< Isaya 52 >

1 Amka, amka, ee Sayuni, jivike nguvu. Vaa mavazi yako ya fahari, ee Yerusalemu, mji mtakatifu. Asiyetahiriwa na aliye najisi hataingia kwako tena.
Yaa Xiyoon, dammaqi, dammaqi; jabina kee uffadhu! Yaa Yerusaalem, yaa magaalaa qulqullittii, wayyaa kee miidhagaa sana uffadhu. Namoonni dhagna hin qabaminii fi xuraaʼonni lammaffaa sitti hin seenan.
2 Jikungʼute mavumbi yako, inuka, uketi kwenye kiti cha enzi, ee Yerusalemu. Jifungue minyororo iliyo shingoni mwako, ee Binti Sayuni uliye mateka.
Yaa Yerusaalem, awwaara of irraa dhadhaʼadhu; kaʼiitii teessoo irra taaʼi. Yaa intala Xiyoon boojiʼamtittii, foncaa morma keetii of irraa hiiki.
3 Kwa kuwa hili ndilo asemalo Bwana: “Mliuzwa pasipo malipo, nanyi mtakombolewa bila fedha.”
Waaqayyo akkana jedhaatii: “Isin gatii malee gurguramtanii turtan; amma immoo maallaqa malee furamtan.”
4 Kwa maana hili ndilo asemalo Bwana Mwenyezi: “Hapo kwanza watu wangu walishuka Misri kuishi, hatimaye, Ashuru wakawaonea.
Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii: “Jalqabatti sabni koo jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe; ergasii Asoor sababii malee isaan cunqurse.
5 “Basi sasa nina nini hapa?” asema Bwana. “Kwa kuwa watu wangu wamechukuliwa pasipo malipo, nao wale wanaowatawala wanawadhihaki,” asema Bwana. “Mchana kutwa jina langu limetukanwa bila kikomo.
“Yoos ani amma maalan asii qaba?” jedha Waaqayyo. “Sabni koo sababii malee fudhatameera; warri isaan bulchanis ni qoosu” jedha Waaqayyo. “Guyyaa guutuus, maqaan koo ittuma fufee arrabsama.
6 Kwa hiyo watu wangu watalijua Jina langu; kwa hiyo katika siku ile watajua kwamba ndimi niliyetangulia kulisema. Naam, ni mimi.”
Kanaafuu sabni koo maqaa koo ni beeka; kanaafuu isaan gaafas kan duraan dursee waan sana dubbate akka ana taʼe ni beeku. Eeyyee, inni anuma.”
7 Tazama jinsi miguu ya wale waletao habari njema ilivyo mizuri juu ya milima, wale wanaotangaza amani, wanaoleta habari njema, wanaotangaza wokovu, wauambiao Sayuni, “Mungu wako anatawala!”
Miilli warra wangeela fidanii, kan nagaa labsanii, kan oduu gammachiisaa fidanii, kan fayyina labsanii, kan Xiyooniin, “Waaqni kee moʼeera!” jedhanii tulluuwwan irratti akkam miidhagaa dha!
8 Sikiliza! Walinzi wako wanapaza sauti zao, pamoja wanapaza sauti zao kwa furaha. Wakati Bwana atakaporejea Sayuni, wataliona kwa macho yao wenyewe.
Dhaggeeffadhu! Eegdonni kee sagalee isaanii ol fudhataniiru; isaan tokkummaadhaan gammachuudhaan iyyu. Yeroo Waaqayyo Xiyoonitti deebiʼutti, isaan ijuma isaaniitiin ni argu.
9 Pazeni sauti ya nyimbo za furaha pamoja, enyi magofu ya Yerusalemu, kwa maana Bwana amewafariji watu wake, ameikomboa Yerusalemu.
Yaa diigamtoota Yerusaalem tokkummaadhaan faarfannaa gammachuu faarfadhaa; Waaqayyo uummata isaa jajjabeessee Yerusaaleminis fureeraa.
10 Mkono mtakatifu wa Bwana umefunuliwa machoni pa mataifa yote, nayo miisho yote ya dunia itaona wokovu wa Mungu wetu.
Waaqayyo fuula saboota hundaa duratti, irree isaa qulqulluu sana ni mulʼisa; handaarri lafaa hundis fayyisuu Waaqa keenyaa ni argu.
11 Ondokeni, ondokeni, tokeni huko! Msiguse kitu chochote kilicho najisi! Tokeni kati yake mwe safi, ninyi mchukuao vyombo vya Bwana.
Isin warri miʼa Waaqayyoo baattan, addaan baʼaa; addaan baʼaa; achii fagaadhaa! Waan xuraaʼaa tokko illee hin tuqinaa! Ishee keessaa baʼaatii qulqulloota taʼa.
12 Lakini hamtaondoka kwa haraka, wala hamtakwenda kwa kukimbia; kwa maana Bwana atatangulia mbele yenu, Mungu wa Israeli atakuwa mlinzi nyuma yenu.
Isin garuu ariitiidhaan achii hin baatan; yookaan baqattanii hin deemtan; Waaqayyo fuula keessan dura deemaatii; Waaqni Israaʼel dugda duubaan isin eega.
13 Tazama, mtumishi wangu atatenda kwa hekima; atatukuzwa, na kuinuliwa juu, na kukwezwa sana.
Kunoo, garbichi koo ogummaadhaan hojjeta; inni ni kabajama; ol kaafama; ulfina guddaas ni argata.
14 Kama walivyokuwa wengi walioshangazwa naye, kwani uso wake ulikuwa umeharibiwa sana zaidi ya mtu yeyote na umbo lake kuharibiwa zaidi ya mfano wa mwanadamu:
Namoonni baayʼeen waaʼee isaa hamma naʼanitti, fuulli isaa nama hundumaa caalaa golgolaaʼeera; bifti isaas nama hundumaa caalaa badeera;
15 hivyo atayashangaza mataifa mengi, nao wafalme watafunga vinywa vyao kwa sababu yake. Kwa kuwa yale ambayo hawakuambiwa, watayaona, nayo yale wasiyoyasikia, watayafahamu.
akkasiinis inni saboota hedduu dinqisiifachiisa; mootonni sababii isaatiif afaan isaanii qabatu. Isaan waan isaanitti hin himamin arguutii; waan hin dhagaʼinis ni hubatu.

< Isaya 52 >