< Isaya 19 >

1 Neno kuhusu Misri: Tazama, Bwana amepanda juu ya wingu liendalo kwa haraka naye anakuja Misri. Sanamu za Misri zinatetemeka mbele yake, nayo mioyo ya Wamisri inayeyuka ndani yao.
Raajii Gibxiin mormu: kunoo Waaqayyo duumessa saffisaa yaabbatee gara Gibxi dhufaa jira. Waaqonni Gibxi tolfamoon fuula isaa duratti hollatu; garaan warra Gibxis isaan keessatti baqa.
2 “Nitamchochea Mmisri dhidi ya Mmisri, ndugu atapigana dhidi ya ndugu, jirani dhidi ya jirani, mji dhidi ya mji, ufalme dhidi ya ufalme.
“Ani warra Gibxi walitti nan naqa; obboleessi obboleessa isaa, ollaan ollaa isaa, magaalaan tokko magaalaa kaan, mootummaanis mootummaa kaan lola.
3 Wamisri watakufa moyo, na nitaibatilisha mipango yao. Watatafuta ushauri kwa sanamu na kwa roho za waliokufa, kwa waaguzi na kwa wale waongeao na mizimu.
Hafuurri warra Gibxi isaan keessatti jeeqama; anis karoora isaanii nan fashaleessa; isaanis waaqota tolfamoo fi hafuurota warra duʼanii, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafatu.
4 Nitawatia Wamisri mikononi mwa bwana mkatili na mfalme mkali atatawala juu yao,” asema Bwana, Bwana Mwenye Nguvu Zote.
Anis dabarsee warra Gibxi humna gooftaa garaa jabaatu tokkootti nan kenna; mootiin hamaan tokkos isaan ni bulcha” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
5 Maji ya mito yatakauka, chini ya mto kutakauka kwa jua.
Bishaanonni galaanaa ni gogu; lagni isaas ni hirʼata; ni gogas.
6 Mifereji itanuka; vijito vya Misri vitapungua na kukauka. Mafunjo na nyasi vitanyauka,
Burqaawwan isaa ni ajaaʼu; lageen Gibxiis qalʼatanii gogu. Shambaqqoo fi dhallaadduun ni coollagu;
7 pia mimea iliyoko kando ya Mto Naili, pale mto unapomwaga maji baharini. Kila shamba lililopandwa kando ya Mto Naili litakauka, litapeperushwa na kutoweka kabisa.
biqiltuuwwan ededa Abbayyaa, kanneen qarqara lagichaa jiranis ni coollagu. Wanni laga Abbayyaa biratti facaafame hundi ni goga; bubbeedhaan fudhatama; deebiʼees hin argamu.
8 Wavuvi watalia na kuomboleza, wale wote watupao ndoano katika Mto Naili, watadhoofika kwa majonzi.
Qurxummii qabdoonni, warri hokkoo Abbayyaa keessa buusan hundi aadanii booʼu; warri kiyyoo bishaanitti darbatanis ni dadhabu.
9 Wale watu wafanyao kazi ya kitani kilichochambuliwa watakata tamaa, wafumaji wa kitani safi watavunjika moyo.
Warri quncee talbaa iddame qopheessan, wayyaa dhooftonnis abdii kutatu.
10 Wafanyao kazi ya kufuma nguo watahuzunishwa, nao vibarua wataugua moyoni.
Warri wayyaa dhaʼan mataa buusu; warri mindaadhaan hojjetan hundis ni gaddu.
11 Maafisa wa Soani ni wapumbavu kabisa, washauri wa Farao wenye busara wanatoa ushauri wa kijinga. Unawezaje kumwambia Farao, “Mimi ni mmojawapo wa watu wenye hekima, mwanafunzi wa wafalme wa zamani”?
Qondaaltonni Zooʼaan gowwoota; gorsitoonni Faraʼoon ogeeyyiinis gorsa faayidaa hin qabne kennu. Isin akkamitti Faraʼooniin, “Ani namoota ogeeyyii keessaa tokkoo dha; ani barataa mootota durii ti” jechuu dandeessu?
12 Wako wapi sasa watu wako wenye hekima? Wao wakuonyeshe na kukufahamisha ni nini Bwana Mwenye Nguvu Zote amepanga dhidi ya Misri.
Namoonni keessan ogeeyyiin amma eessa jiru? Mee isaan waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu Gibxiin mormuudhaan karoorfate; isinitti haa himan; haa beeksisanis.
13 Maafisa wa Soani wamekuwa wapumbavu, viongozi wa Memfisi wamedanganyika, walio mawe ya pembe ya taifa lake wameipotosha Misri.
Qondaaltonni Zooʼaan gowwoota taʼaniiru; bulchitoonni Memfiis gowwoomfamaniiru; gurguddoonni saba ishee Gibxiin karaa irraa jalʼisaniiru.
14 Bwana amewamwagia roho ya kizunguzungu; wanaifanya Misri iyumbayumbe katika yale yote inayoyafanya, kama vile mlevi ayumbayumbavyo katika kutapika kwake.
