< Mwanzo 39 >
1 Wakati huu Yosefu alikuwa amechukuliwa mpaka Misri. Mmisri aliyeitwa Potifa aliyekuwa mmojawapo wa maafisa wa Farao, mkuu wa ulinzi, akamnunua Yosefu kutoka kwa Waishmaeli waliomleta Misri.
Yeroo kanatti Yoosef Gibxitti geeffamee ture. Phoxiifaaraan namichi Gibxi qondaalli Faraʼoon kan ajajaa waardiyyaa ture sun Ishmaaʼeeloota achi isa geessan irraa isa bitate.
2 Bwana alikuwa pamoja na Yosefu, naye akastawi, Yosefu akaishi nyumbani kwa bwana wake Mmisri.
Yoosefis waan Waaqayyo isa wajjin tureef nama milkaaʼaa taʼe; innis mana gooftaa isaa namicha biyya Gibxi sanaa jiraate.
3 Potifa alipoona kuwa Bwana alikuwa pamoja na Yosefu na kwamba Bwana alimfanikisha kwa kila kitu alichokifanya,
Gooftaan isaas akka Waaqayyo isa wajjin jiruu fi akka Waaqayyo waan inni hojjetu hunda keessatti isa milkoomse arge;
4 Yosefu alipata kibali machoni pa Potifa, akamfanya mhudumu wake. Potifa akamweka kuwa msimamizi wa nyumba yake, naye akamkabidhi kuwa mwangalizi wa kila kitu alichokuwa nacho.
Yoosefis fuula gooftaa isaa duratti fudhatama argatee hojjetaa isaa amanamaa taʼe. Phoxiifaaraanis mana isaa irratti isa muude; waan qabu hundumas akka inni eeguuf imaanaa itti kenne.
5 Kuanzia wakati huo Potifa alipomweka Yosefu kuwa msimamizi wa nyumba na mali zake zote alizokuwa nazo, Bwana aliibariki nyumba ya Mmisri huyo kwa sababu ya Yosefu. Baraka ya Bwana ilikuwa juu ya kila kitu alichokuwa nacho Potifa, nyumbani na shambani.
Gaafa inni mana isaatii fi waan inni qabu hunda irratti isa muudee jalqabee Waaqayyo sababii Yoosefiif jedhee mana namicha Gibxi sanaa eebbise. Eebbi Waaqayyoos waan Phoxiifaaraan manaa fi alaa qabu hunda irra ture.
6 Kwa hiyo Potifa akamwachia Yosefu uangalizi wa kila kitu alichokuwa nacho, Yosefu alipokuwa katika uongozi, Potifa hakuwa na sababu ya kujishughulisha na kitu chochote isipokuwa chakula alichokula. Yosefu alikuwa mwenye umbo zuri na sura ya kuvutia;
Kanaafuu Phoxiifaaraan waan qabu hunda harka Yoosef jala galche; innis waan nyaatu qofa malee qabeenya isaa tokko illee hin beeku ture. Yoosef dhaaba toleessaa fi miidhagaa ture;
7 baada ya kitambo mke wa Potifa akamtamani Yosefu, akamwambia, “Njoo, ukutane nami kimwili!”
niitiin gooftaa isaas waan kana booddee ija ishee Yoosef irra buufattee, “Kottuu na bira gaʼi!” jetteen.
8 Lakini Yosefu akakataa. Akamwambia yule mwanamke, “Mimi nikiwa katika uongozi, bwana wangu hahusiki na kitu chochote katika nyumba hii, kila kitu alicho nacho amenikabidhi.
Inni garuu didee akkana isheen jedhe; “Kunoo, gooftaan koo waan mana keessa jiru tokko illee hin beeku; inni waan qabu hunda natti kenneera.
9 Hapa nyumbani hakuna aliye mkuu kuliko mimi. Bwana wangu hakunizuilia kitu chochote isipokuwa wewe, kwa kuwa wewe ni mke wake. Nitawezaje basi kufanya uovu huu na kutenda dhambi dhidi ya Mungu?”
Mana kana keessatti namni na caalu tokko iyyuu hin jiru. Sababii ati niitii isaa taateef siʼi malee wanni gooftaan koo natti hin kennin tokko iyyuu hin jiru. Yoos ani akkamittan waan hamaa akkasii raawwachuudhaan Waaqatti cubbuu hojjedha ree?”
10 Ingawa yule mwanamke aliendelea kumshawishi Yosefu siku baada ya siku, Yosefu alikataa kukutana naye kimwili wala kukaa karibu naye.
Isheen guyyuma guyyaan Yoosefitti dubbattu iyyuu, inni ishee bira gaʼuu yookaan ishee biratti argamuu illee ni dide.
