< Isaya 40 >

1 Wafarijini, wafarijini watu wangu, asema Mungu wenu.
Jajjabeessaa; saba koo jajjabeessaa; jedha Waaqni keessan.
2 Sema na Yerusalemu kwa upole, umtangazie kwamba kazi yake ngumu imekamilika, kwamba dhambi yake imefanyiwa fidia, kwamba amepokea kutoka mkononi mwa Bwana maradufu kwa ajili ya dhambi zake zote.
Garaa Yerusaalemitti dubbadhaa; hojiin garbummaa ishee akka dhume, gatiin cubbuu ishee akka baafameef, isheen cubbuu ishee hundaaf harka Waaqayyootii adabbii dachaa akka fudhatte isheetti labsaa.
3 Sauti ya mtu aliaye: “Itengenezeni jangwani njia ya Bwana, nyoosheni njia kuu nyikani kwa ajili ya Mungu wetu.
Sagalee akkana jedhee iyyu tokko: “Gammoojjii keessatti Waaqayyoof karaa qopheessaa; gammoojjii keessatti Waaqa keenyaaf karaa guddicha qajeelchaa.
4 Kila bonde litainuliwa, kila mlima na kilima kitashushwa; penye mabonde patanyooshwa, napo palipoparuza patasawazishwa.
Sululli hundi ni guutama; tulluu fi gaarri hundinuus gad deebifama; lafti wal caalu, wal qixxeeffama; lafti buʼaa baʼiinis dirree taʼa.
5 Utukufu wa Bwana utafunuliwa, nao wanadamu wote watauona pamoja. Kwa maana kinywa cha Bwana kimenena.”
Ulfinni Waaqayyoo ni mulʼata; sanyiin namaa hundinuus tokkummaadhaan ni arga. Afaan Waaqayyoo dubbateeraatii.”
6 Sauti husema, “Piga kelele.” Nami nikasema, “Nipige kelele gani?” “Wanadamu wote ni kama majani, nao utukufu wao wote ni kama maua ya kondeni.
Sagaleen tokko “Iyyi” jedha. Anis, “Maal jedheen iyya?” nan jedhe. “Namni hundi akkuma margaa ti; ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa dirree ti.
7 Majani hunyauka na maua huanguka, kwa sababu pumzi ya Bwana huyapuliza. Hakika wanadamu ni majani.
Sababii hafuurri Waaqayyo baafatu isaanitti bubbisuuf margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa. Dhugumaan namni marguma.
8 Majani hunyauka na maua huanguka, lakini neno la Mungu wetu ladumu milele.”
Margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa; dubbiin Waaqa keenyaa garuu bara baraan ni jiraata.”
9 Wewe uletaye habari njema Sayuni, panda juu ya mlima mrefu. Wewe uletaye habari njema Yerusalemu, inua sauti yako kwa kupiga kelele, inua sauti, usiogope; iambie miji ya Yuda, “Yuko hapa Mungu wenu!”
Ati kan Xiyooniif oduu gaarii fiddu, tulluu dheeraatti ol baʼi. Ati kan Yerusaalemiif oduu gaarii fiddu, sagalee kee ol fudhuutii iyyi; ol fudhadhuu iyyi; hin sodaatin; magaalaawwan Yihuudaatiinis, “Waaqni keessan kunoo ti!” jedhi.
10 Tazameni, Bwana Mwenyezi anakuja na nguvu, nao mkono wake ndio utawalao kwa ajili yake. Tazameni, ujira wake u pamoja naye, nayo malipo yake yanafuatana naye.
Kunoo, Waaqayyo Gooftaan humnaan ni dhufa; irreen isaa jabaadhaanis ni bulcha. Kunoo, gatiin isaa isa wajjin jira; gatiin inni namaaf kennu isuma harka jira.
11 Huchunga kundi lake kama mchungaji wa mifugo: Hukusanya wana-kondoo katika mikono yake na kuwachukua karibu na moyo wake, huwaongoza taratibu wale wanyonyeshao.
