< Isaya 38 >
1 Katika siku hizo Hezekia akaugua, naye akawa karibu kufa. Nabii Isaya mwana wa Amozi akaenda kwake na kumwambia, “Hili ndilo asemalo Bwana: Tengeneza mambo ya nyumba yako, kwa sababu utakufa, hutapona.”
Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Isaayyaas ilmi Amoos raajichi gara isaa dhaqee, “Waaqayyo akkana jedha: Mana kee tottolfadhu; ati ni duuta malee hin fayyituutii” jedheen.
2 Hezekia akaelekeza uso wake ukutani, akamwomba Bwana:
Hisqiyaasis fuula isaa gara keenyan manaatti garagalfatee akkana jedhee Waaqayyoon kadhate;
3 “Ee Bwana, kumbuka jinsi nilivyoenenda mbele zako kwa uaminifu na kujitoa kwa moyo wangu wote, na kufanya yaliyo mema machoni pako.” Naye Hezekia akalia kwa uchungu.
“Yaa Waaqayyo, akka ani amanamummaa fi garaa tokkoon fuula kee dura jiraadhee waan fuula kee duratti gaarii taʼes hojjedhe yaadadhu.” Hisqiyaasis hiqqifatee ni booʼe.
4 Ndipo neno la Bwana likamjia Isaya, kusema:
Ergasiis dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Isaayyaas dhufe:
5 “Nenda ukamwambie Hezekia, ‘Hili ndilo asemalo Bwana, Mungu wa baba yako Daudi: Nimeyasikia maombi yako na nimeona machozi yako. Nitakuongezea miaka kumi na mitano katika maisha yako.
“Dhaqiitii akkana jedhii Hisqiyaasitti himi; ‘Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; imimmaan kees argeera; ani umurii kee irratti waggaa kudha shan siifan dabala.
6 Nami nitakuokoa wewe pamoja na mji huu mkononi mwa mfalme wa Ashuru. Nitaulinda mji huu.
Ani siʼii fi magaalaa kana harka mooticha Asooriitii nan baasa. Ani magaalaa kana nan eega.
7 “‘Hii ndiyo ishara ya Bwana kwako ya kwamba Bwana atafanya kile alichoahidi:
“‘Kun mallattoo Waaqayyoo kan akka inni waan waadaa gale sana guutu mirkaneessuuf Waaqayyo biraa siif kennamee dha:
8 Nitafanya kivuli cha jua kwenye ngazi iliyojengwa na Ahazi kirudi nyuma madaraja kumi.’” Hivyo jua likarudi nyuma madaraja kumi ambayo lilikuwa limeshuka.
Ani akka gaaddidduun aduu tarkaanfii kurnan gulantaa Aahaaz irraan gad buʼe sana dugda duubatti deebiʼu nan godha.’” Kanaafuu gaaddidduun tarkaanfii kurnan gad buʼee ture sun dugda duubatti deebiʼe.
9 Maandiko ya Hezekia mfalme wa Yuda baada ya kuugua kwake na kupona:
Barreeffama Hisqiyaas mootichi Yihuudaa erga dhukkubsatee fayyee booddee barreesse:
10 Nilisema, “Katika ustawi wa maisha yangu, je, ni lazima nipite katika malango ya mauti, na kupokonywa miaka yangu iliyobaki?” (Sheol )
Anis, “Walakkaa umurii kootiitti, ani siiʼool seenuun qabaa? Bara jireenya koo kan hafes dhabuun qabaa?” nan jedhe. (Sheol )
11 Nilisema, “Sitamwona tena Bwana, Bwana katika nchi ya walio hai, wala sitamtazama tena mwanadamu, wala kuwa na wale ambao sasa wanakaa katika ulimwengu huu.
Ani akkanan jedhe; “Ani biyya jiraattotaa keessatti, lammata Waaqayyoon hin argu; ani siʼachi sanyii namaa hin ilaalu, yookaan warra addunyaa kana irra jiraatan wajjin hin jiraadhu.
