< Hosea 13 >
1 Wakati Efraimu alipozungumza, watu walitetemeka, alikuwa ametukuzwa katika Israeli. Lakini alikuwa na hatia ya kumwabudu Baali naye akafa.
Yeroo Efreem dubbatetti namoonni ni hollatan; inni Israaʼel keessatti ol ol jedhee ture. Garuu yakka Baʼaalin waaqeffachuutiin duʼe.
2 Sasa wanatenda dhambi zaidi na zaidi; wanajitengenezea sanamu kutokana na fedha yao, vinyago vilivyotengenezwa kwa uhodari, vyote kazi ya fundi stadi. Inasemekana kuhusu hawa watu, “Hutoa dhabihu za binadamu na kubusu sanamu za ndama.”
Isaan ammas itti deddeebiʼanii cubbuu hojjetu; meetii ofii isaaniitiin waaqa tolfamaa tolfatu; fakkii mimmiidhagaa kanneen hundi isaanii harka ogeeyyiitiin hojjetaman. Waaʼee saba kanaas, “Isaan nama qalanii aarsaa dhiʼeessu; waaqa tolfamaa jabbiis ni dhungatu!” jedhame.
3 Kwa hiyo watakuwa kama ukungu wa asubuhi, kama umande wa alfajiri utowekao, kama makapi yapeperushwayo kutoka sakafu ya kupuria nafaka, kama moshi utorokao kupitia dirishani.
Kanaafuu isaan akkuma hurrii ganamaa, akkuma fixeensa barii baduu, akkuma habaqii oobdii midhaan itti dhaʼan irraa kaʼuu akkuma aara foddaadhaan baʼuu ni taʼu.
4 “Bali mimi ndimi Bwana Mungu wenu, niliyewaleta ninyi toka Misri. Msimkubali Mungu mwingine ila mimi, hakuna Mwokozi isipokuwa mimi.
“Ani garuu yeroo ati Gibxii baatee jalqabee Waaqayyo Waaqa kee ti. Ati ana malee Waaqa tokko illee beekuu hin qabdu; ana malee fayyisaa tokko illee hin qabdu.
5 Niliwatunza huko jangwani, katika nchi yenye joto liunguzalo.
Ani gammoojjii keessatti, biyya hoʼa gubaa keessatti si kunuunseera.
6 Nilipowalisha, walishiba, waliposhiba, wakajivuna, kisha wakanisahau mimi.
Yeroo ani isaan sooretti ni quufan; isaan yeroo quufanitti of tuulan; ergasii immoo na irraanfatan.
7 Kwa hiyo nitakuja juu yao kama simba, kama chui nitawavizia kando ya njia.
Kanaafuu ani akkuma leencaa isaanitti nan taʼa; akkuma qeerransaa riphee daandii irratti isaan nan eeggadha.
8 Kama dubu aliyenyangʼanywa watoto wake, nitawashambulia na kurarua vifua vyenu. Kama simba nitawala; mnyama pori atawararua vipande vipande.
Ani akkuma amaaketa ilmaan ishee jalaa fudhatamaniitti isaan lolee garaa isaanii nan baqaqsa. Ani akkuma leencaatti qorqee isaan nan nyaadha; bineensi bosonaa gargar isaan ciccira.
9 “Ee Israeli, umeangamizwa, kwa sababu wewe u kinyume nami, kinyume na msaidizi wako.
“Yaa Israaʼel, waan ana gargaaraa kee mormiteef ati baddeerta.
10 Yuko wapi mfalme wako, ili apate kukuokoa? Wako wapi watawala wako katika miji yako yote ambao ulisema kuwahusu, ‘Nipe mfalme na wakuu’?
Akka si oolchuuf mootiin kee eessa jira? Bulchitoonni kee warri magaalaa kee hunda keessaa kanneen ati, ‘Mootii fi ilmaan moototaa naaf kenni’ jettee kadhatte sun eessa jiru?
11 Hivyo katika hasira yangu nilikupa mfalme na katika ghadhabu yangu nilimwondoa.
Ani aarii kootiin mootii siifan kenne; dheekkamsa kootiin immoo isa sirraa nan fudhadhe.
12 Kosa la Efraimu limehifadhiwa, dhambi zake zimewekwa katika kumbukumbu.
Balleessaan Efreem walitti kuufamee cubbuun isaas galmeeffameera.
13 Utungu kama wa mwanamke anayejifungua mtoto humjia, lakini yeye ni mtoto asiyekuwa na hekima; wakati utakapowadia hatatoka katika tumbo la mama yake.
Miixuun akkuma dubartii ciniinsuun qabatteetti isatti dhufa; inni garuu daaʼima wallaalaa dha; inni yommuu yeroon gaʼutti, gadameessa keessaa baʼuu hin fedhu.
14 “Nitawakomboa watu hawa kutoka nguvu za kaburi, nitawakomboa kutoka mautini. Yako wapi, ee mauti, mateso yako? Uko wapi, ee kuzimu, uharibifu wako? “Sitakuwa na huruma, (Sheol )
“Ani saba kana humna awwaalaa jalaa nan baraara; duʼa jalaa isaan nan baasa. Yaa duʼa, dhaʼichi kee meerre? Yaa awwaala, balleessuun kee meerre? “Ani gara laafina tokko illee hin qabaadhu; (Sheol )
15 hata ingawa Efraimu atastawi miongoni mwa ndugu zake. Upepo wa mashariki kutoka kwa Bwana utakuja, ukivuma kutoka jangwani, chemchemi yake haitatoa maji na kisima chake kitakauka. Ghala lake litatekwa hazina zake zote.
Yoo inni obboloota ofii gidduu jireenya tolaa jiraate iyyuu, bubbeen baʼaa Waaqayyo biraa ni dhufa; lafa gammoojjii keessaa ni bubbisa; burqaan isaa bishaan dhaba; boolli bishaan isaas ni goga. Mankuusni isaa, qabeenyi inni qabu hundis ni saamama.
16 Watu wa Samaria ni lazima wabebe hatia yao, kwa sababu wameasi dhidi ya Mungu wao. Wataanguka kwa upanga; watoto wao wadogo watatupwa kwa nguvu ardhini, wanawake wao walio na mimba watatumbuliwa.”
Sabni Samaariyaa waan Waaqa isaatti fincileef gatii balleessaa isaa ni argata. Isaan goraadeedhaan dhumu; daaʼimman isaanii lafatti harcaafamu; dubartoonni isaanii kanneen ulfa qabanis ni baqaqfamu.”