11 Siku moja Yosefu akaingia ndani ya nyumba kufanya kazi zake, wala hapakuwepo na mfanyakazi yeyote ndani ya nyumba.
Gaaf tokko Yoosef hojii isaa hojjechuuf mana seene; tajaajiltoota warra mana sanaa keessaas namni tokko iyyuu achi hin turre.
12 Mke wa Potifa akashika vazi Yosefu alilokuwa amevaa, akamwambia, “Njoo tukutane kimwili!” Lakini Yosefu akaacha vazi lake mkononi mwa huyo mwanamke, akatoka nje ya nyumba akikimbia.
Isheenis wayyaa isaa qabattee, “Kottuutii na bira gaʼi!” jetteen. Inni garuu wayyaa isaa isheetti gad lakkisee fiigee manaa baʼe.
13 Yule mwanamke alipoona kwamba Yosefu amemwachia vazi lake mkononi na kukimbilia nje ya nyumba,
Isheenis yommuu akka inni wayyaa isaa isheetti gad lakkisee fiigee manaa baʼe argitetti,
14 akawaita watumishi wake wa nyumbani, akawaambia, “Tazameni! Huyu Mwebrania ameletwa hapa kutudhihaki! Aliingia hapa ndani ili akutane nami kimwili, lakini nikapiga kelele.
hojjettoota mana ishee waamtee akkana jetteen; “Kunoo, inni Ibricha kana akka nutti taphatuuf fide! Inni na bira gaʼuuf natti ol seennaan ani sagalee guddaan iyye.
15 Aliposikia kelele za kuomba msaada, akaacha vazi lake kando yangu akakimbilia nje.”
Innis gargaarsa barbaachaaf iyyuu koo dhageenyaan wayyaa isaa na biratti dhiisee fiigee manaa baʼe.”
16 Yule mwanamke akaliweka lile vazi karibu naye mpaka Potifa aliporudi nyumbani.
Isheen hamma gooftaan isaa galutti wayyaa isaa of bira keesse.
17 Ndipo akamweleza kisa hiki, akisema: “Yule mtumwa wa Kiebrania uliyetuletea alinijia ili kunidhihaki.
Akkana jettees oduu kana isatti himte: “Garbichi Ibrichi ati nuu fidde sun natti taphachuuf natti ol seene.
18 Lakini mara nilipopiga kelele kuomba msaada, akaliacha vazi lake kando yangu akakimbia nje ya nyumba.”
Garuu akkuma ani gargaarsa barbaachaaf iyyeen inni wayyaa isaa na biratti dhiisee fiigee manaa baʼe.”
19 Potifa aliposikia kisa hiki mkewe alichomweleza, akisema, “Hivi ndivyo mtumwa wako alivyonitenda.” Hasira ya Potifa ikawaka.
Gooftaan isaa yommuu oduu niitiin isaa, “Wanni garbichi kee na godhe kana” jettee itti himte sana dhagaʼetti aaree gubate.
20 Potifa akamchukua Yosefu na kumweka gerezani, mahali ambapo wahalifu wa mfalme walikuwa wamefungwa. Lakini wakati Yosefu alipokuwa huko gerezani,
Gooftaan isaas Yoosefin fuudhee mana hidhaa iddoo hidhamtoonni mootichaa itti eegaman keessa buuse. Taʼus yeroo Yoosef mana hidhaa keessa turetti,
21 Bwana alikuwa pamoja naye, akamhurumia na kumpa kibali mbele ya msimamizi wa gereza.
Waaqayyo isa wajjin ture; fuula ajajaa mana hidhaa sanaa durattis gaarummaa isaa itti argisiise; akka fudhatamas argatu godhe.
22 Kwa hiyo msimamizi wa gereza akamweka Yosefu awe mkuu wa wafungwa pamoja na kusimamia yote ambayo yalitendeka mle gerezani.
Ajajaan mana hidhaa sunis namoota mana hidhaa jiran hunda irratti Yoosefin muude; waan achitti hojjetamu hunda irrattis itti gaafatamaa isa godhe.
23 Msimamizi wa gereza hakujishughulisha tena na kitu chochote kilichokuwa chini ya uangalizi wa Yosefu, kwa sababu Bwana alikuwa pamoja na Yosefu akimfanikisha kwa kila alichofanya.
Sababii Waaqayyo isa wajjin turee fi waan inni hojjetu kam iyyuu isaa milkeesseef ajajaan mana hidhaa sun waan itti gaafatama Yoosef jala jiru hundaaf yaaddoo tokko illee hin qabu ture.