12 Kama hema la mchunga mifugo, nyumba yangu imebomolewa na kutwaliwa kutoka kwangu. Kama mfumaji nimevingirisha maisha yangu, naye amenikatilia mbali kutoka kitanda cha mfumi. Mchana na usiku uliyakomesha maisha yangu.
Manni koo akkuma dunkaana tiksootaa buqqifamee narraa fudhatameera. Ani akkuma wayyaa dhooftuu jireenya koo marmareera; inni miʼa wayyaa dhooftuu irraa na kuteera; ati halkanii guyyaa na balleessita.
13 Nilingoja kwa uvumilivu hadi mapambazuko, lakini alivunja mifupa yangu yote kama simba. Mchana na usiku uliyakomesha maisha yangu.
Ani hamma bariitti obsaan nan eeggadhe; inni garuu akka leencaa lafee koo hunda caccabse; ati halkanii guyyaas na balleessita.
14 Nililia kama mbayuwayu au korongo, niliomboleza kama hua aombolezaye. Macho yangu yalififia nilipotazama mbinguni. Ee Bwana, ninataabika, njoo unisaidie!”
Ani akka simbirroo yookaan akkuma daalotee nan wace; akka gugee boossuus nan aade; iji koo gara samii ilaaluudhaan dadhabe; yaa Gooftaa ani rakkadheeraa kottuu na gargaari!”
15 Lakini niseme nini? Amesema nami, naye yeye mwenyewe amelitenda hili. Nitatembea kwa unyenyekevu katika miaka yangu yote kwa sababu ya haya maumivu makali ya nafsi yangu.
Ani garuu maal jechuun dandaʼa? Inni natti dubbate; inni mataan isaas waan kana godhe. Ani waaʼee dhiphinaa lubbuu kootiif umurii koo guutuu gad of qabee nan jiraadha.
16 Bwana, kwa mambo kama haya watu huishi, nayo roho yangu hupata uzima katika hayo pia. Uliniponya na kuniacha niishi.
Yaa Gooftaa, namoonni waanuma akkasiitiin jiraatu; hafuurri koos isaanumaan jireenya argata. Ati na fayyiftee lubbuudhaanis na jiraachifte.
17 Hakika ilikuwa ya faida yangu ndiyo maana nikapata maumivu makali. Katika upendo wako ukaniokoa kutoka shimo la uharibifu; umeziweka dhambi zangu zote nyuma yako.
Dhugumaan akkas dhiphachuun koo faayidaa kootiif. Ati jaalala keetiin boolla badiisaa irraa na eegde; cubbuu koo hundas, dugda kee duubatti gatte.
18 Kwa maana kaburi haliwezi kukusifu, mauti haiwezi kuimba sifa zako; wale washukao chini shimoni hawawezi kuutarajia uaminifu wako. (Sheol )
Siiʼool si galateeffachuu hin dandaʼutii; duutis si jajachuu hin dandaʼu. Warri qileetti gad buʼan, amanamummaa kee abdachuu hin dandaʼan. (Sheol )
19 Walio hai, walio hai: hao wanakusifu, kama ninavyofanya leo. Baba huwaambia watoto wao habari za uaminifu wako.
Isaan akkuma ani harʼa gochaa jiru kana yaa jiraataa, yaa jiraataa jedhanii si jajatu; abbootiin waaʼee amanamummaa keetii ijoollee isaaniitti ni odeessu.
20 Bwana ataniokoa, nasi tutaimba kwa vyombo vya nyuzi siku zote za maisha yetu katika Hekalu la Bwana.
Waaqayyo na baraara; nus bara jireenya keenyaa guutuu, mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti miʼa ribuu irraa hojjetameen faarfanna.
21 Isaya alikuwa amesema, “Tengenezeni dawa ya kubandika ya tini, mweke juu ya jipu, naye atapona.”
Isaayyaas, “Maxinoo harbuu tolchaatii dhullaa isaa irra kaaʼaa; innis ni fayyaa” jedhee ture.
22 Hezekia alikuwa ameuliza, “Kutakuwa na ishara gani kwamba nitapanda kwenda Hekalu la Bwana?”
Hisqiyaasis, “Akka ani gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼuuf maaltu mallattoo taʼa?” jedhee gaafate.