< Isaya 49 >

1 Nisikilizeni, enyi visiwa, sikieni hili, ninyi mataifa mlio mbali: Kabla sijazaliwa, Bwana aliniita, tangu kuzaliwa kwangu, amelitaja jina langu.
Yaa biyyoota bishaan gidduu na dhaggeeffadhaa; yaa saboota fagoo jiraattan waan kana dhagaʼaa: Utuu ani hin dhalatin dura Waaqayyo na waame; utuu ani gadameessa haadha koo keessa jiruu maqaa naa baase.
2 Akafanya kinywa changu kuwa kama upanga ulionolewa, katika uvuli wa mkono wake akanificha; akanifanya kuwa mshale uliosuguliwa, na kunificha katika podo lake.
Inni afaan koo akka goraadee qaramee godhe; gaaddidduu harka isaatiin na dhokse; xiyya cululuqfame na godhee, manʼee xiyya isaa keessa na kaaʼate.
3 Akaniambia, “Wewe u mtumishi wangu, Israeli, ambaye katika yeye nitaonyesha utukufu wangu.”
Innis, “Yaa Israaʼel, ati garbicha koo kan ani ulfina koo isa irratti mulʼisuu dha” anaan jedhe.
4 Lakini nilisema, “Nimetumika bure, nimetumia nguvu zangu bure bila faida. Hata hivyo linalonistahili liko mkononi mwa Bwana, nao ujira wangu uko kwa Mungu wangu.”
Ani garuu, “Akkasumaanan itti dadhabe; humna koos waanuma faayidaa hin qabnettan fixe. Taʼus dhugaan koo harka Waaqayyoo, gatiin koos Waaqa bira jira” nan jedhe.
5 Sasa Bwana asema: yeye aliyeniumba tumboni kuwa mtumishi wake, kumrudisha tena Yakobo kwake na kumkusanyia Israeli, kwa maana nimepata heshima machoni pa Bwana, naye Mungu wangu amekuwa nguvu yangu;
Waan ani fuula Waaqayyoo duratti ulfina argadhee Waaqni koo jabina naa taʼeef, Waaqayyo inni akka ani Yaaqoobin deebisee gara isaatti fiduuf, Israaʼelin isa biratti walitti qabuuf, akka ani garbicha isaa taʼuuf gadameessa keessatti na tolche sun akkana jedha;
6 yeye asema: “Je, ni jambo dogo sana wewe kuwa mtumishi wangu ili kurejeza makabila ya Yakobo, na kuwarudisha wale Waisraeli niliowahifadhi? Pia nitakufanya uwe nuru kwa ajili ya watu wa Mataifa, ili upate kuleta wokovu wangu hata miisho ya dunia.”
Innis, “Ati gosoota Yaaqoob deebiftee dhaabuuf, Israaʼeloota ani eege sanas deebiftee fiduuf garbicha koo taʼuun kee siif baayʼee salphaa dha. Akka fayyinni koo qarqara lafaa gaʼuuf ani Namoota Ormaatiif ibsaa sin taasisa” jedha.
7 Hili ndilo asemalo Bwana, yeye Mkombozi na Aliye Mtakatifu wa Israeli, kwake yeye aliyedharauliwa na kuchukiwa na taifa, kwa mtumishi wa watawala: “Wafalme watakuona na kusimama, wakuu wataona na kuanguka kifudifudi, kwa sababu ya Bwana, aliye mwaminifu, yeye Aliye Mtakatifu wa Israeli, aliyekuchagua wewe.”
Waaqayyo Furii fi Qulqullichi Israaʼel, isa namaan tuffatamee sabnis jibbe, tajaajilaa bulchitootaa sanaan akkana jedha: “Sababii Waaqayyo amanamaa Qulqullicha Israaʼel isa si filate sanaatiif jedhanii mootonni si arganii ol kaʼu; ilmaan moototaas arganii sagadu.”