Inni akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa tikfata; xobbaallaawwan hoolaas irree isaatiin walitti qaba; ofitti qabees qoma isaatti hammata; haadhota hoolotaa warra hoosisanis suutuma oofa.
12 Ni nani aliyepima maji ya bahari kwenye konzi ya mkono wake, au kuzipima mbingu kwa shibiri yake? Ni nani aliyeyashika mavumbi ya dunia katika kikapu, au kupima milima kwenye kipimio na vilima kwenye mizani?
Bishaanota konyee isaatiin kan safare yookaan samiiwwan taakkuu isaatiin kan safare eenyu? Biyyoo lafaa safartuudhaan walitti kan qabe yookaan tulluuwwan madaaliidhaan gaarran immoo madaaliidhaan kan madaale eenyu?
13 Ni nani aliyeyafahamu mawazo ya Bwana, au kumfundisha akiwa kama mshauri wake?
Eenyutu Hafuura Waaqayyoo qajeelchuu dandaʼe? Yookaan namni gorsaa isaa taʼee isa barsiise eenyu?
14 Ni nani ambaye Bwana ametaka shauri kwake ili kumwelimisha, naye ni nani aliyemfundisha njia iliyo sawa? Ni nani aliyemfundisha maarifa au kumwonyesha mapito ya ufahamu?
Waaqayyo hubannaa argachuuf eenyun gorsa gaafate? Daandii qajeelaas eenyutu isa barsiise? Eenyutu beekumsa isaaf kennee yookaan daandii hubannaa isa argisiise?
15 Hakika mataifa ni kama tone ndani ya ndoo, ni kama vumbi jembamba juu ya mizani, huvipima visiwa kana kwamba vilikuwa vumbi laini.
Dhugumaan saboonni akkuma copha baaldii keessaa ti; isaan akkuma awwaara madaalii irra jiruutti ilaalamu; inni biyyoota bishaan gidduu illee akkuma biyyoo bullaaʼaatti madaala.
16 Lebanoni hautoshi kwa moto wa madhabahuni, wala wanyama wake hawatoshi kwa sadaka za kuteketezwa.
Libaanoon qoraan iddoo aarsaatiif gaʼu hin qabdu, yookaan horiin ishee aarsaa gubamuuf hin gaʼan.
17 Mbele yake mataifa yote ni kama si kitu, yanaonekana yasio na thamani na zaidi ya bure kabisa.
Fuula isaa duratti saboonni hundinuu wayittuu hin lakkaaʼaman; isaan akka ilaalcha isaatti homaattuu hin hedaman; gatiis hin qaban.
18 Basi, utamlinganisha Mungu na nani? Utamlinganisha na kitu gani?
Yoos Waaqa eenyutti fakkeessitu? Fakkii kam wajjin isa wal bira qabdu?
19 Kwa habari ya sanamu, fundi huisubu, naye mfua dhahabu huifunika kwa dhahabu na kuitengenezea mikufu ya fedha.
Waaqa tolfamaa tumtuu sibiilaatu baqsee tolcha; tumtuun warqees warqee itti uffisa; foncaa meetiitiinis ni miidhagsa.
20 Mtu aliye maskini sana asiyeweza kuleta sadaka kama hii huuchagua mti usiooza. Humtafuta fundi stadi wa kusimamisha sanamu ambayo haitatikisika.
Hiyyeessi aarsaa akkasii dhiʼeessuu hin dandeenye tokko muka hin tortorre filata. Waaqa tolfamaa hin jigne dhaabuufis nama ogummaa hojii harkaa qabu barbaaddata.
21 Je, hujui? Je, hujasikia? Je, hujaambiwa tangu mwanzo? Je, hujafahamu tangu kuumbwa kwa dunia?
Isin hin beektanii? Isin hin dhageenyee? Wanni kun jalqabumaa kaasee isinitti hin himamnee? Isin erga lafti hundeeffamtee jalqabee hin hubannee?
