< Isaya 51 >
1 “Nisikilizeni, ninyi mnaofuatia haki na mnaomtafuta Bwana: Tazameni mwamba ambako mlichongwa, na mahali pa kuvunjia mawe ambako mlichimbwa;
“Isin warri qajeelummaa duukaa buutan, warri Waaqayyoon barbaaddan na dhaggeeffadhaa: Isin kattaa irraa argamtan, boolla keessaa baafamtan sana ilaalaa.
2 mwangalieni Abrahamu, baba yenu, na Sara, ambaye aliwazaa. Wakati nilipomwita alikuwa mmoja tu, nami nikambariki na kumfanya kuwa wengi.
Abbaa keessan Abrahaamii fi Saaraa ishee isin deesse sana ilaalaa. Yeroo ani isa waametti, inni tokkicha ture; ani isa nan eebbise; nan baayʼises.
3 Hakika Bwana ataifariji Sayuni, naye atayaangalia kwa huruma magofu yake yote; atayafanya majangwa yake yawe kama Edeni, nazo sehemu zake zisizolimika ziwe kama bustani ya Bwana. Shangwe na furaha zitakuwako ndani yake, shukrani na sauti za kuimba.
Waaqayyo dhugumaan Xiyoonin ni jajjabeessa; diigama ishee hundas gara laafinaan ni ilaala; inni gammoojjii ishee goggogaa akka Eeden, lafa onaa ishees akka iddoo biqiltuu Waaqayyoo ni godha. Ililchuu fi gammaduun, galannii fi sagaleen faarfannaa ishee keessatti argama.
4 “Nisikilizeni, watu wangu; nisikieni, taifa langu: Sheria itatoka kwangu; haki yangu itakuwa nuru kwa mataifa.
“Yaa uummata koo na dhaggeeffadhaa; yaa saba koo na dhagaʼaa; seerri na biraa baʼa; murtiin koos sabootaaf ifa taʼa.
5 Haki yangu inakaribia mbio, wokovu wangu unakuja, nao mkono wangu utaleta hukumu kwa mataifa. Visiwa vitanitegemea na kungojea mkono wangu kwa matumaini.
Qajeelummaan koo dafee dhiʼaata; fayyisuun koos dhufaa jira; irreen koo moototaaf murtii qajeelaa fida; biyyoonni bishaan gidduu na eeggatu; irree koos ni abdatu.
6 Inueni macho yenu mbinguni, mkaitazame dunia chini; mbingu zitatoweka kama moshi, dunia itachakaa kama vazi, na wakazi wake kufa kama mainzi. Bali wokovu wangu utadumu milele, haki yangu haitakoma kamwe.
Ija keessan gara samiiwwaniitti ol qabadhaa; lafas gad ilaalaa; samiiwwan akkuma aaraa ni badu; lafti akkuma wayyaa moofofti. Jiraattonni ishees akkuma tisiisaa ni duʼan. Fayyisuun koo garuu bara baraan jiraata; qajeelummaan koos hin badu.
7 “Nisikieni, ninyi mnaojua lililo sawa, ninyi watu ambao mna sheria yangu mioyoni mwenu: Msiogope mashutumu ya wanadamu wala msitiwe hofu na matukano yao.
“Isin warri waan qajeelaa beektan namoonni seera koo garaa keessaa qabdan na dhagaʼaa; tuffii namootaa hin sodaatinaa; yookaan arrabsoo isaaniitiin hin raafaminaa.
8 Kwa maana nondo atawala kama vazi, nao funza atawatafuna kama sufu. Lakini haki yangu itadumu milele, wokovu wangu kwa vizazi vyote.”
Biliin akka wayyaatti isaan nyaatti; raammoonis akkuma rifeensa hoolaatti isaan fixxi. Garuu qajeelummaan koo bara baraan, fayyisuun koos dhalootaa gara dhalootaatti itti fufa.”
9 Amka, Amka! Jivike nguvu, ewe mkono wa Bwana, Amka, kama siku zilizopita, kama vile vizazi vya zamani. Si ni wewe uliyemkata Rahabu vipande vipande, uliyemchoma yule joka?
Yaa irree Waaqayyoo, kaʼi; kaʼi! Jabina uffadhu; akkuma baroota darbanii, akkuma dhaloota durii keessatti taʼe sana kaʼi. Kan Raʼaabin kukkute, kan jawwee galaanaa waraane sun suma mitii?
10 Si ni wewe uliyekausha bahari, maji ya kilindi kikuu, uliyefanya barabara katika vilindi vya bahari ili waliokombolewa wapate kuvuka?
Inni akka warri furaman ceʼaniif, galaanicha, bishaan tuujuba guddichaa gogse, kan dhidhima galaanaa keessaan karaa baase suma mitii?
11 Wale waliolipiwa fidia na Bwana watarudi. Wataingia Sayuni wakiimba; furaha ya milele itakuwa taji juu ya vichwa vyao. Furaha na shangwe zitawapata, huzuni na kulia kwa uchungu kutatoweka.
Warri Waaqayyo isaan fure ni deebiʼu. Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu; gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata. Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu; gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.
12 “Mimi, naam mimi, ndimi niwafarijie ninyi. Ninyi ni nani hata kuwaogopa wanadamu wanaokufa, wanadamu ambao ni majani tu,
“Kan isin jajjabeessu ana; anuma. Yoos maaliif namoota duʼa hin oolle, ilmaan namaa kanneen akkuma margaa taʼan sodaattu ree?