8 Hili ndilo asemalo Bwana: “Wakati wangu uliokubalika nitakujibu, nami katika siku ya wokovu nitakusaidia; nitakuhifadhi, nami nitakufanya kuwa agano kwa ajili ya watu, ili kurudisha nchi na kugawanyia urithi tena wale waliokuwa ukiwa,
Waaqayyo akkana jedha: “Ani yeroo fudhatama qabutti siifin deebisa; gaafa fayyinaattis sin gargaara; akka ati dhaala abbaa hin qabne deebiftee dhaalchiftuuf, ani sin eega; akka ati sabaaf kakuu taatus sin godha;
9 kuwaambia mateka, ‘Tokeni nje,’ nao wale walio gizani, ‘Kuweni huru!’ “Watajilisha kando ya barabara na kupata malisho yao juu ya kila kilima kilicho kitupu.
akka ati warra boojiʼamaniin, ‘Kottaa baʼaa’ warra dukkana keessa jiraataniin immoo, ‘Bilisa baʼaa’ jettu sin godha. “Isaan karaa irratti waa nyaatu; gaara qulqullaaʼaa irrattis iddoo qubataa argatu.
10 Hawataona njaa wala kuona kiu, wala hari ya jangwani au jua halitawapiga. Yeye mwenye huruma juu yao atawaonyesha njia, na kuwaongoza kando ya chemchemi za maji.
Isaan hin beelaʼan; hin dheebotanis; hoʼi gammoojjii yookaan aduun isaan hin gubu. Inni isaaniif garaa laafu isaan geggeessa; qarqara burqaa bishaanii irra isaan qajeelcha.
11 Nitaifanya milima yangu yote kuwa barabara, na njia kuu zangu zitainuliwa.
Tulluuwwan koo hunda karaatti nan geeddara; daandiiwwan koo gurguddaanis wal qixxeeffamu.
12 Tazama, watakuja kutoka mbali: wengine kutoka kaskazini, wengine kutoka magharibi, wengine kutoka nchi ya Sinimu.”
Kunoo, isaan biyya fagoodhaa ni dhufu; gariin kaabaa, gariin dhiʼaa, kaan immoo biyya Aswaaniitii ni dhufu.”
13 Pigeni kelele kwa furaha, enyi mbingu; furahi, ee dunia; pazeni sauti kwa kuimba, enyi milima! Kwa maana Bwana anawafariji watu wake, naye atakuwa na huruma kwa watu wake walioumizwa.
Yaa samiiwwan, ililchaa; yaa lafa gammadi; yaa tulluuwwan, guddisaa faarfadhaa! Waaqayyo saba isaa ni jajjabeessa; warra rakkataniifis garaa ni laafaatii.
14 Lakini Sayuni alisema, “Bwana ameniacha, Bwana amenisahau.”
Xiyoon garuu, “Waaqayyo na gateera; Gooftaanis na irraanfateera” jette.
15 “Je, mama aweza kumsahau mtoto aliyeko matitini mwake akinyonya, wala asiwe na huruma juu ya mtoto aliyemzaa? Ingawa anaweza kusahau, mimi sitakusahau wewe!
“Haati daaʼima ishee kan hoosiftu irraanfachuu ni dandeessii? Mucaa deesseefis garaa hin laaftuu? Yoo isheen irraanfatte iyyuu ani si hin irraanfadhu!
16 Tazama, nimekuchora kama muhuri katika vitanga vya mikono yangu, kuta zako zi mbele yangu daima.
Kunoo, ani barruu harka koo irratti si qirixeera; dallaawwan kee yeroo hunda fuula koo dura jiru.
17 Wana wako wanaharakisha kurudi, nao wale waliokuteka wanaondoka kwako.
Ilmaan kee ariitiidhaan ni dachaʼu; warri si diiganis sirraa baqatu.
18 Inua macho yako ukatazame pande zote: wana wako wote wanakusanyika na kukujia. Kwa hakika kama vile niishivyo, utawavaa wote kama mapambo, na kujifunga nao kama bibi arusi,” asema Bwana.
Ija kee ol fudhadhuutii naannoo kee ilaali; ilmaan kee hundi walitti qabamanii gara kee ni dhufu. Ani jiraataadhaatii” jedha Waaqayyo. “Ati isaan kanneen hunda akka faayaatti ni uffatta; akka misirroottis ittiin miidhagfamta.
