< Isaya 35 >
1 Jangwa na nchi kame vitafurahi; nyika itashangilia na kuchanua maua. Kama waridi,
Gammoojjii fi lafti gogaan ni gammadu; lafti onaan ni ililcha; ni daraaras. Akka arfaasee,
2 litachanua maua, litashangilia sana na kupaza sauti kwa furaha. Litapewa utukufu wa Lebanoni, fahari ya Karmeli na Sharoni; wataona utukufu wa Bwana, fahari ya Mungu wetu.
baayʼinaan daraara; akka malee gammadees ililcha. Ulfinni Libaanoon, surraan Qarmeloosii fi Shaaroon ni kennamaaf; isaan ulfina Waaqayyoo, surraa Waaqa keenyaas ni argu.
3 Itieni nguvu mikono iliyo dhaifu, yafanyeni imara magoti yaliyolegea,
Harka dadhabe jajjabeessaa; jilba laafes cimsaa;
4 waambieni wale wenye mioyo ya hofu, “Kuweni hodari, msiogope; tazama, Mungu wenu atakuja, pamoja na malipo ya Mungu, atakuja na kuwaokoa ninyi.”
warra garaan isaanii sodaatuun akkana jedhaa: “Jabaadhaa; hin sodaatinaa; Waaqni keessan ni dhufa; inni haaloo baasuuf dhufa; gatii malu qabatee isin oolchuuf ni dhufa.”
5 Ndipo macho ya vipofu yatafumbuliwa na masikio ya viziwi yatazibuliwa.
Ergasii iji nama jaamaa ni banama; gurri nama duudaas ni dhagaʼa.
6 Ndipo kilema atarukaruka kama kulungu, nao ulimi wa aliye bubu utapaza sauti kwa shangwe. Maji yatatiririka kwa kasi katika nyika, na vijito katika jangwa.
Gaafas namni naafti akkuma gadamsaa utaala; arrabni hidhamaanis gammachuudhaan faarfata. Bishaan gammoojjii keessaa, burqaanis gammoojjii keessaa cabsee baʼa.
7 Mchanga wa moto utakuwa bwawa la maji, ardhi yenye kiu itabubujika chemchemi. Maskani ya mbweha walikolala hapo awali patamea majani, matete na mafunjo.
Lafti nama gubu haroo, lafti gogaan immoo burqaa bishaanii taʼa. Boolla duraan waangoonni keessa ciisan irratti marga, shambaqqoo fi dhallaadduutu biqila.
8 Nako kutakuwa na njia kuu, nayo itaitwa Njia ya Utakatifu. Wasio safi hawatapita juu yake; itakuwa ya wale watembeao katika Njia ile; yeye asafiriye juu yake, ajapokuwa mjinga, hatapotea.
Karaan guddaan tokko achi ni jiraata; innis, Karaa Qulqullinaa jedhamee waamama; inni warra Karaa sana irra deemaniif taʼa. “Xuraaʼonni” isa irra hin deeman; gowwoonni achiinuu hin baʼan.
9 Huko hakutakuwepo na simba, wala mnyama mkali hatapita njia hiyo, wala hawatapatikana humo. Ila waliokombolewa tu ndio watakaopita huko,
Leenci achitti hin argamu; yookaan bineensi hamaan achi irra hin baʼu; isaan achitti hin argaman. Garuu warra furaman qofatu achi irra deema;
10 waliokombolewa na Bwana watarudi. Wataingia Sayuni wakiimba; furaha ya milele itakuwa juu ya vichwa vyao. Watapata furaha na shangwe; huzuni na majonzi vitakimbia.
warri Waaqayyo isaan fure ni deebiʼu. Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu; gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata. Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu; gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.