< Isaya 14 >

1 Bwana atamhurumia Yakobo, atamchagua Israeli tena, na kuwakalisha katika nchi yao wenyewe. Wageni wataungana nao na kujiunga na nyumba ya Yakobo.
Waaqayyo Yaaqoobiif garaa ni laafa; inni amma illee Israaʼelin filatee biyya isaanii keessa isaan qubachiisa. Ormoonni isaanitti dabalamu; mana Yaaqoob wajjinis tokko taʼu.
2 Mataifa watawachukua na kuwaleta mahali pao wenyewe. Nayo nyumba ya Israeli itamiliki mataifa kama watumishi na wajakazi katika nchi ya Bwana. Watawafanya watekaji wao kuwa mateka, na kutawala juu ya wale waliowaonea.
Saboonni isaan fudhatu; iddoo ofii isaaniitti isaan deebisu. Manni Israaʼel immoo akkuma hojjettoota dhiiraa fi dubartiitti lafa Waaqayyoo keessatti dhaala godhanii isaan fudhatu. Isaan boojitoota isaanii boojiʼanii warra isaan hacuucanis bulchu.
3 Katika siku Bwana atakapokuondolea mateso, udhia na utumwa wa kikatili,
Guyyaa Waaqayyo itti dhiphina, rakkinaa fi hojii hamaa isin itti garboomfamtanii turtan sana jalaa isin boqochiisutti,
4 utaichukua dhihaka hii dhidi ya mfalme wa Babeli: Tazama jinsi mtesi alivyofikia mwisho! Tazama jinsi ghadhabu yake kali ilivyokoma!
akkana jettee mootii Baabilonitti ni qoosta: Cunqursichi akkamitti bade! Aariin isaas akkamitti isa irraa gale!
5 Bwana amevunja fimbo ya mwovu, fimbo ya utawala ya watawala,
Waaqayyo ulee hamootaatii fi bokkuu bulchitootaa,
6 ambayo kwa hasira waliyapiga mataifa kwa mapigo yasiyo na kikomo, nao kwa ghadhabu kali waliwatiisha mataifa kwa jeuri pasipo huruma.
kan dheekkamsa wal irraa hin cinneetiin uummata rukute; kan gara laafina tokko malee ariʼee saboota dhaʼe sana caccabseera.
7 Nchi zote ziko kwenye mapumziko na kwenye amani, wanabubujika kwa kuimba.
Lafti hundi boqonnaa fi nagaa argatti; faarfachuuttis kaati.
8 Hata misunobari na mierezi ya Lebanoni inashangilia mbele yako na kusema, “Basi kwa sababu umeangushwa chini, hakuna mkata miti atakayekuja kutukata.”
Gaattiraawwanii fi birbirsawwan Libaanoon iyyuu isinitti burraaqanii, “Amma ati kufteerta; namni tokko iyyuu nu muruuf hin dhufu” jedhu.
9 Kuzimu kote kumetaharuki kukulaki unapokuja, kunaamsha roho za waliokufa ili kukupokea, wote waliokuwa viongozi katika ulimwengu, kunawafanya wainuke kwenye viti vyao vya kifalme: wale wote waliokuwa wafalme juu ya mataifa. (Sheol h7585)
Siiʼool isheen gadii yeroo ati dhuftutti si simachuuf kaati; isheen akka isaan si dubbisaniif hafuurota warra duʼanii, warra addunyaa irratti hooggantoota turanii hunda dammaqsiteerti; isheen warra mootota sabootaa turan hunda teessoo isaanii irraa kaafti. (Sheol h7585)
10 Wote wataitikia, watakuambia, “Wewe pia umekuwa dhaifu, kama sisi tulivyo; wewe umekuwa kama sisi.”
Isaan hundinuu deebisanii akkana jedhu; “Atis akkuma keenya dadhabdeerta; akkuma keenya taateerta.”
