< Isaya 53 >

1 Ni nani aliyeamini ujumbe wetu, na mkono wa Bwana umefunuliwa kwa nani?
Ergaa keenya eenyutu amane? Irreen Waaqayyoos eenyutti mulʼate?
2 Alikua mbele yake kama mche mwororo na kama mzizi katika nchi kavu. Hakuwa na uzuri wala utukufu wa kutuvutia kwake, hakuwa na chochote katika sura yake cha kutufanya tumtamani.
Inni fuula isaa duratti akkuma biqiltuu kichuu, akkuma hidda lafa gogaa keessaa baʼu tokkootti guddate. Akka nu isa ilaalluuf, inni bifa hin tolu, yookaan simboo hin qabu; akka nu isa hawwinuufis miidhagina hin qabu.
3 Alidharauliwa na kukataliwa na wanadamu, mtu wa huzuni nyingi, ajuaye mateso. Kama mtu ambaye watu humficha nyuso zao, alidharauliwa, wala hatukumhesabu kuwa kitu.
Inni nama biratti tuffatamee jibbame; inni nama gaddaa fi gadadamuun jiraatuu dha. Akkuma nama namoonni fuula isaanii irraa garagalfatanii, inni ni tuffatame; nus ulfina hin kennineef.
4 Hakika alichukua udhaifu wetu na akajitwika huzuni zetu, hata hivyo tulidhania kuwa amepigwa na Mungu, akapigwa sana naye, na kuteswa.
Dhugumaan inni dhukkuba keenya fudhate; gadda keenyas baate; nu garuu akka waan Waaqni isa dhaʼeetti, akka waan inni rukutee isa miidheetti isa hedne.
5 Lakini alitobolewa kwa ajili ya makosa yetu, alichubuliwa kwa ajili ya maovu yetu; adhabu iliyotuletea sisi amani ilikuwa juu yake, na kwa majeraha yake sisi tumepona.
Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname; balleessaa keenyaafis caccabsame; nu adabamuu isaatiin nagaa arganne; madaaʼuu isaatiin immoo fayyine.
6 Sisi sote, kama kondoo, tumepotea, kila mmoja wetu amegeukia njia yake mwenyewe, naye Bwana aliweka juu yake maovu yetu sisi sote.
Hundi keenya akka hoolaa karaa irraa badnee turre; tokkoon tokkoon keenya gara karaa keenyaatti gorre; Waaqayyos balleessaa hunda keenyaa isa irra kaaʼe.
7 Alionewa na kuteswa, hata hivyo hakufungua kinywa chake; aliongozwa kama mwana-kondoo apelekwaye machinjoni, kama vile kondoo anyamazavyo mbele ya wao wamkataye manyoya, hivyo hakufungua kinywa chake.
Inni ni cunqurfame; ni dhiphates; garuu afaan isaa hin saaqqanne; inni akkuma ilmoo hoolaa kan iddoo qalmaatti geeffamuu, akkuma hoolaa fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu, akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.
8 Kwa kuonewa na kuhukumiwa aliondolewa. Nani awezaye kueleza kuhusu kizazi chake? Kwa maana alikatiliwa mbali na nchi ya walio hai, alipigwa kwa ajili ya makosa ya watu wangu.
Inni cunqursaa fi murtiidhaan fudhatame. Eenyutu waaʼee dhaloota isaa dubbachuu dandaʼa? Inni biyya jiraattotaa irraa kutameeraatii; dogoggora saba kootiifis rukutameera.
9 Wakamfanyia kaburi pamoja na waovu, pamoja na matajiri katika kifo chake, ingawa hakutenda jeuri, wala hapakuwa na hila kinywani mwake.
Inni goolii kaasuu baatu iyyuu, yookaan sobni afaan isaatii baʼuu baatu iyyuu akka awwaalli isaa hamoota wajjin duuti isaas sooreyyii wajjin taʼu godhan.
10 Lakini yalikuwa ni mapenzi ya Bwana kumchubua na kumsababisha ateseke. Ingawa Bwana amefanya maisha yake kuwa sadaka ya hatia, ataona uzao wake na kuishi siku nyingi, nayo mapenzi ya Bwana yatafanikiwa mkononi mwake.
Taʼus isa dirmammeessuu fi isa dhiphisuun fedhii Waaqayyoo ture; Waaqayyo lubbuu isaa aarsaa yakkaa godhu iyyuu inni sanyii isaa ni arga; umurii isaas ni dheeressa; fedhiin Waaqayyoos harka isaatti ni raawwatama.
11 Baada ya maumivu ya nafsi yake, ataona nuru ya uzima na kuridhika; kwa maarifa yake, mtumishi wangu mwenye haki atawafanya wengi kuwa wenye haki, naye atayachukua maovu yao.
Inni erga lubbuun isaa dhiphatee booddee, ifa ni arga; ni gammadas; garbichi koo qajeelaan sun beekumsa isaatiin namoota baayʼee qajeeltota taasisa; yakka isaaniis ni baata.
12 Kwa hiyo nitamgawia sehemu miongoni mwa wakuu, naye atagawana nyara pamoja na wenye nguvu, kwa sababu aliyamimina maisha yake hadi mauti, naye alihesabiwa pamoja na wakosaji. Kwa kuwa alichukua dhambi za wengi, na kuwaombea wakosaji.
Kanaafuu ani gurguddoota gidduutti qooda nan kennaaf; innis jajjaboota wajjin boojuu ni qooddata; inni lubbuu isaa duʼaaf kennee yakkitootatti lakkaaʼameeraatii. Taʼus inni cubbuu nama hedduu baatee yakkamtootaaf araara buuseera.

< Isaya 53 >