13 kwamba mnamsahau Bwana Muumba wenu, aliyezitanda mbingu na kuiweka misingi ya dunia, kwamba mnaishi katika hofu siku zote kwa sababu ya ghadhabu ya mdhalimu, ambaye nia yake ni kuangamiza? Iko wapi basi ghadhabu ya mdhalimu?
Ati kan Waaqayyo Tolchaa kee, isa samiiwwan diriirsee hundee lafaa buuse sana dagattu eenyu? Ati kan sababii dheekkamsa cunqursaa waa balleessuuf qophaaʼe sanaatiif utuu gargar hin kutin guyyaa guyyaan sodaattu eenyu? Yoos dheekkamsi cunqursaa sanaa meerree?
14 Wafungwa waliojikunyata kwa hofu watawekwa huru karibuni; hawatafia kwenye gereza lao, wala hawatakosa chakula.
Boojiʼamtoonni hidhaman ariitiidhaan gad dhiifamu; isaan boolla itti hidhaman keessatti hin duʼan yookaan buddeena hin dhaban.
15 Kwa maana Mimi ndimi Bwana, Mungu wako, ambaye huisukasuka bahari ili mawimbi yake yangurume: Bwana Mwenye Nguvu Zote ndilo jina lake.
Ani Waaqayyo Waaqa kee, kan akka dhaʼaan bishaanii huursuuf galaana raasuu dha; maqaan isaas Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha.
16 Nimeweka maneno yangu kinywani mwako na kukufunika kwa uvuli wa mkono wangu: Mimi niliyeweka mbingu mahali pake, niliyeweka misingi ya dunia, niwaambiaye Sayuni, ‘Ninyi ni watu wangu.’”
Ani kan samiiwwan iddoo isaanii kaaʼe, kan hundee lafaa hundeessee Xiyooniin, ‘Ati saba koo ti’ jedhe sun, dubbii koo afaan kee keessa kaaʼeera; gaaddidduu harka kootiinis si haguugeera.”
17 Amka, amka! Simama, ee Yerusalemu, wewe uliyekunywa kutoka mkono wa Bwana kikombe cha ghadhabu yake, wewe uliyekunywa mpaka kufikia machujo yake, kikombe kile cha kunywea kiwafanyacho watu kuyumbayumba.
Yaa Yerusaalem, ati kan harka Waaqayyoo irraa, xoofoo dheekkamsa isaa keessaa dhugde, ati kan xoofoo dhugaatii nama gatantarsuu keessaa siicoo isaa xuruurfattee dhugde, dammaqi, dammaqi! Ol kaʼi.
18 Kati ya wana wote aliowazaa hakuwepo hata mmoja wa kumwongoza, kati ya wana wote aliowalea hakuwepo hata mmoja wa kumshika mkono.
Ilmaan isheen deesse hunda keessaa, kan ishee qajeelchu tokko iyyuu hin turre; ilmaan isheen guddifte hunda keessaas, kan harka ishee qabu tokko iyyuu hin turre.
19 Majanga haya mawili yamekuja juu yako: ni nani awezaye kukufariji? Maangamizi, uharibifu, njaa na upanga: ni nani awezaye kukutuliza?
Balaawwan kunneen dachaadhaan sitti dhufaniiru; egaa eenyutu si jajjabeessuu dandaʼa? Diigamnii fi badiisni, beellii fi goraadeen sitti dhufaniiru; eegaa eenyutu si jajjabeessuu dandaʼa?
20 Wana wako wamezimia, wamelala kwenye mwanzo wa kila barabara, kama swala aliyenaswa kwenye wavu. Wamejazwa na ghadhabu ya Bwana na makaripio ya Mungu wako.
Ijoolleen kee gaggabaniiru; akkuma borofa kiyyoon qabame tokkoo, roga karaa irra ciciisu. Isaan dheekkamsa Waaqayyootiin, ifata Waaqa keetiinis guutamaniiru.
21 Kwa hiyo sikiliza hili, wewe uliyeteswa, uliyelewa, lakini si kwa mvinyo.
Kanaafuu yaa ishee miidhamte, kan utuu daadhii wayinii hin dhugin machoofte, waan kana dhagaʼi.
22 Hili ndilo asemalo Bwana Mwenyezi wako, Mungu wako, yeye ambaye huwatetea watu wake: “Tazama, nimeondoa mkononi mwako kikombe kilichokufanya uyumbayumbe; kutoka kikombe hicho, kikombe cha kunywa cha ghadhabu yangu, kamwe hutakunywa tena.
Waaqayyo Gooftaan kee, Waaqni kee inni saba isaa eegu akkana jedha: “Kunoo ani xoofoo dhugaatii nama gatantarsu harka keetii fuudheera; ati siʼachi xoofoo dheekkamsa koo keessaa deebitee hin dhugdu.
23 Nitakiweka mikononi mwa watesi wako, wale waliokuambia, ‘Anguka kifudifudi ili tuweze kutembea juu yako.’ Ukaufanya mgongo wako kama ardhi, kama njia yao ya kupita.”
Anis xoofoo sana harka warra si dhiphisan kanneen, ‘Akka nu sirra yaanuuf, lafa irra diriirfami’ siin jedhan sanaa keessa nan kaaʼa. Ati immoo dugda kee akkuma lafaa, akkuma daandii namni irra deemuu goote.”