Waaqayyo hafuura nama hadoochu isaanitti dhangalaaseera; isaan akkuma machaaʼaan tokko hoqqisaa gatantaru sana biyya Gibxi waan isheen hojjettu hunda keessatti gatantarsan.
15 Misri haiwezi kufanya kitu chochote, cha kichwa wala cha mkia, cha tawi la mtende wala cha tete.
Wanni mataan yookaan eegeen, dameen meexxii yookaan shambaqqoon, Gibxiif gochuu dandaʼan tokko iyyuu hin jiru.
16 Katika siku ile Wamisri watakuwa kama wanawake. Watatetemeka kwa hofu mbele ya mkono wa Bwana Mwenye Nguvu Zote anaoinua dhidi yao.
Bara sana warri Gibxi akka dubartii taʼu. Harka ol kaʼe kan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu isaanitti ol fudhatu sana arganii sodaan ni hollatu.
17 Nayo nchi ya Yuda itawatia hofu Wamisri, kila mmoja atakayetajiwa Yuda ataingiwa na hofu, kwa sababu ya kile ambacho Bwana Mwenye Nguvu Zote anapanga dhidi yao.
Biyyi Yihuudaas warra Gibxi ni naasisa; namni maqaan Yihuudaa biratti dhaʼamu hundinuu sababii waan Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu isaanitti karoorfachaa jiru sanaatiif ni naʼa.
18 Katika siku hiyo miji mitano ya Misri, itazungumza lugha ya Kanaani, na kuapa kumtii Bwana Mwenye Nguvu Zote. Mji mmojawapo utaitwa Mji wa Uharibifu.
Gaafas biyya Gibxi keessatti magaalaawwan shan afaan Kanaʼaan dubbatu; isaanis Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf amanamoo taʼuuf ni kakatu. Isaan keessaa tokko Magaalaa Badiisaa jedhamti.
19 Katika siku hiyo patakuwepo madhabahu ya Bwana katikati ya Misri na mnara wa kumbukumbu kwa Bwana kwenye mpaka wa Misri.
Gaafas wiirtuu Gibxi keessatti iddoon aarsaa tokko Waaqayyoof ni hojjetama; daangaa biyyattii irrattis siidaan tokkoo Waaqayyoof ni dhaabama.
20 Itakuwa alama na ushahidi kwa ajili ya Bwana Mwenye Nguvu Zote katika nchi ya Misri. Watakapomlilia Bwana kwa sababu ya watesi wao, Mungu atawapelekea mwokozi na mtetezi, naye atawaokoa.
Kunis biyya Gibxi keessatti Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf mallattoo fi dhuga baʼumsa taʼa. Yeroo isaan sababii cunqursitoota isaaniitiif gara Waaqayyootti iyyatanitti, inni fayyisaa fi baraaraa tokko ergeefii isaan oolcha.
21 Hivyo Bwana atajijulisha mwenyewe kwa Wamisri, nao katika siku hiyo watamkubali Bwana. Wataabudu kwa kumtolea dhabihu na sadaka za nafaka, watamwekea Bwana nadhiri na kuzitimiza.
Kanaafuu Waaqayyo warra Gibxitti of beeksisa; isaanis gaafas Waaqayyoon ni beeku. Isaanis qalmaa fi kennaa midhaaniitiin waaqeffatu; Waaqayyoofis ni wareegu; wareega sanas ni baafatu.
22 Bwana ataipiga Misri kwa tauni; atawapiga na kuwaponya. Watamgeukia Bwana, naye atayasikia maombi yao na kuwaponya.
Waaqayyo biyya Gibxi ni rukuta; rukutees ni fayyisa. Isaan gara Waaqayyootti ni deebiʼu; innis kadhannaa isaaniitiif deebii kennee isaan fayyisa.
23 Katika siku hiyo kutakuwepo na njia kuu kutoka Misri hadi Ashuru. Waashuru watakwenda Misri, na Wamisri watakwenda Ashuru. Wamisri na Waashuru wataabudu pamoja.
Gaafas Gibxii hamma Asooritti karaa guddaa tokkotu jiraata. Warri Asoor gara Gibxi, warri Gibxis gara Asoor ni dhaqu. Warri Gibxii fi warri Asoor walii wajjin ni waaqeffatu.
24 Katika siku hiyo Israeli itakuwa ya tatu, pamoja na Misri na Ashuru, nao watakuwa baraka kwa dunia.
Israaʼel bara sana keessa Gibxii fi Asooritti dabalamtee sadaffaa taati; kunis lafa irratti eebba taʼa.
25 Bwana Mwenye Nguvu Zote atawabariki, akisema, “Baraka iwe kwa Misri watu wangu, kwa Ashuru kazi ya mikono yangu, na kwa Israeli urithi wangu.”
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼus, “Gibxi sabni koo, Asoor hojiin harka kootii fi Israaʼel dhaalli koo haa eebbifaman” jedhee isaan eebbisa.

< Isaya 19 >