< Isaya 2 >

1 Hili ndilo aliloliona Isaya mwana wa Amozi kuhusu Yuda na Yerusalemu:
Wanni Isaayyaas ilmi Amoos waaʼee Yihuudaatii fi Yerusaalem arge kanaa dha:
2 Katika siku za mwisho mlima wa Hekalu la Bwana utaimarishwa kama mlima mkuu miongoni mwa milima yote, utainuliwa juu ya vilima, na mataifa yote yatamiminika huko.
Bara dhumaa keessa, tulluun mana qulqullummaa Waaqayyoo tulluuwwan hunda keessaa ol dheeratee dhaabata; inni tulluuwwan caalaa ol ol jedha; saboonni hundinuu gara isaatti yaaʼu.
3 Mataifa mengi yatakuja na kusema, “Njooni, twendeni mlimani mwa Bwana, kwenye nyumba ya Mungu wa Yakobo. Atatufundisha njia zake, ili tuweze kuenenda katika mapito yake.” Sheria itatoka Sayuni, neno la Bwana litatoka Yerusalemu.
Namoonni baayʼeen dhufanii akkana jedhu; “Kottaa gara tulluu Waaqayyoo, gara mana Waaqa Yaaqoob ol baanaa. Inni akka nu daandii isaa irra deemnuuf karaa isaa nu barsiisa.” Seerri Xiyoon keessaa, dubbiin Waaqayyoo immoo Yerusaalem keessaa ni baʼa.
4 Atahukumu kati ya mataifa na ataamua migogoro ya mataifa mengi. Watafua panga zao ziwe majembe, na mikuki yao kuwa miundu ya kukata matawi. Taifa halitainua upanga dhidi ya taifa jingine, wala hawatajifunza vita tena.
Inni saboota gidduutti murtii kenna; namoota hedduudhaafis ni murteessa. Isaan goraadee isaanii tumanii maarashaa tolfatu; eeboo isaaniis tumanii haamtuu tolfatu. Sabni tokko saba biraatti goraadee hin luqqifatu; yookaan lolaaf nama hin leenjifatan.
5 Njooni, enyi nyumba ya Yakobo, tutembeeni katika nuru ya Bwana.
Yaa mana Yaaqoob, kottaa ifa Waaqayyoo keessa deddeebinaa.
6 Umewatelekeza watu wako, nyumba ya Yakobo. Wamejaa ushirikina utokao Mashariki, wanapiga ramli kama Wafilisti na wanashikana mikono na wapagani.
Kanaafuu saba kee, mana Yaaqoob dhiifteerta. Isaan bartee Baʼa Biiftuutiin guutamaniiru; akkuma Filisxeemotaa falfala hojjetu; duudhaa namoota ormaattis ni cichu.
7 Nchi yao imejaa fedha na dhahabu, hakuna mwisho wa hazina zao. Nchi yao imejaa farasi, hakuna mwisho wa magari yao.
Biyyi isaanii meetii fi warqeen guutamteerti; qabeenyi isaanii dhuma hin qabu. Biyyi isaanii fardeeniin guutamteerti; gaariiwwan isaaniis dhuma hin qaban.
8 Nchi yao imejaa sanamu, wanasujudia kazi za mikono yao, vitu vile vidole vyao vimevitengeneza.
Biyyi isaanii waaqota tolfamoodhaan guutamteerti; isaan hojiidhuma harka isaanii, waanuma qubni isaanii tolcheef sagadu.
9 Kwa hiyo mwanadamu atashushwa na binadamu atanyenyekezwa: usiwasamehe.
Kanaafuu namni gad qabama; ilmaan namaa gad deebifamu; ati isaaniif hin dhiisin.
10 Ingieni kwenye miamba, jificheni ardhini kutokana na utisho wa Bwana na utukufu wa enzi yake!
Argamuu Waaqayyoo isa sodaachisaa fi surraa ulfina isaa duraa, kattaa keessa lixu; lafa keessas dhokadhu!
11 Macho ya mtu mwenye majivuno yatanyenyekezwa na kiburi cha wanadamu kitashushwa, Bwana peke yake ndiye atakayetukuzwa siku hiyo.
Iji nama of tuuluu gad qabama; of jajuun namootaas gad deebifama; gaafas Waaqayyo qofatu ol ol jedha.
12 Bwana Mwenye Nguvu Zote anayo siku aliyoiweka akiba kwa wote wenye kujivuna na wenye kiburi, kwa wote wanaojikweza (nao watanyenyekezwa),
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu warra of jajuu fi warra of tuulu hundaaf, warra ol ol jedhan hundaaf guyyaa tokko qaba; isaanis gad deebifamu.
13 kwa mierezi yote ya Lebanoni iliyo mirefu sana, na mialoni yote ya Bashani,
Inni birbirsa Libaanoon dheeraa fi guddaa hundaaf, qilxuu Baashaan hundaaf,
14 kwa milima yote mirefu na vilima vyote vilivyoinuka,
tulluuwwan ol dhedheeroo hundaaf, gaarran ol dhedheeroo hundaaf,
15 kwa kila mnara ulio mrefu sana na kila ukuta wenye ngome,
gamoo gurguddaa hundaaf, dallaa dhagaadhaan jabeeffamee ijaarame hundaaf,
16 kwa kila meli ya biashara, na kila chombo cha baharini cha fahari.
doonii daldalaa hundaa fi waan gatii guddaa qabu hundaaf guyyaa murteeffate tokko qaba.
17 Majivuno ya mwanadamu yatashushwa, na kiburi cha wanadamu kitanyenyekezwa, Bwana peke yake ndiye atatukuzwa siku hiyo,
Of tuulummaan namaa gad qabama; of jajuun namootaas gad deebifama; gaafas Waaqayyo qofatu ol ol jedha;
18 nazo sanamu zitatoweka kabisa.
waaqonni tolfamoon guutumaan guutuutti ni barbadeeffamu.
19 Watu watakimbilia kwenye mapango ndani ya miamba, na kwenye mahandaki ardhini kutokana na utisho wa Bwana na utukufu wa enzi yake, ainukapo kuitikisa dunia.
Namoonni yommuu inni lafa raasuuf kaʼutti, sodaachisa Waaqayyootii fi surraa isaa ulfina qabeessa sana duraa gara holqa kattaa keessaattii fi boolla lafa keessaatti ni baqatu.
20 Siku ile, watu watawatupia panya na popo sanamu zao za fedha na za dhahabu, walizozitengeneza ili waziabudu.
Gaafas namoonni waaqota isaanii tolfamoo kanneen waaqeffachuuf jedhanii meetii fi warqee irraa tolfatan sana tuqaa fi simbira halkaniitiif darbatu.
21 Watakimbilia kwenye mapango miambani na kwenye nyufa za miamba kutokana na utisho wa Bwana na utukufu wa enzi yake, ainukapo kuitikisa dunia.
Isaan yommuu inni lafa raasuuf kaʼutti sodaachisa Waaqayyootii fi surraa ulfina isaa duraa gara holqa guddaa kattaawwan keessaatii fi baqaqaa kattaatti ni baqatu.
22 Acheni kumtumainia mwanadamu, ambaye hana kitu ila pumzi katika pua zake. Yeye ana thamani gani?
Nama duʼa hin oolle, kan hafuurri isaa funyaan irra jiru abdachuu dhiisaa. Inni maalitti lakkaaʼama?

< Isaya 2 >