11 Majivuno yako yote yameshushwa mpaka kuzimu, pamoja na kelele ya vinubi vyako, mafunza yametanda chini yako, na minyoo imekufunika. (Sheol h7585)
Ulfinni kee hundinuu, sagalee baganaa keetii wajjin awwaala keessa buufameera; ilmaan raammoo si jala afamanii raammoon si haguugdi. (Sheol h7585)
12 Tazama jinsi ulivyoanguka kutoka mbinguni, ewe nyota ya asubuhi, mwana wa mapambazuko! Umetupwa chini duniani, wewe uliyepata kuangusha mataifa!
Yaa bakkalcha barii, ilma barii barraaqaa, ati akkamitti samii irraa lafa dhoofte! Ati kan duraan saboota gad qabde, lafatti gad darbatamteerta!
13 Ulisema moyoni mwako, “Nitapanda juu hadi mbinguni, nitakiinua kiti changu cha enzi juu ya nyota za Mungu, nitaketi nimetawazwa juu ya mlima wa kusanyiko, kwenye vimo vya juu sana vya Mlima Mtakatifu.
Ati garaa keetti akkana jette; “Ani samiitti olin baʼa; ani urjiiwwan Waaqaatii olitti teessoo koo olin baafadha; ani tulluu wal gaʼii irra, fiixee tulluu qulqullichaa irra teessoo irra nan taaʼa.
14 Nitapaa juu kupita mawingu, nitajifanya kama Yeye Aliye Juu Sana.”
Ani fiixee duumessootaa gara irraatti ol nan baʼa; ani akka Waaqa Waan Hundaa Olii ofin taasisa.”
15 Lakini umeshushwa chini hadi kuzimu, hadi kwenye vina vya shimo. (Sheol h7585)
Garuu ati siiʼool keessa, boolla qilee keessa buufamteerta. (Sheol h7585)
16 Wale wanaokuona wanakukazia macho, wanatafakari hatima yako: “Je, huyu ndiye yule aliyetikisa dunia na kufanya falme zitetemeke,
Warri si argan ija babaasanii si ilaalu; akkana jedhaniis dinqisiifatu: “Kun namichuma lafa sochoosee akka mootummoonni raafaman godhe,
17 yule aliyeifanya dunia kuwa jangwa, aliyeipindua miji yake, na ambaye hakuwaachia mateka wake waende nyumbani?”
namicha addunyaa kana gammoojjii godhe, kan magaalaawwan ishee gaggaragalchee akka warri boojiʼaman mana isaaniitti hin deebine godhe sanaa?”
18 Wafalme wote wa mataifa wamelala kwa heshima kila mmoja katika kaburi lake.
Mootonni sabootaa hundi, ulfinaan awwaala isaanii keessa ciciisaniiru.
19 Lakini wewe umetupwa nje ya kaburi lako kama tawi lililokataliwa, umefunikwa na waliouawa pamoja na wale waliochomwa kwa upanga, wale washukao mpaka kwenye mawe ya shimo. Kama mzoga uliokanyagwa chini ya nyayo,
Ati garuu akkuma damee jibbame tokkootti, awwaala kee keessaa baafamtee gatamteerta; ati warra ajjeefamaniin, warra goraadeen waraanamaniin, warra gara dhagaa boollaatti gad buʼaniin haguugamteerta. Akkuma reeffaa miillaan dhidhiitamteerta;
20 Hutajumuika nao kwenye mazishi, kwa kuwa umeharibu nchi yako na kuwaua watu wako. Mzao wa mwovu hatatajwa tena kamwe.
ati sababii biyya kee balleessitee namoota kee fixxeef, isaan gidduutti hin awwaalamtu. Maqaan sanyii hamootaa lammata hin dhaʼamu.
21 Andaa mahali pa kuwachinjia wanawe kwa ajili ya dhambi za baba zao, wasije wakainuka ili kuirithi nchi na kuijaza dunia kwa miji yao.
Sababii cubbuu abbootii isaaniitiif iddoo ilmaan isaa itti qalaman qopheessaa; isaan biyya dhaaluudhaaf, magaalaawwan isaaniitiinis lafa guutuuf hin kaʼan.
22 Bwana Mwenye Nguvu Zote asema, “Nitainuka dhidi yao, nitalikatilia mbali jina lake kutoka Babeli pamoja na watu wake walionusurika, watoto wake na wazao wake,” asema Bwana.
