abbaa kee Yaaqoob nyaattee akka quuftus sin taasisa.” Afaan Waaqayyoo dubbateeraatii.

< Isaya 58 >