22 Anakaa kwenye kiti cha enzi juu ya duara ya dunia, nao watu wakaao ndani yake ni kama panzi. Huzitandaza mbingu kama chandarua, na kuzitandaza kama hema la kuishi.
Inni geengoo lafaatii ol taaʼa; uummanni lafaas akkuma korophisaa ti. Inni samiiwwan akkuma golgaatti diriirsa; akka dunkaana keessa jiraataniittis isaan diriirsa.
23 Huwafanya wakuu kuwa si kitu, na kuwashusha watawala wa dunia hii kuwa kitu bure.
Inni ilmaan moototaa faayidaa dhabsiisa; bulchitoota addunyaas harka duwwaa hambisa.
24 Mara baada ya kupandwa, mara baada ya kutiwa ardhini, mara baada ya kutoa mizizi yao ardhini, ndipo huwapulizia nao wakanyauka, nao upepo wa kisulisuli huwapeperusha kama makapi.
Akkuma isaan dhaabamaniin, akkuma isaan facaafamaniin, akkuma isaan lafa keessatti hidda yaafataniin, inni isaanitti bubbise; isaanis ni coollagan; obombolettiinis akkuma habaqiitti isaan haxaaʼe.
25 “Utanilinganisha mimi na nani? Au ni nani anayelingana nami?” asema yeye Aliye Mtakatifu.
“Isin eenyutti na fakkeessitu? Yookaan eenyutu anaan qixxaata?” jedha Qulqullichi.
26 Inueni macho yenu mtazame mbinguni: Ni nani aliyeumba hivi vyote? Ni yeye aletaye nje jeshi la nyota moja baada ya nyingine na kuziita kila moja kwa jina lake. Kwa sababu ya uweza wake mkuu na nguvu zake kuu, hakuna hata mojawapo inayokosekana.
Ija keessan ol fudhadhaatii samiiwwan ilaalaa: Eenyutu kanneen hunda uume? Isa tuuta urjiiwwanii tokko tokkoon fidee tokkoo tokkoo isaanii maqaa maqaadhaan waamu sanaa dha. Sababii humna isaa cimaa sanaatii fi jabina isaa guddaa sanaatiif isaan keessaa tokko iyyuu hin dhabamu.
27 Kwa nini unasema, ee Yakobo, nanyi ee Israeli, kulalamika, “Njia yangu imefichwa Bwana asiione, Mungu wangu hajali shauri langu?”
Yaa Yaaqoob, yaa Israaʼel, ati maaliif, “Karaan koo Waaqayyo duraa dhokateera; haajaan koos fuula Waaqa koo duratti tuffatameera” jettee guungumta?
28 Je wewe, hufahamu? Je wewe, hujasikia? Bwana ni Mungu wa milele, Muumba wa miisho ya dunia. Hatachoka wala kulegea, wala hakuna hata mmoja awezaye kuupima ufahamu wake.
Ati hin beektuu? Ati hin dhageenyee? Waaqayyo Waaqa bara baraa ti; inni Uumaa handaara lafaa ti. Inni hin dadhabu yookaan haara hin galfatu; hubannaa isaas kan qoree bira gaʼu hin jiru.
29 Huwapa nguvu waliolegea na huongeza nguvu za wadhaifu.
Inni dadhabdootaaf jabina kenna; nama laafaaf immoo humna dabala.
30 Hata vijana huchoka na kulegea, nao vijana wanaume hujikwaa na kuanguka,
Ijoolleen iyyuu ni dadhabu; ni bututus; dargaggoonnis gufatanii kufu;
31 bali wale wamtumainio Bwana atafanya upya nguvu zao. Watapaa juu kwa mbawa kama tai; watapiga mbio wala hawatachoka, watatembea kwa miguu wala hawatazimia.
Warri Waaqayyoon abdatan garuu humna isaanii ni haaromfatu. Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu; ni fiigu; hin dadhaban; ni deemu; hin bututan.

< Isaya 40 >