“Ani isaanitti nan kaʼa,” jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu. “Ani Baabilon keessaa maqaa isheetii fi hambaa ishee, ilmaan isheetii fi sanyii ishee nan balleessa” jedha Waaqayyo.
23 “Nitaifanya kuwa mahali pa bundi, na kuwa nchi ya matope; nitaifagia kwa ufagio wa maangamizi,” asema Bwana Mwenye Nguvu Zote.
“Ani iddoo urunguun keessa jiraattuu fi lafa caffee ishee nan godha; ani hartuu badiisaatiin ishee nan haxaaʼa” jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
24 Bwana Mwenye Nguvu Zote ameapa, “Hakika, kama vile nilivyopanga, ndivyo itakavyokuwa, nami kama nilivyokusudia, ndivyo itakavyosimama.
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu akkana jedhee kakateera; “Dhugumaan akkuma ani duraan karoorfadhe sana wanni kun ni taʼa; akkuma ani yaade sanas ni dhaabata.
25 Nitamponda Mwashuru katika nchi yangu, juu ya milima yangu nitawakanyagia chini. Nira yake itaondolewa kutoka kwa watu wangu, nao mzigo wake utaondolewa kutoka mabegani mwao.”
Ani biyya koo keessatti Asoorota nan barbadeessa; tulluuwwan koo irratti ani isa gad dhidhiita. Waanjoon isaa saba koo irraa ni fuudhama; baʼaan isaas gatiittii isaanii irraa ni buʼa.”
26 Huu ndio mpango uliokusudiwa kwa ajili ya ulimwengu wote, huu ni mkono ulionyooshwa juu ya mataifa yote.
Karoorri guutummaa addunyaatiif murtaaʼe kanaa dha; kun harka saboota hunda irratti diriirfamee dha.
27 Kwa kuwa Bwana Mwenye Nguvu Zote amekusudia, ni nani awezaye kumzuia? Mkono wake umenyooshwa, ni nani awezaye kuurudisha?
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu waan kana yaadeeraatii, eenyutu isa garagalcha? Harki isaa diriirfameeraa; eenyutu duubatti isa deebisuu dandaʼa?
28 Neno hili lilikuja mwaka ule Mfalme Ahazi alipofariki:
Raajiin kun bara Aahaaz mootichi duʼe keessa dhufe:
29 Msifurahi, enyi Wafilisti wote, kwamba fimbo iliyowapiga imevunjika; kutoka mzizi wa huyo nyoka atachipuka nyoka mwenye sumu kali, uzao wake utakuwa joka lirukalo, lenye sumu kali.
Yaa Filisxeemota, uleen isin dhaʼe waan cabeef, isin hundinuu hin gammadinaa; hidda bofa sanaa keessaa buutiitu baʼa; iji isaa bofa darbatamaa summii qabu ni taʼa.
30 Maskini kuliko maskini wote watapata malisho, nao wahitaji watalala salama. Lakini mzizi wako nitauangamiza kwa njaa, nayo njaa itawaua walionusurika.
Hiyyeessi gadadamaan iddoo itti bobbaʼu argata; rakkataanis nagaadhaan ciisa. Hidda kee garuu ani beelaan nan barbadeessa; beellis hambaa kee ni fixa.
31 Piga yowe, ee lango! Bweka, ee mji! Yeyukeni, enyi Wafilisti wote! Wingu la moshi linakuja toka kaskazini, wala hakuna atakayechelewa katika safu zake.
Yaa karra, ati booʼi! Yaa magaalaa, iyyi! Filisxeemonni hundi baqaatii badaa! Duumessi aaraa tokko karaa kaabaatiin ni dhufa; raayyaa waraana isaa keessas kan citee hafu tokko iyyuu hin jiru.
32 Ni jibu gani litakalotolewa kwa wajumbe wa taifa hilo? “Bwana ameifanya imara Sayuni, nako ndani yake watu wake walioonewa watapata kimbilio.”
Ergamoota saba sanaatiif deebii akkamiitu kennamuu mala? “Waaqayyo jabeessee Xiyoonin dhaabeera; ishee keessattis namoonni isaa kanneen miidhaman daʼannoo ni argatu.”

< Isaya 14 >