< Hosea 9 >

1 Usifurahie, ee Israeli; usishangilie kama mataifa mengine. Kwa kuwa hukuwa mwaminifu kwa Mungu wako; umependa ujira wa kahaba kwenye kila sakafu ya kupuria nafaka.
Yaa Israaʼel hin ililchin; akka saboota kaanii hin gammadin. Ati Waaqa keetiif amanamaa hin turreetii; ati oobdii hunda irratti gatii sagaagaltummaadhaaf baafamu jaallatteerta.
2 Sakafu za kupuria nafaka na mashinikizo ya kukamulia divai havitalisha watu, divai mpya itawapungukia.
Oobdiiwwanii fi iddoon cuunfaa wayinii saba hin sooran; daadhiin wayinii haaraan isaaniif hin tolu.
3 Hawataishi katika nchi ya Bwana, Efraimu atarudi Misri na atakula chakula kilicho najisi huko Ashuru.
Isaan biyya Waaqayyoo keessatti hin hafan; Efreem gara Gibxitti deebiʼee Asoor keessatti nyaata xuraaʼe nyaata.
4 Hawatammiminia Bwana sadaka ya divai wala dhabihu zao hazitampendeza. Dhabihu kama hizo zitakuwa kwao kama mkate wa waombolezaji; nao wote wazilao watakuwa najisi. Chakula hiki kitakuwa kwa ajili yao wenyewe; kisije katika Hekalu la Bwana.
Isaan dhibaayyuu daadhii wayinii Waaqayyoof hin dhibaafatan; yookaan aarsaan isaanii isa hin gammachiisu. Aarsaan akkasii akkuma buddeena warra gaddaa isaanitti taʼa; namni buddeena kana nyaatu hundinuu ni xuraaʼa. Nyaanni kun kanuma mataa isaanii taʼa; mana qulqullummaa Waaqayyoos ol hin seenu.
5 Mtafanya nini katika siku ya sikukuu zenu zilizoamriwa, katika siku za sikukuu za Bwana?
Isin guyyaa ayyaana keessan murteeffameetti, guyyoota ayyaana Waaqayyoo sanatti maal hojjetu?
6 Hata ikiwa wataokoka maangamizi, Misri atawakusanya, nayo Memfisi itawazika. Hazina zao za fedha zitasongwa na michongoma, nayo miiba itafunika mahema yao.
Yoo isaan badiisa jalaa baʼan iyyuu Gibxi walitti isaan qabdi; Memfiis immoo isaan awwaala. Qabeenyi meetii isaanii sokorruudhaan liqimfama; dunkaana isaanii immoo qoraattiitu haguuga.
7 Siku za adhabu zinakuja, siku za malipo zimewadia. Israeli na afahamu hili. Kwa sababu dhambi zenu ni nyingi sana na uadui wenu ni mkubwa sana, nabii anadhaniwa ni mpumbavu, mtu aliyeongozwa na Mungu anaonekana mwendawazimu.
Guyyoonni adabbii dhufaa jiru; guyyoonni itti gatii baasan dhiʼaataniiru. Israaʼel waan kana haa beeku. Sababii cubbuun kee akka malee baayʼatee hamminni kees akka malee guddaa taʼeef, raajiin akka raatuutti ilaalame; namni Hafuura Waaqaatiin qajeelfamu immoo akka maraatuutti hedame.
8 Nabii, pamoja na Mungu wangu, ndiye mlinzi juu ya Efraimu, hata hivyo mitego inamngojea katika mapito yake yote, na uadui katika nyumba ya Mungu wake.
Raajichi Waaqa koo wajjin eegduu Efreem taʼe; taʼus daandii isaa hunda irratti kiyyoon isa eeggata; mana Waaqa isaa keessattis jibbi isa eeggata.
9 Wamezama sana katika rushwa, kama katika siku za Gibea. Mungu atakumbuka uovu wao na kuwaadhibu kwa ajili ya dhambi zao.
Isaan akkuma bara Gibeʼaa keessatti taʼe sana xuraaʼummaa keessa dhidhiman. Waaqni hammina isaanii yaadatee sababii cubbuu isaaniitiif isaan adaba.
10 “Nilipompata Israeli, ilikuwa kama kupata zabibu jangwani; nilipowaona baba zenu, ilikuwa kama kuona matunda ya kwanza katika mtini. Lakini walipofika Baal-Peori, walijiweka wakfu kwa ile sanamu ya aibu, nao wakawa najisi kama kitu kile walichokipenda.
“Yeroo ani Israaʼelin argetti, inni akkuma ija wayinii gammoojjii keessatti argamee ture; yeroo ani abbootii keessan argetti, isaan akkuma waan ija jalqabaa harbuu irratti argamee turan. Isaan garuu yommuu gara Baʼaal Pheʼoor dhufanitti, waaqa tolfamaa qaanessaa sanaaf of qulqulleessanii akkuma waan jaallatan sanaa jibbisiisoo taʼan.
11 Utukufu wa Efraimu utaruka kama ndege: hakuna kuzaa, hakuna kuchukua mimba, hakuna kutunga mimba.
Ulfinni Efreem akkuma simbirroo barrisee bada; dhalchuun, garaatti baachuun, ulfaaʼuun hin jiru.
12 Hata wakilea watoto, nitamuua kila mmoja. Ole wao nitakapowapiga kisogo!
Yoo isaan ijoollee guddifatan iyyuu ani jalaa fixee ilmaan malee isaan nan hambisa. Gaafa ani isaan irraa garagalu isaaniif wayyoo!
13 Nimemwona Efraimu, kama Tiro, aliyeoteshwa mahali pazuri. Lakini Efraimu wataleta watoto wao kwa mchinjaji.”
Ani Efreemin isaa akkuma Xiiroos lafa namatti tolu irra dhaabatee jiru nan arge. Sabni Efreem garuu ijoollee isaa gad baasee warra gogorraʼutti kenna.”
14 Wape, Ee Bwana, je, utawapa nini? Wape matumbo ya kuharibu mimba na matiti yaliyokauka.
Yaa Waaqayyo isaaniif kenni; ati maal isaaniif kennita? Gadameessa ulfa hin baannee fi harma goggogaa kenniif.
15 “Kwa sababu ya uovu wao wote huko Gilgali, niliwachukia huko. Kwa sababu ya matendo yao ya dhambi, nitawafukuza katika nyumba yangu. Sitawapenda tena, viongozi wao wote ni waasi.
“Sababii hammina isaanii kan Gilgaal keessatti hojjetame sana hundaatiif, ani achitti isaan nan jibbe. Sababii hojii isaanii kan cubbuudhaan guutamee sanaatiif ani mana koo keessaa isaan ariʼa. Ani siʼachi isaan hin jaalladhu; bulchitoonni isaanii hundinuu finciltoota.
16 Efraimu ameharibiwa, mzizi wao umenyauka, hawazai tunda. Hata kama watazaa watoto, nitawachinja watoto wao waliotunzwa vizuri.”
Efreem rukutameera; hiddi isaanii goggogeera; isaan ija tokko illee hin godhatan. Yoo isaan ijoollee godhatan iyyuu ani sanyii isaanii jaallatamoo isaan jalaa nan qala.”
17 Mungu wangu atawakataa kwa sababu hawakumtii; watakuwa watu wa kutangatanga miongoni mwa mataifa.
Sababii isaan isaaf hin ajajaminiif, Waaqni koo isaan dida; isaan warra asii fi achi saboota gidduu jooru taʼu.

< Hosea 9 >