< Isaya 16 >

1 Pelekeni wana-kondoo kama ushuru kwa mtawala wa nchi, Kutoka Sela, kupitia jangwani, hadi mlima wa Binti Sayuni.
Seelaa, gammoojjii gama jirtu sana irraa bulchaa biyyattiitiif, gara tulluu Intala Xiyoonitti xobbaallaawwan hoolaa gibira ergaa.
2 Kama ndege wanaopapatika waliofukuzwa kutoka kwenye kiota, ndivyo walivyo wanawake wa Moabu kwenye vivuko vya Arnoni.
Akkuma simbira manʼee ishee keessaa ariʼamtee asii fi achi fiigduu dubartoonni Moʼaabis malkaa laga Arnoonitti akkasuma taʼu.
3 “Tupeni shauri, toeni uamuzi. Wakati wa adhuhuri, fanyeni kivuli chenu kama usiku. Waficheni watoro, msisaliti wakimbizi.
“Gorsa nuuf kennaa; murtii murteessaa. Guyyaa saafaadhaan gaaddidduu keessan akkuma halkanii dukkaneessaa. Baqattootas dhoksaa; kooluu galtoota hin ganinaa.
4 Waacheni watoro wa Moabu wakae pamoja nanyi; kuweni mahali pao pa salama ili kuepuka mharabu.” Mtesi atafikia mwisho na maangamizi yatakoma, aletaye vita atatoweka kutoka nchi.
Baqattoonni Moʼaab isin wajjin haa jiraatan; balleessituu irraa daʼoo isaaniif taʼaa.” Cunqursaan ni bada; badiisnis ni hafa; warri nama miidhan lafa irraa badu.
5 Kwa upendo kiti cha enzi kitaimarishwa, kwa uaminifu mtu ataketi juu yake, yeye atokaye nyumba ya Daudi: yeye ambaye katika kuhukumu hutafuta haki, na huhimiza njia ya haki.
Teessoon jaalalaan hundeeffama; mana Daawit keessaa namni murtii kennuu irratti murtii qajeelaa barbaadu, kan waan qajeelaa hojjechuuf ariifatu tokko amanamummaadhaan teessoo sana irra ni taaʼa.
6 Tumesikia juu ya kiburi cha Moabu: kiburi chake cha kujivuna na udanganyifu, kiburi chake na ufidhuli wake, lakini majivuno yake si kitu.
Nu of tuulummaa Moʼaab, of guddisuu fi kooruu ishee, of tuuluu fi addaggee taʼuu ishee dhageenyeerra; of jajuun ishee garuu faayidaa hin qabu.
7 Kwa hiyo Wamoabu wanaomboleza, wanaiombolezea Moabu kwa pamoja. Wanaomboleza na kuhuzunika kwa ajili ya watu wa Kir-Haresethi.
Kanaafuu Moʼaabonni ni booʼu; isaan tokkummaadhaan Moʼaabiif booʼu. Namoota Qiir Hareeshetiif faarsanii booʼuudhaan gaddu.
8 Mashamba ya Heshboni yananyauka, pia na mizabibu ya Sibma. Watawala wa mataifa wamekanyaga mizabibu iliyo mizuri sana, ambayo ilipata kufika Yazeri na kuenea kuelekea jangwani. Machipukizi yake yalienea yakafika hadi baharini.
Lafti qotiisaa Heshboon, mukni wayinii Sibimaas coollageera. Bulchitoonni sabootaa mukkeen wayinii filatamoo kanneen duraan Yaʼizeerin gaʼanii gara gammoojjiitti babalʼatan dhidhiitaniiru. Lataan isaanii dheeratee hamma galaanaatti diriire.
9 Hivyo ninalia kama Yazeri aliavyo, kwa ajili ya mizabibu ya Sibma. Ee Heshboni, ee Eleale, ninakulowesha kwa machozi! Kelele za furaha kwa ajili ya tunda lako lililoiva na kwa ajili ya mavuno zimekomeshwa.
Kanaafuu ani akkuma Yaʼizeer boosse sana, mukkeen wayinii Sibimaatiif nan booʼa. Yaa Heshboon, yaa Eleʼaalee, ani imimmaan kootiin sin jiisa! Ililleen yeroo midhaan siif gaʼeetii fi gammachuun yeroo midhaan siif haamamu ture sun hafeera.
10 Furaha na shangwe zimeondolewa kutoka mashamba ya matunda; hakuna yeyote aimbaye wala apazaye sauti katika mashamba ya mizabibu; hakuna yeyote akanyagaye zabibu shinikizoni, kwa kuwa nimekomesha makelele.
Ililchuu fi gammaduun iddoo biqiltuu keessaa badaniiru; namni tokko iyyuu iddoo dhaabaa wayinii keessatti hin faarfatu yookaan hin ililchu: sababii ani ilillee balleesseef namni iddoo wayinii itti cuunfanitti wayinii dhidhiitu tokko hin jiru.
11 Moyo wangu unaomboleza kwa ajili ya Moabu kama kinubi, nafsi yangu yote kwa ajili ya Kir-Haresethi.
Garaan koo akkuma baganaa faarsee Moʼaabiif booʼa; keessi koos Qiir Hareeshetiif booʼa.
12 Wakati Moabu anapojitokeza mahali pake pa juu, anajichosha mwenyewe tu; anapokwenda mahali pake pa kuabudia miungu ili kuomba, haitamfaidi lolote.
Moʼaab yoo iddoo ol kaʼaatti mulʼatte, isheen ofuma dadhabsiifti; yoo kadhannaaf gara iddoo qulqulluu ishee dhaqxe kunis faayidaa tokko illee hin qabu.
13 Hili ndilo neno ambalo Bwana ameshasema kuhusu Moabu.
Kun dubbii Waaqayyo duraanuu waaʼee Moʼaab dubbatee dha.
14 Lakini sasa Bwana anasema: “Katika miaka mitatu, kama vile mtumishi aliyefungwa na mkataba angeihesabu, fahari ya Moabu na watu wake wengi watadharauliwa, nao walionusurika watakuwa wachache sana, tena wanyonge.”
Waaqayyo garuu amma akkana jedha: “Waggaa sadii keessatti, ulfinni Moʼaabii fi namoonni ishee hedduun hundi akkuma hojjetaan tokko guyyaa isaa lakkaaʼatu sana ni tuffatamu; kanneen hafanis akka malee muraasaa fi dadhaboo taʼu.”

< Isaya 16 >