19 “Ingawa uliangamizwa na kufanywa ukiwa, na nchi yako ikaharibiwa, sasa nafasi itakuwa finyu kwa ajili ya watu wako, nao wale waliokuangamiza watakuwa mbali sana.
“Ati diigamtee ontee biyyi kee barbadaaʼu iyyuu amma saba keetti lafti ni dhiphata; warri si liqimsan sirraa ni fagaatu.
20 Watoto waliozaliwa wakati wa msiba wako bado watakuambia, ‘Mahali hapa ni finyu sana kwetu, tupe eneo kubwa zaidi la kuishi.’
Ijoolleen ati yeroo gadda keetiitti deesse, utuma gurri kee dhagaʼuu, ‘Lafti kun nutti dhiphateera; lafa irra jiraannu nuuf kenni’ siin jedhu.
21 Ndipo utasema moyoni mwako, ‘Ni nani aliyenizalia hawa? Nilikuwa nimefiwa, tena tasa; nilikuwa nimehamishwa na kukataliwa. Ni nani aliyewalea hawa? Niliachwa peke yangu, lakini hawa wametoka wapi?’”
Ergasii ati garaa keetti akkana jetta; ‘Eenyutu jara kanneen naa daʼe? Ani gaddituu fi maseentuun ture; ani baqattuu fi jibbamtuun ture. Isaan kanneen eenyutu guddise? Ani kophaatti hafeen ture; yoos, isaan kunneen eessaa dhufan ree?’”
22 Hili ndilo asemalo Bwana Mwenyezi: “Tazama, nitawaashiria watu wa Mataifa, nitainua bendera yangu kwa mataifa; watawaleta wana wako mikononi yao, na kuwabeba binti zenu juu ya mabega yao.
Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: “Kunoo ani namoota ormaa harkaan nan waama; faajjii koos uummataaf ol nan qaba; isaan ilmaan kee hammatanii fidu; intallan kee immoo gatiittii isaaniitti baatu.
23 Wafalme watakuwa baba zenu wa kuwalea, na malkia wao watakuwa mama zenu wa kuwalea. Watasujudu mbele yako nyuso zao zikigusa ardhi; wataramba mavumbi yaliyo miguuni mwako. Ndipo utajua ya kuwa Mimi ndimi Bwana; wale wanaonitumaini mimi hawataaibika.”
Mootonni abbootii kee kanneen si guddisan, niitonni isaanii immoo haadhota kee kanneen harma si hoosisan ni taʼu. Isaan adda isaaniitiin lafatti gombifamanii siif sagadu; awwaara miilla keetii illee ni arraabu. Ergasii ati akka ani Waaqayyo taʼe ni beekta; warri na abdatan hin salphatan.”
24 Je, nyara zaweza kuchukuliwa kutoka kwa mashujaa wa vita, au mateka kuokolewa kutoka kwa watu wakali?
Gootota harkaa boojuu fudhachuun, gara jabeeyyii harkaas boojuu baasuun ni dandaʼamaa?
25 Lakini hili ndilo asemalo Bwana: “Naam, mateka watachukuliwa kutoka kwa mashujaa, na nyara zitapokonywa kutoka kwa watu wakali. Nitashindana na wale wanaoshindana nawe, nami nitawaokoa watoto wako.
Waaqayyo garuu akkana jedha: “Eeyyee, gootota harkaa boojiʼamtoonni ni baafamu; gara jabeeyyii harkaas boojuun ni fudhatama; warra siin falmaniin nan falma; ijoollee kees nan baraara.
26 Nitawafanya wale wanaokuonea kula nyama yao wenyewe, watalewa kwa damu yao wenyewe, kama vile kwa mvinyo. Ndipo wanadamu wote watajua ya kuwa Mimi, Bwana, ni Mwokozi wako, Mkombozi wako, niliye Mwenye Nguvu wa Yakobo.”
Ani akka warri si hacuucan foon ofii isaanii nyaatan nan godha; isaan akkuma nama daadhii wayiniitiin machaaʼuu dhiiga ofii isaaniitiin ni machaaʼu. Ergasii sanyiin namaa hundi, akka ani Waaqayyo, Fayyisaan kee, Furiin kee, Jabaa Yaaqoob taʼe ni beeka.”

< Isaya 49 >